2ffaa Ximotewos 2

GAZGAZAfaan Oromoo26 Keeyyattoota4:05 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 4:05 · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Ati immoo ilma ko! Ayyaana isa Kristos Yesus nuuf kennutti jabaadhu!

2Dhuga-baatota baay'ee duratti waan ana irraa dhageesse, namoota amanamoo warra kaan barsiisuufis ta'anitti hadaraa kenni!

3Akka loltuu Kristos Yesusitti dhiphina sana keessaa qooda qabaadhu!

4Namni loltuu ta'ee lolaa jiru, isa loltuu godhee isa qacarate sana gammachiisuudhaaf, bukkeedhaan waa argachuudhaaf hojii warra kaanitti lixuu in dhiisa.

5Namni dorgomeetti jiru akka seera isaatiitti yoo dorgome malee, gonfoo mo'ichaa hin argatu.

6Qottuun hojii isaatti dadhabu duraan dursee ija midhaan isaatii irraa nyaachuun in ta'aaf.

7Wanta ani dubbadhu kanas itti yaadi, gooftaan waan hundumaaf hubannaa siif in kenna.

8Yesus Kristosin isa warra du'an keessaa kaafame, isa sanyii Daawit keessaa dhalate, akka ani wangeela koo keessatti lallabetti yaadadhu!

9Sababii wangeela isa ani lallabe kanaaf, akkuma nama hamaa godheetti hidhamee dhiphachaan jira; dubbiin Waaqayyoo garuu hin hidhamu.

10Kanaafis, warri fo'aman fayyina isa karaa Kristos Yesus dhufu ulfina bara baraa wajjin akka argatanitti, isaaniif jedhee waan hundumaa obsaan nan baadha.

11Dubbichi amanamaa dha; innis, ?Kristosii wajjin duuneerra yoo ta'e, isaa wajjin immoo in jiraanna;

12obsaan yoo dandeenye, isaa wajjin immoo in moona; yoo nuyi isa ganne, innis immoo nu ganuuf jira;

13yoo nuyi amanamoo ta'uu dhabaanne, inni ofii isaa ganuu waan hin dandeenyeef, inni akkuma amanamaa ta'etti in hafa? in jedha.

14Wal diduun namootaa warra dhaga'an diiga malee, waan tokkoof waa'ee akka hin baafne isaan yaadachiisi! Waaqayyo durattis isaanitti dhugaa ba'i!

15Ati akka hojjetaa qoramee fudhatamee, waan itti yeella'u hin qabneetti, akka nama dubbicha isa dhugaadhaan qajeeltootti hojjetuutti, Waaqayyo dura of dhaabachiisuudhaaf dhama'i!

16Dubbii midhaan hin qabne isa wanta qulqullaa'aadhaan mormu irraa fagaadhu! Inni ittuma caalchisee nama Waaqayyoo ta'uu irraa nama fageessa.

17Dubbiin akkasii akka madaa foon nyaatee bal'achaa adeemuu ti; Himnewosii fi Filexoos warra dubbii akkasii dubbatan keessa jiru.

18Isaan kun ?Du'aa ka'uun kanaan dura ta'eera? jechuudhaan dhugaa irraa kaataniiru; amantii warra kaaniis gara galchaniiru.

19Haa ta'u iyyuu malee, hundeen Waaqayyo kaa'e jabaatee in dhaabata. Mallattoo, ?Gooftichi warra kan isaatii in beeka? kana malees, ?Namni goofticha maqaa dha'atu jal'ina irraa haa deebi'u!? jedhus in qabaata.

20Mana guddaa tokko keessa qodaa warqee irraa yookiis meettii irraa tolfame duwwaa utuu hin ta'in, qodaan muka irraa yookiis suphee irraa tolfames jira; kaan qodaa hojii ulfinaa itti hojjetanii dha, kaan immoo qodaa hojii salphinaa itti hojjetanii dha.

21Ammas namni warra wanta salphinaa hojjetan irraa yoo of qulleesse, qodaa ulfinaa in ta'a; akkasittis qodaa addaan ba'ee, gooftaa isaatiif waa'ee baasu, hojii gaarii hundumaafis qophaa'aa in ta'a.

22Ati immoo kajeellaa yeroo dargaggummaatti hammaatu irraa baqadhu, warra garaa qullaa'aadhaan maqaa gooftaa waammatanii wajjin qajeelina, amantii, jaalala, nagaa duukaas bu'i!

23Qoccolloo akka kaasan waan beektuuf, morkii gowwummaa isa toora hin qabnettis hin lixin!

24Hojjetaan gooftichaa nama hundumaatti gaarummaa argisiisuun, namoota barsiisuu danda'uun, waan hamaa obsaan namaaf danda'uun isaaf in ta'a malee, nama qoccoluun isaaf hin ta'u.

25Inni warra ittiin morman hafuura gara-laafinaatiin gorsee gara gaariitti deebisuun in ta'aaf; isaan dhugaa beekuu bira ga'uudhaaf yaada garaa isaanii akka geddarataniif Waaqayyo karaa in kennaaf ta'a.

26Yoos isaan qalbii godhatanii, Seexana isa jaalala isaa akka godhaniif kiyyoo isaatti isaan galche harkaa in ba'u.

Ibsa

2:1-7 Qorumsi keenya yoo nuuf baay’atu, waan gaarii keessatti jabaachuu nu barbaachisa; amantiin keenya jabaatee, murannoon keenya jabaatee, jaalalli Waaqayyoo fi Kiristoosif qabnu jabaatee. Kun kan humna ofii keenyaatiin jabaachuurraa adda ta’e dha. Kiristiyaanonni hundi, garuu keessumaa tajaajiltoonni, Ajajaa isaaniitiif amanamoo ta’uu qabu, akkasumas kaayyoo isaa keessatti muratoo ta’uu qabu. Yaaddoon Kiristiyaanaa guddaan Kiristoosiin gammachiisuu qofa ta’uu qaba. Fedhii cubbuu fi manca’iinsa keenya to’achuuf carraaquu qabna, garuu seerota isaa yoo hin eeganne badhaasa eeguu hin dandeenyu. Waan gaarii karaa sirrii ta’een akka hojjennu of eeggannoo gochuu qabna, akkasumas gaarummaan keenya akka hin tuffatamneef. Warri jabeessanii hojjetan tokko tokko, gara jabina isaanii bifa alaa fi falmiiwwan shakkisiisoo irratti dabarsu. Warri seeraan carraaqan garuu dhuma irratti gonfoofamu. Yoo firii qooddachuu barbaanne, hojjechuu qabna; yoo badhaasa argachuu barbaanne, dorgommii fiiguu qabna. Abdiiwwan Waaqayyoo fudhachuu keenyaan dura fedhii Isaa raawwachuu qabna, kanaafis obsa nu barbaachisa. Kadhannaa keenya warra kaaniif goonuun cinaatti, akka Gooftaan wantoota hundumaatti hubannaa isaaniif kennuuf, akkasumas waan dhaga’an yookaan dubbisan akka xiinxallanitti isaan gorsuu fi kakaasuu qabna.

Qulqulloonni dhiphatan, Yesus, Jalqaabaafi Fixaa amantii isaanii, inni gammadduu isa dura kaa'ameef jecha fannoo dandamatee, salphina tuffatee, amma immoo mirga teessoo Waaqayyoo taa'eera isa yaadatan, akkasumas isa ilaalan. Namoonni gaariin yoo rakkoo hamaa argatan nutti dinqisiifamuu hin qabu; garuu kan nama jajjabeessu jechi Waaqayyoo hin hidhamne ta'uu isaati. Asitti sababa dhugaa ergamaan Wangeelaaf jecha dhiphateef ni argina. Yoo addunyaa kanaafi mi'a ishee, bu'aa ishee fi ulfina ishee duune, addunyaa caalu keessatti bara baraan Kiristoos wajjin taana.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6