Hojii Ergamootaa 23

GAZBIBAfaan Oromoo35 Keeyyattoota7:33 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 7:33 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Phaawulos ija warra yaa'ii keessa ilaalee, ?Jarreen obboloota nana! Ani hamma guyyaa har'aatti garaan koo utuu ana hin ceepha'in fuula Waaqayyoo dura jiraadheera? jedhe.

2Kana irratti Ananiiyaas angafichi lubootaa warra Phaawulositti dhi'oo jiraniin, ?Afaan isaa rukutaa!? jedhee ajaje.

3Phaawulos yommus deebiseefii, ?Waaqayyo si rukutuuf jira, ati ?Alaa gaarii? akka keenyan nooraa dibamaa nana. Akka seeraatti anatti faraduuf achi teessa, ofii keetii immoo seera irra darbitee akkan rukutamuuf abboomtaa?? jedheen.

4Kana booddee warri achi dhaabatan Phaawulosiin, ?Angafa lubootaa Waaqayyoo arrabsitaa?? jedhan.

5Phaawulos immoo deebisee, ?Obboloota nana! Akka inni angafa lubootaa ta'e ani hin beekne; ?Angafa saba keetti hamaa hin dubbatin!? kan jedhu caafamee jira? jedheen.

6Phaawulos yommus warra achi turan keessaa gar tokko Saduqoota gar kaan immoo Fariisota ta'uu isaanii hubannaan, yaa'ii sana keessatti sagalee isaa ol fudhatee, ?Jarreen obboloota nana, ani Fariisota keessaa tokko, sanyii Fariisotaa tis; sababii abdii nuuf kennameef, sababii ka'uu warra du'aniitiif yaa'ii duratti gaafatamaan jira? jedhee dubbate.

7Akkuma inni kana dubbateen warra Fariisotaa fi warra Saduqootaa gidduutti gooliin ka'e, yaa'ichis gargar hirame.

8Warri Saduqootaa, du'aa ka'uun hin jiru, ergamoonni Waaqayyoo, hafuuronnis hin jiran jedhu; warri Fariisotaa garuu kun hundinuu jira jedhu.

9Waci guddaanis ka'e; kutata warra Fariisotaa keessaa warri seera barsiisan tokko dhaabatanii, ?Nuyi nama kana irratti balleessaa hin argine, tarii hafuurri yookiis ergamaan Waaqayyoo itti dubbateera ta'a? jedhanii falman.

10Wal gooluunis baay'annaan angafichi kumaa, jarri kun Phaawulosin in caccabsu jedhee sodaate. Kanaaf loltoonni dhaqanii Phaawulosin yaa'ii sana gidduudhaa baasanii, iddoo buufata loltuutti akka geessan abboome.

11Gooftichi gaafasuma halkan Phaawulositti dhi'aatee, ?Laphee jabaadhu! Yerusaalemitti anaaf akkuma dhugaa baate akkasuma mandara Roomaattis anaaf dhugaa ba'uun siif in ta'a? jedheen.

12Lafti yommuu bari'e warri Yihudootaa walitti koratanii, Phaawulosin hamma ajjeesanitti waa akka hin nyaanne akka hin dhugnes wal kakan.

13Mala kana kan qopheessan immoo namoota afurtama irra in caalu turan.

14Isaan yommus luboota warra angafootaatii fi maanguddoota bira dhaqanii, ?Phaawulosin hamma ajjeefnutti akka waa afaaniin hin qabne kakanneerra.

15Kanaafis, egaa akka waan dhimma Phaawulos caalchiftanii qoruudhaaf, yaa'icha biyya seerratuu wajjin, itti walii galtaniitti angaficha kumaatti beeksisaa! Inni Phaawulosin gara keessanitti gad haa fidu; nuyi immoo utuu inni hin dhi'aatin isa ajjeesuudhaaf qophoofnee eegna? jedhaniin.

16Ilmi obboleettii Phaawulos garuu, akka jarri riphanii Phaawulosin eeggachuuf mari'atan dhaga'ee, dhaqee lafa buufata loltuutti ol lixee, kana Phaawulositti hime.

17Phaawulos kanaaf angafoota dhibbaa keessaa tokko ofitti waamee, ?Dargaggeessa kana angaficha kumaatti geessi, innoo waan itti himu qaba? jedheen.

18Angafichi dhibbaa kana irratti dargaggeessicha fuudhee, gara angaficha kumaatti geessee, ?Phaawulos inni hidhamaan ofitti na waame; dargaggeessa waan sitti himu qabu kana, gara kee akkan fiduuf na kadhate? jedhe.

19Angafichi kumaa dargaggeessicha harka qabatee kophaatti baafatee, ?Maal inni, ati anatti himtu?? jedhee isa gaafate.

20Dargaggeessichi immoo, ?Yihudoonni akka waan yaa'ichi dhimma Phaawulos caalchisee qoruu yaadetti, bor Phaawulosin yaa'iitti akka dhi'eessituuf, si gaafachuudhaaf walii galaniiru.

21Ati garuu tole hin jedhiniif. Isaan keessaa namoonni afurtama irra caalan riphanii Phaawulosin eeggachaa jiru; jarri kun Phaawulosin hamma ajjeesanitti waa akka hin nyaanne akka hin dhugnes, cimsanii ofitti qorobaniiru. Ammas tole jechuu kee qophaa'anii eeggatu? jedhee itti hime.

22Angafichi kumaa, ?Dubbii kana akka anatti himte nama tokkotti illee hin himin? jedhee abboomee, dargaggeessicha gad dhiise.

23Angafichi kumaa yommus angafoota dhibbaa keessaa lama waamee, ?Halkan keessaa sa'aatii sadaffaadhaa jalqabanii loltuun dhibbi lama, abboonni fardeenii torbaatamni, warri eeboo dhibbi lamas Qiisaariyaa dhaquudhaaf akka qophaa'an godhaa!

24Phaawulosin irra teessiftanii utuu hin miidhamin Feeliks abbaa biyyaa biraan ga'uudhaafis, horii yaabbii qopheessisaaf!? jedheen.

25Ofii isaatii immoo caaffata kanatti fufee jiru caafe.

26inni immoo, ?Ani Klaawudiiyos Liisiiyaas, ulfaatoo Feeliks abbaa biyyaatiif nagaa koo nan dhi'eessa.

27Warri Yihudootaa nama kana qabatanii ajjeesuuf jedhan; nama Roomaa ta'uu isaa bareen, loltuu fuudhee dhaqee, harka isaanii keessaa baase.

28Warri Yihudootaa sababii maaliitiif nama kana akka hammeessan, gad fageessee baruu barbaadeetan, namicha gara yaa'ii isaaniitti geesse.

29Namni kun waa'ee waliin morkii seera isaanii irratti hammeeffame malee, yakka du'aan yookiis hidhaadhaan isa ga'u of irraa akka inni hin qabne, qoree bira ga'eera.

30Yihudoota keessaa jarri tokko namicha kana ajjeesuudhaaf akka mari'atan anatti himameera. Kanaafan achumaan gara keetti isa erge; warra isa hammeessanittis, waan isa irraa qaban fuula kee duratti akka dhi'eeffataniif itti himeera? kan jedhu ture.

31Warri loltuu akkuma abboomamanitti, halkanuma gaafasii Phaawulosin fuudhanii Antiiphaaxriisitti geessan.

32Lafti bariinaan loltuun warri lafoo iddoo buufata isaaniitti deebi'an; warri fardeenii garuu Phaawulosii wajjin in adeeman.

33Jarri Qiisaariyaa ga'anii, caaffaticha abbaa biyyaatti kennanii, Phaawulosin immoo isa dura dhaabachiisan.

34Abbaan biyyaa sun caaffaticha dubbisee, nama biyya kami akka inni ta'es gaafatee, Phaawulos nama Qiliiqiyaa ta'uu isaa bare.

35?Warri si hammeessan erga as ga'anii, dubbii kee nan ilaala? ittiin jedhee, mana Herodis ijaarsise keessatti akka eegamu abboome.

Ibsa

23:1-5 Asitti amala nama qajeelaa argina. Inni Waaqayyoon fuuldura isaa kaa'a, akkasumas akka fuula Isaa duratti jiraata. Wanta dubbatuufi hojjetu irratti garaa isaa qorata, akkasumas hubannoo isaa isa gaarii ta'een, wanta hamaa hundarraa fagaata, wanta gaarii ta'ettis maxxana. Dubbii isaa hundumaafi adeemsa isaa keessatti guutummaatti of eeggata. Warri akkasitti Waaqayyo duratti jiraatan, akka Phaawulositti, kallattii Waaqayyoo fi nama lamaanittuu amanannaa qabaachuu danda'u. Deebiin Phaawulos ifannaa qajeelaafi raajii yoo qabaateyyuu, dubbii isaa sana dubbachaa otoo jiruu sababa gocha isa mudateen baay'ee aaree fakkaata. Namoota gurguddaadhaaf dogoggorri isaanii himamuu danda'a, akkasumas komiin uummataa haala sirrii ta'een dhihaachuu danda'a; garuu seera Waaqayyoo namoota aangoo irra jiran kabajuu barbaada.

23:6-11 Fariisonni amantii waldaa Yihudootaa keessatti sirrii turan. Saduqoonni Caaffata Qulqullaa'aatii fi mul'ata Waaqayyoo jaalallee hin turre; jireenya fuulduraa ni didu turan; gammachuu bara baraa abdii hin qaban turre, akkasumas cinqii bara baraa hin sodaatan turre. Phaawuloos Kiristaana ta'uu isaatiif yeroo gaafatamu, dhugumaan akka inni abdii du'aa ka'uu warra du'aniitiif gaafatame jedhuu danda'a ture. Yaada isaa dhimma mormisiisaa sana irratti qabu kana beeksisuudhaan, Fariisota ari'annaa isarratti godhan irraa deebisuufii fi humnaan doorsisa seeraan alaa kana irraa akka isa eegan taasisuuf, inni waan sirrii hojjete.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG ጳውሎስም ሸንጎውን ትኵር ብሎ ተመልክቶ፦ “ወንድሞች ሆይ፥ እኔ እስከዚች ቀን ድረስ በመልካም ሕሊና ሁሉ በእግዚአብሔር ፊት ኖሬአለሁ” አለ። አማርኛ ENGNIV Paul looked straight at the Sanhedrin and said, “My brothers, I have fulfilled my duty to God in all good conscience to… English BCV ሽዑ ጳውሎስ፥ ነቶም ኣብ መጋባእያ ዝተኣከቡ ኣትኲሩ እናጠመተ “ኣቱም ኣሕዋተይ፥ ኣነ ኽሳዕ እዛ መዓልቲ እዚኣ፥ ኣብ ቕድሚ እግዚኣብሄር ብንፁህ ሕሊና እየ ዝተመላለስኩ” በሎም። ትግርኛ BCV GIZ ወነጺሮ ጳውሎስ ዐውደ ይቤሎሙ፦ “አንሰኬ ኦ አኀውየ በኵሉ ትምህርት ሠናይ ተፀመድክዎ ለእግዚአብሔር እስከ ዛቲ ዕለት።” giz GAZGAZ Phaawulos ija warra yaa'ii keessa ilaalee, ?Jarreen obboloota nana! Ani hamma guyyaa har'aatti garaan koo utuu ana hin … Afaan Oromoo BCV aksum ሽዑ ጳውሎስ፥ ነቶም ኣብ መጋባእያ ዝተኣከቡ ኣትኲሩ እናጠመተ “ኣቱም ኣሕዋተይ፥ ኣነ ኽሳዕ እዛ መዓልቲ እዚኣ፥ ኣብ ቕድሚ እግዚኣብሄር ብንፁህ ሕሊና እየ ዝተመላለስኩ” በሎም። ትግርኛ AMHNIV ጳውሎስም ወደ ሸንጎው ትኵር ብሎ በመመልከት፣ “ወንድሞች ሆይ፤ እኔ እስከዚች ቀን ድረስ በእግዚአብሔር ፊት በንጹሕ ሕሊና ተመላልሻለሁ” አለ። አማርኛ SWAHSUV Paulo akawakazia macho watu wa baraza, akasema, Ndugu zangu, mimi kwa dhamiri safi kabisa nimeishi mbele za Mungu hata … Kiswahili