Filiphisiyus 4

GAZBIBAfaan Oromoo23 Keeyyattoota4:52 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 4:52 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Kanaafis yaa obboloota jaallatamoo ani arguu yaadu, gammachuu koo fi gonfoo ulfina koo michoota koos, gooftaatti jabaadhaa dhaabadhaa!

2Obboleetonni keenya Ewodiyaa fi Sinxiikeen maqaa gooftaatiin yaada tokkotti akka waliif galaniif lachuu isaanii nan gorsa.

3Atis yaa amanamaa hiriyaa ko, dubartoota kana akka gargaartu sin kadhadha; isaan kun, Klemens, warri kaan hojii irratti hidhata koo warri ta'an, warri jireenya argachuudhaaf maqaan isaanii macaafa jireenyaa keessatti caafame, dorgomee hojii wangeelaatti anaa wajjin dhama'aa turan.

4Yeroo hundumaa gooftaatti gammadaa! Ammas irra deebi'ee nan jedha, gammadaa!

5Garraamummaan keessan nama hundumaa biratti haa beekamu! Gooftaan dhi'oo dha, dhi'ootti in dhufas.

6Waan hundumaatti, kadhataa fi himataan galataa wajjin wanti isin barbaachisu Waaqayyo duratti akka beekamu godhaa malee, waanuma tokkotti yaaddoo hin qabaatinaa!

7Nagaan Waaqayyoo inni hubannaa namaa hundumaa irra caalus, karaa Kristos Yesus garaa keessanii fi yaada keessan in eega.

8Ammas yaa obboloota ko, waa'ee waanuma dhugaa ta'ee, waanuma ulfina qabuu, waanuma qajeelaatti lakkaa'amuu, waanuma qulqulluu ta'ee, waanuma jaallatamaa, waanuma gurratti toluu, waanuma gaarii ta'ee, waanuma galata qabuu yaadaa!

9Wanta ana irraa bartan, ana irraa fudhattan, ana irraa dhageessan, utuun hojjedhuus waan argitan, isinis akkasuma godhaa! Waaqayyo inni nagaa kennu isinii wajjin in ta'a.

10Isin amma anaaf dhimmuun keessan guutummaatti akka lubbuu godhatu gochuu keessaniif gooftaatti guddaa nan gammade. Duraan iyyuu dhuguma anaaf in dhimmitu turtan, garuu kana mul'isuudhaaf fucha hin arganne.

11Kana jechuun koo waa dhabee komachuu koo miti; ani akka kamitti iyyuu of danda'ee jiraachuu bareera.

12Ani jireenya gad deebi'aa jiraachuu beeka, wanta barbaachisu gara irraatti qabaachuus, beeka; ani waan hundumaatti, akka kamittis, quufatti, beelattis, irraa hafaa qabaachuutti, dhabuuttis nan beeka.

13Jabina gooftaan anaaf kennuun waan hundumaa gochuu nan danda'a.

14Haa ta'u iyyuu malee, rakkina koo hirmaachuu keessaniif gaarii gootan.

15Ani yeroon Maqedooniyaadhaa ka'ee naanna'aa sanatti jalqaba wangeela lallabuuf ba'e, isin kophaa malee waldaan tokko illee waanan argadhutti, waanan baasuttis na gargaaruudhaaf hirmaattuu akka hin ta'in, isin warri Filiphisiiyus in beektu.

16Tasaloniiqeetti iyyuu gargaarsa deddeebiftanii anaaf ergitaniittu.

17Bu'aan isaa inni isiniif lakkaa'amu haa baay'atuuf malee, ani gargaarsicha argachuuf barbaadee miti.

18Ammas wanti hundinuu guutummaatti na ga'eera, kan ga'u caalaas fudhadheera. Kennaan isin ergitan, akka aarsaa urgaa'aa fi qalma Waaqayyo duratti fudhatamee isa gammachiisuu ti; kennaa kana immoo Ephafrodixos harkaa fudhadhee guuttadheera.

19Waaqayyo koos akka badhaadhummaa isaa isa dinqisiisaatti karaa Kristos Yesus waanuma isin barbaachisu isiniif guutuuf jira.

20Waaqayyo abbaa keenyaaf ulfinni baraa hamma bara baraatti haa ta'uuf! Ameen.

21Warra Waaqayyoof qulqullaa'an adduma addaan, Kristos Yesusitti nagaa anaaf gaafadhaa! Obboloonni anaa wajjin jiran nagaa isiniif dhaamu.

22Warri Waaqayyoof qulqullaa'an hundinuu, addumaan immoo warri mana mootii warra Roomaa keessa jiran nagaa isiniif dhaamu.

23Ayyaanni gooftaa Yesus Kristos hafuura keessanii wajjin haa ta'u.

Ibsa

4:1 Abdii amantoota qabnu fi tilmaamni jireenya bara baraa, karaa Kiristiyaanummaa keenya keessatti cimoo fi dhaabbatoo nu taasisuu qaba. Garaagarummaan kennaawwanii fi ayyaanotaa jiraatus, Hafuura tokkoon haareffamnee, obboleeyyan walii keenya. Gooftaa keessatti dhaabbachuu jechuun, humna Isaa keessatti dhaabbachuu dha, fi ayyaana Isaan dhaabbachuu dha.

4:2-9 Amantoonni yaada tokko qabaataniifi wal gargaaruuf qophaa’oo haa ta’an. Ergamichis gargaarsa isaanii irraa faayidaa argatee waan tureef, hojjettoota isaa warra kaan gargaarsi warra kaanii hammam akka isaan jajjabeessu beeka ture. Maqaan keenya kitaaba jireenyaa keessatti galmaa’uu isaa mirkaneeffachuuf haa carraaqnu. Gammachuun Waaqayyo keessatti argamu jireenya Kiristiyaanaa keessatti iddoo guddaa qaba; Kiristiyaanonni immoo irra deddeebi’anii gara kanaatti waamamuu qabu. Innis sababoota gaddaa hundumaa caalaa ulfaata. Diinonni isaanii wantoota alaa ilaalchisee hammam akka tasgabbaa’an, akkasumas salphinaan akkamitti dhabuufi rakkina akka danda’an haa hubatan. Guyyaan firdii, furamuu guutummaatti amantootaaf, balleeffamuu immoo warra Waaqayyoo hin sodaanneef dhiheenyatti ni dhufa. Ilaalchi dammaqinaa kan dirqama keenyaa ta’eefi raaga ogummaafi dhimma qabutti walii galu jira; garuu ilaalchi sodaa fi shakkii, kan cubbuufi gowwummaa ta’e, yaada qofa walxaxee dogoggorsu jira. Balaa ilaalcha nama walxaxu kanaaf furmaata ta’uun, kadhannaan yeroo hundaa taasifamu ni gorfama. Yeroo kadhannaaf ramadame qofa osoo hin taane, waan hundumaafuu kadhannaan. Kadhannoota keenyaafi wacoota keenyatti galata dabaluu qabna; wantoota gaarii qofa barbaaduu osoo hin taane, araara nuuf kenname beekuu qabna. Waaqayyo fedhaafi haajaa keenyaaf himamuu isa hin barbaachisu; Inni nu caalaa beeka; garuu Inni araara sana akka dinqisiifannuufi isa irratti hirkattummaa keenya akka itti dhaga’amu akka agarsiisnu barbaada. Nageenyi Waaqayyoo, miirri tasgabbii kan Waaqayyootti araaramuufi ayyaana Isaa keessaa qooda qabaachuufi abdii eebba samii, wantoota gaarii guutummaatti ibsamuu danda’an caalaa guddaadha.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6