Isaayaas 18

GAZGAZAfaan Oromoo7 Keeyyattoota2:15 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 2:15 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Biyya sagaleen markabaa itti baay'atu, isa lagoota Kuush gama jiruuf wayyoo!

2Biyyichi ergamoota isaa galaana irra, bidiruu dhallaadduu irraa hojjetameenis bishaan Abbayyaa irra in erga; isin ergamoonni ariifattanii adeemtan, gara saba dhedheeroo fi cuccululuqoo, gara saba fagootti, dhi'oottis sodaatamanii, gara saba aangoo isaatiin mo'uu, gara warra biyyi isaanii lagootaan gargar hiramee dhaqaa!

3Isin warri lafa irra jiraattan, biyyi lafaas hundinuu, faajjiin gaarota irra yommuu dhaabamu in argitu, fiinoon yommuu afuufamus in dhageessu.

4Waaqayyo anatti dubbatee, “Ani iddoo taa'umsa kootiitii, ifa ho'a aduu calaqqisu keessaan, duumessa yeroo makarii jiidha baatee adeemu keessaanis, cal jedhee gad nan ilaala” jedhe.

5Mukti waynii daraaraa yommuu buufatu, yeroon makarii utuu hin ga'in, iji isaas utuu hin bilchaatin, haaduudhaan hiddi isaa irraa in cirama, dameen isaas irraa kukkutamee in balleeffama.

6Diinonnis akkasuma ciramanii, allaattii raqaa warra tulluu irra jiraniif in kennamu; bineensotaafis soora in ta'u, allaattiin raqaa isaaniin bona in ba'a, bineensonnis isaaniin gana in ba'u.

7Gaafas sabni inni dhedheeraanii fi cuccululuqaan, sabni fagootti, dhi'oottis sodaatamu, sabni aangoo isaatiin mo'e, biyyi isaa lagootaan gargar hirame, iddoo maqaa Waaqayyo gooftaa maccaatiin beekametti, gara tulluu Xiyoonitti, gooftichaaf kennaa in fida.

Ibsa

18:1-7 Waaqayyo saba isaa kunuunsaa fi Waldaan Kiristaanaa babal'achuu isii.

Boqonnaan kun Caaffata Qulqullaa'aa keessaa isa hubachuun rakkisaa ta'e keessaa tokko dha; garuu nu amma jiraannu caalaa warra jalqabaaf barreeffameef hubatameera ta'a. Ergamaan ariifataa bishaanirraan saba Qophii Waaqayyootiin mallatteeffameef, kan safaramee fi miilaan irra ejjetameef ergaman. Sabni Waaqayyoo miilaan irra ejjetamu; garuu namni isaan liqimsuu yaalu kamiyyuu isaan gadi buufamanis, hin dhiifamne, hin balleeffamne ta'uu isaa hubata. Jiraataan lafaa hundinuu sochii Qophii Waaqayyoo ilaaluu qaba, akkasumas kallattii fedha Waaqayyoo eeguu qaba. Waaqayyo raajii isaatiif mirkaneeffannaa kenna, akkasumas isa irraan saba isaatiif kennamuu qaba. Xiyoon boqonnaa isaa bara baraati, akkasumas isii kunuunsa.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6