Hezeqeel 42

GAZBIBAfaan Oromoo20 Keeyyattoota4:38 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 4:38 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Kana booddee namichi gara bitaatti gad na baasee oobdii isa gara duubaatti na fidee, kutaa manaa isa fuullee oobdii mana qulqullummaa fi fuullee ijaarsa isa gara bitaa sanaatti na geesse.

2Dheerinni ijaarsa sanaa karaa fuul duraa dhundhuma dhibba tokko, bal'inni isaa karaa balbala gara bitaatiin dhundhuma shantama ture.

3Isa dhundhuma digdamaa gamaan gara oobdii isa keessaatti, fuullee buusaa dhagaa gara oobdii isa duubaatti seqqoo sadanuutti golee xixinnoon walitti gara gaggalanii jiru.

4Fuula kutaawwan manaa dura karaan gara keessaatti dabarsu, dhundhuma kudhan bal'atee dhundhuma dhibba tokko dheeratu tokko ture; balbaloonni kutaawwan mana sanaa gara bitaatti in ba'u turan.

5Ijaarsa sana keessatti golee xixinnoon, kutaawwan manaa warra gara gadii fi warra gidduu caalaa warra gara olii irraa iddoo waan kukkutaniif, kutaawwan manaa warri gara olii jiran dhidhiphoo ta'an.

6Kutaawwan manaa warri seqqoo sadaffaa irraa akka oobdii isa gara duubaa utuboota hin qaban; kanaaf keessi kutaawwan sanaa kan warra gara gadii fi kan warra gidduu caalaa in xixxinaatu.

7Keenyan tokko immoo karaa bakkee kutaawwan manaa fi oobdii gara duubaa sana maddiidhaan ture; innis kutaawwan manaa sana fuula duraan dhundhuma shantama in dheerata.

8Dheerinni kutaawwan manaa warri oobdii isa gara duubaatti aanan, bukkee sanaan dhundhuma shantama yommuu ta'u, dheerinni kan warra bukkee gara mana qulqullummaatti dhi'aatanii immoo dhundhuma dhibba tokko ta'a.

9Karaa namni oobdii isa gara duubaatiin ol lixuun, kutaawwan manaa warri gad aanan gara lixa-biiftuutiin balbala tokko qabu.

10Karaa gara ba'a-biiftuu dheerina keenyan oobdii isa gara duubaa oobdii mana qulqullummaatti aananii, fuullee keenyan isa duubaa sanaan kutaawwan manaa turan.

11Fuula isaanii dura karaan keessa darban jira; kutaawwan manaa kun akkuma kutaawwan manaa warra gara bitaa jiranii ti; dheerinni isaanii, bal'inni isaanii, karaan gad ba'an, akki isaan itti ijaaraman, balbaloonni isaaniis waluma fakkaatu.

12Balbaloonni kutaawwan manaa warra gara mirgaa immoo, jalqaba karaa keessa darban isa keenyan sana dura qajeelee gara ba'a-biiftuutti geessu gamni tokkoon karra kutaa manaa sanatti nama galchu tokko qabu.

13Namichi anatti dubbatee,“Kutaawwan manaa warri gara bitaa fi warri gara mirgaa warri fuullee oobdii jiran sun kutaawwan manaa qulqullaa'oo dha; luboonni warri gara Waaqayyootti dhi'aatan kennaa wanta hundumaa irra qulqullaa'aa ta'e achitti in nyaatu; iddoon sun qulqullaa'aa waan ta'eefis, kennaa wanta hundumaa irra qulqullaa'aa ta'e, kennaa midhaanii, aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatu, aarsaa sababii yakkaatiif dhi'aatus achi in kaa'u.

14Luboonni iddoo qulqullaa'aa yommuu lixan uffanni isaan ittiin achi keessatti hojjetan qulqullaa'aa waan ta'eef, uffaticha of irraa baasanii utuu hin kaa'in, achi keessaa gara oobdii isa alaatti gad hin ba'in; isaan gara iddoo namoota warra kaaniitti utuu gad hin ba'in, uffata kan biraa uffachuun isaan irra jira” jedhe.

15Namichi manicha qulqullummaa karaa keessaa safaree erga fixee, karaa karra isa gara ba'a-biiftuutti gara galuu gad na baasee, naannoo sanas in safare.

16Inni cinaacha isaa gara ba'a-biiftuutiin ulee safaraa sana dhibba shan in safare.

17Akkasumas gara galee gara bitaatiin ulee safaraa sana dhibba shan in safare.

18Kana booddees gara galee gara mirgaatiin dhundhuma dhibba shan ulee safaraatiin in safare.

19Booddee immoo gara gara lixa-biiftuutiin gara galee ulee safaraa sana dhibba shan in safare.

20Akkasitti naannoo sana gara arfanuutiin in safare; iddoon sun isa qulqullaa'aa isa hin qulqullaa'inittii gargar baasuudhaaf naanna'ee dallaa dheerinni isaa dhundhuma dhibba shanii, bal'inni isaas dhundhuma dhibba shanii qaba ture.

Ibsa

42:1-20 Boqonnaa kana keessatti kutaan lubootaa, faayidaan isaanii fi akkaataa safara tulluu qulqulluu kan irratti mana qulqullummaa dhaabate ture addeeffamaniiru. Kutaawwan kunneen baay’ee turan. Yesus akkas jedheera: “Mana Abbaa koo keessa iddoon jiraattotaa baay’eetu jira.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG በውጭም አደባባይ በሰሜኑ መንገድ አወጣኝ፥ በልዩውም ስፍራ አንጻርና በሰሜን በኩል ባለው ግቢ ፊት ለፊት ወዳለው ዕቃ ቤት አገባኝ። አማርኛ ENGNIV Then the man led me northward into the outer court and brought me to the rooms opposite the temple courtyard and opposi… English BCV ድሕሪዙይ ንሱ ናብቲ ናብ ሰሜን ዘብል መንገዲ ናብ ወፃኢ ዓፀድ ኣውፅአኒ፤ ናብቲ ኣብ ቅድሚ እቲ ጥራሑ ዘሎ ቦታን፥ ኣብ ግምባር እቲ ናብ ሰሜን ዝርኢ ህንፃን፥ ዘሎ ኽፍሊ ቤት ከዓ ኣእተወኒ። ትግርኛ BCV GIZ ወአውጽአኒ ውስተ ዓፀድ ጸናፊ፡ ወወሰደኒ ፍኖተ ሰሜን፡ ወአብአኒ ውስተ ኤስኬዴሬ ዘቅድመ ኦጶሊጱ ወዘቅድመ ደሪዞን ኀበ ሰሜን። giz GAZGAZ Kana booddee namichi gara bitaatti gad na baasee oobdii isa gara duubaatti na fidee, kutaa manaa isa fuullee oobdii man… Afaan Oromoo BCV aksum ድሕሪዙይ ንሱ ናብቲ ናብ ሰሜን ዘብል መንገዲ ናብ ወፃኢ ዓፀድ ኣውፅአኒ፤ ናብቲ ኣብ ቅድሚ እቲ ጥራሑ ዘሎ ቦታን፥ ኣብ ግምባር እቲ ናብ ሰሜን ዝርኢ ህንፃን፥ ዘሎ ኽፍሊ ቤት ከዓ ኣእተወኒ። ትግርኛ AMHNIV ከዚያም ያ ሰው በሰሜን በኩል ወዳለው ወደ ውጩ አደባባይ በማምጣት፣ በቤተ መቅደሱ አደባባይ ትይዩና በሰሜን በኩል ባለው ግንብ ትይዩ ወደ አሉት ክፍሎች አመጣኝ። አማርኛ SWAHSUV Ndipo akanileta mpaka ua wa nje, njia ya kuelekea upande wa kaskazini; akaniingiza katika chumba kilichopakabili mahali… Kiswahili