2ffaa Ximotewos 4

GAZBIBAfaan Oromoo22 Keeyyattoota4:01 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 4:01 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Waaqayyo duratti, Kristos Yesus isa warra jiranii fi warra du'anitti faraduuf jiru durattis, maqaa isa deebi'ee mul'atee, mootummaa isaas argisiisu sanaan cimsee sin gorsa.

2Dubbicha lallabi, ?Kun yeroo dha, kun yeroo miti? utuu hin jedhin qophaa'ii argami! Nama balleessaa isaa hubachiisi, ifadhu! Obsa hundumaan gorsi barsiisis.

3Barri itti namoonni barsiisa sirrii fudhachuu jibban dhufuuf jira; bara sanas akka hawwa isaaniitti, barsiisota wanta gurra isaaniitti tolu isaan barsiisan walitti in sassaabbatu.

4Isaan dubbii dhugaa dhaga'uu irraa gara galanii, gara mammaaksa amantiitti in goru.

5Ati garuu waan hundumaatti gara itti gortu beeki! Dhiphina obsaan baadhu! Hojii lallabaan wangeelaa hojjechuun ta'uuf hojjedhu, hojii itti ergamte guutummaatti raawwadhu!

6Yeroon dhiigni koo akka dhibaayuutti dhibaafatamu dhi'aateera! Yeroon itti ani jireenya kanattii hiikamus ga'eera.

7Wal'aansoo isa gaarii sanas dhaabadhee qabeera; dorgomee koos raawwadheera, amantiis eegeera.

8Kanaa achis gonfoon qajeelummaa anaaf kaa'amee jira; gooftichi abbaan firdii inni qajeelaan guyyaa sanatti gonficha anaaf in kenna; ana duwwaaf utuu hin ta'in, warra deebi'ee mul'inatti dhufuu isaa jaallatan hundumaafis in kenna.

9Ariitiidhaan gara koo dhufuuf dhama'i!

10Deemaas biyya lafaa kana jaallatee, ana buusee mandara Tasaloniiqee dhaqe; Kresqes biyya Galaatiyaa, Tiitoosis immoo biyya Dalmaatiyaa dhaqe.

11Luqaas duwwaatu na bira jira; yeroo dhuftu, Maarqosin of duukaa fidii kottu! Inni anaaf ergamuudhaan waa'ee anaaf in baasa.

12Xikiqoosin immoo mandara Efesoonitti ergeera.

13Yommuu dhuftu waaroo ani Kaarphos biratti Xro'aasitti dhiise, macaafotas addumaan immoo maraa caaffatoota gogaa duugamaa anaaf fidi.

14Iskindir inni sibiila tumu baay'isee hamaa ana irratti hojjete; gooftichi akka hojii isaatiitti isaaf in deebisa!

15Inni jabeessee dubbii keenyaan waan mormeef, atis isattii of eeggadhu!

16Gaafa ani dura yaa'ii duratti dhi'aadhee falmadhe, hundumtuu na buusan malee, namni na bukkee dhaabate tokko illee hin argamne; gooftaan kana isaanitti hin lakkaa'in.

17Garuu wangeelli karaa koo guutummaatti akka lallabamuuf, warri saba Waaqayyoo hin ta'inis akka isa dhaga'aniif gooftichi na bukkee dhaabatee na jabeesse; afaan leencaas na oolche.

18Gooftaan hamaa ana irratti hojjetamu hundumaa irraa na oolcha; na fayyisee mootummaa isaa isa waaqa irraatti na geessa; isaaf baruma baraan galanni haa ta'u! Ameen.

19Phrisqiilaa fi Aqiilaatti, warra mana Oneesiforosittis nagaa koo anaaf himi!

20Erasxos Qorontositti hafe; Xrofimoos immoo dhukkubsannaan ani mandara Miilexositti isa dhiise.

21Utuu ganni hin lixin dhufuudhaaf dhama'i! Yubulos, Phudenis, Liinos, Klaawudiiyaan, obboloonni hundinuu nagaa siif ergu.

22Gooftaan hafuura kee wajjin haa ta'u! Ayyaanni Waaqayyoo hunduma keessanii wajjin haa jiraatu!

Ibsa

4:1-5

Namoonni dhugaarraa gara galu, wangeela Kiristoos isa salphaatti ni dadhabu, durgootaaf ni hawwu, akkasumas isaanitti ni gammadu. Namoonni kana kan godhan yoo lallaba isa qoratu, ifaa fi kaayyoodhaaf ta'u obsuu dhabanidha. Warri lubbuu jaallatan yeroo hunda dammaqoo ta'uu qabu, bu'aa amanamummaa isaanii isa nama dhukkubsu hunda obsuuf of kennuu qabu, akkasumas wangeela qulqulluu beeksisuuf carraa hunda fayyadamuu qabu.

4:6-8

Dhiigni wareegamtootaa, yoo aarsaa araaraa hin taane iyyuu, ta’us aarsaa galateeffannaa ayyaana Waaqayyoo fi dhugaa Isaa tiif ture. Duuti nama gaariidhaaf, hidhaa addunyaa kanaa irraa hiikkamuu isaa fi gara gammachuu addunyaa biraatti imaluu isaa ti. Akka Kiristaanaa fi tajaajilaa tokkootti, Phaawuloos amanticha ni eeggate, barsiisa wangeelaas ni tikse. Xumura guyyoota keenyaa irratti karaa kanaan dubbachuun gammachuu akkamii kenna! Gonfoon warra amantootaa gonfoo qajeelummaati, kan qajeelummaa Kiristoosiin bitame. Amantoonni amma hin qaban, ta’us mirkanaa’aadha, sababiin isaa isaanumaaf kaa’ameera.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG በእግዚአብሔር ፊት በሕያዋንና በሙታንም ሊፈርድ ባለው በጌታ በኢየሱስ ክርስቶስ ፊት፥ በመገለጡና በመንግሥቱም እመክርሃለሁ፤ አማርኛ ENGNIV In the presence of God and of Christ Jesus, who will judge the living and the dead, and in view of his appearing and hi… English BCV ኣብ ቅድሚ እግዚኣብሄርን፥ ኣብ ቅድሚ እቲ ኣብ ህያዋንን ኣብ ሙታንን ክፈርድ ዝመፅእ ኢየሱስ ክርስቶስን፥ ብመንግስቱን ብምፅኣቱን፥ ኣማሕፅነካ ኣለኹ። ትግርኛ BCV GIZ ወእኤዝዘከ በቅድመ እግዚአብሔር ወእግዚእነ ኢየሱስ ክርስቶስ ዘሀለዎ ይኰንን ሕያዋነ ወሙታነ አመ ይመጽእ በመንግሥቱ። giz GAZGAZ Waaqayyo duratti, Kristos Yesus isa warra jiranii fi warra du'anitti faraduuf jiru durattis, maqaa isa deebi'ee mul'ate… Afaan Oromoo BCV aksum ኣብ ቅድሚ እግዚኣብሄርን፥ ኣብ ቅድሚ እቲ ኣብ ህያዋንን ኣብ ሙታንን ክፈርድ ዝመፅእ ኢየሱስ ክርስቶስን፥ ብመንግስቱን ብምፅኣቱን፥ ኣማሕፅነካ ኣለኹ። ትግርኛ AMHNIV በእግዚአብሔር ፊት እንዲሁም በሕያዋንና በሙታን ሊፈርድ ባለው በክርስቶስ ኢየሱስ ፊት፣ መገለጡንና መንግሥቱን በማሰብ ይህን ዐደራ እልሃለሁ፤ አማርኛ SWAHSUV Nakuagiza mbele za Mungu, na mbele za Kristo Yesu, atakayewahukumu walio hai na waliokufa; kwa kufunuliwa kwake na kwa … Kiswahili