1Iji koo gara gaarotaatti ol in ilaala, gargaarsi koo eessaa dhufa”
2Gargaarsi koo Waaqayyo biraa in dhufa; inni immoo isa bantiiwwan waaqaa, lafas uumee dha.
3Inni miilli kee akka sigigaatu hin godhu, inni si eegus hin mugu.
4Kunoo inni Israa'elin eegu, matumaa hin mugu, hin rafus.
5Waaqayyo si eega, Waaqayyo gaaddisa kee ti, inni gara mirga kee jira.
6Guyyaa aduun si hin rukutu, halkanis ji'i si hin miidhu.
7Waaqayyo hamaa hundumaattii si eega, inni jireenya kee in eega.
8Waaqayyo gad ba'uu kee, ol galuu kees ammaa jalqabee hamma bara baraatti in eega.