1ffaa Qorontos 11

GAZBIBAfaan Oromoo34 Keeyyattoota5:30 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 5:30 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Egaa akkuma ani fakkeenya Kristos fudhadhe, isinis immoo fakkeenya koo fudhadhaa!

2Waan hundumaatti waan na yaadattaniif, barsiisa ani isin barsiisetti qabamtanii waan jirtaniif, isin nan jaja.

3Amma immoo Kristos mataa warra dhiiraa, abbaan manaa mataa haadha manaa, Waaqayyo mataa Kristos ta'uu isaa, akka beektan nan barbaada.

4Dhiirri waldaa keessatti yommuu kadhatu yookiis yommuu waan Waaqayyo itti mul'ise himu, yoo haguuggate mataa isaa in salphisa.

5Dubartiin waldaa keessatti yommuu Waaqayyoon kadhattu yookiis yommuu waan Waaqayyo itti mul'ise himtu, yoo haguuggachuu dhabaatte garuu, mataa ishee in salphifti; isheen kun dubartii mataa haaddattee wajjin wal hin caaltu.

6Egaa dubartiin yoo haguuggachuu dhabaatte, rifeensa mataa ishee murachuu iyyuu hin yeellaatu, dubartiin sababii malee rifeensa mataa ishee muratte yookiis haaddatte salphachuu yoo jibbite immoo haa haguuggattu.

7Dhiirri bifa Waaqayyootiif ulfina Waaqayyoo kan argisiisu erga ta'ee, haguuggachuun isaaf hin ta'u; dubartiin garuu ulfina dhiiraa in argisiifti.

8Jalqabatti dubartiitu dhiirattii argame malee, dhiirri dubartiittii hin argamne.

9Dubartiitu dhiiraaf jedhee uumame malee, dhiirri dubartiidhaaf jedhee hin uumamne.

10Kanaaf dubartiin ergamoota Waaqayyoo duratti aboo jala jiraachuu ishee kan argisiisu, haguuggii mataa irraa qabaachuun in ta'aaf.

11Haa ta'u iyyuu malee, gooftaan ishee dubartii isa dhiiraattii, isa dhiiraas ishee dubartiittii addaan baasee hin ilaalu.

12Dubartiin dhiirattii akkuma argamte akkasuma immoo dhiirri dubartii irraa dhalate, hundinuu garuu Waaqayyo biraa dhufan.

13Dubartiin utuu mataa ishee hin haguuggatin waldaa keessatti Waaqayyoon kadhachuun qajeelaa dhaa ree? Isinumti ofii keessanii faradaa!

14Dhiirri rifeensa mataa isaa dheereffachuun isaaf salphina akka ta'e, akki namni itti uumame isin hin barsiisuu ree?

15Garuu dubartiin rifeensa dheeraa yoo qabaatte, kun isheedhaaf ulfina mitii ree? Rifeensi ishees akka isheen ittiin golgattuuf kennameef.

16Nama yaada kanaan mormuu barbaaduuf garuu, nuyi, waldoonni Waaqayyoos amala kan biraa hin qabnu.

17Yeroo sagadaaf walitti qabamtanitti, akka itti walitti qabamuu keessanii wayyeessuu irra caalaa kan balleessu waan ta'eef, waa'ee isaatiif isa ani dubbachuuf jiru keessatti isin hin jajadhu.

18Hundumaa dura waldaan keessan yommuu walitti qabamu, yaadaan gargar ba'uun isin keessa akka jiru dhaga'eera; kana keessaa kaan dhugaa akka ta'e nan amana.

19Isin keessaa warri qoramanii fudhataman akka beekamaniif, isin gidduutti barsiisa isaaniitiin gargar ba'uun jiraachuutu ta'a.

20Egaa akka isin itti walitti qabamtan kanatti walitti qabamuun, irbaata gooftaa isa qulqulluu nyaachuuf hin ta'u.

21Yeroo nyaataatti hundinuu adduma addaan nyaata fidee dhufee nyaachuutti in ka'a, inni tokko in beela'a, inni kaan immoo in machaa'a.

22Maali? Mana itti nyaattanii dhugdan hin qabdanii ree? Yookiis waldaa Waaqayyoo tuffachuu keessanii? Warra homaa hin qabnes yeellaasisuu keessanii? Ani maal isiniin jedhu ree? Isin jajadhuu ree? Ani kana irratti isin hin jajadhu.

23Barsiifni ani isinitti dabarse, isuma ani gooftaa biraa fudhadhe ture. Innis, Yesus gooftaan halkanuma itti dabarfamee kenname sanatti buddeena fuudhee,

24Waaqayyoon galateeffatee, buddeenicha cabsee, ?Inni isiniif cabe kun dhagna koo ti, kanas seenaa kootiif godhadhaa!? jedhe.

25Erga nyaatanii booddees akkuma sanatti xooficha fudhatee, ?Xoofoon kun kakuu isa haaraa, dhiiga kootiin dhaabatuu dha; yeroodhuma isa keessaa dhugdanitti seenaa kootiif godhadhaa!? jedhe.

26Yeroodhuma buddeena kana nyaattanitti, yeroodhuma xoofoo kana keessaa dhugdanitti, hamma gooftaan deebi'ee dhufutti akka inni [namootaaf] du'e in labsitu.

27Kanaafis sababii maaliitiif akka dhi'aatu utuu gargar hin baasin namni buddeenicha nyaatu, xoofoo gooftaa keessaas dhugu, dhagna gooftaa dhiiga isaas in yakka.

28Egaa, namni qoree of haa ilaalu! Ergasiis buddeenicha irraa haa nyaatu, xooficha keessaas haa dhugu.

29Dhagna gooftaa ta'uu isaa yaadatee utuu gargar hin baasin namni buddeenicha nyaatu, xooficha keessaas dhugu, firdii of irratti fiduudhaaf in nyaata in dhugas.

30Sababii kanaaf baay'een keessan dhukkubsatoo dha, dadhaboo dhas; namoonni kaanis du'aniiru.

31Utuu of irratti arginee nuyi of irratti murreerra ta'ee, Waaqayyo nutti hin faradu ture.

32Yeroo amma nutti faradamu immoo, firdiin bara baraa biyya lafaa wajjin akka nutti hin faradamnetti, gooftichi akkasitti adabee nu qajeelcha.

33Kanaafis yaa obboloota ko! Irbaata gooftaa isa qulqulluu nyaachuudhaaf yommuu walitti qabamtan wal eegaa.

34Walitti qabamuun keessan firdii Waaqayyoo akka isin irratti hin finneef, namni beela'e mana isaatti haa nyaatu! Waa'ee dhimma isa kan biraa immoo yommuun dhufu nan seerradha.

Ibsa

11:1 Lakkoofsi tokkoffaan boqonnaa kanaa sirriitti kan xumura boqonnaa darbeeti ta'uu fakkaata. Ergamaan sun barumsa isaan amanuu qaban lallabe qofa utuu hin taane, jireenya isaan jiraachuu qabanis jiraateera. Haa ta'u malee, Kiristoos fakkeenya keenya isa guutuu waan ta'eef, gochootnii fi adeemsi namootaa, akkuma Caaffata Qulqullaa'oo keessatti himame, hanga isaan kan isaa fakkaatanitti qofa duukaa bu'amuu qabu.

11:2-16

Asitti, walitti qabama hawaasummaa ilaalchisee wantoonni addaa eegalu, 1Qor 14. Kennaawwan hafuuraa hedduu warra Qorontoositti kennaman keessatti, dogoggorri tokko tokko seenanii turan; garuu akkuma Kiristoos fedha Waaqayyoo raawwatee, ulfina Waaqayyoo barbaade, akkasuma Kiristaanni bitamuu isaa Kiristoosiif ifatti beeksisuu qaba, fedha Isaa hojjechuudhaaniifi ulfina Isaa barbaaduudhaani. Nuti, uffataafi amala keenya keessatti illee, waan Kiristoosii salphisuu danda'u hundumaa irraa fagaachuu qabna. Dubartiin dhiiraaf bitamtuu akka taatu taasifamte, sababiin isaas gargaarsaafi jajjabina isaatiif uumamte. Akka waldaa Kiristaanaa walitti qabamutti, wanta qixxummaa ishee ibsuu fakkaatu tokkollee hojjechuu hin qabdu. Mataa ishee irratti humna, jechuun ammoo golgaa qabaachuu qabdi, sababiin isaas ergamootaaf jedhamee. Isaan (ergamoonni) argamnaan, Kiristaanota waan hundumaa isa dogoggoraa irraa, yeroo sagada Waaqayyoo keessa jiranitti, eeguu qaba. Haata’u malee, dhiirriifi dubartiin walii isaaniitiif uumamaniiru. Walitti jajjabinaafi eebba akka ta’aniif malee, inni tokko garbicha, inni kaan immoo cunqursaa osoo hin taane. Waaqayyo, haala mootummaa kunuunsaa Isaa keessattis ta’e kan ayyaanaa Isaa keessatti, wantoota bifa kanaan tolcheera, akka aangoo fi bitamuu harka lamaanuu wal gargaarsaa fi faayidaa walii isaaniitiif ta'u. Waldaalee Kiristaanaa keessatti dubartoonni walitti qabama hawaasummaa irratti golgaadhaan mul'achuufi sagada waldaa keessatti hirmaachuun barmaata ture; akkas gochuunis sirrii ture. Amantiin Kiristaanaa duudhaalee biyyaa yeroo isaan bu'uuraalee gurguddoo dhugaafi qulqullinaa faallaa hin taane deeggara; amaloonni gaddadduu warra fakkeessan Kitaaba Qulqulluu keessatti deeggarsa hin argan.

11:17-22

Ergamaan sun jallina Ayyaana Gooftaa fudhachuu isaanii keessatti mul'ate cimsee balaaleffata. Sirnootni Kiristoos, yoo nu hin fooyyesine, nu hammeessuuf salphatu. Yoo itti fayyadamni isaanii jijjiirama hin finne, garaa nu jabeessa. Yeroo walitti dhufanitti, kutannaa fi gargar hirama keessa seenan. Kiristaanonni walitti dhufuu walii isaanii irraa gargar bahuu danda'u, garuu waliif jaalala qabeessa ta'uu danda'u; akkasumas walitti dhufuu walfakkaataa keessa turuu danda'u, garuu jaalala dhaboo ta'uu danda'u. Kun kan lammaffaa gargar hirama dha, kan duraa caalaa.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6