1ffaa Seenaa Baraa 27

GAZBIBAfaan Oromoo34 Keeyyattoota7:59 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 7:59 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Israa'eloonni mana mana abbaa isaaniitti dura-buutota ta'an, angafoonni kumaa, angafoonni dhibbaa, warri isaan gamteessanis kutata waraanaa keessatti mootummaa kanaaf in hojjetu; kutanni waraanaa tokkon tokkon isaa namoota kuma digdamii afur of keessaa qabu kun waggaa keessatti ji'a tokko tokko hojjechuudhaaf, kutanni inni haaraan yommuu dhufu inni hojjete immoo in gala ture; tarreen geggeessitoota isaaniis kanatti fufee jira.

2Yaashobi'aam ilmi Zabdii'el, kutata waraanaa isa jalqabaa isa ji'a duraatti hojjetu irratti ajajaa ture; kutata isaa keessa namoota kuma digdamii afurtu ture.

3Inni sanyii Faares keessaa dhalate; angafoota loltuu kutata waraanaa isa ji'a duraatti hojjetu irratti immoo ajajaa ture.

4Dodaayi Ahohichi, kutata waraanaa isa ji'a lammaffaatti hojjetu irratti ajajaa ture; Miiklot immoo itti aanaa geggeessaa kutata waraanichaa isa namoota kuma digdamii afur of keessaa qabu ture.

5Benaayaan ilmi Yehoyaadaa luba isa angafaa, kutata waraanaa isa sadaffaa isa ji'a sadaffaatti hojjetu irratti ajajaa ture; kutata isaa keessa namoota kuma digdamii afurtu ture.

6Benaayaan kun gootota soddomman keessaa dura-buutuu jabaa dha; ilmi isaa Amiizaabaad immoo kutata waraanaa isa kan abbaa isaatiitti ajajaa ture.

7Kan isa afuraffaa isa ji'a afuraffaatti hojjetuu immoo Asaahel obboleessa Yo'aab; ilmi isaa Zebaadiyaan iddoo isaa in bu'e; kutata isaa keessa namoota kuma digdamii afurtu ture.

8Shaamhut Yizraahichi, kutata shanaffaa isa ji'a shanaffaatti hojjetu irratti ajajaa dha; kutata isaa keessa namoota kuma digdamii afurtu ture.

9Kan isa ja'affaa isa ji'a ja'affaatti hojjetuu, Iiraa ilma Iqesh nama Teqo'aa ti; kutata isaa keessa namoota kuma digdamii afurtu ture.

10Kan isa torbaffaa isa ji'a torbaffaatti hojjetuu, Helez sanyii Efreem nama Phelon; kutata isaa keessa namoota kuma digdamii afurtu ture.

11Kan isa saddeettaffaa isa ji'a saddeettaffaatti hojjetuu, Siibekaayi Zaraa'icha nama Hushaa ti; kutata isaa keessa namoota kuma digdamii afurtu ture.

12Kan isa salgaffaa isa ji'a salgaffaatti hojjetuu, Abii'ezer nama Anaatot sanyii Benyaamiin; kutata isaa keessa namoota kuma digdamii afurtu ture.

13Kan isa kurnaffaa isa ji'a kurnaffaatti hojjetuu, Maharaayi Zaraa'icha nama Netofaa ti; kutata isaa keessa namoota kuma digdamii afurtu ture.

14Kan isa kudha tokkoffaa isa ji'a kudha tokkoffaatti hojjetuu, Benaayaa nama Phiiraaton sanyii Efreem; kutata isaa keessa namoota kuma digdamii afurtu ture.

15Kan kutata isa kudha lammaffaa isa ji'a kudha lammaffaatti hojjetuu, Heldaayi nama Netofaa ti sanyii Otnii'el; kutata isaa keessa namoota kuma digdamii afurtu ture.

16Geggeessitoonni gosoota Israa'el kanatti fufanii jiru; gosa Ruuben kan geggeessu, Elii'ezer ilma Ziikrii ti; gosa Shimi'oon kan geggeessu, Shefaaxiyaa ilma Ma'akaa ti.

17Gosa Lewwii kan geggeessu, Hashabiiyaa ilma Qemu'el; qomoo Aaron kan geggeessu, Zaadoq.

18Gosa Yihudaa kan geggeessu, Eliihuu obboleessa Daawit; gosa Yisaakor kan geggeessu, Omrii ilma Mikaa'el.

19Gosa Zebuloon kan geggeessu, Yishmaa'iyaa ilma Obadiyaa ti; gosa Niftaalem kan geggeessu, Yeriimoot ilma Azrii'el.

20Gosa Efreem kan geggeessu, Hoshe'aa ilma Azaziyaa ti; walakkaa gosa Minaasee kan geggeessu, Yo'el ilma Phedaayaa ti.

21Walakkaa gosa Minaasee isa Giil'aad keessaa kan geggeessu, Iddoo ilma Zakaariyaas; gosa Benyaamiin kan geggeessu, Ya'asii'el ilma Abneer.

22Gosa Daan kan geggeessu, Azaarel ilma Yerohaam; isaan kun geggeessitoota gosoota Israa'el turan.

23Waaqayyo,“Saba Israa'el akka urjoota waaqa keessaa nan baay'isa” jedhee waan abdachiiseef, Daawit namoota waggaa digdamaa fi digdamaa gadii hin lakkoofsifne.

24Yo'aab inni Zeruyaan deesse namoota lakkaa'uu jalqabee ture, garuu hin raawwanne; sababii namoota lakkoobsisuu isaa kanaaf dheekkamsi saba Israa'el irratti dhufee ture; lakkoobsi namootaas macaafa seenaa Daawit mootichaa keessatti hin caafamne.

25Azmaawet ilmi Adii'el, itti gaafatamaa qabeenya mana mootummaa ti; Yonaataan ilmi Uziiyaa immoo itti gaafatamaa qabeenya biyya keessaa, qabeenya mandaroota keessaa, qabeenya gandeen keessaa fi masaraa keessaa ture.

26Ezriin ilmi Keluub itti gaafatamaa namoota warra maasii qopheessanii qotiisa qotanii ti.

27Shime'iin Raamaatichi itti gaafatamaa dhaabaa waynii ti; Zabdiin namni Shiifmii immoo itti gaafatamaa cuunfaa waynii dhaabaa waynii keessatti kuufamuu ti.

28Ba'aal-Hanaan Gederichi, itti gaafatamaa muka ejersaa fi muka harbuu dachaa keessaa ture; Yo'aash immoo itti gafatamaa dhadhaa ejersaa walitti kuufamuu ti.

29Shiitraayi namni Shaaron, itti gaafatamaa saawwan Shaaron keessa dheedanii ti; Shaafaax ilmi Adlaayim itti gaafatamaa saawwan warra dachaawwan keessa dheedanii ti.

30Obiil Ishmaa'elichi, eegduu gaalotaa ti; Yehidiyaan namni Meronoot, itti gaafatamaa warra harroota horsiisanii ture.

31Yaaziiz Hagirichi, itti gaafatamaa warra bushaayee horsiisanii ti; isaan kun hundinuu, itti gaafatamoo qabeenya Daawit mootichaa turan.

32Yonaataan wasiilli Daawit mootichaa, gorsaa dha, hubataa dha, nama beekaa dhas ture; Yehii'el ilmi Hakmonii immoo ilmaan mootichaa in guddisa ture.

33Ahiitofel, gorsaa mootichaa ti; Hushaayi namni Arkii immoo mootichatti kan dhi'aatu ture.

34Ahiitofel booddeedhaan Yehoyaadaa ilma Benaayaatu, isatti aane Abiyaataartu iddoo isaa fudhate; Yo'aab immoo ajajaa humna waraanaa mootummichaa ture.

Ibsa

27:1-15

Mootummota addunyaa kanaa keessatti, qophiin waraanaa nageenyaaf eegumsa ta'a; haala walfakkaatuun, wanti tokkoyyuu dammaqina dhabuu caalaa waraansa Seexanaa hin kakasu. Hanga nuti meeshaa waraanaa Waaqayyoo guutuu uffannee, amantii hojiirra oolchuudhaan, fi garaa keenya waraanaaf qopheessuudhaan dhaabannutti, dhugumaan nagaa qabaanna, akkasumas, akka carraa nagaa gara keessaa ni qabaanna.

Boqonnaa 27

Boqonnaa kana keessatti, sirna bulchiinsa mootummaa, kan waraana dabalatu, argina.

I. Ajajoota kudha lamaan ji’a tokko tokkoof turan (lak. 1–15).

II. Bulchitoota gosa adda addaa (lak. 16–24).

III. Hoogganoota mana mootummaa (lak. 25–34).

Lakk. 1-15

As sirna waraana mootummaa akkamitti akka qindaa’e ibsa argina. Daawit mataan isaa nama waraanaa ture; billaa isaatiinis hojii gurguddaa hojjeteera; loltoota hedduu gara dirree waraanaatti fideera. Amma immoo, Waaqayyo diinota isaa hundumaa irraa boqonnaa erga kenneefii booda, akkamitti akka isaan qindeesse nutti himameera. Isaan hundumaa walitti hin qabne, sababiin isaas kun isaan irrattiifi biyya irratti ulfaataa ta’a ture; haa ta’u malee, isaan hundumaa hin diigne yookaan hin facaasne, sababiin isaas yoo akkas godhe mootummaa isaa qullaa dhiisa ture, ummanni isaas ogummaa waraanaa kan isaan barsiifaman dagatu turan. Kanaaf, humna yeroo hundumaa jiru, garuu waraana dhaabbataa hin taane, qopheessuuf mala baase. Sirni kun baay’ee ogummaa qaba.

1. Inni loltoota 24,000 yeroo hundumaa meeshaa waraanaa qabatanii, gareedhaan, akkan yaadu, kutaa mootummaa tokko yookaan isa kaan keessatti leenjifamanii akka turan godhe; warri lafa qaban meeshaa waraanaa isaanii ofii isaanii baachuudhaan, yeroo tajaajila irratti turanitti baasii isaanii ofii isaanii kaffalu turan. Kun nagaafi nageenya ummataa eeguuf humna ga’aa ture. Warri dhugumaan Israa’elota ta’an waraana barachuu qabu; sababiin isaas diinota nuti itti qabsoo goonu qabna, warra yeroo hundumaa of eeggannoo irra jiraachuu qabnu.

2. Inni ji’a ji’aan isaan jijjiira ture; kanaaf, lakkoofsi waraana mootummaa guutummaatti 288,000 ga’e, kunis namoota mootummaa keessa jiran keessaa harka shanaffaa ta’uu danda’a. Akka kanaan garee kudha lamaanitti qoodamuudhaan, isaan hundinuu leenjii waraanaa baraniiru, akkasumas itti baraniiru; haa ta’u malee, namni tokkollee waggaatti ji’a tokkoo ol tajaajila irratti yookaan baasii irratti dirqamee hin turre (kan isaan baay’ee danda’an), yoo haalli addaa uumame malee, yeroo sanatti immoo isaan hundinuu saffisaan walitti qabamuu danda’u turan. Yeroo bulchitoonni nageenya ummataa eeguuf qophii godhanitti, akkamitti akka hojii irra oolchanii garuu salphaa taasisuu danda’an, akkasumas ummata irratti ba’aa xiqqaa akka ta’u gochuuf mala baasuun ogummaafi galata isaanii guddaadha.

3. Gareen hundinuu ajajaa olaanaa mataa isaa qaba ture. Hoogganoota kumaa, dhibbaa,fi shantamaa kanneen jala jiran malees, garee yookaan loltoota tokko tokkoof ajajaa olaanaa tokko ture. Ajajoonni gurguddoon kudha lamaan kun hundinuu namoota Daawit beekamoo fi gootota isaa gidduutti caqasamaniiru (2 Saam. 23 fi 1 Seenaa 11). Isaan jalqaba hojiiwwan isaanii gurguddaatiin of beeksisaniiru, sana booda gara sadarkaa olaanaatti ol guddataniiru. Mootummaan tokko yeroo ulfinni akkasitti qulqullina waliin deemu gaarii dha. Benaayaa asitti lak. 5 irratti luba angafa jedhamee waamameera. Garuu, "kohen" jechi lubaafi bulchaa lamaanuu waan agarsiisuuf, asitti "bulchaa angafa" yookaan (akka qarqara kitaabaatti) "hoogganaa olaanaa" jedhamee hiikamuu wayya. Doodaayi Mikloot (lak. 4) bakka bu’aa isaa yeroo inni hin jirretti yookaan dhukkubsatetti, yookaan du’a isaa booda bakka bu’aa isaa godhatee qaba ture.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG የእስራኤልም ልጆች የአባቶች ቤቶች አለቆችና የሺህ አለቆች የመቶ አለቆችም በክፍሎች ነገር ሁሉ ንጉሡን ያገለገሉትም ሹማምት እንደ ቍጥራቸው እነዚህ ነበሩ። እነዚህም ክፍሎች እያንዳንዳቸው ሀ… አማርኛ ENGNIV This is the list of the Israelites–heads of families, commanders of thousands and commanders of hundreds, and their off… English BCV ደቂ እስራኤል ድማ ኸምዙይ ኮይኖም ተሰሪዖም ነበሩ፦ ዋናታት ማይ ቤት ኣቦታትን ኣሕሉቕ ኣሽሓትን ኣሕሉቕ ሚእትታትን፥ እቶም ብዅሉ ናይ ክፍልታት ሰራዊት ንንጉስ ዘገልግልዎ መኳንንቶምን ኮይኖ… ትግርኛ BCV GIZ ወደቂቀ እስራኤልኒ በከመ ኈልቆሙ ለመላእክተ ቤተ አበዊሆሙ ርኡሳነ እልፍ ወርኡሳነ ምእት ወጸሐፍት እለ ይትቀነዩ ወይትለአኩ በቅድመ ሕዝብ ወላዕለ ኵሉ ትእዛዘ ንጉሥ በከመ ኵሉ ክፍለት በኵሉ… giz GAZGAZ Israa'eloonni mana mana abbaa isaaniitti dura-buutota ta'an, angafoonni kumaa, angafoonni dhibbaa, warri isaan gamteess… Afaan Oromoo BCV aksum ደቂ እስራኤል ድማ ኸምዙይ ኮይኖም ተሰሪዖም ነበሩ፦ ዋናታት ማይ ቤት ኣቦታትን ኣሕሉቕ ኣሽሓትን ኣሕሉቕ ሚእትታትን፥ እቶም ብዅሉ ናይ ክፍልታት ሰራዊት ንንጉስ ዘገልግልዎ መኳንንቶምን ኮይኖ… ትግርኛ AMHNIV የእስራኤል የቤተ ሰብ አለቆች፣ የሻለቆች፣ የመቶ አለቆች እንዲሁም ዓመቱን ሙሉ በየወሩ የሚመደቡትን ዋና ዋና ክፍሎች በተመለከተ ንጉሡን ያገለገሉ አለቆቻቸው ዝርዝር ይህ ነው። እያንዳንዱ ዋ… አማርኛ SWAHSUV Basi wana wa Israeli kwa hesabu yao, wakuu wa mbari za mababa, na maakida wa maelfu na wa mamia, na wasimamizi wao wali… Kiswahili