Lallaba 4

GAZBIBAfaan Oromoo16 Keeyyattoota3:13 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 3:13 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Ammas immoo cunqurfamuu aduu jalatti ta'aa jiru hundumaa deebi'ee ilaaluutti nan ka'e; imimmaan warra cunqurfamaniis nan arge, namni isaan jajjabeessu immoo tokko illee hin jiru. Humni gara warra isaan cunqursanii waan jiruuf, namni isaan jajjabeessu tokko illee hin jiru.

2Kana irrattan,“Warra hamma ammaatti jiran irra warra kanaan dura du'an wayya;

3warri hin dhalatin immoo jal'ina aduu jalatti hojjetamaa jiru waan hin arginiif, isaan kana lamaan irra iyyuu in wayyu” jedhee yaade.

4Wanti namni itti dadhabee harka-tolinaan hojjetu hundinuu nama keessatti hinaaffaa akka kaasu nan arge; kunis immoo wanta waa'ee hin baafnee dha, akka nama qilleensa ari'uu tis;

5namni gowwaan harka isaa dachaafatee taa'ee, jireenya ofii isaatii balleessa.

6Rakkinaan itti dadhabanii harka lama guutuu qabaachuu mannaa, gabiitti harka tokko guutuu qabaachuu wayya.

7Ammas immoo wanta waa'ee hin baafne tokko aduu jalatti nan arge;

8namni kophaa isaa jiraatu tokko, ilma yookiis obboleessa kan hin qabne, kana hundumaa irratti iyyuu dadhabbiin isaa dhuma kan hin qabne, badhaadhummaa isaatiinis “Na ga'a” kan hin jenne yoo ta'e, namichi kun,“Eenyuufan dadhabee hojjedha” Maaliifanis gammachuu of dhowwa?” in jedha; kunis immoo wanta waa'ee hin baafnee dha, hojii nama gaddisiisuu dhas.

9Wanti lama ta'anii itti dadhabanii hojjetan gatii gaarii waan qabuuf, lama ta'uun kophaa ta'uu irra in wayya;

10inni tokko yoo kufe, hidhanni isaa lafaa isa in kaasa; nama yommuu kufu lafaa isa kaasu hin qabneef garuu wayyoo!

11Namoonni lama walii wajjin yoo ciisan, wal in ho'isu, nama kophaa isaa ciisutti garuu, attamitti ho'uu danda'a ree”

12Namni tokko nama kophaa adeemu tokko humna caalee yoo kuffise, warri lama ta'anii adeeman isaan mormuu in danda'u; fo'aan dachaa sadiin walitti fo'ame dafee hin citu.

13Mootii dulloomaa fi gowwaa isa gorsa namaa hin fudhanne mannaa, mucaa hiyyeessa ogummaa qabu wayya;

14namichi mana hidhaa keessaa ba'ee mootii ta'ee yookiis biyyuma isaa isa mo'aa jiru keessatti hiyyeessa ta'ee dhalate ta'a;

15wanti jiraatanii aduu jala deddeebi'an hundinuu, mucicha isa mooticha booddeedhaan dhufu duukaa akka bu'an nan arge;

16namoota lakkoobsa hin qabne bulchaa kan ture yoo ta'e iyyuu, warri booddeedhaan dhufan immoo isatti hin gammadan; kunis immoo dhuguma wanta waa'ee hin baafnee dha, akka nama qilleensa ari'uu tis.

Ibsa

Lal. 4:1-3

Solomoon humnoon dhugaa mo'achuu isaa yoo argu gaddisiiseera. Gara kamitti ija keenya garagalchinu iyyuu, jal'inaa fi dhiphina ilmoo namaa kan ofii isaaniifii walii isaaniif rakkoo uumuuf yaalan, ragaawwan gaddisiisoo arganaa. Akkanaan jabaatti yoo qabaman, namoonni jireenya jibbuufii tuffachuuf qoramu. Haa ta'u malee, nama gaariin biyya lafaa kana keessatti haala gadhee keessa yoo jiraatu iyyuu, Waaqayyoof ulfina laataa waan jiruuf, ibiddoowwan keessattillee, gonkumaa hin dhaladheera jedhee hawwuuf sababa hin qabu; dhuma irratti gammadaa, barabaraaf gammadaa ta'a. Namoonni Waaqayyo malee jiraatan, jiraachuun jireenyaa fi rakkina isaa hundaan haa itti fufu jedhanii hawwuuf sababa guddaa qabu; sababiin isaas cubbuu isaaniitti yoo du'an, haalli isaan eeggatu kan caalaatti dhiphisaa waan ta'eef. Wantoonni namaa fi kan biyya lafaa gaarummaa keenya guddaa ta'anii yoo jiraatanii, dhiphinaalee garagaraa kan as gadi jiran yoo ilaalle, jiraachuu dhabuun jireenya irra filatamaa ta'a ture.

4:4-6 Solomoon madda rakkinaa warra hojii gaarii hojjetanitti addaa ta'ee mul'atu hubata; akkasumas warra ciminaan hojjetan hundaa fi warra carraaqqiin isaanii milkaa'inaan gonfatame ni dabalata. Isaan yeroo baay'ee gurguddaa fi badhaadhaa ta'u, garuu kun hinaaffaa fi mormii ni kakaasa. Warri kaan, rakkoo jireenya sochii qabeessaa yoo argan, gowummaan sodaa fi dhibaa'ummaa keessatti qananii dabalataa ni eegu. Garuu dhibaa'ummaan cubbuu adabbii mataa isaa qabu dha. Hojii cimaa fi amanamummaa qabuudhaan harka guutuu tokko haa qabannu, akkasumas wantoota barbaachisoo akka hin dhabneef, garuu harka lamaan guutuu hin barbaannu, inni xumura irratti qochokkocha hafuuraa uuma qofa.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG እኔም ተመለስሁ፥ ከፀሐይ በታችም የሚደረገውን ግፍ ሁሉ አየሁ፤ እነሆም፥ የተገፉት ሰዎች እንባ ነበረ፤ የሚያጽናናቸውም አልነበረም፤ በሚገፉአቸውም እጅ ኃይል ነበረ፥ እነርሱን ግን የሚያጽናና… አማርኛ ENGNIV Again I looked and saw all the oppression that was taking place under the sun: I saw the tears of the oppressed– and th… English BCV መሊሰ ኸዓ ነቲ ኣብ ትሕቲ ፀሓይ ዝግበር ኵሉ ግፍዒ ተመልከትኩ። እንሆ፥ ንብዓት እቶም ግፉዓት ረአኹ። ዘፀናንዖምውን ኣይነበረን፤ ኣብ ኢድ እቶም ገፋዕቶም ሓይሊ ነበረ፤ ንኣኣቶም ግና ዘፀና… ትግርኛ BCV GIZ ወተመየጥኩ አነ ወርኢኩ ኵሎ ኅቡረ ትእግልተ ዘይትገበር መትሕተ ፀሓይ ወናሁ አንብዕ ለእለ ይትኤገልዎሙ ወአልቦ ዘይናዝዞሙ እምእደ ይትዔገልዎሙ ወኃይል አልቦሙ ለዘይናዝዝዎሙ። giz GAZGAZ Ammas immoo cunqurfamuu aduu jalatti ta'aa jiru hundumaa deebi'ee ilaaluutti nan ka'e; imimmaan warra cunqurfamaniis na… Afaan Oromoo BCV aksum መሊሰ ኸዓ ነቲ ኣብ ትሕቲ ፀሓይ ዝግበር ኵሉ ግፍዒ ተመልከትኩ። እንሆ፥ ንብዓት እቶም ግፉዓት ረአኹ። ዘፀናንዖምውን ኣይነበረን፤ ኣብ ኢድ እቶም ገፋዕቶም ሓይሊ ነበረ፤ ንኣኣቶም ግና ዘፀና… ትግርኛ AMHNIV እንደ ገና ከፀሓይ በታች የሚደረገውን ግፍ ሁሉ አየሁ፤ አስተዋልሁም፤ የተገፉትን ሰዎች እንባ ተመለከትሁ፤ የሚያጽናናቸውም አልነበረም፤ ኀይል በሚገፏቸው ሰዎች እጅ ነበረ፤ የሚያጽናናቸውም አ… አማርኛ SWAHSUV Kisha nikarudi na kuona madhalimu yote yanayotendeka chini ya jua; na tazama, machozi yao waliodhulumiwa, ambao walikuw… Kiswahili