2ffaa Saamu'eel 19

GAZGAZAfaan Oromoo43 Keeyyattoota12:28 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 12:28 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Daawit mootichi Abiishaalomiif boo'aa, gaddaas akka jiru yommusuma Yo'aabitti in himame.

2Loltoonni gaafas,“Mootichi ilma isaatiif gaddaa jira” jechuu waan dhaga'aniif, gammachuun mo'icha guyyaa sanatti argatanii namoota hundumaa biratti gaddatti in geddarame.

3Kana irratti jarreen akka namoonni yeroo lafa lolaatii baqatan sababii yeella'aniif dhokatanii adeemaniitti, hafuura dhokfatanii mandarichatti in galan.

4Mootichi immoo haguuggatee sagalee guddaadhaan,“Wayyoo! Yaa ilma ko Abiishaalom! Wayyoo! Yaa Abiishaalom, ilma ko! Ilma ko!” jedhee in wawwaate.

5Yeroodhuma sanatti Yo'aab gara mana mootichaa dhaqee mootichaan,“Ati har'a, namoonni kee warri lubbuu kee, lubbuu ilmaan keetii, lubbuu intaloota keetii, lubbuu dubartoota keetii, lubbuu saajjatoota keetiis oolchan hundinuu yeella'anii lafa akka ilaalan gooteetta!

6Warra si jibban jaallachuudhaan, warra si jaallatan immoo jibbuudhaan ajajjuuwwan duulaa kee fi namoonni kee si duratti gatii akka hin qabne mul'ifteetta; Abiishaalom hafee, nuyi hundumti keenya dhumneerra utuu ta'ee, akka sitti tolu har'an bare.

7Egaa amma ka'ii dhaqii namoota keetti dubbii garaa isaan rukutu dubbadhu! Dhugaa Waaqayyoo ti, yoo ati dhaquu dhaabaatte, namni tokko illee edana si biratti hin hafu! Kun immoo mucummaa keetii jalqabee hamma ammaatti, wanta si irra ga'e hundumaa caalaa kan sitti hammaatu in ta'a” jedhe.

8Kana irratti mootichi ka'ee, karra mandarichaa dura in taa'e; namoonni hundinuu mootichi karra mandarichaa dura taa'aa akka jiru yommuu dhaga'an, gara isaatti in dhi'aatan; Israa'eloonni warri kaan garuu gara mana mana isaaniitti in baqatan.

9Yommus gosoota Israa'el hundumaa keessatti walitti falmuutu ture; isaan,“Daawit mootichi harka diinota keenyaa jalaa nu baaseera, inni harka warra Filisxeemotaas nu oolcheera; amma garuu sababii Abiishaalomiif biyya in baqate.

10Abiishaalom inni nuyi dibnee moosifanne lafa lolaatti du'e; egaa waa'ee mooticha deebisanii fiduu, maaliif calluma jettu?” jedhanii wal in gaafatan.

11Daawit mootichi, Zaadoqii fi Abiyaataar warra lubootatti nama ergee,“Jaarsolii Yihudaatiin,“Dubbii guutummaa biyya Israa'el keessatti dubbatamu ani mootichi iddoon jirutti dhaga'eera; isin ana mooticha gara mana mootummaa kootti deebisuudhaaf, maaliif warra booddee hafan taatu”

12Isinoo obboloota koo ti, foon koo ti, dhiiga koo tis; ana mooticha gara mootummaa kootti deebisuudhaaf, maaliif warra booddee hafan taatu?” jedhaa!

13Amaasaadhaanis,“Ati foon koo ti, dhiiga koo tis mitii ree” Kanaaf ati iddoo Yo'aab ajajaa humna waraanaa taatee, bara hundumaa akka anaaf hojjettu yoon gochuu dhaabaadhe, Waaqayyo ana haa dha'u! Anatti haa dabalus!” jedhaa!” jedhe.

14Inni akkasitti namoonni Yihudaa hundinuu yaada tokkichaan gara isaatti akka deebi'an in godhe; isaanis mootichatti nama erganii,“Ati deebi'ii gali, hojjetoonni kee hundinuus deebi'anii haa galan!” jedhan.

15Yommus mootichi deebi'ee galuudhaaf hamma laga Yordaanositti in dhufe; namoonni Yihudaas mooticha simatanii laga Yordaanos ceesisuudhaaf Giilgalitti itti in adeeman.

16Shime'iin ilmi Geraa namni gosa Beniyaamin immoo Daawit mooticha simachuudhaaf, namoota Yihudaa wajjin mandara Bahuriimii ka'ee ariifatee gad in bu'e.

17Gosa Beniyaamin keessaa namoonni kumni tokko isaa wajjin turan; kana malees Ziibaan inni mana Saa'ol keessa hojjetu, ilmaan isaa kudha shananii fi hojjetoota isaa digdammanii wajjin isa duukaa ture; namoonni kun fiigichaan laga Yordaanos iddoo mootichi jiru in ga'an.

18Isaan maatii mootichaa ceesisuudhaaf, wanta mootichatti tolus gochuudhaaf karaa malkaa ce'umsaa in ce'an; mootichi laga Yordaanos utuu hin ce'in, Shime'iin ilmi Geraa isa duratti lafa dha'ee,

19“Yaa gooftaa ko, yakka koo anatti hin lakkaa'in! Isa ani garbichi kee guyyaa ati gooftaan koo mootiin koo Yerusaalemii baatee si yakke anatti hin yaadatin! Garaa kee keessas hin kaa'atin!

20Ani garbichi kee cubbuu hojjechuu koo beekeera; amma garuu, gosa Yoseef keessaa isa duraa ta'ee gad bu'ee, si gooftaa koo mooticha simachuudhaaf dhufuun koo si duratti haa yaadatamu!” jedhe.

21Yommus Abiishaayi inni Zeruyaan deesse immoo,“Namichi“Shime'ii” jedhamu kun isa Waaqayyo dibee moosise waan abaareef, ajjeefamuutu ta'aaf mitii ree?” jedhe.

22Daawit garuu deebisee,“Isin yaa ilmaan Zeruyaan deessee, dubbii koo keessa maaltu isin galche” Har'a isin diina anatti taatan; ani har'a Israa'el irratti mootii akkan ta'e beekeera mitii ree” Egaa har'a biyya Israa'el keessaa namni tokko illee ajjeefamuun in ta'aa ree?” jedhe.

23Mootichi kana booddee Shime'iidhaan,“Hin ajjeefamtu!” jedhee, dubbii isaa kakaadhaan in cimseef.

24Mefii-Bosheet ilmi ilma Saa'olis immoo mooticha simachuudhaaf itti in adeeme; guyyaa mootichi manaa ba'ee jalqabee hamma guyyaa inni nagaadhaan deebi'ee galeetti, Mefii-Bosheet miilla isaa hin dhiqanne, areeda isaa isa gararraa hin murmuranne uffata isaas hin miiccanne.

25Yommuu inni Yerusaalemii ba'ee mooticha simachuu dhufe, mootichi immoo,“Yaa Mefii-Bosheet, ati maaliif anaa wajjin ba'uu dhiifte?” jedhee isa in gaafate.

26Mefii-Bosheet deebisee,“Yaa gooftaa ko, yaa mootii! Ani garbichi kee naafa waanan ta'eefan, hojjetaa kootiin,“Mooticha duukaa akkan adeemuuf harree anaaf fe'i!” nan jedhe; inni immoo ana in gowwoomse.

27Kana malees inni si gooftaa koo mooticha biratti maqaa koo balleesseera; ati gooftaan koo mootichi garuu akka ergamaa Waaqayyoo ti; egaa waanuma gaarii ta'ee sitti mul'ate hojjedhu!

28Ati gooftaan koo mootichi maatii abbaa kootii guutummaatti ajjeesuu in dandeessa turte; haa ta'u iyyuu malee, ana garbicha kee warra maaddii kee irraa nyaatanii wajjin taa'ee akkan nyaadhu gooteetta; egaa si'achi waanan jedhee mootichatti iyyadhu hin qabu!” jedhe.

29Mootichi deebisee Mefii-Bosheetiin,“Ati maaliif keessa deebitee waa'ee dhimma keetii dubbatta” Atii fi Ziibaan maasicha akka hirmattan murtoo godheera” jedhe.

30Mefii-Bosheet kana irratti mootichaan,“Ati gooftaan koo mootichi nagaadhaan manatti erga galtee, hunduma isaa iyyuu haa fudhatu!” jedhe.

31Baarzilaayi Giil'aadichis immoo mooticha Yordaanosin ceesisee geggeessuudhaaf Rogeeliimii ka'ee gad in bu'e.

32Namichi baay'ee dulloomaa jaarsa waggaa saddeettamaa ti; inni nama guddaa, badhaadhaas waan tureef, yeroo mootichi Mahanaayimin buufatetti, nyaata isa barbaachisu in kenneef.

33Mootichi yommus Baarzilaayiin,“Anaa wajjin ce'iitii Yerusaalem dhaqi! Anis nyaata si barbaachisu siif nan kenna” jedhe.

34Baarzilaayi garuu mootichaan,“Si'achi barri jireenya kootii hammamii iyyuun, si mootichaa wajjin Yerusaalemitti ol ba'a”

35Ani amma nama waggaa saddeettamaa ti; wanta gaarii fi wanta hamaa gargar baasee beekuu nan danda'aa ree” Ani garbichi kee wanti ani nyaadhuu fi wanti ani dhugu in miyaa'aa fi hin miyaa'uu isaa beekee nan himaa ree” Ani si'achi sagalee dhiirotaa fi dubartoota weeddisanii dhaggeeffachuu nan danda'aa ree” Egaa ani garbichi kee maaliifan si gooftaa koo mootichatti ba'aa ta'a ree”

36Ati maaliif akka gatiitti fudhattee kan akkasii anaaf gochuu yaadde” Ani garbichi kee amma si mootichaa wajjin Yordaanosin ce'ee xinnoo ishee sin geggeessa.

37“Ani garbichi kee mandara ani itti dhaladhe keessatti, lafa awwaalli abbaa kootii fi haadha kootii jirutti akkan du'uuf, deebi'uu nan barbaada; garuu Kiimhaam garbichi kee as jira! Inni si gooftaa koo wajjin ce'ee haa dhaqu! Wanta gaarii ta'ee sitti mul'ate isaaf godhi!” jedhe.

38Mootichi yommus,“Haa ta'u, Kiimhaam anaa wajjin haa dhaqu! Ani waanuma si gammachiisu isaaf nan godha, wanta ati akkan siif godhu ana irraa barbaaddu hundumaas immoo siif nan raawwadha” jedhe.

39Kana booddee namoonni hundinuu Yordaanosin in ce'an; mootichis ce'ee, Baarzilaayin dhudhungatee eebbisee nagaa itti in dhaame; Baarzilaayis deebi'ee gara mana isaatti in gale.

40Mootichi Giilgalitti yeroo ce'etti, Kiimhaamis isaa wajjin in ce'e; loltoonni Yihudaa hundinuu, loltoota Israa'el keessaa immoo harki walakkaan mooticha duukaa turan.

41Yommus namoonni Israa'el hundinuu gara mootichaa dhufanii,“Obboloonni keenya namoonni Yihudaa maaliif si mooticha fudhatanii, maatii kee fi namoota kee hundumaa wajjin Yordaanosin ceesisan?” jedhanii in gaafatan.

42Namoonni Yihudaa hundinuu immoo deebisanii Israa'elootaan,“Sababii mootichi aantii keenya ta'eef ceesifne; isin immoo maaliif waa'ee kanaatiif aartanii dubbattu” Nuyi mooticha irraa waa nyaannee ree” Yookiis kennaa fudhannee ree?” jedhan.

43Kana irratti namoonni Israa'el deebisanii namoota Yihudaatiin,“Mootichi kan keessan caalaa harka kudhan kan keenya ta'uun isaa beekamaa dha! Daawitin deebisuutti nutu qooda caalaa qaba, egaa maaliif nu tuffattan ree” Waa'ee mootii keenya deebifnee fiduu nutu dura dubbate mitii ree?” jedhan; namoonni Yihudaa garuu namoota Israa'el caalaa sagalee jabaadhaan deebii in kennan.

Ibsa

19:1-8 Ilma hamaan akkuma Absaaloomiif itti fufanii gadda ibsuun, waan ogummaa guddaa dhabuufi waan hin malle ture. Yowaab Daawitiin ceepha'e, garuu kabajaa sirrii fi ulfina guutuu mootii isaatiif qabuun osoo hin taane. Dhimmi ifaa ta'e tokko warra aangoo nuu ol qaban duratti haala qajeelaan dhihaachuu danda'a, akkasumas dogoggora isaaniif ceepha'amuu danda'u, garuu doorsisaa fi ulfina dhabuudhaan ta'uu hin qabu. Haata'u malee Daawit ceepha'a sanaa fi gorsa sana ogummaadhaan fi bishaanumaadhaan fudhate. Yeroosaatti of dabarsuun yeroo baay'ee miidhaa hamaa tarkaanfii dogoggora irraa dhufan ittisa.

Boqonnaa 19

Daawit loltoonni isaa injifannoon deebi’anii, innis imimmaan keessa akka ture dhiisnee turre: amma asitti wantoota armaan gadii qabna.

I. Yo’aab isa amansiisuudhaan gara ofiisaatti deebi’uun isaa (Lakk. 1-8).

II. Mootummaa isaatti deebi’uun isaa, ari’atama isaa irraa.

1. Namoonni Israa’el isa deebisuuf ofuma isaaniitiin fedhii qabu turan (Lakk. 9, 10).

2. Namoonni Yihudaa ergamtoota Daawitiin kana akka godhan gaafataman (Lakk. 11-14) akkasumas godhan (Lakk. 15).

III. Mootiin Yordaanos ce’ee yeroo dhufe, gantummaan Shim’ii dhiifama godhameef (Lakk. 16-23), dogoggorri Mefiibosheet dhiifama godhameef (Lakk. 24-30), gaarummaan Barzilaay galataan fudhatame, akkasumas ilma isaatiif deebifame (Lakk. 31-39).

IV. Namoonni Israa’el namoota Yihudaa wajjin, ayyaana mootii deebisuu isaaniitti waamuu dhabuu isaaniitiif wal lolan, kunis fincila haaraa uume, kanas boqonnaa itti aanutti argina (Lakk. 40-43).

Lakk. 1-8

Ergamtoonni oduu injifatamuu fi du’a Abeshaloom mana mootummaa Maanaayimitti erga geessanii booda, Yo’aabii fi loltoonni isaa injifatoo ta’an, ulfina injifannoo mootichaa dabaluufi ajajoota isaa dabalataa fudhachuuf duukaa bu’an. Amma asitti wantoota armaan gadii nuuf himameera.

I. Mootiin du’a Abeshaloomiif imimmaan keessa jiraachuu isaa arguu isaaniitiin, kun akka mallattoo jibbaa isaaniif ta’etti fudhatan, isaan garuu hojii gaarii isaaniitiif gammachuu fi galataan akka isaan simatu eegaa turan. Kun Yo’aabiif himame (Lakk. 1). Oduun isaa loltoota keessa faca’e (Lakk. 2), mootiin ilma isaatiif akkamitti akka gaddaa ture. Namoonni wanta bulchitoonni isaanii jedhan fi godhan addatti ni hubatu. Iji baay’een nu irratti yoo jiraate, dhiibbaan keenyas yoo guddate, haasofnee fi hojjennee ogummaa qabaachuufi fedhii keenya sirriitti to’achuun nu barbaachisa. Yeroo isaan magaalaatti dhufan, mooticha gadda cimaa keessa jiru argan (Lakk. 4). Fuula isaa haguuge, ol hin ilaalle, akkasumas ajajoota olaanoo yeroo isa bira dhufan homaa hin hubanne. Wantoota armaan gadii arguu isaaniitiin dinqisiifachuu dhabuu hin dandeenye:

1. Mootiin fedhii isaa akkamitti akka labse, kan inni itti qaanfachuu qabu ture, akkasumas yoo inni beekamtii gootummaa isaa, kan fedhii gowwoomsaa akkasii jala galuu isaatiin xiqqaate, yookiin faayidaa isaa ummata keessatti, kan ulfina isaa fi nageenya ummataatiif hojjetame jibbuu isaatiin miidhamu ture, yoo inni dhimma kana dhoksuuf yaaleera ta’e. Haa ta’u malee, gadda isaa akkamitti akka mul’ise ilaalaa: Sagalee guddaadhaan iyyee, "Yaa ilma koo Abeshaloom! Tajaajiltoonni koo hundi nagaan manatti deebi’aniiru, garuu ilmi koo eessa jira? Inni du’eera; cubbuu keessatti du’ee, bara baraan akka bade nan sodaadha. Amma gara isaatti nan deema jedhuu hin danda’u, sababiin isaa lubbuun koo cubbamoota akkasii wajjin hin walitti qabamtu; yaa Abeshaloom! ilma koo, ilma koo! siif maal godhama?" jedhe.

2. Fedhii isaa akkamitti akka dheeresse, hamma loltoonni isaa isa bira ga’anitti, kunis oduu jalqabaa erga dhaga’ee booda yeroo muraasa ture. Yoo inni yeroo jalqaba oduu dhaga’e sa’aatii tokko yookiin lamaaf fedhii isaa baasuudhaan of qusatee ta’ee, dhiifama godhamuufii danda’a ture, garuu Abeshaloom ilma hamaa akkasii, akka Yaaqoob ilma gaarii akka Yoosefiif godhe, awwaala gaddaan deemuufi injifannoo isaa imimmaaniin xureessuuf murteessuun, baay’ee ogummaa dhabuu fi ulfina dhabuu ture. Amma kun ummataan akkamitti akka fudhatame ilaalaa. Isaan mooticha ceepha’uuf hin fedhan turre, sababiin isaa wanti inni godhu hundi isaan gammachiisa ture (Boq. 3:36), garuu isaan kana akka salphina guddaatti fudhatan. Injifannoon isaanii gaddatti jijjiirame (Lakk. 2). Isaan akka namoota qaanfatanii magaalaatti dhungoo godhan (Lakk. 3). Mootii isaaniitiif ulfina kennuuf, wanta isaaf gadda ta’e sana irratti hin gammadan turre, garuu gammachuu isaanii dhoksuuf dirqamuu isaaniitiin tasgabbaa’uu hin dandeenye. Warri olaanoon warra jala jiran irratti rakkina akkasii fiduu hin qaban.

II. Yo’aab yeroo murteessaa kana keessatti Daawit ofuma isaa sirriitti to’achuu dhabuu isaatiif akkamitti ifatti fi cimaatti isa ceepha’e. Daawit yeroo kamiyyuu caalaa yeroo kana garaa ummata isaa barbaada ture, akkasumas jaalala isaanii keessatti faayidaa isaa mirkaneessuuf yeroo kamiyyuu caalaa dhimma qaba ture; kanaafuu, wanti isaan jibbuuf sababa ta’u kamiyyuu, wanta inni godhu keessaa isa ogummaa dhabeessa ta’e, akkasumas hiriyoota isaa isaaf amanamoo ta’anitti miidhaa guddaa geessisuu danda’u ture. Kanaafuu, Yo’aab isa ceepha’e (Lakk. 5-7). Inni sababa baay’ee dubbate, garuu ulfinaa fi kabaja mootii isaatiif qabuu qabuun miti. Mootiitti, "Ati hamaadha" jedhuun sirriidhaa? Dhimmi ifa ta’e tokko warra nu caalan wajjin sirriitti falmamuu danda’a, akkasumas dogoggora isaaniitiif ceepha’amuu danda’u, garuu garagarummaa fi tuffiin godhamuu hin qabu. Daawit dhugumaan dammaqfamuufi akeekkachiifamuun isa barbaachisa ture; Yo’aab yeroon isaa isa wajjin taphachuuf akka hin taane yaade. Yoo warri olaanoon wanta gowwoomsaa godhan, warri jala jiran yoo itti himan, yoo xiqqaate ifatti ta’us, dinqisiifachuu yookiin hamaatti fudhachuu hin qaban.

1. Yo’aab tajaajila loltoota Daawit guddisa: "Har’a isaan jireenya kee baraaraniiru, kanaafuu hubatamuu qabu, akkasumas yoo hin hubatamne, itti mufachuuf sababa qabu.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6