1ffaa Mootota 22

GAZGAZAfaan Oromoo53 Keeyyattoota13:55 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 13:55 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Sooriyaa fi Israa'el gidduu waggaa sadiif lolli hin turre.

2Waggaa sadaffaa keessa garuu Yoshaafaax mootiin Yihudaa gara Ahaab mootii Israa'el in dhaqe.

3Mootiin Israa'el hojjetoota isaa warra gurguddootaan “Raamoot-Giil'aad kan keenya ture, nuyi garuu mootii Sooriyaa harkaa deebifnee isa fudhachuudhaaf homaa tokko illee akka hin godhin in beektu mitii ree?” jedhe.

4Yoshaafaaxiin immoo “Raamoot-Giil'aadin rukutuudhaaf anaa wajjin hin dhaqxuu ree?” jedhee gaafate; Yoshaafaax deebisee mootii Israa'eliin,“Kan koo akkuma kan keetii ti, sabni koo saba kee ti, fardeen koos fardeen kee ti” jedhe.

5Yoshaafaax itti dabalees mootii Israa'eliin,“Hadaraa, duraan dursa wanta Waaqayyo jedhu gaafadhu!” jedhe.

6Kana irratti Ahaab mootiin Israa'el raajota akka nama dhibba afurii walitti qabee,“Ani lolaaf gara Raamoot-Giil'aad dhaqu moo yookiis dhiisu?” jedhee isaan in gaafate; isaan immoo,“Biyyattii sana Waaqayyo harka kee keessa in buusaatii, dhaqi!” jedhanii deebisaniif.

7Yoshaafaax immoo,“Isaan kana malee kan nuyi gaafannu raajiin Waaqayyoo tokko illee as hin jiruu ree?” jedhe.

8Yommus mootiin Israa'el,“Namni nuyi karaa isaa Waaqayyoon gaafachuu dandeenyu tokko illee jira, garuu sababii inni waa'ee kootiif wanta hamaa malee wanta gaarii raawwatee hin dubbanneef, ani isa nan jibba; innis Miikiyaas ilma Imlaa ti” jedhee Yoshaafaaxiif in deebise; Yoshaafaax immoo,“Yaa mootii, ati dubbii akkasii hin dubbatin!” jedhe.

9Kana irratti mootiin Israa'el, xu'aashii isaaf ergamu tokko waamsisee,“Dhaqiitii, Miikiyaas ilma Imlaa ariitiidhaan fidi!” jedheen.

10Ahaab mootiin Israa'elii fi Yoshaafaax mootiin Yihudaa uffata mootummaa isaanii uffatanii, karra mandara Samaariyaa dura oobdii keessa teessoo isaanii dhaabatanii in taa'u, raajonni immoo isaan duratti raajii in dubbatu turan.

11Raajota sana keessaa, Zedeqiiyaa ilmi Kine'aanaa, gaanfota sibiilaa tolfatee Ahaabiin,“Waaqayyo,“Warra Sooriyaa hamma lafa irraa balleessitutti gaanfota kanaan isaan in waraanta” jedha” jedhe.

12Raajonni warri kaan hundinuus akkasuma,“Waaqayyo harka kee keessa waan siif buusuuf, in mootaatii gara Raamoot-Giil'aaditti ol ba'ii loli!” jedhanii in dubbatan.

13Namichi Miikiyaasin waamuudhaaf ergame dhaqee,“Kunoo, raajonni afaan tokkichaan waa'ee mootichaaf waan gaarii in dubbatan; hadaraa atis isaan keessaa akka isa tokkotti, wanta gaarii itti dubbadhu!” jedheen.

14Miikiyaas immoo deebisee,“Dhugaa Waaqayyo isa jiraataa ti, waanuma Waaqayyo anatti hime duwwaa nan dubbadha” jedhe.

15Yommuu raajichi gara mootichaatti ol galetti, mootichi,“Yaa Miikiyaas, Raamoot-Giil'aaditti duullu moo yookiis dhiifnu?” jedhee in gaafate; raajichi immoo deebisee,“Waaqayyo biyyattii harka kee keessa waan siif buusuuf, in mootaatii ol ba'ii loli!” jedheen.

16Mootichi immoo,“Wanta dhugaa ta'e duwwaa malee, waan biraa maqaa Waaqayyootiin akka ati anatti hin himneef si'a meeqa si kaksiisuu na barbaachisa ree?” jedheen.

17Yommus Miikiyaas deebisee,“Guutummaan loltoota Israa'el akka hoolota tiksee hin qabneetti tulloota irra bittimmaa'uu isaanii nan arge; kanaafis Waaqayyo,“Isaan kun dura-buutuu waan hin qabneef, nagaadhaan gara mana mana isaaniitti haa deebi'an!” jedhee anatti himeera” jedhe.

18Kana irratti Ahaab mootiin Israa'el, Yoshaafaaxiin,“Raajichi kun waa'ee kootiif wanta hamaa malee, waan ba'eessa akka inni hin dubbanne ani sitti hin himnee ree?” jedhe.

19Yommus Miikiyaas,“Waaqayyo teessoo isaa irra utuu taa'uu, macci waaqa irraas hundinuu gara mirgaa isaa fi gara bitaa isaa utuu dhaabatanii nan arge; kanaafis wanta Waaqayyo dubbatu dhaga'i!

20Waaqayyo,“Egaa Ahaab gara Raamoot-Giil'aad dhaqee achitti akka ajjeefamuuf eenyutu isa gowwoomsuuf jira ree?” jedhe; inni tokko “Kana” jedhe, inni kaan immoo “Sana” jedhe.

21Kana booddee hafuurri tokko Waaqayyo duratti as ba'ee,“Ani, isa nan gowwoomsa” jedhe.

22Waaqayyo immoo,“Attamitti isa gowwoomsita?” jedhe; hafuurichi immoo,“Dhaqee hafuura sobaan raajota isaa hundumaa dubbachiisu nan ta'a” jedhe; kana irratti Waaqayyo immoo,“Eyyee, akkasitti in dandeessa, dhaqiitii akkasuma godhii isa gowwoomsi!” jedheen.

23Kanaaf Waaqayyo waa'ee keef wanta hamaa dubbate, raajonni kee hundinuus hafuura sobaatiin akka siif dubbataniif isaan dhiise” jedhe.

24Yeroo sanatti Zedeqiiyaa ilmi Kine'aanaa gara Miikiyaas dhaqee, maddii isaa kabalee,“Hafuurri Waaqayyoo kun ana bira darbee eessatti sitti dubbate?” jedhee isa in gaafate.

25Miikiyaas immoo deebisee,“Gaafa gola kutaa manaa isa gara keessaa lixxee of dhoksitu arguuf jirta” jedheen.

26Yommus Ahaab mootichi hojjetoota isaa keessaa tokko waamee,“Miikiyaasin qabiitii gara Amoon bulchaa mandaraa fi gara Yo'aash ilma mootiitti geessi!

27Isaanis akka isa hidhan, hamma ani nagaadhaan deebi'utti immoo buddeenaa fi bishaan irraa kan hafe waan biraa akka hin kennineef itti himi!” jedhee in abboome.

28Miikiyaas immoo deebisee,“Yoo ati nagaadhaan deebiteef, Waaqayyo dhuguma anatti hin dubbanne; kanas sabni kun hundinuu haa dhaga'u!” jedhe.

29Ahaab mootiin Israa'eliif Yoshaafaax mootiin Yihudaa walii wajjin gara Raamoot-Giil'aad in dhaqan.

30Achitti mootiin Israa'el Yoshaafaaxiin,“Ani uffata kan biraatiin wallaalchifadhee duula kana keessa nan lixa, ati immoo uffata mootummaa kee uffadhuutii turi!” jedhe; akkasitti mootiin Israa'el wallaalchifatee duula sana keessa in lixe.

31Yommus mootiin Sooriyaa loltoota konkolaataadhaan adeeman irratti ajajjoota warra ta'an soddomii lamaaniin,“Mootii Israa'el duwwaatti akeekkadhaa malee, yaada keessan loltoota warra xixinnaa irra yookiis warra gurguddaa irra hin kaa'atinaa!” jedhe.

32Ajajjoonni loltoota konkolaataadhaan adeemanii sun Yoshaafaaxin yommuu argan,“Mootii Israa'el jechuun isuma kana” jedhanii, isa loluudhaaf gara isaatti gara in galan; yeroo Yoshaafaax guddisee sagalee isaa dhageessisetti garuu,

33ajajjoonni loltoota konkolaataadhaan adeemanii sun akka inni mootii Israa'el hin ta'in baranii, isa ari'uu dhiisanii in deebi'an.

34Isaan keessaa namichi tokko dunyitiidhuma isaa xiyya isaa gad itti dhiisee, maddaa sibiilaa inni uffatu ol hambisee huffaa Ahaab mootii Israa'el in waraane; yommus mootichi iyyee,“Ani madaa'eeraatii konkolaaticha naanneffadhuu, iddoo lolaa kana keessaa na fuudhii adeemi!” jedhee, isa konkolaataa isaa oofu in abboome.

35Gaafa sanas lolli sun in bulluqe, Ahaab mootichi garuu gara warra Sooriyaatti gara galee konkolaataa isaa keessa hirkatee in dhaabata, dhiigni madaa isaa keessaa ba'us yaa'ee konkolaaticha keessa in ciisa ture; kana irraa kan ka'es mootichi galgaluma sana in du'e.

36Akkuma aduun lixxeen sagaleen guddisee,“Namni hundinuu gara biyya biyya isaatti, gara mandara mandara isaatti haa galu!” jedhu buufata loltootaa sana keessatti in dhaga'ame.

37Mootichi akkasitti in du'e, reeffa isaas fidanii Samaariyaatti in awwaalan.

38Konkolaataa isaas kuufama bishaan Samaariyaa bukkeetti in dhiqan; akkuma Waaqayyo dubbatee turetti immoo lafa dubartoonni ejjitoonni dhiqatanitti, konkolaataa isaa yommuu dhiqan dhiiga isaa saroonni in arraaban.

39Wanti Ahaab mootichi hojjete kan biraa hundinuu, waa'een mana mootummaa inni ilka arbaatiin miidhagsee ijaaree, waa'een mandaroota inni ijaaree hundinuus macaafa seenaa mootota Israa'el keessatti caafameera mitii ree”

40Ahaab yommuu du'e, Ahaaziyaan ilma isaatu mootii ta'ee iddoo isaa bu'e.

41Ahaab mootichi Israa'el irratti mo'ee waggaa afuraffaatti, Yoshaafaax ilmi Aasaa mootii Yihudaa in ta'e.

42Haati isaa immoo Azubaa intala Shilhii turte; inni yommuu mootii ta'e nama waggaa soddomii shanii ture; Yerusaalem mandara Yihudaa keessa taa'ee waggaa digdamii shaniif Yihudaa irratti in mo'e.

43Inni hojii isaa hundumaatti akkuma Aasaa abbaa isaatii fuula Waaqayyoo duratti waan qajeelaa hojjete malee, isa irraa hin jal'anne; haa ta'u iyyuu malee, iddoowwan ol ka'oon waaqayyolii tolfamoodhaaf itti sagadan hin diigamne waan ta'eef, namoonni achitti aarsaa dhi'eessuuf ixaana aarsuu ittuma in fufan.

44Yoshaafaax mootummaa isaatii fi mootummaa Israa'el gidduutti nagaan akka bu'u in godhe.

45Wanta Yoshaafaax hojjete keessaa warri hafan, jagnummaan isaa, lolli inni geggeesses macaafa seenaa mootota Yihudaa keessatti caafameera mitii ree”

46Inni ejjitoota dhiirotaa fi dubartoota warra waaqayyolii tolfamoo isaaniitiif galma isaanii keessatti ejjan, baruma Aasaa abbaa isaatii iyyuu kan turan, biyyattii keessaa in balleesse.

47Yeroo sanatti biyyi Edoom, nama mootiin Yihudaa ishee irratti aboo kenneefiin bulti malee, ofii isheetii mootii hin qabdu turte.

48Yommus Yoshaafaax warqee barbaacha markaboota nagadaa Ofiiritti in erge; markaboonni sun garuu Eziyon-Geberitti waan caccabaniif hin dhaqne.

49Ergasii Ahaaziyaan mootiin Israa'el, Yoshaafaaxiin “Namoonni koo namoota keetii wajjin markabaan haa adeeman!” jedhe; Yoshaafaax garuu in dide.

50Kana booddee immoo Yoshaafaax du'ee, mandara Daawit abaabilii isaatti iddoo mootonni warri isa dura turan itti awwaalamanitti in awwaalame; iddoo isaa immoo Yoraam ilma isaatu mootii ta'e.

51Yoshaafaax mootiin Yihudaa mo'ee waggaa kudha torbaffaa isaatti, Ahaaziyaan ilmi Ahaab mootii Israa'el in ta'e; inni Samaariyaa mandara Israa'el keessa taa'ee Israa'el irratti waggaa lamaaf in mo'e.

52Ahaaziyaan kun hojii abbaa isaa fi haadha isaa akkasumas hojii Yerobi'aam ilma Nebaat isa Israa'eloonni cubbuu akka hojjetan godhee duukaa bu'uudhaan, Waaqayyo duratti wanta hamaa in hojjete.

53Inni akkuma abbaan isaa hojjete, Ba'aaliif hojjechuu isaatiif sagaduu isaatiin tuttuqee Waaqayyoon gooftaa Israa'el in aarse.

Ibsa

22:1-14 Amalli humna laafaa kanumaa fakkaatu, kan namoota Waaqayyoo jireenya qaban tokko tokko gara michummaa diinota amantii beekamoo jiranitti dabarsu, isaaniif baay'ee balaa qabeessa taasisa. Kunis akka isaan amalaafi haasaa kan isaan jibbiinsaan mormuu qaban jalaa ilaalan akkasumas akka deggaran isaan harkisa. Namni gaariin kamiyyuu bakka inni deemutti, amantii isaa ofii isaa wajjin qabatee deemuu qaba; akkasumas yeroo warra amantiif ilaalcha hin qabne wajjin ta'etti beeksisuuf hin qaana'in. Yoshaafaax Yerusaalemitti jaalalaafi ulfina jecha Gooftaatiif qabu duubatti hin dhiisne, garuu ifatti beeksise; akkasumas akka inni gara mana mootummaa Ahaabiitti seenus yaale. Raajonni Ahaab immoo, Yoshaafaax gammachiisuuf, maqaa Yihowaa fayyadamaniiru; Ahaab gammachiisuuf immoo, 'Dhaqi!' jedhan. Haa ta'u malee, raajonni sobduun warra dhugaa hamma sana fakkeessuu hin danda'an; akka namni miira hafuuraa isaa leenjifate soba sana adda hin baafneetti. Raajiin Gooftaa tokkichi amanamuudhaan isaan hunduma caalaa gatii qaba ture. Namoonni addunyaa jireenya qaban yeroo hundumaa ilaalcha amantii isaanii keessatti wal fakkaatoo gowwoomoo turan. Akkasumas lallabaan barsiisa isaa haala yeroo sanaafi fedhii dhaggeeffattootaatti akka mijeessu barbaadu; garuu immoo, jechoota namoonni afaan isaaniitti galchuuf barbaadanitti, 'Gooftaan akkas jedha' jechuun akka dabalu barbaadu. Namoonni sun nama faayidaa dhuunfaa isaa eeggachuuf yookiin warra kaan gowwoomsuuf jecha amala isaa balleessuuf fedhii hin qabne (kan mormu/shakku) sana, ‘nama jabaafi gowwaa’ jedhanii maqaa isaa xureessuuf qophii dha.

Boqonnaa 22

Boqonnaan kun seenaa mootummaa Ahaab xumura. Boqonnaa darbe keessatti, badiisni mana isaa bara isaa keessa akka hin dhufne waadaa galame ture, garuu barri isaa dafee xumurame. Waraanni isaa Soriyaanota waliin Raamoot-Giliyaaditti godhe kan boqonnaa kana keessatti argannu dha.

I. Waraana sanaaf qophii isaa. Inni mari'ate, 1. Gorsa isaa dhuunfaa (Lakk. 1-3). 2. Yahooshaafaatiin (Lakk. 4). 3. Raajota isaa. (1.) Kan ofii isaa, kanneen duula kana irratti akka deemu isa jajjabeessan (Lakk. 5, 6), keessattuu Zedeqiyaan (Lakk. 11, 12). (2.) Raajii Waaqayyoo, Mikaayaa, kan Yahooshaafaatiin akka dhufu barbaadame (Lakk. 7, 8), ergamee fide (Lakk. 9, 10–13, 14), Ahaab raajota sobaa irratti amanamuu isaatiif isa ceepha'e (Lakk. 15), garuu duula kana keessatti kufaatii isaa raajii dubbate (Lakk. 16–18), akkasumas raajota isaatiin akkamitti akka gowwoomfameef ibsa kenneef (Lakk. 19–23). Zedeqiyaan isa arrabse (Lakk. 24, 25), Ahaabiinis hidhame (Lakk. 26–28).

II. Waraana mataa isaa, kan keessatti, 1. Yahooshaafaat balaadhaaf saaxilame. Garuu, 2. Ahaab ajjeefame (Lakk. 29–40). Xumura boqonnaa kanaatti gabaasa gabaabaa qabna, (1.) Mootummaa gaarii Yahooshaafaat mootii Yihudaa (Lakk. 41–50). (2.) Mootummaa hamaa Ahaaziyaa mootii Israa’el (Lakk. 51–53).

Lakk. 1-14

Ahaab yakkaafi dheekkamsa jala, akkasumas fedhiiwwan inni of gurgureef jala jiraatus, garuu akka badhaasa amanamummaa qalbii jijjiirannaa isaatiifi of gadi deebisuu isaatiif, yeroon inni waraana bu’ee itti badu dhi’aatus, nagaa waggaa sadii (Lakk. 1) fi daawwannaa kabajamaa Yahooshaafaat mootii Yihudaatiin godhameef (Lakk. 2) argateera. Yihudoonni yaada sobaa qabu, Ahaab yommuu cubbuu isaatiif of gadi deebisee uffata gaddaa uffatee ciisu, Yahooshaafaatiin akka isa adabuuf gara isaatti erge; akkasumas yeroo muraasa isa waliin turee guyyaa hundumaa reebicha hedduu isa reebe jedhu. Kun aadaa bu’uura hin qabneedha. Inni amma, malaan, dhimma mootummoota isaanii irratti isa mariisisuuf dhufeera. Namni guddaan akka Yahooshaafaat mootummaa mana Daawitirraa fincileef kabaja akkasii kennuun, akkasumas namni gaariin akkasii mootii waaqeffannaa Waaqayyoorraa fincileef gaarummaa akkasii argisiisuun dinqisiisaadha. Garuu, inni nama Waaqayyoo ta’us, amalli isaa salphaa waan tureef, kiyyoo fi rakkina keessa isa buuse. Soriyaanonni Ahaabiif jeequmsa kennuuf hin dandeenye. Garuu,

I. Ahaab asoosama waraana Soriyaanota irratti godhamuuf yaada, akkasumas dhimma kana irratti warra isa waliin jiran waliin mari’ata, Lakk. 3. Mootiin Soriyaa isa kakaase; yommuu inni harka isaa jala turetti, magaalaawwan isaa deebisuuf waadaa galeef (Boq. 20:34), Ahaabis gowwummaan dubbii isaa fudhate, yommuu magaalaawwan harka isaa hin seennetti isa gadhiisuu hin qabu ture. Garuu amma muuxannoodhaan beeka, kan duraan yaaduu qabu ture, akka dhungoo, akkasumas waadaawwan diinaa gowwoomsaa akka ta’an, akkasumas walii galtee rakkinaan dirqamee godhame irratti amanamuun hin danda’amu. Benhaadaad mootota dubbii isaaniitiin hanga faayidaa isaaniitiif ta’etti qofa of hidhan keessaa tokko dha. Magaalaawwan biroon deebi’anii argamuu isaanii hin argannu, garuu Raamoot-Giliyaad hin deebine, magaalaa gurguddoo gosa Gaad keessaa, Yordaanos gamaa, magaalaa Lewwotaa, akkasumas magaalaawwan baqannaa keessaa tokko turte. Ahaab ofii isaatiifi saba isaa ni ceepha’a, magaalaa sana harka Soriyaanotaatii deebisuuf, akkasumas Benhaadaad walii galtee isaa cabsuu isaatiif isa adabuuf of hin kakaasneef; akkasumas mootii galata hin qabneefi gantuu sanaaf akka inni nagaa kenneef, rakkina isaaf kennuu akka danda’u beeksisuuf murteesse. Ahaab sababa gaarii qaba, garuu hin milkoofne. Haqa qabeessummaan badhaadhinaadhaan hin murtaa’u.

II. Yahooshaafaatiin duula kana keessatti, Raamoot-Giliyaad deebisuuf, isa waliin akka makamu isa kakaaseefi isa harkise, Lakk. 4. Akkasumas asitti Ahaab gargaarsa ollaa Waaqayyoo sodaatuufi badhaadhaa akkasii barbaaduun na hin dinqisiisu. Namoonni hamoonillee yeroo baay’ee michummaa warra gaarii hawwu. Warra samii keessatti dhimma qaban keessatti dhimma qabaachuun, akkasumas warra Waaqayyo waliin jiru nu waliin qabaachuun barbaadamaadha. Garuu Yahooshaafaat faayidaa Ahaab keessa guutummaatti seenuuf, 'Ani akka keeti, sabni koos akka saba keetii' jechuun isaa dinqisiisaadha. Ani hin abdadhu; Yahooshaafaatiifi sabni isaa akka Ahaabiifi saba isaa hamaafi manca’aa miti.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6