Isaayaas 1

GAZBIBAfaan Oromoo31 Keeyyattoota5:52 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 5:52 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Mul'anni Isaayaas ilmi Amoz bara Uziyaa, Yotaam, Ahaazii fi Hisqiyaas mootota Yihudaa turanitti waa'ee Yihudaa fi waa'ee Yerusaalemiif arge, kanatti fufee jira;

2Waaqayyo,“Yaa bantiiwwan waaqaa dhaga'aa! Yaa lafaa dhaggeeffadhu! Ani Waaqayyo ilmaan guddifadhee ol isaan nan kaase, isaan garuu ana irratti in ka'an;

3qotiyyoon abbaa isaa, harreenis gorantoo gooftaa isaatii beeka, Israa'el sabni koo garuu hin beeku, kana hin hubatus” jedhee dubbateera.

4Saba cubbamaadhaaf, saba yakki ulfaataan irra jiruuf, sanyii warra hamaa hojjetaniif, warra amalli isaanii manca'eef wayyoo! Isaan Waaqayyoon in dhiisan; Waaqayyo isa qulqulluu isa kan Israa'el in tuffatan, dugdas itti in gatan.

5Mataan keessan guutummaatti madaa'eera, lapheen keessan raawwatee dadhabeera; egaa si'achi eessa akka isin rukutan barbaaddu” Maaliifis diduutti jabaattu”

6Gubbee mataa keessanii jalqabee hamma faana miilla keessaniitti fayyaa miti; guutummaatti rukutamaa, dirmammaa'aa, madaa ho'aa dhas; inni walitti hin deebine, hin hidhamne, dhadhaadhaanis hin sukkuumamne.

7Biyyi keessan in one, mandaroonni keessanis ibiddaan in gubaman; utuma isin ilaaltanii ormi wanta maasii keessan keessatti biqilu in nyaata; biyyi keessan akka waan ormi qabatetti in barbadaa'a;

8Mandarri Xiyoon akka gordomoo iddoo dhaabaa waynii jiruu fi akka godoo iddoo dhaabaa buqqee dheedhii nyaatamu jiru, akka mandara diinni marses in taati.

9Waaqayyo gooftaan maccaa hambaa yartuu ishee utuu nuuf hambisuu dhabaate, akka Sodoom in taana, Gomoraas in fakkaanna turre.

10Isin warri akka bulchitoota Sodoom dubbii Waaqayyoo dhaga'aa! Isin warri akka saba Gomoraa gorsa Waaqayyo keenyaa dhaggeeffadhaa!

11Waaqayyo, “ ‘Baay'inni qalma aarsaa keessan isa gubamuu maal anaaf godha” Ani aarsaa korbeessa hoolaa fi moora horii coccoomoo quufeera, akkasumas immoo dhiiga tuntunoo, dhiiga ilmoo hoolaa fi dhiiga ilmoo reettiitti ani hin gammadu.

12Isin ana duratti yommuu dhi'aattan, oobdii koo akka dhidhiittan eenyutu isin irraa fedha”

13Kennaa waa'ee hin baafne deebitanii hin fidinaa! Ani aarsaa ixaana keessanii ciigga'eera, baatii haaraa, Sanbataa fi walga'ii keessan, jal'inaaf walitti qabamuu keessanis ani obsuu hin danda'u.

14Ayyaannan baatii haaraa keessanii fi ayyaannan keessan warra beekamoo ani nan jibbe; isaan ba'aa anatti ta'aniiru, ani isaan baachuu dadhabeera.

15“ ‘Yommuu isin harka keessan gara kootti bal'iftanii kadhattan, ani immoo gara keessan hin ilaalu; harka keessan keessa dhiigni waan guuteef, kadhata yoo baay'iftan iyyuu ani isiniif hin dhaga'u;

16dhiqadhaa of qulleessaa, hojii keessan isa hamaas ija koo duraa balleessaa, hamaa gochuu dhiisaa!

17Gaarii gochuu baraa! Firdii qajeelaa duukaa bu'aa! Warra nama miidhan ifadhaatii qajeelchaa! Ijoollee abbaan irra hin jirreef faradaa! Haadha hiyyeessaaf falmaa!

18“ ‘Kottaa mee walii wajjin dhugaa in baafnaa cubbuun keessan akka dhiigaa yoo isin diimesse iyyuu, akka cabbii in addaattu; diimaa biluus yoo isin godhe iyyuu, akka jirbii iddamaa adii in taatu.

19Tole jettanii yoo abboomamtan wanta gaarii lafichi baasu in nyaattu;

20diddanii yoo ana irratti kaatan garuu, billaan isin in nyaata” jedhee ani Waaqayyo dubbadheera” jedhe.

21Mandarri ishee amanamtuun attamitti ejjituu taate” Dur firdii qajeelaan ishee keessa guutee ture, qajeelummaanis ishee keessatti in argama ture, amma garuu warra nama ajjeesantu keessa guute;

22meetiin kee udaan sibiilaa in ta'e, dhugaatii kees bishaantu dugda kute;

23gurguddoonni biyyaa kee gara-didoo dha, nyaatii warra hattuu tis; hundumti isaanii gabbarsuu jaallatu, kennaa ari'aniidhuma qabu; ijoollee abbaan irra hin jirreef hin faradan, dhimma haadha hiyyeessaas hin dhaga'aniif.

24Kanaaf Waaqayyo gooftaan maccaa, aango-qabeessi Israa'el, “Egaa ani warra na jibban of irraa nan kuta, diinota koo irrattis ijaa nan ba'a;

25ani si irratti harka koo ol nan fudhadha, akka nama sibiila qulleessutti sin qulleessa, xurii kee hundumaas si keessaa nan baasa.

26Ani abboota firdii kee akka duriitti, warra gorsituus akka yeroo jalqabaatti siif nan deebisa; kana booddee ati mandara qajeelummaan keessa jiruu fi mandara amanamtuu in jedhamta” jedhe.

27Warri ishee keessa jiran gaabbanii gara qajeelummaatti yoo deebi'an, Xiyoon firdii qajeelaadhaan in furamti;

28warri irra-daddarbanii fi warri cubbuu hojjetan garuu walii wajjin in caccabu, warri Waaqayyo irraa deebi'anis in badu;

29qilxuu jalatti hirreefattanii itti gammaddan sanaaf yeella'uuf jirtu, iddoo dhaabaa isa fo'attan sanaafis salphachuuf jirtu;

30isin akka qilxuu baalli isaa harca'ee, akka iddoo dhaabaa bishaan hin qabnees in taatu;

31namni jabaan akka hofaa caccabaa in ta'a, hojiin isaas akka barbadaa ibiddaa ti, lachanuus walii wajjin in boba'u, kan isa dhaamsus hin jiru.

Ibsa

1:1-9

Isaayaas hiikni maqaa isaa 'Fayyina Waaqayyoo' jechuu dha; maqaan kun raajii kanaaf, Yesus Furee keenyaa fi fayyina isaa hedduu waan raajii dubbateef, baay'ee kan ta'u dha.

Ummanni Waaqayyoo ofii isaanii amantoota jedhan jireenya isaanii fi tasgabbii isaanii hunda kunuunsa abbummaa fi gaarummaa Waaqayyoof akka ba'an hin beekne yookaan hin yaanne. Eenyufa'aa haala lubbuu isaaniitti dhimma hin qabne! Wanta amantiin beeknu dhimma itti hin laanne taanaan, beekumsa waan beekuu qabnuu dhabuun nu miidhu caalaa nu miidha.

Jallinni waliigalaa ture. Kun fakkeenya qaama dhukkubsataa fi dadhabaa irraa fudhatame dha. Dhukkubni sun du'aan kan akeeku ture. Miillaan achi irraa hamma mataatti; qotee bulaa salphaa irraa hamma gooftaa guddaatti, wal qixxummaan, seera gaariin, yookaan amantiin hin jiru, sababiin isaa kun fayyaa lubbuuti. Wanti jiru balleessaa fi manca'uu qofa; bu'aa gaddisiisaa kufaatii Addaamiiti. Caqasni kun manca'uu guutummaa (total depravity) uumama namaa ibsa. Cubbuun yoo hin qalbii diddiiranne, madaawwan kana fayyisuuf yookaan bu'aa du'aa fidu ittisuuf homaa hin hojjetamu.

Yerusaalem, akkuma daasii yookaan gorjoo ijaarsa firii bilchaatu eeguuf ijaarame, banaa fi tikfamaa hin turre. Kunniin Baha biyyaatti ammas ni argamu, achitti firiiwwan nyaata gannaa ummataa keessaa kutaa guddaa qabatu. Haa ta'u malee, Waaqayyo Yerusaalemitti hambaa tajaajiltoota isaa qulqullotaa muraasa qaba ture. Nuti hin dhumeef sababni, araara Waaqayyoo dha. Amalli hamaan nama hunda keessa jira; Yesus fi Hafuurri isaa kan qulqulleessu (qulqullina gochuun) qofatu gara fayyaa hafuuraatti nu deebisu danda'a.

1:10-15 Yihudaan ongee ture, magaalonni isaaniis gubatanii turan. Kunis akka isaan aarsaa fi kennaa fidan isaan kakaase, akkasumas akka adabbii irraa isaan kaasuuf, cubbuu isaanii keessa akka jiraatan eeyyamaaf Waaqayyoon bitatanitti.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG በይሁዳ ነገሥታት በዖዝያንና በኢዮአታም በአካዝና በሕዝቅያስ ዘመን ስለ ይሁዳና ስለ ኢየሩሳሌም ያየው የአሞጽ ልጅ የኢሳይያስ ራእይ። አማርኛ ENGNIV The vision concerning Judah and Jerusalem that Isaiah son of Amoz saw during the reigns of Uzziah, Jotham, Ahaz and Hez… English BCV ብነገስታት ይሁዳ ብዖዝያንን ኢዮኣታምን ብኣካዝን፥ ብዘመን ሕዝቅያስን፥ ወዲ ኣሞፅ ኢሳይያስ ብዛዕባ ይሁዳን ኢየሩሳሌምን ዝረአዮ ራእይ። ትግርኛ BCV GIZ ራእይ ዘርእየ ኢሳይያስ ወልደ አምጽ ዘርእየ በእንተ ይሁዳ ወበእንተ ኢየሩሳሴም በመንግሥተ ዖዝያን ወኢዮአታም፤ ወአካዝ ወሕዝቅያስ እለ ነግሡ በይሁዳ። giz GAZGAZ Mul'anni Isaayaas ilmi Amoz bara Uziyaa, Yotaam, Ahaazii fi Hisqiyaas mootota Yihudaa turanitti waa'ee Yihudaa fi waa'e… Afaan Oromoo BCV aksum ብነገስታት ይሁዳ ብዖዝያንን ኢዮኣታምን ብኣካዝን፥ ብዘመን ሕዝቅያስን፥ ወዲ ኣሞፅ ኢሳይያስ ብዛዕባ ይሁዳን ኢየሩሳሌምን ዝረአዮ ራእይ። ትግርኛ AMHNIV በይሁዳ ነገሥታት በዖዝያን፣ በኢዮአታም፣ በአካዝና በሕዝቅያስ ዘመን፣ የአሞጽ ልጅ ኢሳይያስ ስለ ይሁዳና ስለ ኢየሩሳሌም ያየው ራእይ፤ አማርኛ SWAHSUV Haya ni maono ya Isaya, mwana wa Amozi, aliyoyaona katika habari za Yuda na Yerusalemu, siku za Uzia na Yothamu na Ahaz… Kiswahili