Lallaba 7

GAZBIBAfaan Oromoo29 Keeyyattoota4:34 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 4:34 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Urgooftuu gaarii irra, maqaa gaarii wayya; guyyaa dhalatan irra, guyyaa du'an wayya;

2mana cidhaa dhaquu mannaa, mana gaddaa dhaquu wayya; duuni dhuma nama hundumaa ti, warri jiranis garaa isaaniitti isa in yaadatu;

3kolfuu irra gadduu wayya; fuulli namaa yommuu gaddu garaan namaa in gammada;

4garaan warra ogeessaa mana gaddaa jira, garaan warra gowwootaa garuu mana gammachuu jira;

5faarfannaa warra gowwootaa dhaggeeffachuu irra, ifata nama ogeessaa dhaggeeffachuu wayya;

6kolfi nama gowwaa akka qoraattii xuwwee jalaa xaaxa'uu ti; kunis wanta waa'ee hin baafnee dha.

7Wanti doorsisaan argamu nama ogeessa in maraacha, gabbarsuunis amala namaa in balleessa;

8jalqaba gaarii irra, dhuma gaarii wayya; nama of korsu irra, nama obsu wayya;

9aariin bobaa gowwootaa jala waan boqotuuf, ati daftee hin aarin!

10“Baroonni darban maaliif baroota ammaa irra wayyu?” jettee hin gaafatin! Gaaffiin akkasii gaaffii nama ogeessaa miti.

11Ogummaan qabeenyaa wajjin gaarii dha; warra lafa irra jiraataniif bu'aa qabdi;

12akkuma horiin nama golgu, akkasuma ogummaan nama in golgiti; caalaatti immoo ogummaan jireenya warra ishee argatanii nagaatti in eegdi.

13Wanta Waaqayyo hojjete mee ilaali! Kan inni dabse, eenyutu qajeelchuu danda'a ree”

14Namni wanta isa booddeedhaan ta'uuf jiru hin beeku; kanaafis ati bara gaariitti gammadi! Barri hamaan yoo dhufe immoo, Waaqayyo isa kana, isa sanas akka uume yaadadhu!

15Ani bara jireenya koo isa waa'ee hin baafne kana keessa wanta baay'ee argeera; namni qajeelaan tokko utuma qajeelaa ta'ee jiruu in bade, namni jal'aan tokko immoo utuma jal'aa ta'ee jiruu bara dheeraa in jiraate;

16maaliif nama qajeelaa fi nama ogeessa keessa-ba'aa taatee of balleessita”

17Maaliif nama jal'aa fi nama gowwaa keessa-ba'aa taatee, yeroo kee malee duuta”

18Wanta tokko yommuu qabattu, isa kaanis lafa hin buusin! Namni Waaqayyoon sodaatu, qabaa wanta hundumaa beeka.

19Wanta bulchitoonni kudhan mandara tokkoof hin hojjenne, ogummaan nama ogeessa tokkoof hojjetti;

20haa ta'u iyyuu malee, namni qajeelaan yeroo hundumaa wanta gaarii hojjetu, cubbuus kan hin hojjenne lafa irra hin jiru.

21Si abaaruu hojjetaa keetii haasaa keessa akka hin dhageenyetti, wanta namni dubbatu hunduma isaa yaadaan hin qabin!

22Atis si'a baay'ee nama akka arrabsite garaan kee iyyuu beeka.

23Ani“Wanta kana hundumaa ogummaadhaan qoree ogeessa nan ta'a” jedhee, nan yaade; garuu ogummaan anattii in fagaatte;

24wanta akkas iddoo fagoo jiruu fi wanta baay'ee gad fagoo ta'e, eenyutu barbaadee arguu danda'a”

25Kanaafan ani yaada koo gara beekumsaatti, gara waa qoruutti, gara ogummaa barbaaduutti, gara hundee waan hundumaatti, gara dadhabbii warra gowwootaa beekuutti, gara gowwummaa warra qalbii hin qabne hubachuutti deebise.

26Ani wanta du'a caalaa hadhaa'u nan arge; innis dubartii yaadni ishee akka kiyyoo fi futtaasaa ta'e, harki ishees akka funyoo sibiilaa ta'ee dha; namni Waaqayyo duratti gaarii ta'e ishee jalaa in ba'a; namni cubbamaan garuu isheedhaan in qabama.

27“Kunoo! Ani wanta kana walitti qabaa isaa argachuudhaaf, tokko tokkoon qoree argeera” jedha lallabichi.

28Wanta ani barbaadaa ture amma illee hin arganne; namoota kuma keessaa nama yaada qajeelaa qabu tokko argadheera, garuu isaan kana hundumaa keessatti dubartii yaada qajeelaa qabdu tokkittii illee hin arganne.

29Waaqayyo nama yaada qajeelaa qabu uume; namoonni immoo yaada baay'ee warra ofii isaaniitii qopheessan duukaa bu'uu in barbaadu. Kunoo, wanta ani qore hundumaa keessatti isa kana duwwaan arge.

Ibsa

7:1-6 Maqaan gaariin, kan amala Waaqayyoo sodaachuu fi qajeelummaa irraa maddatu, qabeenya addunyaa kanaa fi bashannana isaa hundumaa caalaa barbaadamaa dha. Afeerraa bashannanaa deemuun caalaa, sirna awwaalchaa deemuun gaarii irra caalaa qaba. Yeroon isaa heyyamame, gara lamaanuu deemuun sirrii dha; Fayyisaan keenya, Canaatti cidha michuu isaa irratti afeerraa irratti argameera, akkasumas Betaniyaatti awwaala michuu isaa irratti booyeera. Haa ta'u malee, nuti akkamitti akka of tuuluu fi fedha foonii keenyaa guuttachuutti salphaatti qabamnu yoo ilaalle, gara mana gaddaatti deemuun, xumura namaa addunyaa kanaa barachuuf, irra caalaa barbaachisaa dha. Dhimma dhabdhummaan yookiin dhimmoota jireenyaa irratti yaaduun, gammachuu kolfaa fi qasqasii irra caalaa gaarii dha. Nuuf kan irra caalaa gaarii ta'u, miira keenyaaf kan hin tolin yoo ta'ellee, lubbuu keenyaaf kan irra caalaa gaarii dha. Xuraa'ummaa keenya cimsa nama ogeessaa irraa akka du'u gochuun, sirba gowwootaatiin akka guuttatu gochuu irra caalaa gaarii dha. Kolfa gowwaa dafee darba; dhumni gammachuu isaa gaddatti jijjiirama.

7:7-10 Qorumsaawwan keenyaa fi rakkinoonni nutti dhufan yeroo baay'ee jalqaba irratti akkuma nuti yaannu caalaa gaarii dha. Dhugumaan, haala lubbuu keenyaan obsa qabaachuun, of tuulummaa fi ariifachuu caalaa gaarii dha. Daftee hin aarin, yookiis arrabsoo si dhaqqabe daftee hin deebisin. Yeroo dheeraa hin aarin; aariin garaa nama ogeessaatti yoo dhufe illee, akkuma nama karaa deemu sana keessa darba; garaa gowwootaa keessatti qofa qubata. Yeroo keenya hamaa dha jedhanii iyyuun gowwummaa dha, yeroo nuti hamaa garaa keenyaa irratti iyyuuf sababa guddaa qabnu. Yeroo akkasii keessattis garaa laafina baay'ee arganna.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6