1ffaa Qorontos 3

GAZGAZAfaan Oromoo23 Keeyyattoota3:42 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 3:42 · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Ani yaa obboloota ko, akka warra yaada foonii duukaa bu'anii, Kristositti immoo xobbee akka mucoolii ta'aniittan isinitti dubbadhe malee, akka warra yaada hafuuraa duukaa bu'aniitti isinitti dubbachuu hin dandeenye.

2Ani aannan akka dhugdaniif isiniif kenneera; isin nyaata jabaadhaaf hin geenye turtan, ammuma iyyuu hin ga'in jirtu.

3Isinoo amma iyyuu akka warra yaada foonii duukaa bu'anii ti; hinaafuunii fi wal qoccoluun erga isin gidduu jiraatee, isin warra yaada foonii duukaa buutan mitii ree? Akka yaada namaatti jiraattu mitii ree?

4Isin keessaa inni tokko, ?Ani kan Phaawulos? jedhee, inni kaan immoo, ?Ani kan Apholos? yommuu jedhu, warra akka yaada namaatti hojjetan ta'uu keessan mitii ree?

5Egaa Apholos kun maali? Phaawulos kunis maali? Inni, anis hojjetoota warra gara amantiitti isin waamanii dha; nus adduma addaan akka gooftaan nuuf kennetti in hojjenna.

6Ani nan dhaabe, Apholos bishaan obaase, Waaqayyo garuu in guddise.

7Waaqayyo isa guddisu sana malee, inni dhaabu, inni bishaan obaasus homaa miti.

8Inni dhaabe isa bishaan obaasee wajjin tokko; adduma addaanis akka dadhabbii isaatti miindaa ofii isaatii in fudhata.

9Nuyi hojii Waaqayyoo keessatti hidhata walii ti, isin maasii Waaqayyoo ti; mana Waaqayyo ijaaruu dhas.

10Akka ayyaana Waaqayyo biraa anaaf kennametti, akka nama mana ijaaruu beekuttis hundee manni irratti ijaaramu kaa'eera, namni kan biraa immoo isa irratti in ijaara; adduma addaan attamitti akka irratti ijaaru garuu haa akeekkatu.

11Isuma dur kaa'ame sana malee homtinuu hundee biraa kaa'uu hin danda'u; hundeen dur kaa'ame sunis Yesus Kristos.

12Namni warqeedhaan, meetiidhaan, dhagaa gati-jabeessaan, yookiis, mukaan citaadhaan, hoffaadhaanis hundicha irratti in ijaara.

13Hojiin namaa adduma addaan ibiddaan mul'ifamee in beekama, guyyaan firdii bakkeetti in baasa; hojiin namaa adduma addaan maal akka ta'e, ibiddi qoree in mul'isa.

14Hojiin namicha isa irratti ijaare, utuu hin gubatin yoo hafe, namichi gatii isaa in fudhata.

15Hojiin namichaa yoo duraa gubate garuu inni gatii isaa in dhaba; haa ta'u iyyuu malee ofii isaatii akka nama ibidda keessaa ba'etti in oola.

16Isin mana qulqullummaa Waaqayyoo akka taatan, hafuurri Waaqayyoos isin keessa buufate akka jiru hin beektanii ree?

17Namni mana qulqullummaa Waaqayyoo yoo balleesse, Waaqayyo immoo isa in balleessa; manni qulqullummaa Waaqayyoo dhuguma qulqulluu dha, innis isin.

18Homtinuu of hin sossobin! Namni isin keessaa akka yaada biyya lafa kanaatti ogeessa of se'u yoo jiraate, dhuguma ogeessa ta'uudhaaf, isa biyyi lafaa gowwaatti lakkaa'u ta'uutu isa irra jira.

19Ogummaan biyya lafaa kanaa Waaqayyo biratti gowwummaa dha. Caaffanni qulqullaa'aan, ?Inni warra ogeessota haxummaadhuma isaaniitiin isaan in qaba;?

20iddoo biraatti immoo, ?Yaadaan qopheessuun warra ogeessotaa akka waa'ee hin baafne gooftichi in beeka? in jedha.

21Kanaafis homtinuu waan namoonni gochuu danda'aniin of hin jajin! Egaa waan hundinuu kan keessan;

22Phaawulos taanaan, Apholos taanaan, Keefaa taanaan, biyyi lafaa, jireenyi, duuni, wanti amma jiru yookiis wanti si'achi dhufu hundumti isaa kan keessan.

23Isin immoo kan Kristos, Kristos immoo kan Waaqayyoo ti.

Ibsa

3:1-4 Dhugaawwan wangeelaa warri hundarra salphaa ta'an, akkuma cubbuummaa namaa fi araara Waaqayyoo, qalbii jijjiirrachuu gara Waaqayyootti, akkasumas amantii Gooftaa keenya Yesus Kiristoositti ilaallatu, karaa afaan hundarra salphaa ta'een ibsamanii, dhoksaa gadi fagoo irra ummataaf ni mijatu. Namoonni beekumsa barsiisaa baay'ee qabaachuu danda'u, haata'u malee jireenya amantii fi muuxannoo keessatti daroo jalqabaa qofa ta'uu danda'u. Mormii fi falmiin amantii irratti ka'u ragaa foonummaa gaddeessaa dha. Amantiin dhugaan nama nagaa taasisudha malee, nama falmii jaalatu miti. Garuu, warri akka Kiristiyaanotaatti jiraachuu qaban hedduun, akka namoota birootti baay'isanii jiraachuu fi hojjechuun isaanii ni gaddisiisa. Warri amantii labsan hedduun, akkasumas lallabdootnis, falmii of tuulummaa, fedhii guddaa falmiif qabanii fi namoota biroo tuffachuu fi hamachuu irratti ariifachuudhaan, amma iyyuu akka nama foonii ta'an ni mul'isu.

3:5-9

Tajaajiltoonni namoonni Qorontos irratti wal qeeqan, meeshaalee Waaqayyo itti fayyadame qofa turan. Tajaajiltoota bakka Waaqayyoo buusuun nurra hin jiraatu. Inni dhaabuufi inni bishaan obaasu tokko dha; Gooftaa tokkoon kan hojjetan, mul'ata tokkichaaf kan amantaman, hojii tokkicha irratti kan bobba'an, akkasumas kaayyoo tokkichaaf kan hirmaatan. Kennaa adda addaa qabu, Hafuura tokkichaafi isauma sana irraa, kaayyoo wal fakkaataa sanumaaf; garaa guutuutiinis kaayyoo wal fakkaataa sana hojii irra oolchuu qabu. Warri cimaa hojjetan caalaa argatu. Warri irra caalaa amanamoo ta’an badhaasa guddaa argatu. Waaqayyo wajjin waliin hojjetu, kaayyoo ulfina Isaa guddissuuf, fi fayyina lubbuuwwan gati jabeeyyii tiif; Inni hojii isaanii beeku immoo, akka isaan dadhabbii qofaatti hin hojjenne ni eega. Isaan qonna Isaa fi ijaarsa Isaa keessatti bobba'an; inni immoo isaan sirriitti ni kunuunsa.

3:10-15 Ergamaan jaartuu ogeessa ture; garuu ayyaanni Waaqayyoo isa akkas godhe. Ofittummaan hafuuraa jibbisiisaadha; sababiin isaa, toloota Waaqayyoo gurguddaa ofittummaa/boona keenyaaf fayyadamuu fi ofii keenya waaqa tolfamaa gochuudha. Garuu namni hundinuu haa of eeggatu; bu'uura gaarii irratti ijaarsi hamaa jiraachuu danda'a. Wanti tokkollee bu'uurri baachuu danda'u fi isa waliin walsimu malee isaa irratti hin kaawwamuu. Jireenya nama qofaatii yookiin foonii amantii Waaqayyoo irraa dhufeen, manca'ina cubbuus amantii Kiristiyaanummaa wajjin walitti makuudhaaf hin haa dufannu. Kiristoos Dhagaa Baraa cimaa, dhaabataa fi hin raafamne dha, akkasumas karaa hundaan ulfaatina hundumaa kan Waaqayyo mataan isaa yookiin cubbamaan isaa isaa irratti kaawwachuu danda'u baachuu danda'a; fayyinni biraa keessas hin jiru.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG እኔም፥ ወንድሞች ሆይ፥ የሥጋ እንደ መሆናችሁ፥ በክርስቶስም ሕፃናት እንደ መሆናችሁ እንጂ መንፈሳውያን እንደ መሆናችሁ ልናገራችሁ አልቻልሁም። አማርኛ ENGNIV Brothers, I could not address you as spiritual but as worldly–mere infants in Christ. English BCV ኣሕዋተይ፥ ኣነ ግና ኸም ስጋውያን፥ ብክርስቶስ ከዓ፥ ገና ኸም ዘይዓበዩ ህፃናት እምበር፥ ከም መንፈሳውያን ክዛረበኩም ኣይከኣልኩን። ትግርኛ GAZBIB Ani yaa obboloota ko, akka warra yaada foonii duukaa bu'anii, Kristositti immoo xobbee akka mucoolii ta'aniittan isinit… Afaan Oromoo BCV GIZ ወአንሰ አኀውየ ኢክህልኩ ምህሮተክሙ ከመ ዘመንፈሳውያን ዘእንበለ ከመ ዘበሕገ ሥጋ ወደም ወከመ ዘለሕፃናት በሃይማኖተ ክርስቶስ። giz BCV aksum ኣሕዋተይ፥ ኣነ ግና ኸም ስጋውያን፥ ብክርስቶስ ከዓ፥ ገና ኸም ዘይዓበዩ ህፃናት እምበር፥ ከም መንፈሳውያን ክዛረበኩም ኣይከኣልኩን። ትግርኛ AMHNIV ወንድሞች ሆይ፤ በክርስቶስ ገና ሕፃናት እንደመሆናችሁ፣ እንደ ሥጋውያን እንጂ እንደ መንፈሳውያን ልናገራችሁ አልቻልሁም። አማርኛ SWAHSUV Lakini, ndugu zangu, mimi sikuweza kusema nanyi kama na watu wenye tabia ya rohoni, bali kama na watu wenye tabia ya mw… Kiswahili