Yaaqoob 5

GAZGAZAfaan Oromoo20 Keeyyattoota3:42 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 3:42 · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Isin warri sooressonni immoo gadadama isinitti dhufuuf jiruuf boo'aa, wawwaadhaas!

2Soorumni keessan in tortora; uffanni keessanis biliidhaan in nyaatama.

3Warqeen keessanii fi meettiin keessan sameera; inni same kunis dhugaa isin irratti in ba'a, akka ibiddaas foon dhagna keessanii in nyaata. Guyyoota gara dhumaa kanatti badhaadhummaa walitti qabattaniittu.

4Kunoo dadhabbiin warra isin maasii keessan keessaa midhaan haamsifattanii gatii isaanii dhowwachiiftanii in iyya; boo'ichi warra midhaan isiniif sassaaban kanaa gurra Waaqayyoo gooftaa maccaa bira ga'eera.

5Qannoo fi gammachuutti lafa irra jiraattaniittu; guyyaan gorra'amuu jala ga'ee utuma jiruu, isin ittuma fuftanii nyaattanii of gabbiftaniittu.

6Nama qajeelaatti faraddanii ajjeeftaniittu; inni immoo mormee isin harkatti hin qabu.

7Ammas obboloota ko, hamma gooftaan deebi'ee dhufutti obsaan danda'aa! Kunoo, qottuun hamma lafti bokkaa isa dura robuu fi isa booddee roobu argatutti, obsaan danda'uudhaan ija lafaa isa gati-jabeessa in eeggata.

8Isinis immoo obsaan danda'aa! Deebi'ee dhufuun gooftaa waan dhi'aateef garaa keessan jajjabeessaa.

9Obboloota ko, akka isinitti hin faradamnetti wal rakkiftanii hin aadinaa! Kunoo abbaan firdii balbala dura dhaabatee jira!

10Waa'ee waan hamaa isa namatti dhufu baachuu fi waa'ee obsaan danda'uu immoo obboloota ko, fakkeenya raajota warra maqaa gooftaatiin dubbatanii fudhadhaa!

11Warra obsa-qabeeyyii turan sana, nuyi akka warra gammachuu qabaniitti isaan in ilaalla. Iyoob attam akka obse dhageessaniittu; wanta gooftaan ittiin raawwates argitaniittu. Kunis gooftichi gara-laafessa, oo'a-qabeessas ta'uu isaa in argisiisa.

12Caalaadhumatti immoo hin kakatinaa! Yaa obboloota ko; waaqaan, lafaan, waan biraatiinis hin kakatinaa! Firdii jala akka hin buunetti, wanti ?Eyyee? jettan eyyee haa ta'u, wanti ?Waawuu? jettanis waawuu haa ta'u.

13Isin keessaa namni rakkinni itti dhufe jiraa? Inni haa kadhatu! Namni gammadu immoo jiraa? Inni immoo faarfannaadhaan galata haa dhi'eessu.

14Isin keessaa namni dhukkubsate jiraa? Inni jaarsolii waldaa kristiiyaanaa haa waamsifatu; isaan immoo maqaa gooftaatiin dibata dibanii kadhata haa godhaniif.

15Kadhanni amantiidhaan godhamu kun, isa dhukkubsataa in fayyisa; gooftaan isa in kaasa, cubbuu hojjeteera yoo ta'es in dhiisaaf.

16Yoos dhukkubattii akka fayyifamtanitti cubbuu keessan walitti himadhaa, waliifis kadhadhaa! Kadhannaan nama qajeelaa waan baay'ee hojjechuu in danda'a.

17Eliyaas nama akka keenyaa ture; kadhata isaa keessatti bokkaan akka hin roobneef yommuu kadhate, waggaa sadii fi ji'a ja'aaf bokkaan biyya sanatti hin roobne.

18Yeroo inni deebi'ee kadhatetti immoo, waaqni bokkaa in kenne, laftis midhaan in baase.

19Obboloota ko! Isin keessaa namni tokko dhugaa irraa yoo jal'ate, namni biraa deebisee kan isa fidu jiraachuun in ta'a.

20Inni nama cubbamaa karaa jal'aa irraa deebise kun, lubbuu du'a oolchuu isaa, baay'ina cubbuus deebi'ee akka hin argamne gochuu isaa haa beeku!

Ibsa

5:1-6 Rakkoowwan ummataa warra jireenya gammachuu keessa jiraatanitti, warra of danda'oo fi fedhii foonii hordofanitti baay'ee ulfaataadha; yeroo akkasii keessa gartuun hundinuu baay'ee kan dhiphatan yoo ta'anillee.Qabeenyaan waaqeffatame hundinuu dafee ni bada, yoo isaan warra qabeenya sana qaban irratti firdii dhaabuuf ka'an malee. Sobuudhaan miidhuu fi cunqursuu irraa of eeggadhaa; akkasumas bifa isaa irraayis fagaadhaa.Waaqayyo gammachuu seera qabeessa fayyadamuu nu hin dhoorku; garuu jireenya gammachuu keessa jiraachuu, keessumaa gammachuu cubbuu qabu keessa jiraachuun cubbuu aarii kakaasuudha. Namoonni fedhii foonii guutummaatti hordofuudhaan, wantoota lubbuu isaanii ilaallatanirratti xiyyeeffachuurraa of fageessuun, miidhaa hin qabuu?Qajeeloonni ni murteeffamuu fi ni ajjeefamuu danda'u; garuu yommuu isaan cunqursootaan dhiphatan, kun Waaqayyoon ni hubatama. Cubbuu isaanii kan biroo hundaa caalaa, Yihuudoonni Qajeelaa gidduu isaanii dhufe sana, jechuun Yesus Kiristoos qajeelaa sana, murteessanii fannisanii turan.

5:7-11 Qonnaan bultoota midhaan isaanii eeggatan ilaalaa; isin garuu gonfoo ulfinaaf hin eeggattaniree? Yoo qonnaan bulaa caalaa turuun isiniif ta'e iyyuu, wanti sana caalaa eegamuu qabu hin jiruu? Karaa hundaan dhufaatiin Gooftaa dhiyaateera turte, akkasumas hoongoon, rakkinnii fi dhiphinni ummata isaa hundaa deebifameefii jira. Namoonni yeroo dheeraa godhanii lakkaawu, sababiin isaa jireenya mataa isaaniitiin waan safaraniifi; garuu yeroon hunduu Waaqayyo duratti homaa miti; akka yeroo gabaabaatti ilaallama. Uumamtoota umrii gabaabaa qabaniif, waggoonni muraasni akka bara dheeraatti fakkaatu; garuu Macaafni Qulqulluun, waan hundumaa jiraachuu Waaqayyoo wajjin safaree, waggoota kumaa ol jiran akka guyyoota muraasaatti lakkaawa. Waaqayyo dhimma Iyyoob keessatti haala ifa ta'een waan hunda fide, akkasumas akka inni gara laafessa guddaa fi hojii danda'aa ta'e agarsiise. Kun yeroo rakkoo isaa hin mul'anne, garuu gara dhumaatti argame. Amantoonni immoo qoramaatii isaaniitiif dhuma gammachiisaa argatu. Waaqa keenya haa tajaajillu, qorumsa keenyas haa baannu, akka warra dhumni hundumaaf gonfoo ta'a jedhanii amananitti. Gammachuu keenya bara baraa isatti yoo amannee eegamaadha; wanti hunduu kan hafe foon qullaa dha, kan dafee bara baraaf dhumuufi.

5:12-18

Waraabni cubbuu dha; ni balaaleffatama; garuu meeqaan isaaniituu waraabii salphaa fi kan Waaqayyoof hin taane kana salphisanii ilaalu! Waraabni akkanaa maqaa fi aangoo Waaqayyoo irratti ifatti tuffii buusa.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6