Hezeqeel 19

GAZGAZAfaan Oromoo14 Keeyyattoota3:05 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 3:05 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Amma ati gurguddoota Israa'eliif wawwaadhu!

2“Haati kee leencota keessaa, leenca dhalaa attamii turte! Isheen leencota warra saafela gidduu ciiftee, ilmoolee ishee in guddifatti turte;

3isheen ilmoolee ishee keessaa isa tokko in guddifte, innis leenca saafela ta'ee, adamsee qabachuu in bare, namas in nyaate;

4sabni lafa irraa waa'ee isaa in dhaga'an; inni boolla isaanii keessatti in qabame, isaanis hidhanii biyya Gibxiitti isa geessan.

5“Isheenis eegdee abdii akka hin qabne yommuu argite, ilmoolee ishee keessaa tokko fuutee guddifattee, leenca saafela isa goote;

6innis leencotaa wajjin asii fi achi in adeeme, leenca saafelas in ta'e; adamsee qabachuu in bare, namas in nyaate.

7Inni manneetii mootummaa isaanii in caccabse, mandaroota isaaniis in onse; biyyichii fi warri biyyicha keessa jiran hundinuu, sagalee aadnaa isaa dhaga'anii in golgolaa'an.

8Sabni lafa irraa karaa jiru isa irratti in ka'an, kiyyoo isaanii isa duratti in diriirsan, innis boolla isaanii keessatti in qabame;

9isaanis isa hidhanii godoo sibiilaa keessa kaa'anii, mootii Baabilonitti isa geessan; sagaleen isaa tulloota Israa'el irratti deebi'ee akka hin dhaga'amnettis, iddoo inni itti hidhamee eegamu keessa isa buusan.

10“Haati kee akka muka waynii isa iddoo dhaabaa keessaa, akka isa bishaan qarqara dhaabatee, bishaan baay'ee waan argatuufis, akka isa damee baay'ee fi ija baay'ee godhatu turte;

11dameen ishee jabaatee, ulee mootummaatiif in ta'e; hojjaan ishee baala gobbuu gidduudhaan ol dheeratee, baay'ina damee ishee wajjin fagootti mul'ate.

12Garuu isheen aariidhaan buqqifamtee, lafatti in darbatamte; qilleensi ba'a-biiftuu inni gubaan ija ishee in gogse, dameen ishee warri jajjaboonni in coollagan, ibiddis isaan in fixe;

13ammas isheen lafa onaa keessa, lafa gogaa bishaan hin qabne keessa in dhaabamti;

14ibiddis damee ishee keessaa ba'ee, ija ishee in fixe; dameen jabaan ulee mootummaa ta'us ishee irratti hin hafne” jedhi! Kun boo'icha, wawwaannaas in ta'e.

Ibsa

Hisqi'el 19:1-9:

Hisqi'el mootummaa Yihudaa leencha dhalaatti fakkeessa. Mootota Yihudaa immoo ijoollee leencaa wajjin wal fakkeessa; isaan saba isaanii irratti gara jabeeyyii fi cunqursoota turan. Qajeelummaan Waaqayyoo beekamuu qaba, yeroo warri kanneen biroo sodaachisanii fi gabroomsan, ofii isaaniis sodaatanii fi gabroomanitti. Yeroo warri amantii labsan namoota Waaqayyo hin sodaanne wajjin walitti makaman, ijoolleen isaanii yeroo baay'ee akeekaa fi duudhaawwan addunyaa hamaa hordofuudhaan guddatu.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6