1Amma isin hojjetoonni Waaqayyoo hundinuu, warri halkan mana Waaqayyoo keessa dhaabattan, kottaa Waaqayyoon ulfinaan jajadhaa!
2Gara iddoo qulqullaa'aa sanatti harka keessan ol kaasaa, Waaqayyoon ulfinaan jajadhaa!
3Waaqayyo inni waaqaa fi lafa uume, Xiyoon keessaa si haa eebbisu!