1Kun dubbii Waaqayyoo isa bara Uziyaa, Yotaam, Ahaaz, Hisqiyaasis tarreetti biyya Yihudaa irratti mo'anii, Yerobi'aam ilmi Yeho'aash immoo biyya Israa'el irratti mo'etti, gara Hose'a ilma Beriit dhufee dha.
2Waaqayyo dura karaa Hose'a yeroo dubbatetti, Hose'aadhaan,“Biyyichi Waaqayyoon dhiisuu isaatiin ejja guddaa keessa lixeera; kanaaf dhaqi, dubartii ejjituu fuudhi, ijoollee ejjaas godhadhu!” jedhe.
3Kana irratti inni dhaqee Gomeerin intala Diiblaayim fuudhe; isheen ulfooftee ilma in deesseef.
4Yommus Waaqayyo, “ ‘Yizre'el” jedhii moggaasi! Yeroo gabaabduu booddee sababii dhiiga Yizre'elitti dhangala'eef mana Yehuu nan adaba; mootummaan Israa'elis kanumaan akka raawwatu nan godha.
5Gaafas ani dachaa Yizre'el keessatti humna warra Israa'el nan cabsa” jedheen.
6Gomeer ammas ulfooftee, durba in deesse; Waaqayyo immoo Hose'aadhaan,“Ani si'achi mana Israa'eliif cubbuu isaanii isaaniif dhiisuuf matumaa oo'a hin argisiisu, kanaaf“Lo-Ruhaamaa” jedhii maqaa moggaasi! [Hiikaan isaas “Oo'a hin arganne” jechuu dha].
7Mana Yihudaatti garuu oo'a nan argisiisa, isaan nan oolchas; iddaadhaan yookiis billaadhaan yookiis lolaan yookiis fardeenii fi abboota fardeeniin utuu hin ta'in, ani Waaqayyo gooftaan isaanii harka kootiin isaan nan oolcha” jedhe.
8Gomeer erga “Lo-Ruhaamaa” harma guuftee, ulfooftee ilma in deesse.
9Waaqayyo yommus Hose'aadhaan, “ ‘Lo-Amii” jedhii moggaasi, isinoo saba koo miti, anis Waaqayyo keessan miti” jedhe. [“Lo-Amii” jechuun “Saba koo miti” jechuu dha].