Efesoona 1

GAZBIBAfaan Oromoo23 Keeyyattoota4:20 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 4:20 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Ani Phaawulos fedha Waaqayyootiin ergamaa Kristos Yesus kanan ta'e, warra Kristos Yesusitti amananii, Waaqayyoof qulqullaa'anii mandara Efesoon jiraataniif kana caafuu koo ti.

2Waaqayyo abbaan keenya, gooftaan keenya Yesus Kristosis ayyaana, nagaas isiniif haa kennu!

3Waaqayyoof, abbaa gooftaa keenyaa Yesus Kristos isa karaa Kristos eebba hafuuraa hundumaan, waan waaqa irraatiinis nu eebbiseef galanni haa ta'u!

4Inni uumamuu biyya lafaa dura iyyuu warra qulqullaa'an, warra isa duratti mudaa hin qabne akka taanuuf, jaalalaan karaa Kristos nu fo'ateera.

5Waaqayyo, karaa Yesus Kristos ilmaan isaa taanee akka guddifamnuuf, akka fedha isaa isa gaariitti yaadaan nuuf qabeera.

6Kunis guddina ayyaana isaa, isa inni ilma isaa isa jaallatamaadhaan nutti tole nuuf kenne in galateeffachiisa.

7Akka badhaadhummaa ayyaana isaattis Kristos dhiiga isaa nuuf dhangalaasuu isaatiin furamuu, dhiifamuu cubbuus qabna.

8Ayyaanni inni ogummaa isaa fi hubannaa isaa hundumaan nu irratti dhangalaase baay'ee dha.

9Waaqayyo waan isatti gaarii fakkaate karaa Kristos itti yaadee of dura kaa'atee ture; ammas dhoksaan fedha isaa kun nu biratti akka beekamu godhe.

10Barri murame yeroo guututti, Waaqayyo akka ittiin fayyisuuf akeeketti, wanta bantii waaqaa keessa jiru, wanta lafa irra jiru, wanta hundumaas harka Kristos jalatti walitti in qaba.

11Waaqayyo wanti hundinuu akka akeeka isaatii fi akka fedha isaatiitti akka ta'u in godha; nus immoo akka inni yaadee qopheessee of duraa qabuutti, karaa Kristos fo'amneerra.

12Nuyi warri duraan dursinee Kristosin abdii godhanne, ulfina isaatiif galata akka taanuuf nu fo'ate.

13Isinis immoo ergaa dhugaa, wangeela fayyina keessanii karaa isaa dhageessan; isin warri dhageessanii itti amantan, hafuura qulqulluu isa abdachiifameen mallateeffamtaniittu.

14Hafuurri qulqulluun immoo warri kan Waaqayyoo ta'an galata ulfina isaatiif yeroo furamanitti wanta nuyi argachuuf jirruuf qabdii keenya.

15Ammas ani gooftaa Yesusitti amanuu keessan warra Waaqayyoof qulqullaa'an jaallachuu keessanis dhaga'eera.

16Waa'ee keessaniif Waaqayyoon galateeffachuu, kadhata koo keessattis isin yaadachuu hin dhiifne.

17Waaqayyo gooftaa keenyaa Yesus Kristos, abbaan ulfinaa hafuura ogeessota isin godhu, Waaqayyoon beekuus isa isinitti mul'isu, akka isiniif kennuuf nan kadhadha.

18Waamichi isaa abdii maalii akka of keessaa qabu, ulfinni warri Waaqayyoof qulqullaa'an itti darbanii argachuuf jiranis badhaadhummaan isaa maal akka ta'e beekuudhaaf, ija qalbii keessanii akka isiniif ibsuuf kadhata koo ti.

19Kunis nuyi warra amanneef humni isaa safara malee guddaa akka ta'e, aangoon isaa inni jabaanis nu gidduutti akka hojjetu akka beektaniif ture.

20Inni hojii aangoo isaa kanaan Kristosin warra du'an keessaa kaasee, waaqa irrattis gara mirga ofii isaatii isa teessise.

21Gooftummaa, aboo, humna, mootummaa hamma jiru hundumaa, bara kanatti, bara dhufuttis waanuma maqaa dha'uun danda'amu gara irraa isa oolche.

22Waaqayyo waan hundumaa miilla Kristos jala kaa'e; goofticha waan hundumaa gara irraa jiru kanas waldaa kristiiyaanaatiif mataa godhee kenne.

23Waldaan kristiiyaanaa dhagna Kristos; inni waan hundumaa karaa hundumaan guutu, guutummaa isaatti dhagna isaa kanatti in jiraata.

Ibsa

1:1,2. Kiristaanonni hundinuu qulqulloota ta’uu qabu; yoo jireenya lafa irratti akka qulqulluutti hin jiraanne, ulfina keessatti gonkumaa qulqulloota hin ta’an. Warri amanamoo hin taane, Kiristoositti kan hin amanne, akkasumas Gooftaa isaanii wajjin walitti dhufeenya qabaachuuf ibsa amantii godhatanitti kan dhugaa hin taane, isaan sun qulqulloota miti. Ayyaana jechuun jaalala fi tola Waaqayyoo kan tolaa fi homaa malee argamu, akkasumas ayyaana Hafuura Qulqulluu sana irraa dhufan hubadhaa; nagaa jechuun immoo eebbawwan biroo hundumaa, kan hafuuraa fi kan foonii, kanneen ayyaana irraa dhufan. Ayyaana malee nagaan hin jiru. Nagaanis ta’e ayyaanni, Abbaa Waaqayyoo fi Gooftaa Yesus Kiristoos malee hin jiru; akkasumas qulqulloonni warri ciccimoonis ayyaana Hafuura Qulqulluu dabalata haaraa barbaadu, akkasumas guddachuuf fedhu.

1:3-8

Eebbawwan hafuuraa fi samiirraa ta'an eebbawwan hundarra caalaniidha; isaan qabaannaan gaddinee jiraachuu hin dandeenyu, isaan malee immoo gaddi nu hin oolu. Kun Kiristoos keessatti, hundeeffama addunyaa dura filannoo isaaniitiin kan ta'e yoo ta'u, akka isaan cubbuudhaa adda ba'uudhaan qulqullaa'anii, Waaqayyoodhaaf adda baafamanii, akkasumas Kiristoos keessatti filatamuu isaanii hordofuudhaan Hafuura Qulqulluudhaan qulqullina argatan ture. Warri dhumaaf gammachuudhaaf filataman hundi, karaaf immoo qulqullinaaf filatamaniiru.

Jaalalaan, Kiristoos Yesusitti amantiidhaan ijoollee Waaqayyoo ta'anii akka fudhataman, akkasumas hariiroo olaanaa isaa wajjin qaban sana keessatti mirga addaa argachuuf ifatti akka simataman duraan dursee murteeffaman. Amantichii araaramee ijoollummaatti fudhatame, cubbamaa dhiifamni godhameef, galata fayyina isaa hundumaa Abbaa isaa isa ayyaana qabeessa ta'eef kenna. Jaalalli Isaa karaa furamuu kana murteesse, Ilma Isaa ofii hin qusanne, akkasumas amantoota fayyina kana dhaga'anii fudhachuutti fide. Ilma Isaa ofii buusuudhaan wabii akkasii dhiheessuuf, akkasumas bilisaan isa dabarsanii kennuuf ayyaana dureessa ture. Karaan ayyaanaa kun hamminaaf jajjabina hin kennu, garuu cubbuu jibbamummaa isaa guutuudhaan mul'isa, akkasumas akka adaba isaa malu mul'isa.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG በእግዚአብሔር ፈቃድ የኢየሱስ ክርስቶስ ሐዋርያ የሆነ ጳውሎስ፥ በኤፌሶን ላሉት ቅዱሳን በክርስቶስ ኢየሱስም ላሉት ምእመናን፤ አማርኛ ENGNIV Paul, an apostle of Christ Jesus by the will of God, To the saints in Ephesus, the faithful in Christ Jesus: English BCV ብፍቓድ እግዚኣብሄር፥ ሃዋርያ ኢየሱስ ክርስቶስ ካብ ዝኾነ ጳውሎስ፥ ናብቶም ኣብ ኤፌሶን ዘለዉ ቅዱሳንን፥ ብኢየሱስ ክርስቶስ ከዓ እሙናትን፥ ትግርኛ BCV GIZ እምጳውሎስ ሐዋርያሁ ለእግዚእነ ኢየሱስ ክርስቶስ በፈቃደ እግዚአብሔር ለቅዱሳን እለ በኤፌሶን ወምእመናን በኢየሱስ ክርስቶስ። giz GAZGAZ Ani Phaawulos fedha Waaqayyootiin ergamaa Kristos Yesus kanan ta'e, warra Kristos Yesusitti amananii, Waaqayyoof qulqul… Afaan Oromoo BCV aksum ብፍቓድ እግዚኣብሄር፥ ሃዋርያ ኢየሱስ ክርስቶስ ካብ ዝኾነ ጳውሎስ፥ ናብቶም ኣብ ኤፌሶን ዘለዉ ቅዱሳንን፥ ብኢየሱስ ክርስቶስ ከዓ እሙናትን፥ ትግርኛ AMHNIV በእግዚአብሔር ፈቃድ የክርስቶስ ኢየሱስ ሐዋርያ ከሆነው ከጳውሎስ፤ በክርስቶስ ኢየሱስ ላሉ፣ ለታመኑ፣ በኤፌሶን ለሚገኙ ቅዱሳን፤ አማርኛ SWAHSUV Paulo, mtume wa Kristo Yesu, kwa mapenzi ya Mungu; kwa watakatifu walioko [Efeso] wanaomwamini Kristo Yesu. Kiswahili