Lallaba 3

GAZGAZAfaan Oromoo22 Keeyyattoota4:12 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 4:12 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Wanti hundinuu yeroo qaba, wanti bantii waaqaa jala jiru hundinuu yeroo qaba;

2dhalachuun yeroo qaba, du'uunis yeroo qaba; dhaabuun yeroo qaba, isa dhaabame buqqisuunis yeroo qaba.

3Ajjeesuun yeroo qaba, fayyisuunis yeroo qaba; diiguun yeroo qaba, ijaaruunis yeroo qaba.

4Boo'uun yeroo qaba, kolfuunis yeroo qaba; gadduun yeroo qaba, sirbuunis yeroo qaba;

5dhagaa bittimsuun yeroo qaba, dhagaa walitti qabuunis yeroo qaba; ammachuun yeroo qaba, ammachuu dhiisuunis yeroo qaba;

6barbaaduun yeroo qaba, barbaaduu dhiisuunis yeroo qaba; kaa'uun yeroo qaba, gatuunis yeroo qaba;

7baqaqsuun yeroo qaba, hodhuunis yeroo qaba; calluma jechuun yeroo qaba, dubbachuunis yeroo qaba;

8jaallachuun yeroo qaba, jibbuunis yeroo qaba; loluun yeroo qaba, nagaa buusuunis yeroo qaba.

9Namni wanta itti dadhabee hojjetu irraa bu'aa maalii argata”

10Ilmaan namootaa akka itti dhama'aniif dadhabbii Waaqayyo isaan irra kaa'e argeera;

11Waaqayyo wanta hundumaa yeroo isaatti miidhagsee uumeera, hawwii wanta bara dheeraa booddee ta'u beekuus yaada ilmaan namootaa keessa kaa'eera; haa ta'u iyyuu malee, namni wanta Waaqayyo jalqabaa jalqabee hamma dhumaatti hojjete, beekuu hin danda'u.

12Namni bara jireenya isaatti wanta gaarii hojjetee itti gammaduu irra kan caalu wanta tokko illee gochuu akka hin dandeenye nan beeka;

13namni hundinuu nyaatee, dhugee, wanta itti dadhabettis gammaduun kennaa Waaqayyoo ti;

14wanti Waaqayyo hojjetu hundinuu bara baraan akka jiraatu ani beeka; wanti isatti dabalamu yookiis isa irraa fuudhamu tokko illee hin jiru; Waaqayyo namni akka isa sodaatuuf wanta akkasii kana hojjete.

15Wanti amma jiru isuma dur turee dha, wanti si'achi ta'us isuma dur ta'e turee dha; Waaqayyo isuma darbe deebisee in fida.

16Ammas ani aduu jalatti, qooda firdii qajeelaa, jal'ina, qooda qajeelinaas micciiramummaa nan arge;

17ani,“Waaqayyo warra qajeelota, warra jal'ootas gara firdiitti in fida; wanti hundinuu, hojiin hundinuus yeroo qaba” jedhee, garaa koo keessatti nan yaade.

18Ilmaan namootaa immoo,“Ofii isaaniitii akka bineensotaa akka ta'an haa arganiif Waaqayyo isaan qora” jedhee, garaa kootti nan yaade.

19Wanti namatti dhufuu fi wanti bineensatti dhufu tokkichuma; akkuma inni tokko du'u inni kaanis in du'a; hundumti isaanii hafuuruma tokko qabu; namni bineensa irra hin caalu; wanti hundinuu waa'ee hin baasu.

20Hundumti isaanii gara iddoo tokkoo in dhaqu; hundumti isaanii biyyoo irraa dhufan, gara biyyoottis in deebi'u;

21hafuurri namaa gara olii akka dhaqu, hafuurri bineensaas lafa keessa akka gad dhaqu eenyutu beeka?

22Namni wanta itti dadhabetti gammaduun ga'aa isaa waan ta'eef, wanti kana irra caalu akka hin jirre argeera; wanta isa booddeedhaan ta'uuf jiru akka arguuf eenyutu deebisee isa fiduu danda'a ree?

Ibsa

3:1-10 Addunyaa jijjiiramtuu kana keessatti gammachuu dhaabbataa eeguun, dhuma irratti abdii kutuudhaan ta’a. Haala jireenya keenyaa wajjin of simsiisuun, addunyaa kana keessatti dirqama keenyaafii ogummaa keenya dha. Karoorri Waaqayyoo addunyaa bulchuuf qabu guutuun, guutummaatti ogeessa, qajeelaafii gaarii ta'ee ni argama. Kanaafuu, kaayyoofii hojii gaarii hundumaaf carraa gaarii haa fayyadamnu. Yeroon du'aa ariitiidhaan dhiyaataa jira. Akkuma kana, dadhabbii fi gaddii addunyaa guutanii jiru. Kunis yeroo hundumaa waan hojjennu akka qabaannuuf nuuf kenname; eenyuillee addunyaatti kan ergame hojii dhabee akka jiraatu miti.

3:11-15 Wanti hundinuu akkuma Waaqayyo isa uume sana; osoo akkuma nutti mul’atu hin taane. Addunyaa kana garaa keenya keessa baay'ee qabna, yaadaa fi dhiphina wantoota addunyaatiin baay'ee liqimfamneerra, kanaaf jecha, waan qalbii nuti isa keessatti harka Waaqayyoo arginu yookiin yeroo hin qabnu. Addunyaan garaa keenya qofaa hin qabanne, garuu hojiiwwan Waaqayyoo warra bareedaa sana irratti yaada mormii uumteetti. Ofumaaf dhalanne jennee yoo yaanne dogoggorree jirra; lakki, hojii gaarii jireenya kana keessatti raawwachuun dhimma keenya.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6