Qolosaayis 2

GAZBIBAfaan Oromoo23 Keeyyattoota5:03 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 5:03 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Ani isinii fi warra Laa'odiiqeyaatiif akkasumas warra fuula koo hin argin hundumaaf attam guddisee akkan dhama'aa ture akka beektan nan barbaada.

2Kana gochuun koos garaan isaanii ija jabinaan akka guutuuf jaalalaan walitti hidhamanii utuu jiranii, badhaadhummaa amansiisa guutuu qabu isa hubannaa keessaa dhufu, dhoksaa Waaqayyoo isa Kristos keessa jirus beekuu akka argataniif.

3Badhaadhummaan ogummaa fi beekumsaa hundinuu isa keessa dhokfamee jira.

4Kanas namni tokko illee dubbii nama wallaalchisuun akka isin hin gowwoomsineefan dubbadha.

5Fooniin yoon isin bira jiraachuu dhabaadhe iyyuu hafuuraan isin biran jira; toora gaarii isin qabdanii fi Kristos Yesusitti amanuutti jabaachuu keessan arguutti nan gammada.

6Egaa Kristos Yesus goofticha akkuma fudhattanitti isatti jiraadhaa!

7Akkuma barsiifamtanitti hundee keessan gad fageeffadhaa, isatti ijaaramaatii amantiitti dhaabamaa! Galata guutee irra dhangala'us dhi'eessaa!

8Namni tokko illee akka barsiisa Kristositti utuu hin ta'in, yaada mataa isaa keessaa ba'ee fi gowwoomsaa waan tokko of keessaa hin qabneen isin hin harkisin; akka barsiisa amala namaatti akka isa hafuurota bantii waaqaa keessaa biyya lafaa kana irratti humna qabu jedhamanii sodaatamaniitti isin hin booji'in; kana hundumaattiis of eeggadhaa!

9Guutummaan waaqayyummaa namummaa Kristos keessa in jiraata.

10Isinis isuma warra bantii waaqaa keessatti gooftummaa qabanii fi aboo qaban hundumaaf mataa ta'e sanaan gara guutummaa jireenyaa dhuftaniittu.

11Isinis immoo isumaan dhagna qabamtaniittu; dhagna qabaan keessan garuu isa harkaan hojjetame utuu hin ta'in, isa Kristos dhagna qabuu isaatiin namummaa foonii guutummaa isaa balleessee dha.

12Cuupphaadhaan Kristosii wajjin awwaalamtanii hojii aangoo Waaqayyoo isa warra du'an keessaa isa kaasetti amanuu keessaniin, isinis immoo isaa wajjin du'aa kaafamtaniittu.

13Isinis irra-daddarbaa keessanii fi dhagna-qabaa dhabuu foon keessaniif hafuuraan du'oo yoo taatan iyyuu, Waaqayyo akka isin Kristosii wajjin jiraatoo taatan godheera; irra-daddarbaa keenya hundumaas nuuf dhiiseera.

14Wanta nu irratti caafamee ture, isa nutti hin tolin sana, waan inni karaa seeraa nu irraa barbaaduu wajjin duguugee fannootti cinqaarsuu isaatiin iddoo isaatii balleesseera.

15Fannoo sana irrattis Kristos warra qilleensa irraa gooftummaa qabanii fi humna qaban harka duwwaa hambisee bakkeetti isaan mul'isuudhaan salphisee isaan argisiise.

16Kanaafis waa'ee nyaataa fi dhugaatiitti, waa'ee guyyaa ayyaanaatti, waa'ee baatii lakkaa'uutti yookiis waa'ee Sanbata eeguutti, namni tokko illee isinitti hin faradin!

17Isaan kun gaadidduu wanta dhufuuf jiru sanaa duwwaa dha; wantichi inni dhugaan garuu kan Kristos.

18Namni gad deebi'ee ergamoota waaqa irraa waaqessuu jaallatee, mul'ata arge tokko tokkoon himuudhaan sababii ga'u utuu hin qabaatin yaaduma garaa isaatiin of bokoksee, galata isin hin dhabsiisin.

19Namni akkasii, Kristos mataa dhagnichaatti, isa guutummaan dhagnaa ittiin sooramee, buusaa fi ribuu isaatiinis walitti hidhamee, guddina Waaqayyo biraa argatuunis guddatu sanatti hin jabaatu.

20Kristosii wajjin taatanii hafuurota bantii waaqaa keessaa biyya lafaa kana irratti humna qabu jedhamanii sodaataman jalaa erga duutanii immoo, maaliif akka waan amma iyyuu kan biyya lafaa taataniitti jiraattu ree? Maaliifis seerrata isaanii jala of galchitu ree?

21?Kana harkaan hin qabin, sana afaaniin hin qabin, isa kaanis hin tuqin!? in jedhu.

22Wanti kun hundinuu immoo ittiin hojjetamanii akka dhumaa adeemaniif hin turree ree! Akka ajaja namaa fi akka barsiisa namaattis dubbatame mitii ree?

23Seerratoonni akkasii waaqessuu addaan ba'e irra kaa'uu isaaniitiin waan gad deebisan fakkaachuu isaaniitiin, dhagnatti hammaachuu isaaniitiin wanta ogummaa irra dhaabatan in fakkaatu; garuu gara waan gatii qabuutti utuu hin ta'in, gara hawwa foonii raawwachuutti nama in geessu.

Ibsa

2:1-7

Lubbuun keenya ni badhaadha yoo dhugaa akkuma Kiristoos Yesus keessa jiru beekumsa ifaadhaan qabaanne. Yoo nuti garaadhaan amanuu qofaa osoo hin taane, yoo waamamne afaan keenyaan dhugaa ba'uuf qophaa'oo taane. Beekumsii fi amantiin lubbuu ni sooresa. Amantiin keenya yoo baay'ee jabaate, jaalalli keenya immoo yoo baay'ee ho'e, jajabinnis keenya baay'ee dabala. Qabeenyi ogummaa Kiristoos keessaatti nurraa osoo hin taane, nuuf dhokatee jira. Kunniin warra boonaa hin amannee irraa dhokatan turan, garuu Nama Kiristoosii fi furamuu Isaa keessaatti ifatti mul'ifaman. Haala balaa jechoota gowwoomsaa ilaalaa; bu'uura hamoo fi hojii cubbuu fakkeessaa sobaatii fi bifa nama hawataatiin hedduun akkamitti akka sabataa'an! Warra hamoo kamitti iyyuu isin gowwoomsuu barbaadan irraa of eegaa fi sodaadhaa; isaan kaayyoo isin balleessuu qabu. Kiristaanonni hunduu, yoo xiqqaate akka ragaatti, Gooftaa Yesus Kiristoosiin fudhataniiru, isaaf tole jedhaniiru, akkasumas akka Isaan isaanii ta'uutti fudhataniiru. Jalqaba irratti Kiristoos keessaatti hidda yookiin hundee yoo hin qabaanne, Isa keessaatti ijaaramuu yookiin guddachuu hin dandeenyu. Amantii keessaatti cimaa ta'uu keenyaan, isa keessaatti baay'isuu qabna, akka malees fooyyessaa deemuus qabna. Waaqayyo faayidaa kana haqaadhaan warra galataadhaan hin fudhanne irraa ni dhorga; akkasumas Waaqayyo galata ayyaana Isaa tiif haqaadhaan gaafata.

2:8-17 Filaasofii tokko jira kan dandeettii sammuu keenyaa sirriitti hojjechiisu; hojii Waaqayyoo qorachuun immoo beekumsa Waaqayyootti nu geessa, akkasumas amantii keenya Isa irratti jabeessa. Haa ta’u malee, filaasofii tokko jira kan faayidaa hin qabnee fi gowwoomsaa ta’e; kunis yaada namootaa yoo gammachiise illee, amantii isaanii gufachiisa: kanneen akkasii immoo wantoota nu ol jiran yookaan wantoota nuuf hin barbaachisne irratti yaada qorannoo suukaneessaa dha. Warri karaa addunyaa irra deeman, Kiristoos duukaa bu’uu irraa deebi’aniiru. Nuti Isa keessatti qabna dhugaa gaaddidduu seera sirnaa hundaa. Hanqinni isaa hunduu Wangeela Kiristoos keessatti guutameera, aarsaa cubbuu Isaatiif guutummaatti kenneen, fi mul’ata fedha Waaqayyootiin.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG ስለ እናንተና በሎዶቅያ ስላሉት ፊቴንም በሥጋ ስላላዩት ሁሉ እንዴት ያለ ትልቅ መጋደል እንዳለኝ ልታውቁ እወዳለሁና። አማርኛ ENGNIV I want you to know how much I am struggling for you and for those at Laodicea, and for all who have not met me personal… English BCV ምእንታኻትኩምን ምእንቲ እቶም ኣብ ሎዶቅያ ዘለዉን፥ ምእንቲ እቶም ገፀይ ብስጋ ሪኦም ዘይፈልጡን፥ ከመይ ዝበለ ዓብዪ ገድሊ ኸም ዘለኒ፥ ክትፈልጡ እደሊ ኣለኹ። ትግርኛ BCV GIZ ወእፈቅድ ታእምሩ መጠነ እትጋደል በእንቲኣክሙ ወበእንተ እለ በሎዶቅያ ወበእንተ ኵሎሙ እለ ኢርእዩኒ ገጽየ በሥጋየ። giz GAZGAZ Ani isinii fi warra Laa'odiiqeyaatiif akkasumas warra fuula koo hin argin hundumaaf attam guddisee akkan dhama'aa ture … Afaan Oromoo BCV aksum ምእንታኻትኩምን ምእንቲ እቶም ኣብ ሎዶቅያ ዘለዉን፥ ምእንቲ እቶም ገፀይ ብስጋ ሪኦም ዘይፈልጡን፥ ከመይ ዝበለ ዓብዪ ገድሊ ኸም ዘለኒ፥ ክትፈልጡ እደሊ ኣለኹ። ትግርኛ AMHNIV ስለ እናንተና በሎዶቅያ ስላሉት እንዲሁም በአካል አይተውኝ ስለማያውቁ ሁሉ ምን ያህል እየተጋደልሁ እንደሆነ እንድታውቁ እፈልጋለሁ፤ አማርኛ SWAHSUV Maana nataka ninyi mjue jinsi ilivyo kuu juhudi yangu niliyo nayo kwa ajili yenu, na kwa ajili ya wale wa Laodikia, na … Kiswahili