Ibraa'oota 2

GAZBIBAfaan Oromoo18 Keeyyattoota3:52 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 3:52 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Kanaafis nuyi karaa irraa akka hin gorreef, dubbii isa dhageenye kana caalchifnee yaadaan duukaa bu'uun in barbaachisa.

2Dubbiin ergamoota Waaqayyootiin dubbatamee fudhatamaa ta'e, namni isa irra daddarbe yookiis namni isaaf dhaga'uu dide hundinuus adaba isaaf ta'u in argate.

3Yoos immoo nuyi fayyina guddaa akkasii isa gooftaan ofii isaatii jalqabatti dubbate tuffannee, attamitti isa jalaa baana ree? Warri isa dhaga'an immoo dubbii kana nuuf cimsaniiru.

4Kana irrattis Waaqayyo ofii isaatii milikkitaa fi wanta dinqisiisaa karaa garaa garaas hojii aangoo hojjechuudhaan, akka jaalala isaatti kennaa hafuura qulqulluu hiruudhaan, duukaa bu'ee dhugaa ta'uu isaa mul'iseera.

5Waaqayyo biyya lafaa isa dhufuuf jiru, isa nuyi waa'ee isaa dubbannu harka ergamootaa jala hin galchine.

6Inni caaffata qulqullaa'aa keessaa iddoo tokkotti dhugaa ba'ee, ?Yaa Waaqayyo, namni maali, akka isa yaadattuuf? Yookiis ilmi namaa maali, akka isaaf dhimmituuf?

7Yeroo gabaabaadhaaf ergamootaa gad isa goote, gonfoo guddinaa fi ulfinaa mataa isaa irra keesse;

8wanta hundumaa miillan isaa jala galchite? in jedha. Waaqayyo wanta hundumaa harka isaa jala yommuu galche, waan tokko illee isa jala utuu hin galchin hin hambifne; garuu amma illee wanti hundinuu harka isaa jala galuu isaa hin arginu.

9Haa ta'u iyyuu malee, isa yeroo gabaabaadhaaf ergamootaa gad ta'ee, dhiphatee du'uu isaatiin, amma gonfoo guddinaa fi ulfinaa mataa isaa irra kaa'ate, Yesusin in argina; kunis ayyaana Waaqayyootiin inni nama hundumaaf du'a miyeeffate akka ilaaluuf ta'e.

10Waaqayyo inni wanti hundinuu maqaa isaaf, isaanis jiraatu, ilmaan baay'ee gara ulfinaatti geessuudhaaf akeekeera; kanaafis isa fayyina isaaniitiif sababii ta'eef sana, dhiphinaan, geggeessaa waan hundumaa fiixaan baasuu gochuun hojii isaa ture.

11Egaa inni qulqulleessu warri qulqulleeffamanis hundinuu kanuma abbaa tokkoo ti; sababii kanaaf inni qulqulleessu sun ?Obboloota koo? jedhee isaan waamuu hin yeella'u.

12Inni, ?Obboloota kootti maqaa kee nan beeksisa, waldaa keessattis sin faarfadha? jedheera.

13Dabalee immoo, ?Ani isa nan amanadha?; akkasuma immoo, ?Kunoo ani asan jira, ijoollonni Waaqayyo anaaf kennes as jiru? jedheera.

14Ijoollonni kun foonii fi dhiiga akkuma ta'an, inni ?Obboloota koo? jedhee isaan waamu kunis akkuma isaanii ta'e; du'a isaatiin Seexana isa humna du'aa qabu balleessuudhaaf nama ta'e.

15Warra du'a sodaachuudhaan bara isaanii guutuu garbummaa jala jiraatan hundumaa birmaduu baase.

16Innoo ergamootaaf utuu hin ta'in, sanyii Abrahaamiif in dhimma.

17Kanaafis inni fuula Waaqayyoo duratti angafa lubootaa isa oo'a-qabeessaa fi amanamaa ta'uudhaaf, namoota dhiifamuu cubbuu argachiisuudhaaf, karaa hundumaa obboloota isaa fakkaachuu isa barbaachise.

18Inni waan ofii isaatii dhiphatee qoramee arge keessatti, warra qoramni itti dhufu gargaaruu in danda'a.

Ibsa

2:1-4

Kiristoos ergamoota caalaa ol'aanaa ta'uun Isaa mirkanaa'ee waan jiruuf, barumsi kun hojiirra oola. Sammuun keenyaafi yaadannoon keenya akkuma meeshaa bishaan gad dhiisuuti; kunis, eeggannoo guddaan malee, wanta keessa naqame hin qabatan. Kunis kan dhufe manca'ina uumama keenyaa, qoramoota, yaaddoo addunyaa fi fedhiiwwan addunyaa irraati. Wangeela irratti cubbuu hojjechuun oolmaa guddaa kana dagachuudha; kunis ayyaana fayyisaa Waaqayyoo isa Kiristoos keessa jirutti salphatti ilaaluudha, isaaf hin yaaduu, akkasumas gatii ayyaana wangeelaa yookiin dhabamuu isaa fi haala keenya isa isaan malee jigu hin ilaaluudha. Murtiiwwan Gooftaa yeroo wangeelaa keessatti caalatti kanneen hafuuraati, garuu sababuma kanaaf caalaatti sodaachisaadha. Asitti gara qalbii cubbamootaa iyyannoon taasifameera. Dagdiiwwan gartokkees ta'an deebii irraa hin baqatan; isaan yeroo baay'ee lubbuu garmalee hin balleessine irratti dukkana fidu.

Wangeelli lallabamuun isaa warra Kiristoos dhaga'anittiin, lallabdoota wangeelaa fi ergamootaan — kanneen Yesus Kiristoos hojjechuufi barsiisuu jalqabeef ragaa turan — akkasumas kennaa Hafuura Qulqulluutiin, hojii itti waamamaniif dandeessifamanittiin itti fufee mirkanaa'e. Kun hundi fedha Waaqayyoo isa mataa isaa wajjin wal simuun ta'e. Fedha Waaqayyoo ture akka amantii keenyaaf bu'uura cimaa qabaannu, akkasumas wangeela fudhachuudhaan abdii keenyaaf hundee jabaa qabaannuuf. Wanta tokkicha barbaachisaa kana haa hubannu, akkasumas Caaffata Qulqullaa'oo, kanneen warra dubbii Gooftaa keenya isa ayyaanaa qabeessa dhaga'aniin barreeffaman, fi Hafuura Isaatiin geggeeffamaniin, haa hordofnu; yeroo sana qooda gaarii isa nurraa hin fudhatamneen ni eebbifamna.

2:5-9 Haala amma waldaan keessa jirtuufis ta’ee, haala isheen guutummaatti deebifamtee hundeeffamtuuf, yeroo bulchaan addunyaa kanaa gad baafamu, akkasumas mootummoonni lafaa mootummaa Kiristoos ta’anitti, bulchiinsa ergamootaaf hin dhiifamne: Kiristoos humna isaa guddaa fudhatee in mo'a. Waaqayyo Kiristoosiin namaaf kennuudhaan gaarummaa isaa hunda kan argisiise, sababni isaa inni guddaan maalidha? Innis ayyaana Waaqayyooti.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6