Ermiyaas 29

GAZBIBAfaan Oromoo32 Keeyyattoota8:20 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 8:20 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Ani Ermiyaas raajichi jaarsolii warra hafanitti luboota, raajota, guutummaa namoota warra Nebukadnezaar Yerusaalemii booji'ee biyya Baabilonitti geessee turetti Yerusaalemii caaffata kana nan erge;

2kanas bara Yekoniyaan mootichii fi haati isaa, warri hojii mana mootummaa hojjetanii fi warri angafoota Yihudaa fi Yerusaalem ta'an, warri hojii harkaa beekanii fi warri sibiila tuman Yerusaalemii booji'amanii Baabilonitti geeffamanin caafe.

3Caaffatichas harka El'aasaa ilma Shaafaanii fi harka Gemaariyaa ilma Hilqiiyaa warra Zedeqiiyaan mootiin Yihudaa gara Nebukadnezaar mootii Baabilonitti ergetti nan kenne; ergaan caaffatichaas kanatti fufe kan jiruu dha;

4innis,“Waaqayyo gooftaan maccaa, Waaqayyo inni kan Israa'el, warra Yerusaalemii booji'amanii gara biyya Baabilonitti geeffaman hundumaan,

5“Mana ijaarradhaatii keessa taa'aa, lafa qotadhaatii wanta isa irraa argattan nyaadhaa!

6Niitii fuudhaatii ijoollee horaa, ilmaan keessan fuusisaa, intaloota keessanis heerumsiisaa, isaanis ijoollee haa horan! Lakkoobsi keessan haa baay'atu malee, hin xinnaatin!

7Mandara ani akka isin booji'amtanii itti geeffamtan godhe, kanaaf nagaa barbaadaa, Waaqayyoonis kadhadhaaf! Isheen nagaa yoo argatte isinis nagaa in argattu” jedhee dubbateera” kan jedhuu dha.

8Eyyee! Waaqayyo gooftaan maccaa, Waaqayyo inni kan Israa'el,“Raajonni keessanii fi warri isin gidduu jiraattanii hooda isiniif dubbatan isin hin gowwoomsin, warra abjuu isiniif abju'ataniifis hin dhaga'inaa!

9Isaan maqaa kootiin raajii sobaa isinitti dubbatu malee, ani isaan hin ergine” jedhe; kana Waaqayyotu dubbate.

10Waaqayyo,“Akkuman dur dubbadhee ture waggaa torbaatama mootii Baabiloniif erga hojjettanii booddee isin nan yaadadha, akkuman dur isin abdachiisee tures gara biyya kanaatti isin nan deebisa;

11yaada ani isiniif yaade anuma duwwaatu beeka; innis yaada nagaa fi yaada wanta isin gara fuula duraatti eeggattan isiniif raawwachuutti malee, yaada isin balleessu miti.

12Yommus isin gara kootti deebitanii maqaa koo waammattanii ana in kadhattu, anis isiniif nan dhaga'a;

13isin ana in barbaaddattu; garaa keessan guutuudhaan yoo ana barbaaddattan, ana in argattu;

14anis immoo akka isin ana argattan nan godha; ani Waaqayyo boojuu keessaa isin nan deebisa; saba hundumaa fi iddoon itti isin tatamsaasee ture hundumaa keessaa walitti isin qabee gara biyya isan keessaa isin baasee isin boojisiiseetti isin nan deebisa” jedhe; kana Waaqayyotu dubbate.

15Isin,“Biyya Baabilon keessatti Waaqayyo raajota nuuf kaaseera” jettu.

16Waaqayyo garuu waa'ee mootii isa teessoo Daawit irra taa'uu fi waa'ee obboloota keessan warra utuu hin booji'amin hafanii mandara kana keessa jiraataniif kanatti fufee kan jiru dubbateera.

17Inni,“Kunoo! Dhugumaan ani Waaqayyo gooftaan maccaa, billaa, beela, dha'ichas isaanitti erge akka ija harbuu isa hadhaa'aa namni nyaachuu hin dandeenye isaan nan godha.

18Billaadhaan, beelaan, dha'ichaanis isaan duukaa nan bu'a; mootummoota biyya lafaa irra jiran hundumaa biratti wanta namni ilaalee sodaatu, biyya ani itti isaan bittimse hundumaa keessattis namoonni akka isaan abaaran, akka isaan jibban, akka isaanitti ga'isaniif akka isaan arrabsan nan godha.

19Isaan dubbii ani karaa hojjetoota koo karaa raajota warra ani deddeebisee isaanitti ergee, isaanitti dubbachaa ture hin dhaggeeffanne, isin warri booji'amtanis dubbii koo kana dhaga'uu hin barbaanne.

20Amma garuu isin warri ani akka isin Yerusaalem keessaa booji'amtanii biyya Baabilonitti ergamtan godhe hundinuu, dubbii ani Waaqayyo isinitti dubbadhu dhaga'aa!” jedhe.

21Waaqayyo gooftaan maccaa, Waaqayyo inni kan Israa'el waa'ee Ahaab ilma Kolaayaa fi waa'ee Zedeqiiyaa ilma Ma'aseyaa warra maqaa isaatiin raajii sobaa dubbataniin,“Kunoo! Ani harka Nebukadnezaar mootii Baabilonitti dabarsee isaan nan kenna, innis fuuluma keessan duratti isaan in ajjeesa.

22Warri biyya Yihudaatii booji'amanii biyya Baabilon jiran yommuu wal abaaran,“Waaqayyo akka Zedeqiiyaa fi akka Ahaab, warra Nebukadnezaar mootiin Baabilon ibidda keessa buusee gubee si haa godhu!” in jedhu.

23Isaan Israa'el keessatti wanta nama yeellaasisu godhaniiru, dubartoota nama kan biraa wajjin ejjaniiru; wanta ani isaan hin abboomin maqaa kootiin raajii sobaa dubbataniiru; ani garuu kana gochuu isaanii beeka, dhugaas isaanitti nan ba'a” jedhe; kana Waaqayyotu dubbate.

24Shemaa'iyaa nama biyya Nehelaamitti akkan dubbadhuuf Waaqayyo na ergee,

25Shemaa'iyaadhaan,“Waaqayyo gooftaan maccaa, Waaqayyo inni kan Israa'el, ati maqaa keetiin gara saba Yerusaalem keessa jiraatan hundumaatti, gara Shefaaniiyaa ilma Ma'aseyaa isa lubichaatti, gara luboota hundumaattis caaffata ergiteetta;

26ati Sefaaniiyaadhaan,“Iddoo Yoyaadaa lubichaa hojii mana qulqullummaa keessaa irratti eegduu akka taatuuf Waaqayyo yommuu si fo'e, maraatuu:- Raajiin dubbadha ofiin jedhu, miilla isaa jirma lama gidduutti galchitee, morma isaas hidhaa sibiilaatiin akka hiituuf ture” jetteetta;

27ati egaa amma maaliif Ermiyaas nama biyya Anaatot isa akka raajiitti dubbatu ifachuu dhiifte ree”

28Inni kunoo! As biyya Baabilonitti iyyuu caaffata nutti ergee,“Yeroo dheeraa achi waan turtaniif, mana ijaarradhaatii keessa taa'aa! Midhaan qotadhaatii wanta laficha irraa galfattan nyaadhaa!” nuun jedha” jetteetta.

29Sefaaniiyaan lubichis caaffaticha ana Ermiyaasiif in dubbise;

30kana booddee Waaqayyo ana Ermiyaasitti in dubbate;

31inni,“Ergaa ani Waaqayyo, waa'ee Shemaa'iyaa nama biyya Nehelaamiif dubbadhe, kana gara warra booji'aman hundumaatti ergiitii,“Kunoo! Ani utuun isa hin ergin Shemaa'iyaan raajii isinitti dubbatee, sobas akka amanattan waan isin godheef,

32Ani kunoo! Shemaa'iyaa nama biyya Nehelaam, sanyii isaas nan adaba; inni akka namoonni didanii ana Waaqayyo irratti ka'aniif waan dubbateef, nama isaa keessaa saba kana keessatti hafee wanta gaarii isa ani saba kootiif gochuuf jedhu kan argu tokko illee hin jiru” jedhi!” jedhe; kana Waaqayyotu dubbate.

Ibsa

29:1-7

Dubbiin Waaqayyoo inni barreeffame, akka dubbii isaa isa afaaniin dubbatameetti, dhugumaan Hafuura Waaqayyootiin kennameera. Tajaajilaan Gooftaa inni hinaaffaa qabu, warra fagoo jiran fayyaduuf, akkuma warra isa bira jiraniis, karaa hundumaa ni fayyadama. Ogummaan barreessuu kaayyoo kanaaf baay'ee bu'a qabeessa dha; akkasumas ogummaa maxxansuu dhaan, beekumsa dubbii Waaqayyoo babal'isuuf faayidaa olaanaa qabaata. Waaqayyo xalayaa kanaan booji'amtootaaf erguun isaa, inni yoo isaanitti aaree isaan sirreesse iyyuu, isaan akka hin dhiisne argisiisa. Yoo Waaqayyoon sodaatanii jiraatan, Baabilon keessa tasgabbii dhaan jiraachuu danda'u. Haala jireenyaa hundumaa keessatti, waan nuti barbaannu hundumaa waan hin qabneef jecha, tasgabbii wanta nuti qabnu hin gatuun ogummaa fi dirqama keenya dha. Isaan biyya isaanitti booji'amanii turan sanaaf gaarummaa barbaaduuf akeekamtaniiru. Yeroo mootiin Baabilon isaan eegaa turetti, isaan isa jalatti jireenya callisaa fi nagaa qabu, sodaannaa Waaqayyoo fi amanamummaa hundumaa dhaan jiraachuu qabu; obsaan Waaqayyoof dhiisanii yeroo isaa eeggatee furamuu isaaniif akka hojjetu.

Ermiyaas 29:8-19

Namoonni raajota yaada garaa ofii isaaniitti filatan akkamitti akka waaman, akkasumas yaada isaanii fi abjuu isaanii mul'ata Waaqayyoo godhanii akka hin ilaalle of eeggannoo guddaa haa godhatan. Raajonni sobaa cubbuu isaanii keessatti namoota sossobu, waan isaan ofii isaanii sossobamuu jaallataniif. Namoonnis raajota isaanii sanatti tolaan dubbatu, akka raajonni isaanii isaanittis tolaan dubbataniif. Waaqayyo waggoonni torbaatamni erga guutaman booda akka isaan deebi'an waadaa gale.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG ነቢዩ ኤርምያስ ወደ ተረፉት የምርኮ ሽማግሌዎች፥ ወደ ካህናቱም፥ ወደ ነቢያቱም፥ ናቡከደነፆር ከኢየሩሳሌም ወደ ባቢሎን ማርኮ ወዳፈለሰውም ሕዝብ ሁሉ ከኢየሩሳሌም የላከው የደብዳቤው ቃል ይህ… አማርኛ ENGNIV This is the text of the letter that the prophet Jeremiah sent from Jerusalem to the surviving elders among the exiles a… English BCV ነቢይ ኤርሚያስ ነቶም ብህይወት ዝነብሩ ሽማግለታትን፥ ነቶም ካህናትን ነቢያትን፥ ንዅሎም ነቶም ናቡከደነፆር ካብ ኢየሩሳሌም ማሪኹ ናብ ባቢሎን ዝወሰዶም ህዝቢ፥ ዝለኣኸሎም ቃል መልእኽቲ እዙ… ትግርኛ BCV GIZ ወከመዝ ውእቱ ነገረ መጽሐፍ ዘፈነወ ኤርምያስ ነቢይ እምኢየሩሳሌም ኀበ እለ ተርፉ ረበናት እለ አፍለስዎሙ፤ ወኀበ ካህናት ወኅበ ሐሳውያነ ነቢያት ወኀበ ኵሉ ሕዝብ ዘአፍለሰ ናቡከደነፆር ንጉ… giz GAZGAZ Ani Ermiyaas raajichi jaarsolii warra hafanitti luboota, raajota, guutummaa namoota warra Nebukadnezaar Yerusaalemii bo… Afaan Oromoo BCV aksum ነቢይ ኤርሚያስ ነቶም ብህይወት ዝነብሩ ሽማግለታትን፥ ነቶም ካህናትን ነቢያትን፥ ንዅሎም ነቶም ናቡከደነፆር ካብ ኢየሩሳሌም ማሪኹ ናብ ባቢሎን ዝወሰዶም ህዝቢ፥ ዝለኣኸሎም ቃል መልእኽቲ እዙ… ትግርኛ AMHNIV ነቢዩ ኤርምያስ በምርኮ ተወስደው በሕይወት ለቀሩት ሽማግሌዎች፣ ለካህናቱ፣ ለነቢያቱና ናቡከደነፆር ከኢየሩሳሌም ወደ ባቢሎን ማርኮ ለወሰዳቸው ሕዝብ ሁሉ የላከው የደብዳቤ ቃል ይህ ነው፤ አማርኛ SWAHSUV Maneno haya ndiyo maneno ya waraka, ambao nabii Yeremia aliupeleka toka Yerusalemu, kwa hao waliobaki wa wakuu waliochu… Kiswahili