Amoos 1

GAZBIBAfaan Oromoo15 Keeyyattoota3:44 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 3:44 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Kun dubbii Amos, inni warra mandara Teqo'aa keessatti hoolota horsiisan keessaa tokko ture dubbatee dha; inni bara biyyi Yihudootaa iddoo lamatti hiramee, Uziyaan biyya Yihudaatti, Yerobi'aam ilmi Yeho'aash immoo biyya Israa'elitti mootota turanitti, waa'ee Israa'eliif waan itti mul'ate dubbate; kun immoo raafamuu lafaa isa beekamaa sana dura waggaa lama ture.

2Inni,“Waaqayyo tulluu Xiyoon irraa in qaqawweessa'a, Yerusaalem keessaas sagalee isaa in dhageessisa; kaloon warra tiksituu in goga, gubbee tulluu Qarmelos irraas margi in coollaga” jedhee dubbate.

3Amos itti fufee, “Waaqayyo akka jedhu! “Warri mandara Damaasqoo ulee sibiilaa isa ittiin midhaan cagadaniin warra biyya Giil'aad waan cagadaniif, ani irra-daddarbaa isaanii isa keessa deddeebi'aniif adabni akka irraa deebi'u hin godhu!

4“ ‘Kanaaf ani mana Hazaa'el mootichaa irratti ibidda nan erga; inni immoo mana jajjabaa isa kan Ben-Hadaad mootichaa sana in fixa.

5Danqaroota karra Damaasqoo nan caccabsa; warra dachaa Aween keessa jiraatan, isa ulee mootummaa baatus Bet-Edeenii nan buqqisa; warri Sooriyaas booji'amanii biyya Qiir in dhaqu” jedha Waaqayyo” jedhe.

6“Waaqayyo akka jedhu! “Warri mandara Gaazaa dabarsanii warra Edoomitti kennuudhaaf, saba guutummaatti waan boojisiisaniif, ani irra-daddarbaa isaanii isa keessa deddeebi'aniif adabni akka irraa deebi'u hin godhu!

7“ ‘Kanaaf ani kellaa Gaazaa irratti ibidda nan erga; inni immoo mana ishee warra jajjaboo in fixa.

8Ani warra mandara Ashdood keessa jiraatan, isa ulee mootummaa baatus mandara Ashqalon keessaa nan buqqisa; mandara Eqroon irratti harka koo ol nan fudhadha, warra Filiisxiyaa keessaas kan hafan badduu in ba'u” jedha Waaqayyo gooftaan” jedhe.

9“Waaqayyo akka jedhu! Warri mandara Xiiros saba guutummaatti dabarsanii boojuudhaaf warra Edoomitti waan kennaniif, kakuu obbolummaas waan hin yaadatiniif, ani irra-daddarbaa isaanii isa keessa deddeebi'aniif adabni akka irraa deebi'u hin godhu!

10Kanaaf“Ani kellaa Xiiros irratti ibidda nan erga; inni immoo mana ishee warra jajjaboo in fixa” jedha” jedhe.

11“Waaqayyo akka jedhu! Warri biyya Edoom billaa fudhatanii obboloota isaanii waan ari'aniif, oo'as waan hin argisiisiniif, aariin isaanii yeroo hundumaa waan boba'uuf, dheekkamsi isaaniis bara hundumaa waan itti fufeef, ani irra-daddarbaa isaanii isa keessa deddeebi'aniif adabni akka irraa deebi'u hin godhu!

12Kanaaf,“Ani mandara Temaan irratti ibidda nan erga; inni immoo mana mandara Bozraa warra jajjaboo in fixa” jedha” jedhe.

13Waaqayyo akka jedhu!“Warri biyya Amoon daarii biyya isaanii bal'ifachuudhaaf jedhanii, biyya Giil'aaditti garaa dubartoota ulfaa iyyuu waan tarsaasaniif, ani irra-daddarbaa isaanii isa keessa deddeebi'aniif adabni akka irraa deebi'u hin godhu!

14Kanaaf,“Ani kellaa Raabaa irratti ibidda nan bobeessa; inni immoo mana ishee warra jajjaboo in fixa; kunis guyyaa duulli wacutti, guyyaa qilleensi bubbisuttis in ta'a.

15Mootiin warra Amoon gurguddoonni isaas isaa wajjin, booji'amanii in adeemu” jedha gooftichi” jedhe.

Ibsa

1:18-21 Dhiibbaan Waaqayyoo guddaan baay'inaan ni jiraata; misiraachoonis saffisaan gara lafa garaa fagoo hundatti in babal'ata. Wantoonni kun mallattoolee gurguddoo jalatti raagaman; guyyaan in dhufa, yeroo wanti hundinuu dogoggora ture sirreeffamu. Burqaan guutuu kanaa mana Waaqayyoo keessa jira; achirraan bishaanonni in burqu.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG በቴቁሔ ከላም ጠባቂዎች መካከል የነበረ አሞጽ በይሁዳ ንጉሥ በዖዝያን ዘመን፥ በእስራኤልም ንጉሥ በዮአስ ልጅ በኢዮርብዓም ዘመን፥ የምድር መናወጥ ከሆነበቱ ከሁለት ዓመት በፊት ስለ እስራኤል… አማርኛ ENGNIV The words of Amos, one of the shepherds of Tekoa–what he saw concerning Israel two years before the earthquake, when Uz… English BCV እዝ ቓል እዙይ፥ ኣሞፅ፥ ሓደ ኻብቶም ጓሶት ቴቁሔ ዝነበረ፥ ብዘመን ኣዛርያስ ንጉስ ይሁዳን፥ ብዘመን ኢዮርብዓም ወዲ ኢዮኣስ ንጉስ እስራኤልን፥ ክልተ ዓመት ቅድሚ ምንቅጥቃጥ ምድርን፥ ብዛዕ… ትግርኛ BCV GIZ ቃለ እግዚአብሔር ኀበ አሞጽ ዘኮነ በአቃሬም ዘቴቁሔ ዘርእየ በእንተ ኢየሩሳሌም በመዋዕለ ዖዝያን ንጉሠ ይሁዳ ወበመዋዕለ ኢያሮብዓም ወልደ ዮአስ ንጉሠ እስራኤል እምቅድመ ክልኤቱ ዓመት ዘድል… giz GAZGAZ Kun dubbii Amos, inni warra mandara Teqo'aa keessatti hoolota horsiisan keessaa tokko ture dubbatee dha; inni bara biyy… Afaan Oromoo BCV aksum እዝ ቓል እዙይ፥ ኣሞፅ፥ ሓደ ኻብቶም ጓሶት ቴቁሔ ዝነበረ፥ ብዘመን ኣዛርያስ ንጉስ ይሁዳን፥ ብዘመን ኢዮርብዓም ወዲ ኢዮኣስ ንጉስ እስራኤልን፥ ክልተ ዓመት ቅድሚ ምንቅጥቃጥ ምድርን፥ ብዛዕ… ትግርኛ AMHNIV በቴቁሔ ከነበሩት እረኞች መካከል አንዱ የሆነው አሞጽ፣ ዖዝያን የይሁዳ ንጉሥ በነበረ ጊዜ እንዲሁም የዮአስ ልጅ ኢዮርብዓም የእስራኤል ንጉሥ በነበረ ጊዜ፣ ይኸውም የምድር መናወጥ ከመሆኑ ከ… አማርኛ SWAHSUV Maneno ya Amosi, aliyekuwa mmoja wa wachungaji wa Tekoa; maono aliyoyaona katika habari za Israeli, siku za Uzia, mfalm… Kiswahili