Hojii Ergamootaa 7

GAZBIBAfaan Oromoo60 Keeyyattoota11:38 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 11:38 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Angafni lubootaa yommus, ?Kun dhugumaan akkasii?? jedhee Isxifaanosiin in gaafate.

2Isxifaanos immoo deebisee, ?Obbolootaa fi abboota nana, na dhaggeeffadhaa! Abrahaam abbaan keenya Kaaraan dhaqee utuu hin taa'in, utuma inni Mesophotaamiyaa jiruu, Waaqayyo ulfina gooftummaa isaatiin itti mul'atee,

3?Biyya kee keessaa lammii kee keessaas ba'iitii, gara biyya ani si argisiisuu dhaqi!? ittiin jedhe.

4Kana irratti biyya Kaldootaa dhiisee, ba'ee biyya Kaaraan taa'e. Erga abbaan isaa du'ee immoo Waaqayyo achii isa baasee, gara biyya isin amma keessa jiraattanitti isa dabarse.

5Waaqayyo egaa Abrahaamiif lafa faana tokkittii illee dhuunfaa hin kennineef, garuu Abrahaam yeroo sanatti dhala yoo qabaachuu dhabaate iyyuu, ?Lafa kana siif, si booddees dhala dhala keetiif nan kenna? jedhee abdachiise.

6Waaqayyo waa'ee kanaatiif Abrahaamiin, ?Ijoolleen ijoollee keetii biyya ormaatti galaa in ta'u, achittis garbummaatti waggaa dhibba afuriif in cunqurfamu.

7Ani immoo saba warra isaan garbummaatti hojjechiifatu sanatti nan farada; kana booddees isaan biyya sanaa ba'anii, iddoo kanatti anaaf in sagadu? jedhee ture.

8Waaqayyo yeroo sanatti milikkita walii galteetiif, kakuu dhagna-qabaa Abrahaamiif kenne. Kanaafis Abrahaam ilma isaa Yisihaqin, dhalatee guyyaa saddeettaffaatti dhagna qabe; Yisihaqis ilma isaa Yaaqoobiif, Yaaqoobis ilmaan isaa kudha lamaan, warra abboota gosa sanaa ta'aniif akkasuma godhe.

9?Warri abboota gosaa ta'an sun, Yoseefitti hinaafanii gara biyya Gibxitti isa gurguran. Waaqayyo garuu isaa wajjin ture;

10rakkina isaa hundumaa keessaa isa oolchee fuula Fara'oon mootii Gibxii durattis simboodhaa fi ogummaa kenneef; mootichi immoo bulchaa biyya Gibxii fi abboomaa qabeenya mana isaa hundumaa isa godhate.

11Bara sanatti biyya Gibxii hundumaaf Kana'aan irratti beellii fi rakkinni guddaan in bu'e; abboonni keenyas waan nyaatan argachuu hin dandeenye.

12Garuu Yaaqoob biyya Gibxi midhaan akka jiru dhaga'ee, yeroo jalqabaa abboota keenya erge.

13Ala lammaffaatti garuu Yoseef obboloota isaatti of mul'ise, horteen Yoseef, Fara'oon mooticha duratti beekaman.

14Kana booddee Yoseef itti ergee, Yaaqoobii fi firoota isaa warra hafan lubbuu torbaatamii shan waamsise.

15Akkasitti Yaaqoob biyya Gibxitti gad bu'ee achitti in du'e; abboonni keenyas akkasuma achitti in du'an.

16Lafeewwan isaaniis Sheekemitti geeffaman, achitti iddoo Abrahaam, ijoollee Hemoor nama biyya Sheekem irraa, meetiidhaan bitee turetti in awwaalaman.

17?Yeroon abdii Waaqayyo Abrahaamiif kenne dhi'aachaa adeemnaan, sabni keenya biyya Gibxitti guddatee, lakkoobsaanis baay'atee ture.

18Kun immoo hamma mootiin Yoseefin hin beekne haaraan tokko ka'ee, biyya Gibxitti mo'etti ta'e.

19Inni sanyii keenya haxxummaadhaan qabee, daa'imoonni isaaniis akka hin jiraanneef, bakkeetti akka gatan abboota keenya rakkise.

20Bara sanatti Museen dhalate. Inni mucaa Waaqayyo itti gammadu ture; hamma ji'a sadiittis mana abbaa isaa keessatti in eegama ture.

21Yeroo bakkeetti baafametti immoo intalli Fara'oon isa fudhattee, akka ilma isheetti isa guddifte.

22Museen ogummaa warra Gibxi hundumaa barsiifame; ofii isaatiis dubbiitti hojiittis nama danda'aa ture.

23?Nama waggaa afurtamaa yommuu ta'e, akka obboloonni isaa namoonni Israa'el itti jiraatan ilaaluudhaaf, yaadni garaa isaa keessaa ka'e.

24Yeroo sanatti namni tokko, harka namicha Gibxitti utuu miidhamuu argee, isa miidhame sana namicha harkaa baasuudhaaf gara isaa goree, namicha Gibxi sana rukutee ajjeese.

25Innoo, Waaqayyo harka isaatiin furii akka isaaniif kennu, obboloonni isaa waan isa hubatan se'ee ture, isaan garuu hin hubanne.

26Borumtaas utuu isaan walii isaanii wal qoccolanii, Museen itti dhufee, ?Jara nana, isinoo obbolootaa, maaliif walitti darbitu?? jechuudhaan isaan araarsuu barbaade.

27Namichi inni hiriyaa isaatti darbe sun garuu, of irraa achi isa darbatee, ?Nu irratti immoo eenyutu seerrattuudhaa fi abbaa firdii si godhe?

28Akka kaleessa namicha Gibxi sana rukuttee ajjeefte, anas ajjeesuu kajeeltee?? ittiin jedhe.

29Dubbii kana irratti Museen baqatee, biyya Miidiyaanitti galaa ta'ee jiraate; achitti ilmaan lama in godhate.

30?Waggaa afurtama booddee kunoo lafa onaa gaara Siinaatti, huuxxii qoraattii akka ibiddaa boba'u tokko keessatti, ergamaan Waaqayyoo Museetti in mul'ate.

31Museen yommuu isa arge mul'ata kana dinqifatee, ilaaluufis itti dhi'aatee, sagalee gooftaa dhaga'e,

32?Waaqayyo ana! Kan abboota keetii, Waaqayyo isa kan Abrahaam, kan Yisihaq, kan Yaaqoobis? ittiin jedhe. Museen in rom'e, gara isaa ilaaluufis ija hin jabaanne.

33Gooftichi yommus, ?Iddoon ati dhaabattu kun lafa qulqullaa'aa waan ta'eef, kophee miilla keetii baasi!

34Ani miidhama saba koo warra Gibxi jiranii argeera, aadnaa isaanii dhaga'eera, isaan furuudhaafis gad bu'eera; ammas kottu gara Gibxitti sin erga? ittiin jedhe.

35Museen kun, isuma isaan gananii, ?Eenyutu seerrattuudhaa fi abbaa firdii si godhe?? ittiin jedhanii dha; Waaqayyo harka ergamaa isaa isa huuxicha qoraattii keessatti itti mul'ateetiin, akka seerratutti akka furuttis isa ergeera.

36Inni kun biyya Gibxiitii isaan baase. Gibxiidhaa yeroo baasetti, galaana Ertiraatti, waggaa afurtama yeroo lafa duwwaa keessa isaan geggeessettis dinqiidhaa fi milikkita godhe.

37Museen inni namoota Israa'eliin, ?Waaqayyo anaan akkuma kaase, obboloota keessan keessaa raajii tokko isiniif in kaasa? jedhe isuma kana.

38Ergamaa Waaqayyoo isa gaara Siinaa irratti isatti dubbate sanaaf, abboota keenya warra lafa duwwaatti walitti qabaman gidduu kan dhaabate, isuma kana; isumatus dubbii jiraataa nutti kennuudhaaf fudhate.

39?Abboonni keenya garuu Museef abboomamuu hin jaallanne, of irraa isa darbatanii yaadaan gara Gibxitti deebi'an.

40Isaan yommus Aaroniin, ?Ka'i, waaqayyolii dura-buutuu nuuf ta'an nuuf tolchi! Museen inni biyya Gibxiitii nu baase silaa, waan inni ta'e hin beeknu? jedhan.

41Isaan yeroo sanatti waan akka jabbii tolchanii, waaqayyicha tolfame sanaafis aarsaa dhi'eessan; ulfina hojii harka isaanii kanas in ayyaaneffatan.

42Waaqayyo garuu isaan irraa gara galee, urjoota waaqa keessaatti akka sagadaniif dabarsee isaan kenne. Macaafa raajotaa keessatti akkuma caafame, ?Yaa namoota Israa'el, waggaa afurtama lafa duwwaa sana keessatti horii qalmaa fi aarsaa anaaf dhi'eessitaniittu moo ree?

43Isinoo godoo Molok isa uffata irraa hojjetamee fi bifa urjii waaqayyicha:- Reefaan jedhamu baattan; isin isaaniif sagaduudhaaf waaqayyolii tolfaman hojjetattan; anis immoo isin baasee, biyya Baabilon irra fagaatutti isin nan dabarsa? jedhe.

44?Abboonni keenya lafa duwwaa sana keessatti ?Godoo dhaabaa? of biraa qabu turan; godoon sunis akka isa Waaqayyo Museetti argisiisee, ?Akkasitti qopheessi? ittiin jedhetti, kan hojjetame ture.

45Abboonni keenya warri isaan booddees godicha fudhatanii, Iyaasuudhaa wajjin biyya saba warra Waaqayyo isaan duraa oofee baasetti galan; godichis hamma bara Daawititti isaan gidduu ture.

46Daawit yommus Waaqayyo duratti ayyaana argatee, Waaqayyo isa kan Yaaqoobiif mana ijaaruudhaaf gaafate.

47Waaqayyoof mana kan ijaare garuu Solomoon ture.

48?Waaqayyo inni hundumaa gara irraa jiru immoo, manneen harka namootaatiin hojjetaman keessa hin jiraatu. Raajichi akkuma jedhu iyyuu,

49?Bantiin waaqaa teessoo koo ti, laftis ejjeta miilla kootii ti. Mana attamii anaaf ijaartu ree? Yookiis iddoon boqonnaa kootii isa kami?

50Isaan kana hundumaas harka kootu hojjete mitii ree? jedha gooftichi?.

51?Isin mata-jabeeyyii nana, garaan keessan akka garaa warra Waaqayyotti hin amaninii ti, gurri keessan akka gurra warra Waaqayyoon hin dhaga'inii ti. Akkuma abboonni keessan gochaa turan, isinis yeroo hundumaa hafuura qulqulluu jalaa diddu.

52Raajota keessa immoo kan abboonni keessan hin ari'atin jira turee ree? Inni qajeelaan sun dhufuuf akka jiru, warra raajii dubbatan ajjeesaniiru; inni isuma isin amma dabarsitanii kennitan, isa isin ajjeeftanis.

53Isinuma warri akka ergamoonni Waaqayyoo isinitti kennanitti seera fudhattanii, eeguu immoo diddan? jedhe.

54Isaan kana hundumaa yommuu dhaga'an aarii guddaa irraa kan ka'e, isatti in ciniinatu turan.

55Isxifaanos garuu hafuura qulqulluudhaan guutamee, utuu ija irraa hin buqqifatinis waaqa keessa ol ilaalee, ulfina Waaqayyoo, Yesusinis gara mirga Waaqayyoo dhaabatee arge.

56?Kunoo ani, bantiiwwan waaqaa banamanii, ilmi namaas gara mirga Waaqayyoo dhaabatee nan arge? jedhe.

57Isaan garuu gurra isaanii cuqaalatanii, guddisanii itti wacaniis, erga-takkaa itti fiigan.

58Mandara keessaa daddarbachaa gad baasanii, dhagaadhaan in rukutan; warri dhuga-baatuunis uffata isaanii miilla dargaggeessa Saa'ol jedhamu tokko jala naqatanii turan.

59Utuma isaan dhagaadhaan isa rukutaa jiranii, Isxifaanos, ?Gooftaa Yesus, hafuura koo fudhadhu!? jedhee kadhate.

60Jilbeenfatee sagalee guddaadhaan, ?Yaa gooftaa, cubbuu kana isaanitti hin lakkaa'in!? jedhee iyye; kana jedhes kufee in obbaafate.

Ibsa

7:1-16

Istifaanos akka arrabsaa Waaqayyoo fi amantii waldasaa Kiristaanaa irraa goraatti himatamee ture; kanaafuu, innis ilma Abrahaam ta’uu isaa agarsiisa, akkasumas sanaan of kabaja. Kakuun Abrahaamiif kenname sun tarkaanfii suuta jedheen gara raawwiitti imaluun isaa, hiika hafuuraa qabaachuu isaa fi lafti yaaddame sun kan samii ta’uu isaa ifatti mul’isa. Waaqayyo rakkinoota Yoosef keessatti isa wajjin ture, akkasumas humna Hafuura isaaatiin, garaa isaatiif jajjabina kennuudhaan, akkasumas warra inni isaan waliin jiru duratti jaalala isaaf kennuudhaan isa gargaare. Istifaanos jalqaba Yihudoota isa gadadoo sana yaadachiisa, akka isaan ulfinoota saba sanaatiin of tuulanii hin jiraanneef. Akkasumas hammina abbootii qomoo isaanii, obboleessa isaanii Yoosefiin hinaafuudhaan argisiisaniin, akkasumas hafuurri akkasiin Kiristoosii fi tajaajiltoota isaa irratti isaan keessa hojjechaa ture. Amantiin abbootii qomoo, lafa Kana’aan keessatti awwaalamuu barbaaduu isaaniitiin, biyya samii sanaaf dhimma qabaachuu isaanii ifatti mul’isaa ture. Barmaatilee yookiin ilaalchota jalqabaa kanneen jallatan irratti deebi’uun gaarii dha. Yoo nuti uumamaa fi bu’aa amantii qajeelchaa beekuu barbaanne, amaloota abbaa warra amantootaa qoruu qabna. Waamichi isaa humnaa fi bilisummaa ayyaana Waaqayyoo, akkasumas uumama jijjiirama amantii agarsiisa. Asittis ni argina, bifa alaa fi adda ba’iinsi, adda ba’iinsa addunyaa irraa fi Waaqayyoof of kennaa waliin yoo wal qabsiifaman homaa akka hin taane.

7:17-29 Waadaan Waaqayyoo suuta raawwatama jedhanii abdii hin kutinnee. Yeroowwan dhiphinaa baay'ee yeroowwan waldaan Kiristaanaa itti guddattu ta'u. Waaqayyo yommuu guyyaan saba isaatii hunda caalaa dukkanaa'u, dhiphinni isaaniis jabaatu, furamuu isaaniitiif qopheessa.

Museen baay'ee miidhagaa ture, Waaqayyo durattis miidhagaa ture; kun miidhagina qulqullinaati, kan Waaqayyo duratti gatii guddaa qabu. Inni yeroo daa'imummaa isaatti dinqisiisaatti eegame; Waaqayyo namoota karaa addaa itti fayyadamuu karoorfatuuf eeggannoo addaa ni godhaatii. Waaqayyo ijoollummaa Musee akkasitti eegere moo? Kana caalaa Ilma isaa qulqulluu Yesusii dhimmoota isaa diinota isatti qindaa'an irraa ni tiksa!

Isxifaanosin, kan Kiristoosii fi wangeela isaa eeguuf falmii godhaa ture, dhiphisan; isaan kun immoo kana mormuudhaan Musee fi seera isaa ol qaban. Yoo ifa dura ija isaanii beekaa hin cufan ta'e, Waaqayyo Yesus kanaan garbummaa Misiraa caalaa hamaa irraa akka isaan furu hubachuu danda'u. Osoo namoonni dhiphina ofii isaanii dheeressanillee, Gooftaan hojjetoota isaa ni kunuunsa, akeeka garaa laafina isaa isa ofiisaa ni raawwata.

7:30-41

Namoonni, Waaqayyo bakka kamittuu waan inni gaarii ta'u hojjechuu hin danda'u jedhanii yoo yaadan, of gowwoomsu. Inni saba isaa gara lafa onaa fiduu danda'a, achittis jechoota jajjabinaa isaaniif dubbachuu danda'a. Moseef ibidda boba'aa keessatti mul'ate, garuu muka buusaa sun hin gubanne; kunis haala Israa'el Misira keessa ture kan agarsiisu ture, bakka yeroo isaan ibidda rakkinaa keessa turanillee, garuu hin gubanne. Kunis akka fakkii Kiristoos uumama namaa ofitti fudhachuu isaa fi tokkummaa uumama Waaqummaa fi namaa gidduu jiruutti ilaalamuu danda'a.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6