Isaayaas 48

GAZGAZAfaan Oromoo22 Keeyyattoota5:28 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 5:28 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Yaa ijoollee Yaaqoob warri Israa'el jedhamtan, warri gosa Yihudaa keessaa dhalattan, isin warri maqaa Waaqayyootiin kakattan, dhugaadhaa fi qajeelummaadhaan utuu hin ta'inis, Waaqayyo isa kan Israa'el kan waammattan, kana dhaga'aa!

2Kana keessaa immoo,“Nuyi warra mandara ishee qulqullooftuu keessa jiraannu, Waaqayyo isa kan Israa'el Waaqayyo gooftaa maccaa amanatuu dha” ofiin in jettu.

3Waaqayyo, “Wanta dur ta'e iyyuu ani duraan dursee himeen ture, afaan kootiinis dubbadhee mul'iseera, wanti ani hojjedhes battalumatti in raawwatame;

4mata-jabeessa ta'uu kee, morgaan morma keetii akka sibiilaa, addi kees akka sibiila borrajjii ta'uu isaa ani beeka.

5Kanaafan, “Isa kana waaqayyolii tolfamoo kootu hojjete, bifa fakkeenyaa ani qirixee fi baqsee dhaabadhetu kana abboome” akka ati hin jennetti, ani duraan dursee sitti himeera.

6“Egaa kana hundumaa dur dhageesseetta, ammas arguutti jirta; ati kana dhugaa hin baatuu ree” Amma immoo wanta haaraa sin dhageessisa, wanta dhokataa ati hin beeknes sittan mul'isa;

7wanti kun amma uumaman malee dur hin turre; “Kunoo! Ani kana hundumaa beeka” akka ati hin jennetti, kun isa ati dur dhageessee beektu miti;

8ati dur kana hin dhageenye, hin beeknes; duruma iyyuu gurri kee hin banamne; anoo akka ati hin amanamne beekeera, yeroo garaa haadha keetii keessaa baatee jalqabdee irra-daddarbituu fi didduu ta'uun kee beekameera.

9“Ani garuu maqaa kootiif jedhee dheekkamsa koo nan deebisa, galata kootiif jedhees si balleessuu nan dhiisa.

10Kunoo! Akka meetiitti yoo ta'uu dhabaatte iyyuu, si qulleessuudhaaf rakkina isa akka ibiddaatiin ani si qoreera;

11ani ofuma kootiif, ofuma kootiif jedhee kana nan godha; maaliifan maqaan koo akka balleeffamu godha” Attamittanis ulfina koo kan biraatiif kenna ree?

12“Yaa Yaaqoob, isa ani“Israa'el” jedhee moggaasee na dhaggeeffadhu! Ani dhuguma, isa duraa ti, ani dhuguma, isa booddee tis;

13ani dhuguma harka kootiin hundee lafaa jabeessee dhaabeera, harka koo mirgaatiin bantiiwwan waaqaa diriirseera; abboommii kootiinis isaan iddoo isaaniitti jabaatanii in dhaabatan.

14“Yaa namoota nana, hundumti keessan walitti qabamaatii dhaggeeffadhaa! Namichi ani Waaqayyo jaalladhu sun wanta ani jaalladhu Baabilon irratti raawwachuuf akka jiru, anis irree koo Kaldoota irratti ol fudhachuuf akkan jiru, waaqayyolii tolfamoo keessaa eenyutu duraan dursee hime”

15Anumatu dubbate, anumatu isa waames; ani isa nan fida, karaan isaas in qajeelaaf;

16as dhi'aadhaatii kana dhaggeeffadhaa! Ani kana jalqabaa jalqabee mul'inatti dubbadheera, wanti ani dubbadhes akka raawwatamu godheera” jedhe; egaa Waaqayyo gooftaan hafuura isaatiin na ergeera.

17Waaqayyo inni si furu, inni qulqulluun kan Israa'el, “Ani Waaqayyo gooftaan kee isa wanta waa'ee siif baasu si barsiisuu fi isa karaa ati adeemtu irratti si geggeessuu dha.

18Eyyee! Ati seerrata koo utuu eegdeetta ta'e, silaa nagaan kee akka laga bishaanii in yaa'a, qajeelummaan kees akka guuboo galaanaa ol in ka'a ture;

19sanyiin kee akka cirrachaa, ijoolleen kees akka biyyoo lafaa in baay'atu; maqaan isaanii lafa irraa hin haxaa'amu, fuula koo duraas hin balleeffamu” jedhe.

20Biyya Baabilonii ba'aa, warra Kaldootaa jalaa baqadhaa! “Waaqayyo garbicha isaa Yaaqoobin in fure” jedhaatii himaa! Sagalee gammachuu dhageessisaatii hamma andaara lafaatti beeksisaa!

21Yommuu inni lafa duwwaa keessa isaan geggeesse, isaan hin dheebonne; inni kattaa keessaa bishaan isaaniif in yaase, inni kattaa gurguddaa dhoosee, bishaan isaan keessaa in futtaafachiise.

22Haa ta'u iyyuu malee, “Warri jal'oonni nagaa hin qaban” jedha Waaqayyo.

Ibsa

48:1-8

Yihudoonni sanyii Yaaqoob irraa dhalachuu isaaniitiin ofitti boonu turan, akkasumas maqaa Yihowaa Waaqa isaanii godhatanii fayyadamu turan. Yerusaalemii fi mana qulqullummaa irratti ofitti boonu turan, ta'us jireenya isaanii keessatti qulqullinni hin turre. Yoo amantii keenya keessatti garaa guutuu hin taane, maqaa Gooftaa qisaasaa kaafna. Raajii keessaan akka Waaqayyo isaanitti qabatu, duraan dursee osoo hin ta’in argisiifaman. Waaqayyo of tuulummaa namaa hambisuuf waan ga'aa dubbateera; kunis cubbuu fi badiisa warra of tuulanii caalaatti hamaa taasisa; osoo hin turin ykn booda afaan hundumtuu ni cufama, hundumtuus fuula Isaa duratti callisu. Nuti hundumti keenya ijoollee diddaa taanee dhalanne. Cubbuun jalqabaa yoo jiraate, cubbuun hojiin agarsiifamu ni hordofa. Yaadi garaa nama hundumaa dhugaa Macaafa Qulqulluu ragaa hin ba'uu? Gooftaan nu haa qoru, Dubbii Isaa hojiidhaan kan raawwannu nu haa taasisu.

48:9-15 Nuti mataa keenyaan Waaqayyo biratti, inni maaliif nuu araara akka godhuuf, kan ittiin kadhannu homaa hin qabnu. Inni nu hambisuun galata isaatiif, ulfina araara isaatiifis. Namoota rakkina keessa galchuun isaa wanta gaarii isaaniif gochuuf ture. Isaan qulqulleessuuf ture, garuu akka meetii miti; akka namoonni meetii guutummaatti qulqulleessan sana miti. Yoo Waaqayyo karaa sana hordofe, isaan hundinuu qillee dha; akkasumas haqa qabeessummaan gatamuu danda'u.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG እናንተ በእስራኤል ስም የተጠራችሁ ከይሁዳም ውኆች የወጣችሁ፥ በእግዚአብሔር ስም የምትምሉ፥ በእውነት ሳይሆን በጽድቅም ሳይሆን የእስራኤልን አምላክ የምትጠሩ፥ አማርኛ ENGNIV “Listen to this, O house of Jacob, you who are called by the name of Israel and come from the line of Judah, you who ta… English BCV ኣቱም ብስም እስራኤል እትፅውዑ፥ ካብ ዓይኒ ማይ ይሁዳ ዝፈልፈልኩም፥ ብስም እግዚኣብሄር እትምሕሉ፥ ብሓቅን ብፅድቅን ደኣ ኣይኮነን እምበር፥ ንኣምላኽ እስራኤል እትፅውዑ፥ እዙይ ስምዑ። ትግርኛ GAZBIB Yaa ijoollee Yaaqoob warri Israa'el jedhamtan, warri gosa Yihudaa keessaa dhalattan, isin warri maqaa Waaqayyootiin kak… Afaan Oromoo BCV GIZ ስምዑ ዘንተ ቤተ ያዕቆብ እለ ተሰመይክሙ በስመ እስራኤል፤ ወእለ ወጽእክሙ እምይሁዳ፤ ወእለ ትምሕሉ በስመ እግዚአብሔር አምላከ እስራኤል፤ ወተዘከርኩክሙ አኮ በጽድቅ ወአኮ በርትዕ። giz BCV aksum ኣቱም ብስም እስራኤል እትፅውዑ፥ ካብ ዓይኒ ማይ ይሁዳ ዝፈልፈልኩም፥ ብስም እግዚኣብሄር እትምሕሉ፥ ብሓቅን ብፅድቅን ደኣ ኣይኮነን እምበር፥ ንኣምላኽ እስራኤል እትፅውዑ፥ እዙይ ስምዑ። ትግርኛ AMHNIV “የያዕቆብ ቤት ሆይ፤ እናንት በእስራኤል ስም የተጠራችሁ፣ ከይሁዳ ዘር የተገኛችሁ፣ እናንት በእግዚአብሔር ስም የምትምሉ፣ በእውነት ወይም በጽድቅ ሳይሆን፣ የእስራኤልን አምላክ የምትጠሩ ይህ… አማርኛ SWAHSUV Sikieni haya, enyi watu wa nyumba ya Yakobo, mnaoitwa kwa jina la Israeli, mliotoka katika maji ya Yuda; mnaoapa kwa ji… Kiswahili