Isaayaas 3

GAZBIBAfaan Oromoo26 Keeyyattoota3:59 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 3:59 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Kunoo! Waaqayyo gooftaan maccaa, waan isaan ittiin jiraataniif waan isaan ittiin gargaaraman Yerusaalemii fi Yihudaa harkaa in fuudha, buddeenaa fi bishaan isaan ittiin jiraatan isaan harkaa in fuudha;

2gootota, loltoota, abboota firdii, raajota, warra hooda dubbatan, jaarsolii,

3angafa shantamaa, namoota aboo qaban, gorsitoota, ogeessota harka tolanii fi warra qoricha namatti godhan isaan irraa in fuudha.

4Dargaggoonni akka isaan bulchan, ijoolleenis isaan irratti akka mo'an in godha;

5sabni wal in cunqursa, namni nama irratti, ollaan ollaa irratti, dargaggoonni jaarsolii irratti, inni gad deebi'aan isa ulfina-qabeessa irratti in ka'a.

6Yeroo sanatti namni tokko obboleessa isaa isa mana abbaa isaa keessa jiru tokko qabee, “Ati qoloo tokko qabda, dura-buutuu nuuf ta'i, isa diigame kana harka kee jala nuuf galchi!” in jedha.

7Gaafas inni immoo,“Saba kana irratti dura-buutuu ana hin godhinaa, buddeenni yookiis qoloon mana koo keessa hin jiru, ani isa madaa'e hin fayyisu” jedhee in kakata.

8Yerusaalemii fi Yihudaan dubbii isaaniitii fi hojii isaaniitiin Waaqayyoon mormanii ulfina isaa waan salphisaniif, Yerusaalem in gatantarti, Yihudaan immoo in kufti;

9akka isaan nama wal caalchisan fuulli isaanii dhugaa isaan irratti in ba'a; akka warra Sodoom cubbuu isaanii bakkeetti in mul'isu, hin dhoksanis; kanaan badiisa waan ofitti fidaniif isaaniif wayyoo!

10Namni qajeelaan ija hojii isaatti gammaduuf waan jiruuf, gammadi ittiin jedhaa!

11Namni jal'aan garuu wanta nama irratti hojjete hundumaa argachuuf waan jiruuf, isaaf wayyoo!

12Saba koo ijoolleetu gad qabaa jira, warri hiiqii kennatanis isaan irratti in mo'u. Yaa saba koo! Warri si geggeessan karaa irraa si kaachisaniiru, daandii qajeelaa irraas si gorsiisaniiru.

13Waaqayyo dubbii isaa falmachuudhaaf in ka'a, sabatti faraduudhaafis iddoo isaatti in argama;

14Waaqayyo jaarsolii saba isaa fi gurguddoota saba isaa firdiitti dhi'eessee, “Isin iddoo dhaabaa waynii raawwattanii in balleessitan; inni isin hiyyeessota irraa saamtanis mana keessan keessa jira;

15saba koo caccabsuun keessan, hiyyeessotas cunqursaa guddaadhaan yeellaasisuun keessan kun maal jechuu keessan?” jedha Waaqayyo gooftaan maccaa.

16Waaqayyo,“Intaloonni Xiyoon of gurguddisanii morma irra-keessa qabatanii, ijaan nama hawwachaa, albuus waliin rukutaa in adeemu.

17Kanaaf ani gooftichi gubbee intaloota Xiyoonitti qaaqee nan buusa, qullaattis isaan nan hambisa” jedha.

18Guyyaa sanatti gooftichi albuu isaanii miillaa isaaniittii in baasa, shaashiis adda isaaniittii in fuudha, mi'a miidhaginaas isaanittii in baasa;

19amartii gurraa fi bitawoo harkaa, marata mormaas isaanittii in baasa;

20marata mataa, irboora, sabbata, bilqaaxii urgooftuu, kudhaamas isaan harkaa in fuudha;

21amartii mallattoo fi amartii funyaanii isaanittii in baasa;

22uffata cidhaa, wayyaa isa irra-keessaa, qoloo, korojoo harkatti baatanis isaan irraa in fuudha;

23of-ilaalee, uffata quncee talbaa irraa hojjetame, marata mataa, gonboos isaan irraa in fuudha.

24Qooda foolii urgaa'uu, fooliin ajaa'u, qooda teepha ittiin mudhii hidhatanii, funyoon, qooda rifeensa mataa tolfachuu, haaddachuun, qooda uffata gaarii, uffata gaddaa uffachuun, qooda miidhagummaa, godaannisi isaanitti in dhufa.

25Dhiironni kee billaadhaan, loltoonni kees duula keessatti in dhumu;

26karrawwan Xiyoon akkuma namaatti gaddanii in boo'u, mandarattiinis akka ishee qullaatti haftee in taati.

Ibsa

3:1-9 Waaqayyo Yihudaa utubaawwan ishee fi deeggarsa ishee hundumaa irraa mulquuf ture. Magaalaan sunii fi laftis onaa ta'uuf turan, sababiin isaas dubbiin isaanii fi hojiin isaanii Gooftaa irratti fincila turan; akkasumas mana qulqullummaa isaa keessatti illee. Yoo namoonni Waaqayyo irra hin jiraanne, innis deeggarsa biroo hundumaa dafee ni mulqa, sana booda immoo isaan ni liqimfamu. Kiristos Daabboo jireenyaa fi Bishaan jireenyaati; yoo inni utubaa keenya ta'e, akka kun qooda gaarii, kan nurraa hin fudhatamne ta'e ni argina, Yoh. 6:27.

Asitti hubadhaa: 1. Haalli cubbamootaa baay'ee gadadoo ta'uu isaa. 2. Lubbuudha kan cubbuudhaan miidhamtu. 3. Hamminni kamiyyuu cubbamoota irra yoo ga'e, isaan mataa isaaniitiin ofitti akka fidan mirkanaa'aa.

3:10-15

Dhimmi kun ifaa fi murtaa'aa ture; ummanni biyyaa badhaadhina keessa jiraates, yookiin rakkina keessa jiraates, qajeelotaaf wanti hundinuu tola ta'a, warra hamootaaf immoo wanti hundinuu hamaa ta'a. Waaqayyo haa eebbifamu! Qajeelotaaf Waaqayyoof amanamuuf jajjabinni guddaan jira, cubbamootaafis gara Isaatti deebi'anii cubbuu isaaniitti gaabbuudhaaf hamilee guddaan jira.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG እነሆ፥ የሠራዊት ጌታ እግዚአብሔር ከኢየሩሳሌምና ከይሁዳ ድጋፍንና ብርታትን፥ የእንጀራን ድጋፍ ሁሉ የውኃውንም ድጋፍ ሁሉ፥ አማርኛ ENGNIV See now, the Lord, the Lord Almighty, is about to take from Jerusalem and Judah both supply and support: all supplies o… English BCV እንሆ፥ ጐይታ ሰራዊት እግዚኣብሄር፥ ካብ ኢየሩሳሌምን ካብ ይሁዳን ደገፍን ፅንዓትን፥ ኵሉ ደገፍ እንጀራን ኵሉ ደገፍ ማይን ከወግድ እዩ። ትግርኛ BCV GIZ ናሁ እግዚአብሔር ፀባኦት ያእትት እምኢየሩሳሌም ወእምይሁዳ ጽኑዓነ ወኀያላነ ወጽንዐተ ኀይለ እክል ወኀይለ ማይ፤ giz GAZGAZ Kunoo! Waaqayyo gooftaan maccaa, waan isaan ittiin jiraataniif waan isaan ittiin gargaaraman Yerusaalemii fi Yihudaa ha… Afaan Oromoo BCV aksum እንሆ፥ ጐይታ ሰራዊት እግዚኣብሄር፥ ካብ ኢየሩሳሌምን ካብ ይሁዳን ደገፍን ፅንዓትን፥ ኵሉ ደገፍ እንጀራን ኵሉ ደገፍ ማይን ከወግድ እዩ። ትግርኛ AMHNIV እነሆ፤ ጌታ፣ የሰራዊት ጌታ እግዚአብሔር ከኢየሩሳሌምና ከይሁዳ ድጋፉንና ርዳታውን፣ የምግብና የውሃ ርዳታውን ሁሉ ይነሣል፤ አማርኛ SWAHSUV Kwa maana, tazama, Bwana, Bwana wa majeshi, awaondolea Yerusalemu na Yuda egemeo na tegemeo; tegemeo lote la chakula na… Kiswahili