Ermiyaas 25

GAZBIBAfaan Oromoo38 Keeyyattoota8:43 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 8:43 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Yehoyaaqiim ilmi Yosiyaas biyya Yihudaa irratti mo'ee waggaa afuraffaatti, Nebukadnezaar mootiin biyya Baabilon mo'ee waggaa tokkoffaatti, dubbiin Waaqayyoo waa'ee guutummaa saba Yihudaatiif gara Ermiyaas in dhufe.

2Ermiyaas raajichi immoo guutummaa saba Yihudaa fi warra mandara Yerusaalem keessa jiraatan hundumaatiin,

3“Yosiyaas ilmi Amoon mootii Yihudaa erga ta'ee waggaa kudha sadaffaadhaa jalqabee hamma ammaatti waggaa digdamii sadii guutu utuun hin nuffin dubbii Waaqayyo anatti dubbate isinitti himaan ture; isin garuu dubbicha dhaga'uu hin barbaanne.

4“Waaqayyo si'a baay'ee raajota warra hojjetoota isaa ta'an hundumaa gara keessanitti ergee ture; isin garuu isaaniif hin dhageenye, gurra keessanis gara isaaniitti hin qabne.

5Isaanis,“Amma hundumti keessan karaa keessan isa hamaa irraa, hojii keessan isa jal'aa irraas deebi'aa! Biyya Waaqayyo isiniif, abboota keessaniifis dhaala bara baraa godhee kenne keessa bara baraan jiraadhaa!

6Waaqayyolii ormaa hin waaqeffatinaa, isaaniifis hin hojjetinaa! Waaqayyo akka isin hin adabnetti waaqayyolii harka keessaniin tolfattanitti sagaduudhaan isa hin aarsinaa!” isiniin jedhanii turan.

7Isin garuu qooda Waaqayyoof abboomamuu hojii harka keessaniitiin isa aarsitanii of irratti miidhama akka fiddan Waaqayyo ofii isaatii dubbateera” jedhe.

8Kanaafis Waaqayyo gooftaan maccaa,“Isin dubbii koo dhaga'uu waan diddaniif,

9ani kunoo, saba biyya gara-bitaa jiran hundumaa, Nebukadnezaar mootii Baabilon isa garbicha koo ta'es isinii fi biyya kanatti, warra biyya kana keessa jiraatanitti, saba naannoo biyya kanaa jiraatan irrattis waamee nan fida; ani raawwadhee isaan nan balleessa, wanta namni ilaalee sodaatuu fi wanta namni itti ga'isu isaan nan godha, bara baraanis isaan nan barbadeessa.

10Ani sagalee gammachuu fi ilillee, sagalee dhirsa misirroo fi sagalee misirroo isaan gidduudhaa nan balleessa; sagaleen dhagaa daakuu achi keessaa hin dhaga'amu, ibsaa isaaniis nan balleessa.

11Biyyi kun guutummaatti onee in bada, sabni kunis waggaa torbaatama mootii Baabiloniif in hojjeta.

12Waggaan torbaatamni yommuu raawwatamu garuu ani Waaqayyo mootii Baabilonii fi biyya Baabilon, saba isaa hundumaas sababii yakka isaaniif adabee bara baraan nan onsa.

13Ani wantan biyya kana irratti dubbadhe hundumaa, isa macaafa kana keessatti caafame, isa Ermiyaas saba hundumaa irratti raajii dubbates isaanitti nan fida.

14Ani warra Baabilonitti akka hojii isaanii fi akka balleessaa isaaniitti waanan faraduuf, isaan saba baay'eef, mootota gurguddootaafis garba in ta'u” jedhe.

15Ergasiis Waaqayyo gooftaan inni kan Israa'el anatti dubbatee,“Xoofoo daadhii waynii isa dheekkamsa kootiin guute kana ana harkaa fuudhii saba warra ani itti si ergu kana isa keessaa obaasi!

16Isaan isa yommuu dhugan, lolli isaanitti akka dhufu waanan godhuuf, isaan machaa'anii in gatantaru, in maraatus” jedhe.

17Yommus ani xooficha Waaqayyo harkaa fuudhee, saba warra inni itti na erge sana hundumaatti kennee, akka isaan isa keessaa dhugan nan godhe.

18Yerusaalemii fi mandaroonni Yihudaa mootonni ishee fi gurguddoonni ishee hundinuu akka balleeffamaniif, akka jibbamaniif, kan namni ilaalee rifatu akka ta'aniif, hamma har'aatti iyyuu kan namoonni,“Akka isaanii isin haa godhu!” jedhanii ittiin wal abaaran akka ta'aniif, walii wajjin xooficha keessaa in dhugu.

19Fara'oon mootiin Gibxii fi hojjetoonni isaa, gurguddoonni isaa fi sabni isaa hundinuu,

20warri ormi achi jiran hundinuu, mootonni biyya Uz, mootonni biyya Filiisxiyaa hundinuu, mootiin Ashqalon, mootiin Gaazaa, mootiin Eqroon, warri Ashdood keessatti hafan hundinuus,

21warri Edoom, warri Mo'aab, warri Amoonis xooficha keessaa in dhugu;

22akkasumas mootonni Xiirosii fi mootonni Sidoon hundinuu, mootonni warri galaana gama qarqara bishaanii irra jiraatan,

23warri Dedaan, warri Temaa fi warri Buz, warri rifeensa mataa isaanii naannessanii haadanii illee isaanii irraa fixan hundinuu,

24mootonni warra Arabaa hundinuu, mootonni saba garaa garaa warri lafa duwwaa keessa jiraatan hundinuu,

25mootonni Ziimrii, mootonni Elaamii fi mootonni Medoon hundinuu,

26mootonni biyya gara-bitaa warri fagoo fi dhi'oo jiran hundinuus irraa jalaan dhufanii in dhugu; akkasitti mootonni biyya lafaa irra jiran hundinuu in dhugan; isaan kana hundumaa booddee immoo mootiin Sheshaak in dhuge.

27Kana booddee Waaqayyo gooftaan maccaa, Waaqayyo inni kan Israa'el, “ ‘Lolli isinitti akka dhufu waanan godhuuf, hamma machooftanii hoqqiftanii kufaatii hin kaane kuftanitti dhugaa!” jedhii isaanitti himi!

28Isaan immoo xooficha si harkaa fuudhanii dhuguu yoo didan, ati immoo isaaniin,“Kana dhuguun akka isin irra jiru Waaqayyo gooftaan maccaa anatti dubbateera” jedhiin!

29Ani kunoo! Mandara ishee maqaan koo keessatti waamamu balleessuu nan jalqaba, warra lafa irra jiraatan hundumaa irrattis lolli akka ka'u nan godha, isin immoo adabamuu waan ooltan isinitti fakkaataa ree” Lakkii! Isinis in adabamtu” jedhe; kana Waaqayyo gooftaa maccaatu dubbate.

30Itti fufees Waaqayyo,“Yaa Ermiyaas, ati dubbii kana hundumaa jara kana irratti raajii dubbadhu, “Waaqayyo ol waaqa irraa in qaqawweessa'a, saba isaattis dheekkamsa isaa isa akka bakakkaa in buusa; iddoo taa'umsa isaa isa qulqulluutii sagalee isaa in dhageessisa; inni akka namoota warra waynii cuunfanii sagalee guddaa in dhageessisa, warra lafa irra jiraatan hundumaattis in farada;

31sagaleen dheekkamsa isaa guutummaa lafaa irratti in dhaga'ama; Waaqayyo balleessaa saba lafa irraa yaa'iitti in baasa, namoota hundumaattis in farada; warra hamootas billaatti dabarsee in kenna” jedhi!” jedhe.

32Ammas Waaqayyo gooftaan maccaa, “Kunoo! Bubbeen qarqara lafaatii in dhufa, badiisis sabaa gara sabaatti in darba” jedhe.

33Gaafas reeffi warra Waaqayyo isaan ajjeesee daarii lafaa gar tokkoo hamma gara kaaniitti bakkeetti in argama; reeffi isaanii lafaaf kosii ta'a malee, namni isaaniif boo'u, namni walitti qabee isaan awwaalus hin jiru.

34Isin yaa tiksootaa, isin warri saba koo geggeessitan yeroo isin itti tatamsaataniif itti gogora'amtan, yeroo isin akka qodaa suphee miidhagaa lafa dha'ee caccabee itti taatan waan dhi'aateef, boo'aa wawwaadhaa, awwaara keessas gangaladhaa!

35Tiksoonni iddoo itti baqatan hin qaban, warri saba geggeessanis akka itti jalaa ba'an hin qaban;

36Waaqayyo iddoo tika isaanii waan balleessuuf, sagaleen wawwaannaa tiksootaa fi iyyi geggeessitoota sabaa in dhaga'ama.

37Dheekkamsi Waaqayyoo inni sodaachisaan biyya isaanii isa naga-qabeessa in balleessa;

38inni akka leenca saafelaatti mann'ee isaa keessaa ba'ee billaa cunqursitootaa fi dheekkamsa isaa isa sodaachisaadhaan biyya isaanii in balleessa.

Ibsa

25:1-7

Waamichi karaa hamaa irraa deebi'anii Waaqayyoon sagaduu fi tajaajiluu isaatti, akkasumas cubbamoonni Kiristoositti amanuu fi furamuu isaa keessaa hirmaachuun nama hundumaaf kan ilaallatuudha. Waaqayyo hanga yoomiitti karaawwan ayyaanaa qabaannuuf herrega qabata; akkasumas yoo isaan dheeraa nu bira turan, yoo isaanitti hin fayyadamne taane, herregni keenya ni ulfaata. Ganama ka'uun, sabni kun deebi'ee akka jiraatuuf fedha cimaa agarsiisa. Jijjiirama dhuunfaa fi addaa irratti cimamee dhaabachuun bilisummaa biyyaalessaatiif akka barbaachisaatti ilaalamuu qaba; akkasumas namni hundinuu karaa hamaa dhuunfaa isaa irraa deebi'uu qaba. Haa ta'u malee, hunduu bu'aa hin qabaanne. Dheekkamsa Waaqayyoo deebisuuf karaa sirrii fi tokkicha hin fudhanne.

25:8-14

Yeroon boojuu Yihudootaa hangam turu qabaachuu isaa murtaa'uun, raajicha mirkaneessuu qofaa utuu hin taane, uummata Waaqayyoo jajjabeessa; akkasumas amantii fi kadhannaa kakaasa. Badiisni Baabilon dubbatameera: yeroo hojiin sirreessaa raawwatameetti, uleen gara ibiddaatti gatama. Yeroo Siwooniif yeroon ayyaanaa murtaa'e ga'u, Baabilon yakka isheef ni adabama, akkuma saboonni biroo cubbuu isaaniif adabaman. Dhoqqeen Kitaaba Qulqulluu hundinuu dhugumaan ni raawwatama.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG በይሁዳ ንጉሥ በኢዮስያስ ልጅ በኢዮአቄም በአራተኛው ዓመት፥ በባቢሎን ንጉሥ በናቡከደነፆር በመጀመሪያው ዓመት፥ ስለ ይሁዳ ሕዝብ ሁሉ ወደ ኤርምያስ የመጣው ቃል ይህ ነው። አማርኛ ENGNIV The word came to Jeremiah concerning all the people of Judah in the fourth year of Jehoiakim son of Josiah king of Juda… English BCV ኢዮኣቄም ወዲ ኢዮስያስ፥ ኣብ ይሁዳ ምስ ነገሰ ኣብ ራብዐይቲ ዓመቱ፤ ናቡከደነፆር ከዓ ኣብ ባቢሎን ምስ ነገሰ ኣብ ቀዳመይቲ ዓመቱ፤ ንዅሎም ህዝቢ ይሁዳ ዝምልከት ቃል፥ ካብ እግዚኣብሄር ና… ትግርኛ BCV GIZ ነገር ዘኮነ ኀበ ኤርምያስ እምኅበ እግዚአብሔር በእንተ ኵሉ ሕዝበ ይሁዳ በራብዕ ዓመተ መንግሥቱ ለኢዮአቄም ወልደ ኢዮስያስ ንጉሥ ይሁዳ። giz GAZGAZ Yehoyaaqiim ilmi Yosiyaas biyya Yihudaa irratti mo'ee waggaa afuraffaatti, Nebukadnezaar mootiin biyya Baabilon mo'ee w… Afaan Oromoo BCV aksum ኢዮኣቄም ወዲ ኢዮስያስ፥ ኣብ ይሁዳ ምስ ነገሰ ኣብ ራብዐይቲ ዓመቱ፤ ናቡከደነፆር ከዓ ኣብ ባቢሎን ምስ ነገሰ ኣብ ቀዳመይቲ ዓመቱ፤ ንዅሎም ህዝቢ ይሁዳ ዝምልከት ቃል፥ ካብ እግዚኣብሄር ና… ትግርኛ AMHNIV የይሁዳ ንጉሥ የኢዮስያስ ልጅ ኢዮአቄም በነገሠ በአራተኛው ዓመት፣ ይህም ማለት በባቢሎን ንጉሥ በናቡከደነፆር ዘመነ መንግሥት በመጀመሪያው ዓመት፣ ስለ ይሁዳ ሕዝብ ሁሉ ለኤርምያስ ቃል መጣለ… አማርኛ SWAHSUV Neno hili ndilo lililomjia Yeremia, katika habari za watu wote wa Yuda; katika mwaka wa nne wa Yehoyakimu, mwana wa Yos… Kiswahili