Hezeqeel 1

GAZBIBAfaan Oromoo28 Keeyyattoota6:28 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 6:28 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Waggaa soddommaffaatti, ji'a afuraffaatti, ji'icha keessaa guyyaa shanaffaatti, laga Kebaar bukkee warra booji'aman gidduu utuun jiruu, bantiin waaqaa banamee, ani Hisqi'el mul'ata Waaqayyoo nan arge.

2Ji'icha keessaa guyyaa shanaffaatti, kana jechuunis Yehoyaakiin mootichi erga booji'amee waggaa shanaffaa isaatti,

3dubbiin Waaqayyoo laga Kebaar bukkeetti biyya Baabilonitti gara koo gara Hisqi'el lubichaa ilma Buzii in dhufe; achittis harki Waaqayyoo ana irra ture.

4Kunoo, ani bubbee gara bitaatii dhufu, duumessa ulfaataa, ibidda boba'u, ifa naannoo isaatti ifus nan arge; gidduun ibiddichaas akka sibiila borrajjii in calaqqisa ture;

5ibiddicha gidduus wanta lubbuu qabu kan fakkaatu afurtu ture, bifni isaanii immoo bifa namaa in fakkaata;

6garuu tokkon tokkon isaanii fuula afurii fi qoochoo afur qabu;

7miilli isaaniis qajeelaa dha, faanni miilla isaaniis akka kottee jabbii ti, akka sibiila borrajjii isa qulleeffamees in calaqqisa ture.

8Qoochoowwan isaanii jalaa karaa afuriin harka harka namaa fakkaatu qabu turan; wanti lubbuu qaban kun arfanis fuula, qoochoos qabu;

9qoochoowwan isaaniis wal in qaqqabu turan; isaanis adduma addaan gara fuula duraatti qajeelanii adeeman malee, gar tokkotti iyyuu hin jal'anne.

10Fuulli isaanii akka kanatti fufee jiru fakkaata; fuula isaanii duraan hundumti isaanii fuula namaa fakkaatu; arfanuun isaanii gara mirgaa isaaniitiin fuula fuula leencaa fakkaatu qabu; arfanuun isaanii gara bitaatiin fuula fuula qotiyyoo fakkaatu qabu; arfanuun isaanii gara dugda duubaatiin fuula fuula joobiraa fakkaatu qabu.

11Fuulli isaanii akkana ture, qoochoowwan isaanii ol ka'anii jiru, tokkon tokkon isaanii qoochoo lama lama qabu; qoochoon isa tokkoo karaa lachuu qoochoo isa kaanii in qaqqaba; qoochoon lama dhagna isaa golbooba ture;

12isaanis adduma addaan gara fuula duraatti qajeelanii adeeman; yommuu adeemanis utuu hin gara galin garuma hafuurri itti adeemutti in adeemu turan;

13fakkeenyi isaanii wanta lubbuu qaban in fakkaata, bifni isaaniis akka barbadaa ibiddaa yookiis akka guca boba'uu isa asii fi achi sosocho'uu ture; ibiddi sunis ifaa dha, isa keessaas bakakaan in ba'e;

14wanti lubbuu qaban sunis akka ifa bakakaa asii fi achi in fiigan.

15Ani wanta lubbuu qaban sana yommuun ilaale, geengoo tokko lafatti wanta lubbuu qabanii fi fuula afur qaban arfan sana bukkeetti nan arge;

16bifni geengoowwan sanaa fi akki isaan itti hojjetaman akka kana in fakkaata; bifni isaanii akka dhagaa gati-jabeessa isa “Krisoliixos” jedhamuu in calaqqisa ture; arfanuun isaaniis wal fakkaatu turan, akka waan wal keessa lixanii jiraniittis hojjetaman;

17yommuu adeemanis gara wanti lubbuu qaban sun arfan itti gara galan hundumaatti adeemu malee, of irra gara hin galan turan;

18baattuun geengoowwan sanaas ol jedhaa dhaa fi sodaachisaa dha, naannoon baattuu sana arfanuus ija ofittii qabu.

19Yommuu wanti lubbuu qaban sun adeeman, geengoowwan sunis isaan bukkee in adeeman; yommuu wanti lubbuu qaban sun lafaa ka'an, geengoowwan sunis lafaa in ka'an.

20Isaanis garuma hafuurri itti adeemutti adeeman; hafuurri wanta lubbuu qaban sanaa geengoowwan sana keessa waan jiruuf, geengoowwan sun isaanuma duukaa ka'anii adeeman;

21hafuurri wanta lubbuu qaban sanaa geengoowwan sana keessa waan jiruuf, isaan sun yommuu adeeman, isaan kunis in adeemu; isaan sun yommuu lafaa ka'an, isaan kunis isaanii wajjin lafaa in ka'u.

22Mataa wanta lubbuu qabanii sana gara irraas bantiin akka waciitii bifni isaa cabbii nama sodaachisu fakkaatu rarra'ee jira;

23qoochoowwan isaanii bantii akka waciitii sana jalaan gara walii walii isaaniitti diriirfamanii jiru; tokkon tokkon isaaniis qoochoo dhagna isaanii ittiin golboobbatan lama lama qabu;

24ani yommuu isaan adeeman, sagaleen qoochoowwan isaanii akka galaana huursuu, akka sagalee Waaqayyo isa hundumaa danda'uu, akka sagalee adeemsa warra loltuus kan fakkaatu nan dhaga'e; yeroo cal jedhanii dhaabatan immoo qoochoowwan isaanii gad deebifatanii in dhaabatu.

25Isaanis qoochoowwan isaanii akkuma gad qabanii jiranitti bantii akka waciitii isa isaan gara irraa jiru keessaa sagaleen tokko in dhufe.

26Bantii akka waciitii isa isaan gara irraa jiru keessas wanti akka teessoo Safiiros irraa hojjetame fakkaatu tokko ture; wanta akka teessoo sana gara irraadhaanis bifni bifa namaa fakkaatu tokko ture;

27isa mudhii isaa fakkaatu sanaa jalqabee gara oliitti wanti akka sibiila borrajjii calaqqisu, bifni isaas bifa ibiddaa fakkaatu, isatti naanna'ee jira ture; isa mudhii isaa fakkaatu sanaa jalqabee gara gaddiitti immoo ibidda kan fakkaatuu fi ifni calaqqisaan isatti naanna'ee akka jiru nan arge;

28inni naannoo isaatii calaqqisus akka sabbanni Waaqayyoo yeroo bokkaan roobu duumessa keessatti mul'atuutti in mul'ata ture. Kun egaa mul'achuu fakkeenya ulfina Waaqayyoo ti; yommuun kana arges adda kootiin nan gombifame, fuulaan lafatti nan kufe, sagalee isa dubbatuus nan dhaga'e.

Ibsa

Ezekiel 1:1-14

1:1-14 Dubbii Waaqayyoo nu bira ga'uun Isaa araara dha; yeroo rakkoo keessa jirru ammoo, guutummaatti xiyyeeffannaa kennuun dirqama keenya dha. Sagaleen Waaqayyoo ifaafi humna guutuudhaan, Hafuura Qulqulluudhaan dhufe. Mul'anni kun, sammuu raajichaa yaada Waaqayyoo isa guddaafi ol'aanaadhaan guutuuf, cubbamootarratti sodaa uumuuf, akkasumas warra Waaqayyoon sodaataniifi of gad deebisaniif jajjabina dubbachuuf kan ergame fakkaata. Keeyyata 4-14 keessatti, mul'aticha kutaan jalqabaa jira, inni Waaqayyo ergamoota baay'eedhaan deggerameefi tajaajilamu, kanneen hundinuu ergamtoota Isaa, tajaajiltoota Isaa, ajajawwan Isaa raawwatani dha jedhee agarsiisa. Mul'anni kun sammuurratti sodaa guddaafi dheekkamsa Waaqummaa uuma, ta'us garuu, eebbaaf abdiis ni kaasa. Ibiddichi ulfinadhaan marfameera. Qorannoodhaan Waaqayyoon guutummaatti hubachuu hin dandeenye iyyuu, ifa isa naannoo isaa jiru ni argina. Fakkeenyi lubbu qabeeyyii ibidda gidduudhaa ba'e; ergamoonni jiraatinnasaaniifi humna isaanii Waaqayyoo irraa argatu. Hubannoo namaa qabu, kana caalaas hedduu. Leenci humnaafi ija jabummaa keessatti ni caala. Loon immoo, ciminaafi obsa keessatti, akkasumas hojii isaa dadhabbii malee raawwachuu keessatti ni caala. Risoon saffisaafi ija qara qabuun, akkasumas ol ka'ee balali'uu keessatti ni caala; ergamoonnis, kallattiiwwan kanneen hundaan nama caalu, fakkeenya kana qabatu. Ergamoonni koochoo qabu; hojii Waaqayyo itti isaan ergu kamirrattiyyuu yeroo hin qisaasessan. Isaan sirrii, jabaafi dhaabbataa turan. Isaan koochoo sochii qofa otoo hin taane, harkas hojii qabu. Namoonni baay'een saffisoo dha, garuu hin hojjetan; ni saxaxu, garuu hojii bu'aa qabeessa homaa hin hojjetan; koochoo qabu, garuu harkaa hin qaban. Haa ta'u malee, koochoon ergamootaa bakka kamittiyyuu isaan geessus, harkas isaan waliin geessu, akkasitti dirqama eegamu raawwatu. Tajaajila kamittiyyuu yoo deeman, tokkoon tokkoonsaanii kallattii sirriidhaan deeman. Yeroo sirriitti deemnu, gara fuulduraatti deemna; yeroo Waaqayyoon garaa tokkoon tajaajillu, hojii ni raawwanna. Yeroo deeman hin garagalle. Dogoggora hin raawwanne; hojiin isaaniis irra deebi'amee hojjetamuu hin barbaachifne. Hojii isaaniitii hin garagalle, waan tokkoon taphachuuf jedhanii. Bakka Hafuurri Waaqayyoo isaan deemaa jedhu deeman. Raajichi lubbu qabeeyyii kana ifa isaaniitiin arge, fakkeenyi isaanii akkuma dhukkee ibiddaa gubataa waan tureef; isaan seraafim, yookiin gubattota (ibdii) dha; kunis jaalala Waaqayyoodhaaf qabaniifi tajaajila Isaa keessatti cimina isaanii argisiisa.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG በሠላሳኛው ዓመት በአራተኛው ወር ከወሩም በአምስተኛው ቀን በኮቦር ወንዝ በምርኮኞች መካከል ሳለሁ ሰማያት ተከፈቱ፥ የእግዚአብሔርንም ራእይ አየሁ። አማርኛ ENGNIV In the thirtieth year, in the fourth month on the fifth day, while I was among the exiles by the Kebar River, the heave… English BCV ኮነ ድማ፥ ኣብ መበል ሰላሳ ዓመት፥ ኣብታ ራብዐይቲ ወርሒ፥ ካብታ ወርሒ ድማ ኣብ ሓምሸይቲ መዓልቲ፥ ኣብ ሩባ ኮቦር ኣብ ማእኸል እቶም ምሩኻት እንተለኹ፥ ሰማያት ተኸፈቱ፤ ራእይ እግዚኣብሄ… ትግርኛ BCV GIZ ወኮነ አመ ሠላሳ ክረምት በራብዕ ወርኅ በኃምስ ሠርቀ ወሀሎኩ ማእከለ ፄዋ በፈለገ ኮቦር ተርኅዉ ሰማያት ወርኢኩ ራእየ እግዚአብሔር። giz GAZGAZ Waggaa soddommaffaatti, ji'a afuraffaatti, ji'icha keessaa guyyaa shanaffaatti, laga Kebaar bukkee warra booji'aman gid… Afaan Oromoo BCV aksum ኮነ ድማ፥ ኣብ መበል ሰላሳ ዓመት፥ ኣብታ ራብዐይቲ ወርሒ፥ ካብታ ወርሒ ድማ ኣብ ሓምሸይቲ መዓልቲ፥ ኣብ ሩባ ኮቦር ኣብ ማእኸል እቶም ምሩኻት እንተለኹ፥ ሰማያት ተኸፈቱ፤ ራእይ እግዚኣብሄ… ትግርኛ AMHNIV በሠላሳኛው ዓመት፣ በአራተኛው ወር፣ በአምስተኛው ቀን፣ በኮቦር ወንዝ አጠገብ በምርኮኞች መካከል ሳለሁ፣ ሰማያት ተከፈቱ፤ እኔም የእግዚአብሔርን ራእይ አየሁ። አማርኛ SWAHSUV Ikawa katika mwaka wa thelathini, mwezi wa nne, siku ya tano ya mwezi, nilipokuwa pamoja na watu waliohamishwa, karibu … Kiswahili