1Waaqayyoon jajadhaa! Iddoo isaa isa qulqullaa'aa keessatti Waaqayyoon jajadhaa! Bantii waaqaa isa humna-qabeessa keessatti isa jajadhaa!
2Gocha isaa isa aango-qabeessaaf isa jajadhaa; akka guutummaa guddina isaatti isa jajadhaa!
3Sagalee fiinootiin isa jajadhaa; kiraaraa fi maseenqoodhaan isa jajadhaa!
4Dibbeedhaa fi sirbaan isa jajadhaa; mi'a ribuu qabuun, ululleedhaanis isa jajadhaa!
5Sibiila walitti rukutamee sagalee ol kaasuun, isa jajadhaa! sibiila walitti rukutamee sagalee guddaa dhageessisuun, isa jajadhaa!
6Wanti hafuura baafatu hundinuu Waaqayyoon haa jajatu! Waaqayyoon jajadhaa!