Mul'ata 2

GAZBIBAfaan Oromoo29 Keeyyattoota6:38 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 6:38 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1?Gara ergamaa waldaa Efesoonitti, ?Ergaan kun kan isa harka isaa mirgaatiin urjoota torban qabee, baattuu ibsaa torban gidduu deddeebi'uu ti? jedhii caafi!?

2Ergichi, ?Hojii kee, wanta ati itti dadhabdu, obsaan danda'uu kees, namoota hamoota immoo calluma jettee akka ati hin dhiifne, warra ergamoota utuu hin ta'in ?Nuyi ergamoota? ofiin jedhan qortee ilaaltee sobduu ta'uu isaanii akka argites, ani beeka.

3Ati obsaan akka dandeessu, maqaa kootiif jettees akka baattu, kanas akka ati hin dadhabin ani beeka.

4Garuu jaalala isa dur qabda turte sana dhiisuu kee si irratti argadheera.

5Ammas maal irraa akka kufte yaadadhu! Yaada garaa kee geddaradhu, hojii isa dura hojjette sanas hojjedhu! Kana yoo gochuu dhabaatte garuu, ani sitti dhufee, baattuu ibsaa keetii iddoo isaatii nan buta.

6Utuma ta'uu iyyuu immoo waan tokko qabda; inni immoo hojii Niqolaawotaa isa ani jibbu atis in jibbita.

7?Namni gurra qabu, isa hafuurri qulqulluun waldoota kristiiyaanaatiin jedhu haa dhaga'u! Isa mo'eef muka ija isaa nyaatanii jiraatan isa jannata Waaqayyoo keessa jiruttii nyaachuu nan kennaaf? kan jedhuu dha.

8?Gara ergamaa waldaa Simiirnaatti, ?Ergaan kun isa duraa fi isa booddee, isa du'ee, deebi'ee jiraate biraa dhufe? jedhii caafi!?

9Ergichi, ?Rakkina si irra ga'e, hiyyuma kee, hamaa si irratti dubbachuu warra Yihudoota utuu hin ta'in, Yihudoota ofiin jedhaniis ani beeka. Ati garuu sooressa; warri Yihudoota ofiin jedhan sun immoo walga'ii Seexanaa ti.

10Dhiphina isa sitti dhufuuf jiru hin sodaatin! Kunoo Seexanni, akka isin qoramtanii ilaalamtaniif, isin keessaa kaan mana hidhaatti akka galfamtan gochuuf jedha; guyyaa kudhaniif rakkina argachuuf jirtu; du'a yoo sitti fide iyyuu, ati hamma du'aatti amanamaa ta'i! Ani immoo gonfoo ittiin jireenya argatan siifan kenna.

11?Namni gurra qabu, isa hafuurri qulqulluun waldoota kristiiyaanaatiin jedhu haa dhaga'u! ?Inni mo'u du'a isa lammaffaadhaan hin miidhamu?? kan jedhuu dha.

12?Gara ergamaa waldaa Phergamoonitti, ?Ergaan kun isa billaa qara-qabeessa gara lamaan qarame qabu sana biraa dhufe? jedhii caafi!?

13Ergichi, ?Ani iddoo ati jiraattu beeka, inni lafa teessoo Seexanaa ti. Ati garuu maqaa koo jabeessitee qabatte malee, bara Antiiphaas dhuga-baatuun koo amanamaan koos isin gidduutti iddoo Seexanni jiraatu sanatti ajjeefame iyyuu, anatti amanuu kee hin ganne.

14Garuu wanta muraasa si irratti argadheera; namoota warra barsiisa Bala'aamitti qabamanii jiran achii qabda. Balaaq ijoollee Israa'el dura gufuu kaa'ee, qalma waaqayyolii tolfamaniif dhi'aate akka nyaatanii fi, gaalamootummaatti akka jiraatan gochuu Bala'aamtu barsiisee ture.

15Akkasuma immoo barsiisa warra Niqolaawotaatti qabamanii warra jiran qabda.

16Ammas yaada garaa kee geddaradhu! Kana yoo gochuu dhabaatte garuu, ani dafee sitti nan dhufa; jara sanas billaa afaan koo keessaa ba'uun nan lola.

17?Namni gurra qabu isa hafuurri qulqulluun waldoota kristiiyaanaatiin jedhu haa dhaga'u! ?Isa mo'uuf maannaa dhokataa sana keessaa nan kennaaf; dhagaa calaqqisaa maqaan haaraan irratti caafame tokkos nan kennaaf; maqichas isa fudhatu sana irraa kan hafe, namni tokko illee hin beeku?? kan jedhuu dha.

18?Gara ergamaa waldaa Tiyaatiraatti, ?Ergaan kun, kan ilma Waaqayyoo isa ija akka barbadaa ibiddaa qabuu, isa miilli isaa akka sibiila diimaa isa boolla ibiddaa keessatti baqfamee ifu ta'ee ti? jedhii caafi!?

19Ergichi, ?Ani hojii kee, jaalala kee, amantii kee, warra kaan gargaaruudhaaf of kennuu kee, obsaan danda'uu kee, hojiin kee inni booddee kanaa immoo isa duraa irra caaluu isaas beeka.

20Garuu dubartittii Izaabel jedhamtu, ishee ?Ani raajii dha? ofiin jettee barsiiftu, ishee hojjetoonni koos gaalamootummaatti akka jiraatan, qalma waaqayyolii tolfamaniif dhi'aate akka nyaataniif wallaalchisaa jirtu, calluma jettee dhiisuu kee kana si irratti argadheera.

21Ani yaada garaa ishee akka geddarattuuf yeroo kenneefiin ture; isheen garuu gaabbitee gaalamootummaa isheettii deebi'uu hin barbaanne.

22Kunoo ani akka isheen dhukkubsattee siree irra ciiftu nan godha, warra ishee wajjin ejjan immoo gaabbanii hojii ishee irraa yoo deebi'uu dhabaatan, rakkina guddaa keessa isaan nan buusa.

23Ijoollee ishees dha'ichaan nan ajjeesa; kanaanis waldoonni kristiiyaanaa hundinuu, inni yaada namaa fi garaa namaa fonqolchu ana ta'uu isaa beekuuf jiru. Ani immoo tokkon tokkon keessaniif akka hojii isaatiitti kennuufan jira.

24?Tiyaatiraa keessaa, warri haftan immoo, barsiisa kanatti warri hin qabamin, isa warri kaan, ?Dhoksaa Seexanaa isa gad fagoo dha? jedhanis warri hin barin, ba'aa kan biraa isin irra hin kaa'u, isiniin nan jedha.

25Isa qabdan garuu hamma ani dhufutti jabeessaatii qabadhaa!

26Nama mo'uuf, isa hojii koo hamma dhumaatti eeggatee hojjetuufis, saba hin amanne baay'ee irratti aboo nan kennaaf.

27Inni siiqqee sibiilaatiin saba sana in tiksa, akka qodaa suphees isaan in hurreessa.

28Akkuma ani abbaa koo biraa aboo fudhadhes bakkalcha barii nama sanaaf nan kenna.

29Namni gurra qabu, isa hafuurri qulqulluun waldoota kristiiyaanaatiin jedhu haa dhaga'u!? kan jedhuu dha.

Ibsa

2:1-7 Waldaaleen kunniin barumsa qulqullummaa fi humna waaqayyummaa irratti haala garaagaraa keessa waan turaniif, jechi Kiristoos isaanitti dubbate yeroo hundumaa haala waldaalee kaanii fi kan namoota Waaqayyoof of kennaan biraatti ni hojjeta. Kiristoos haala isaanii ni beeka, ni ilaala; Samiirratti yoo ta'eellee, gidduu waldaalee Isaa kan lafaa keessa deema, wanta isaan keessa cubbuu ta'e fi wanta isaan barbaadan ilaalaa. Waldaan Efesoon dirqama isheetti cimtuu ta'uuf jajamteetti. Kiristoos hojii garbichi Isaa sa'aatii hundumaa Isaaf hojjetu ni lakkaa'a, dadhabbiin isaanii Gooftaa keessatti gonkumaa gara jalaa hin deebi'u. Garuu cimoo ta'uun qofti ga'aa miti; obsa danda'uu fi obsa eeguun jiraachuu qaba. Akkuma nama hundumaaf garraamummaa hundumaa agarsiifnu iyyuu, cubbuu isaanii irratti immoo hinaaffaa qajeelaa agarsiisuu qabna. Cubbuun Kiristoos waldaa kana irratti kaase, jaalala isaanii isa jalqabaa dhiisanii deemuu osoo hin taane, sadarkaa jaalala cimaa isa jalqaba ture dhabuu isaanii ti. Kiristoos saba Isaa irratti ni gadda, gara Isaatti laafaa fi qorraa'aa deeman yoo arge. Dhugumatti, Caaffata Qulqullaa'aa keessatti, Kiristaanonni jaalala isaanii isa jalqabaa dhiisuu isaanii caqasuun kun, warra dantaa dhabuudhaan waa'ee isaa dubbatan ni ifata, akkasumas dantaa dhabuu fi dhibaa'ummaa ofii isaanii fi kan warra kaanii sababa ittiin godhan ni ifata; Fayisaan keenya dantaa dhabuu kana cubbuu ta'uutti lakkaa'a. Isaan qalbii deebi'uu qabu: laafina cubbuu isaanii irraan kan ka'e gadduu fi yeella'uu qabu, Waaqayyo duratti gad of deebisanii beeksisuu qabu. Hinaaffaa, gara laafinaa fi cimeeffannaa isaanii isa jalqabaa deebisanii argachuuf yaalii gochuu qabu, akkuma dura jalqaba karaa Waaqayyoo deemetti, akkuma sanaan jabaatanii kadhachuu fi ciminaan eeggachuu qabu. Ayyaana Kiristoosii fi Hafuurri Isaa tuffatame yoo ta'e, dallansuu Isaa ni eegganna. Wanta gaarii isaan gidduu tureef caqasni jajjabduun ni godhame. Dhugaa fi dogoggora, gaarii fi hamaa irratti dantaa dhabuun jaalalaa fi garraamummaa jedhamuu danda'a, garuu akkas miti; Kiristoosittis kan hin tolledha. Jireenyi Kiristaanaa loladha, cubbuu, Seexana, addunyaa fi foonitti. Diinota hafuuraa keenyaaf gonkumaa harka kennuu hin qabnu, yeroo sana injifannoo ulfinaa fi badhaasa guddaa ni arganaa. Warri obsaan dhaabatan hundinuu Kiristoos irraa, akka Muka Jireenyaa irraa, qulqullinaa fi gammachuu keessatti guutummaa fi jabeenya ni argatu, jannata lafaa keessatti osoo hin taane, isa samii keessatti. Kun jecha fakkeenyummaa ti, odeeffannoo jannata Eedan irraa kan fudhatame, gammachuu samii kan qulqulluu, kan quubsaa fi kan bara baraa argisiisa; akkasumas addunyaa kana keessatti amanannaa, Kiristoos wajjin tokkummaa fi jajjabina Hafuura Qulqulluutiin gara isaanii ilaaluu agarsiisa. Yaa warra amantan, jireenya qabsoo keessan asitti fudhadhaa, jireenya nagaa isa booda dhufu immoo eeggadhaa fi barbaadaa; garuu hanga yeroo sanaatti miti: jechi Waaqayyoo asitti nagaa fi guutummaatti qabsoo irraa bilisummaa gonkumaa hin waadu.

2:8-11 Gooftaan keenya Yesuus Isa Duraati, wantoonni hundinuu isaaniin waan hojjetamaniif; inni wanta hundumaa dura ture, Waaqayyoo wajjin, ofiisaatii Waaqayyoos dha.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG “በኤፌሶን ወዳለው ወደ ቤተ ክርስቲያን መልአክ እንዲህ ብለህ ጻፍ፦ በቀኝ እጁ ሰባቱን ከዋክብት የያዘው በሰባቱም የወርቅ መቅረዞች መካከል የሚሄደው እንዲህ ይላል፦ አማርኛ ENGNIV “To the angel of the church in Ephesus write: These are the words of him who holds the seven stars in his right hand an… English BCV “ናብ መልኣኽ ቤተ ክርስቲያን ኤፌሶን፥ ከምዙይ ኢልካ ፀሓፍ፦ “ ‘እቲ ኣብ የማናይ ኢዱ፥ ሸውዓተ ኸዋኽብቲ ዝሓዘ፥ ኣብ ማእኸል እተን ሸውዓተ ቐወምቲ ናይ ወርቂ ቐናዲል ዝመላለስ፥ ከምዙይ … ትግርኛ BCV GIZ “ወጸሐፍ ሎቱ ለመልአከ ቤተ ክርስቲያን ዘኤፌሶን፣ ከመዝ ይቤለከ አኃዜ ኵሉ ዘያጸንዕ ሰብዐተ ከዋክብተ በየማኑ ወዘየሐውር በማእከለ ሰብዑ መኃትው ዘወርቅ። giz GAZGAZ ?Gara ergamaa waldaa Efesoonitti, ?Ergaan kun kan isa harka isaa mirgaatiin urjoota torban qabee, baattuu ibsaa torban … Afaan Oromoo BCV aksum “ናብ መልኣኽ ቤተ ክርስቲያን ኤፌሶን፥ ከምዙይ ኢልካ ፀሓፍ፦ “ ‘እቲ ኣብ የማናይ ኢዱ፥ ሸውዓተ ኸዋኽብቲ ዝሓዘ፥ ኣብ ማእኸል እተን ሸውዓተ ቐወምቲ ናይ ወርቂ ቐናዲል ዝመላለስ፥ ከምዙይ … ትግርኛ AMHNIV “በኤፌሶን ላለው ቤተ ክርስቲያን መልአክ እንዲህ ብለህ ጻፍ፤ ሰባቱን ከዋክብት በቀኝ እጁ የያዘው፣ በሰባቱም የወርቅ መቅረዞች መካከል የሚመላለሰው እንዲህ ይላል፤ አማርኛ SWAHSUV Kwa malaika wa kanisa lililoko Efeso andika; Haya ndiyo anenayo yeye azishikaye hizo nyota saba katika mkono wake wa ku… Kiswahili