Qolosaayis 3

GAZGAZAfaan Oromoo25 Keeyyattoota3:46 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 3:46 · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Egaa Kristosii wajjin du'aa erga kaafamtanii, wanta waaqa keessaa, iddoo Kristos gara mirga Waaqayyoo taa'ee jirutti barbaadaa!

2Yaada garaa keessanii wanta waaqa irra jirutti hidhaa malee, wanta lafa irra jirutti hin hidhinaa!

3Isin duutaniittu; jireenyi keessan Kristosii wajjin Waaqayyo keessa dhokateera.

4Kristos inni jireenya nuuf ta'e yommuu mul'atu isinis immoo isaa wajjin ulfinaan mul'achuuf jirtu.

5Egaa yaada keessan wanta lafa irra jirutti isa hidhu halalummaa fi xuraa'ummaa, kajeellaa fi hawwa hamaa, sassata isa waaqayyolii tolfaman waaqessuutti lakkaa'amus, of keessaa ajjeesaa.

6Sababii wanta kana hundumaatiif dheekkamsi Waaqayyoo [warra isaaf hin abboomamne irratti] in dhufa.

7Namoota waan akkasii hojjetan gidduu yommuu jiraattan isinis immoo yeroo sana akkasumatti deddeebi'aa turtan.

8Amma garuu isin dheekkamsa, aarii, hammina, maqaa walii balleessuus hundumaa of irraa fageessaa! Dubbiin nama yeellaasisus afaan keessan keessaa hin ba'in!

9Soba walitti hin dubbatinaa! Namummaa moofaa hojii isaa hundumaa wajjin of irraa baaftaniittu.

10Namummaa haaraas uffattaniittu; inni hubannaa isa akka fakkaattii isaatti isa uume bira ga'uudhaaf yeroo hundumaa haareffamuutti jira.

11Egaa si'achi Griikii fi Yihudii, nama dhagna qabatee fi nama dhagna hin qabatin, wallaalaa, isa jireenya isaa hin qajeelfatin, garba, birmaduu jechuun hin jiru; Kristos garuu hundumaaf jira, inni nama hundumaaf waan hundumaa ti.

12Isin warra fo'aman, warra Waaqayyoof qulqullaa'an, warra jaallatamanis erga taatanii, araara garaa keessaa dhufu, gaarummaa, gad of deebisuu, garraamummaa obsas akka uffataatti uffadhaatii keessa jiraadhaa!

13Waliif danda'aa, namni tokko isa kaan yoo komate waliif dhiisaa; gooftaan akkuma isiniif dhiise, isinis immoo waliif dhiisaa!

14Isaan kana hundumaa irrattis jaalala isa wanta hundumaa raawwatamaa godhee walitti hidhu qabaadhaa!

15Nagaan Kristos, inni isin dhagna tokko ta'uudhaaf itti waamamtan, garaa keessan keessatti haa mo'u; warra galata galchanis ta'aa!

16Dubbiin Kristos akka badhaadhummaa isaatti isin keessa haa jiraatu; ogummaa hundumaan wal barsiisaa, wal gorsaas. Qooqa garaa garaatiin, faarfannaa galataatiin, weedduu hafuuraatiinis galata garaa keessanii Waaqayyoof faarfadhaa!

17Dubbiidhaan yookiis gochaadhaan waanumti isin hojjettan hundinuu maqaa gooftaa Yesusiin haa ta'u; isumaanis Waaqayyo abbaadhaaf galata dhi'eessaa!

18Gooftaa duratti fudhatamaa akka ta'utti, haati manaa abbaa manaa isheetiif haa abboomamtu!

19Atis abbaan manaa, haadha manaa kee jaalladhu, ittis hin hammaatin!

20Ijoollee! Waan hundumaatti abboota keessanii fi haadhota keessaniif abboomamaa! Kun gooftaatti in tola.

21Isin immoo abboota nana! Yaadni isaanii akka hin badnetti ijoollee keessan tuttuqxanii hin aarsinaa!

22Isin warri garbummaa jala jirtan! Biyya lafaa kana irratti warra isin hojjechiifataniif akka isa nama gammachiisuuf ija ilaalattanii hojjettaniitti utuu hin ta'in, gooftaa sodaachaa garaa qulqulluudhaan abboomamaa!

23Waanuma gootan hundumaa namaaf utuu hin ta'in akka waan gooftaadhaaf hojjettaniitti garaa guutuudhaan hojjedhaa!

24Isin Kristos gooftaadhaaf waan hojjettaniif, isa gooftaan ijoollee isaatiif qopheesse akka gatiitti isa biraa akka argattan beekaa!

25Namni balleessaa hojjetu balleessaa isa hojjetu sanaaf gatii isaa in argata; nama wal caalchisuun immoo isa bira hin jiru.

Ibsa

3:1-4 Kiristiyaanonni seera sirna qulqullummaa irraa bilisa ba'an waan ta'aniif, ajajama wangeelaatiin Waaqayyootti dhihoo ta'anii jiraachuu qabu. Akka samii fi lafti wal mormanitti, lamaanuu waliin hordofamuu hin danda'an; akkasumas, jaalalli isa tokkoof qabnu jaalala isa kaaniif nuuf hir'isa, nu laaffisas. Warri deebi'ina dhalootaa argatan cubbuudhaaf du'aniiru; bittaan isaa waan cabeef, humna isaas ayyaanni Waaqayyoo hojii irra oolchuudhaan suuta suutaan guutummaatti laaffiseera, dhuma irrattis ulfina isa guutuudhaan guutummaatti ni dhabama. Kanaaf, du'uu jechuun kunoo kana, warri Hafuura Qulqulluu qaban, keessa isaaniitti fedha foonii ajjeesaa jiran, waan lafaa tuffachuu fi waan samii hawwuu danda'u jechuudha. Kiristoos, ammaf, nama nuti hin argine dha; garuu jireenyi keenya Isa biratti eegamaa ta'uun isaa jajjabina keenya dha. Yaʼa bishaan jireenyaa kanaa, humna Hafuura Qulqulluutiin, amantiidhaan gara lubbuutti yaa'a. Kiristoos Hafuura Isaatiin nama amane keessa jiraata, inni amane immoo wanta inni hojjetu hundumaan Isaaf jiraata. Dhufaatii Kiristoos isa lammaffaa irratti, walitti qabamuu guutuu warra furaman hundaatu jiraata; warri jireenyi isaanii amma Kiristoos wajjin dhokataa jiru immoo, yeroo sana ulfina Isaatiin Isa wajjin ni mul'atu. Egaa gammachuu akkasii ni eeggannaa? Kanaafuu, garaa keenya addunyaa sana irratti hin kaa'annuu, akkasumas kanaa ol hin jiraannuu?

3:5-11

Fedhiiwwan qaama keenyaa warra gara wantoota addunyaatti jallatan ajjeesuu nu irra jira. Isaan ajjeesaa, isaan fixa, isaan ukkamsaa, akka qoraattii yookiin bineensota hamoo warra babal'atanii naannoo isaanii hundumaa balleessanitti. Hojiilee manca'oo hundumaaf mormiin itti fufaa taasifamuu qaba; akkasumas fedhii fooniif qophiin tokko illee hin taasifamuu qabu. Waan cubbuutti nama geessu hunda irraa fagaachuu qaba: isaanis hawwii foonii, jaalala addunyaa, akkasumas sassataa, inni waaqolii tolfachuu dha; jaalala wantoota yeroo ammaatti gaarii fakkaatanii fi gammachuu alaa. Cubbuuwwan ajjeesuun barbaachisaa dha, sababiin isaas yoo isaan hin ajjeesin, isaan nu ajjeesu. Wangeelli jabina lubbuu isa olaanaa akkasumas isa gadaanaa jijjiira, akkasumas bulchiinsa sababa sirrii fi qalbii (waraana garaa), isa fedhii fi hawwii irra jiraatu deeggara. Amma biyyaa, akkasumas haala fi mudannoo jireenyaa irraa garaagarummaan hin jiru.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6