Lakkoofsa 1

GAZGAZAfaan Oromoo54 Keeyyattoota9:40 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 9:40 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Namoonni Israa'el biyya Gibxii ba'anii waggaa lammaffaatti, waggicha keessaa ji'a lammaffaatti, ji'icha keessaa guyyaa jalqabaatti Siinaa lafa onaatti, dunkaana itti wal ga'an keessatti Waaqayyo Museetti in dubbate.

2Inni Museedhaan,“Guutummaa waldaa namoota Israa'el akka qomoo qomoo isaaniitti, akka mana mana abbaa isaaniitti dhiira kan ta'e hundumaa lakkaa'ii maqaa isaanii caafi!

3Namoota Israa'el keessaa dhiirota warra waggaan isaanii digdama guutee fi digdamaa olii, warra lola dhaquu danda'an hundumaa atii fi Aaron akka kutata kutata isaaniitti lakkaa'aa!

4Namni mana abbaa isaatti angafa ta'e gosa hundumaa keessaa tokko tokko isin gargaaruudhaaf isinitti haa dabalamu!

5“Maqaan namoota warra isinitti dabalamanii kanatti fufee jira; gosa Ruuben keessaa, Eliizur ilma Shiide'ur;

6“Gosa Shimi'oon keessaa, Shiilumii'el ilma Zuriishadaayi;

7“Gosa Yihudaa keessaa, Nahishoon ilma Aminaadaab;

8“Gosa Yisaakor keessaa, Nataani'el ilma Zuwaar;

9“Gosa Zebuloon keessaa, Eliiyaab ilma Helon;

10“Kan ilmaan Yoseef immoo gosa Efreem keessaa, Eliishaamaa ilma Amiihud, gosa Minaasee keessaa immoo Gamaali'el ilma Phedaazur;

11“Gosa Benyaamiin keessaa, Abiidaan ilma Gidewoonii;

12“Gosa Daan keessaa, Ahii'ezer ilma Amiishadaayi;

13“Gosa Asheer keessaa, Fagi'el ilma Okraan;

14“Gosa Gaadi keessaa, Elii'aasaaf ilma Deu'el;

15“Gosa Niftaalem keessaa, Ahiiraa ilma Enaan” jedhe.

16Warri waldicha keessaa mana abboota isaaniitti geggeessitoota qomoo fi dura-buutuu kumaatama Israa'el ta'anii fo'aman isaan kana turan.

17Museenii fi Aaron namoota warra maqaan isaanii dha'ame kana fudhatanii,

18ji'a lammaffaa keessaa guyyaa jalqabaatti, guutummaa waldichaa walitti qabanii, dhiirota warra waggaa digdamaa fi warra digdamaa olii, akka qomoo qomoo isaaniitti, akka mana mana abbaa isaaniitti tokkon tokkon isaanii in caafan.

19Akkuma Waaqayyo isa abboometti, Museen Siinaa lafa onaa keessatti isaan in lakkaa'e.

20Gosa Ruuben ilma Yaaqoob isa angafaa keessaa dhiironni warri waggaan isaanii digdama guutee fi warri waggaa digdamaa olii, lola dhaquu kan danda'an hundinuu akka qomoo qomoo isaaniitti, akka mana mana abbaa isaaniitti tokko tokkoon in caafaman.

21Gosa Ruuben keessaa warri lakkaa'aman namoota kuma afurtamii ja'aa fi dhibba shan turan.

22Gosa Shimi'oon keessaa dhiironni warri waggaan isaanii digdama guutee fi warri waggaa digdamaa olii lola dhaquu kan danda'an hundinuu akka qomoo qomoo isaaniitti, akka mana mana abbaa isaaniitti tokko tokkoon in caafaman.

23Gosa Shimi'oon keessaa warri lakkaa'aman namoota kuma shantamii sagalii fi dhibba sadii.

24Gosa Gaadi keessaa namoonni waggaan isaanii digdama guutee fi waggaa digdamaa olii, lola dhaquu kan danda'an hundinuu akka qomoo qomoo isaaniitti, akka mana mana abbaa isaaniitti in caafaman.

25Gosa Gaadi keessaa warri lakkaa'aman namoota kuma afurtamii shanii fi dhibba ja'aa fi shantama.

26Gosa Yihudaa keessaa namoonni waggaan isaanii digdama guutee fi warri waggaa digdamaa olii, lola dhaquu kan danda'an hundinuu akka qomoo qomoo isaaniitti, akka mana mana abbaa isaaniitti in caafaman.

27Gosa Yihudaa keessaa warri lakkaa'aman namoota kuma torbaatamii afurii fi dhibba ja'a.

28Gosa Yisaakor keessaa namoonni waggaan isaanii digdama guutee fi warri waggaa digdamaa olii, lola dhaquu kan danda'an hundinuu akka qomoo qomoo isaaniitti, akka mana mana abbaa isaaniitti in caafaman.

29Gosa Yisaakor keessaa warri lakkaa'aman namoota kuma shantamii afurii fi dhibba afur.

30Gosa Zebuloon keessaa namoonni waggaan isaanii digdama guutee fi warri waggaa digdamaa olii, lola dhaquu kan danda'an hundinuu akka qomoo qomoo isaaniitti, akka mana mana abbaa isaaniitti in caafaman.

31Gosa Zebuloon keessaa warri lakkaa'aman namoota kuma shantamii torbaa fi dhibba afur.

32Kan ilmaan Yoseef immoo, gosa Efreem keessaa namoonni waggaan isaanii digdama guutee fi warri waggaa digdamaa olii, lola dhaquu kan danda'an hundinuu akka qomoo qomoo isaaniitti, akka mana mana abbaa isaaniitti in caafaman.

33Gosa Efreem keessaa warri lakkaa'aman namoota kuma afurtamaa fi dhibba shan.

34Gosa Minaasee keessaa namoonni waggaan isaanii digdama guutee fi warri waggaa digdamaa olii, lola dhaquu kan danda'an hundinuu akka qomoo qomoo isaaniitti, akka mana mana abbaa isaaniitti in caafaman.

35Gosa Minaasee keessaa warri lakkaa'aman namoota kuma soddomii lamaa fi dhibba lama.

36Gosa Benyaamiin keessaa namoonni waggaan isaanii digdama guutee fi warri waggaa digdamaa olii, lola dhaquu kan danda'an hundinuu akka qomoo qomoo isaaniitti, akka mana mana abbaa isaaniitti in caafaman.

37Gosa Benyaamiin keessaa warri lakkaa'aman namoota kuma soddomii shanii fi dhibba afur.

38Gosa Daan keessaa namoonni waggaan isaanii digdama guutee fi warri waggaa digdamaa olii, lola dhaquu kan danda'an hundinuu akka qomoo qomoo isaaniitti, akka mana mana abbaa isaaniitti in caafaman.

39Gosa Daan keessaa warri lakkaa'aman namoota kuma jaatamii lamaa fi dhibba torba.

40Gosa Asheer keessaa namoonni waggaan isaanii digdama guutee fi warri waggaa digdamaa olii, lola dhaquu kan danda'an hundinuu akka qomoo qomoo isaaniitti, akka mana mana abbaa isaaniitti in caafaman.

41Gosa Asheer keessaa warri lakkaa'aman namoota kuma afurtamii tokkoo fi dhibba shan.

42Gosa Niftaalem keessaa namoonni waggaan isaanii digdama guutee fi warri waggaa digdamaa olii, lola dhaquu kan danda'an hundinuu akka qomoo qomoo isaaniitti, akka mana mana abbaa isaaniitti in caafaman.

43Gosa Niftaalem keessaa warri lakkaa'aman namoota kuma shantamii sadii fi dhibba afur.

44Warri Museenii fi Aaron angafoota kudha lamaan warra gosa gosa isaanii keessaa fo'amanii geggeessitoota Israa'el ta'anii wajjin lakkaa'an isaan kana.

45Namoota Israa'el keessaa warri waggaan isaanii digdama guutee fi warri waggaa digdamaa olii, biyya Israa'el keessaa lolaaf ba'uu kan danda'an hundinuu akka mana mana abbaa isaaniitti in lakkaa'aman.

46Warri lakkaa'aman hundinuu kumaatama dhibba ja'aa fi kuma sadii fi dhibba shanii fi shantama turan.

47Maatiin gosa Lewwii garuu warra kanaa wajjin hin lakkaa'amne.

48Waaqayyo dubbii kanatti fufee jiru Museetti dubbatee ture.

49Inni Museedhaan,“Ati gosa Lewwii hin lakkaa'in, lakkoobsa isaaniis isa kan namoota Israa'el warra kaaniitti hin dabalin!

50Qooda kanaa, warra Lewwootaa hojii dunkaana dhuga-baatuu sana, mi'a dunkaanicha keessaa fi waanuma kan dunkaanichaa ta'e hundumaa eeguutti isaan fo'i! Isaan dunkaanichaa fi mi'a isaa hundumaa haa baatan, naannoo isaa buufataniis isa haa eegan!

51Yeroo adeemuuf ka'an, warri Lewwoonni dunkaanicha haa buqqisan! Yommuu buufachuuf jedhanis isaanumti haa dhaaban! Isaan irraa kan hafe namni kan biraa dunkaanichatti yoo dhi'aate haa ajjeefamu!

52Namoonni Israa'el yommuu buufatan adduma addaan akka iddoo buufata isaaniitti, akka faajjii isaaniitti, akka kutata loltuu isaaniittis dunkaana in dhadhaabbatu.

53Dheekkamsi waldaa namoota Israa'elitti akka hin dhufnetti, warri Lewwootaa naannoo godoo dhuga-baatuu sanaa haa buufatan! Godicha dhuga-baatuu isa itti gaafataman sanas haa eegan!” jedhe.

54Namoonni Israa'el waan hundumaa akkuma Waaqayyo Musee abboometti in godhan.

Ibsa

1:1-43

Uummanni lakkaa'ameef, amanamummaa Waaqayyoo akka sanyii Yaaqoob akkasitti baay'ate agarsiisuuf, akkasumas akka isaan waraanaafi Kan'aan lolaan qabachuudhaaf caalaatti leenji'anitti, akkasumalees lafa qooduudhaaf maatiiwwan isaanii adda baasuuf ture. Gosa hundumaafis, kanneen gara waraanaa bahuu danda'an lakkaa'amuu isaanii dubbatameera; waraanni isaan dura ture, yeroo sana garuu mormii tokko malee turanillee. Amantichi, hundi nagaa fakkaatuyyuu, diinota lubbuu isaa dura dhaabbachuudhaaf qophaa'aa haa ta'u.

Lakk. 17-43

Namoota lakkaa’uuf ajajni kenname saffisaan hojiirra ooluu isaa asitti argina. Ajajni kenname guyyaa sana, ji’a lammaffaa guyyaa jalqabaa, jalqabameera; lakk. 18 fi lakk. 1 wal bira qabii ilaali. Hubadhaa, hojiin Waaqayyoof hojjetamu yoo jiraate, dirqamni cimaa fi dhiibbaa qabeessa ta’ee osoo jiruu, saffisaan hojiitti seenuun gaariidha. Akka mul’atuttis, hojiin kun guyyaa tokko qofa ture, sababiin isaas, guyyaa kanaa fi ji’a kana keessaa guyyaa digdamaa gidduutti, yeroo isaan buufata isaanii jijjiiranitti, hojiiwwan biroo hedduun hojjetamaniiru (Boq. 10:11). Yo’aab yeroo Daawititti namoota lakkaa’uuf ji’a kudhanitti dhihaatu fudhateera (2 Saamu’eel 24:8); garuu yeroo sana isaan bittimfanii turan, amma immoo walitti dhihaatanii jiraatu turan; yeroo sana Seexanni hojii kana akka hojjetamu dhiheesse, amma immoo Waaqayyo ajaje. Yeroo ammaa kana hojiin kun saffisaan fi salphaatti raawwatameera, sababiin isaas yeroo gabaabaa dura hojjetamee ture, akkasumas kitaabota durii, jijjiirama yeroo sanaa irraa kaasee godhame waliin, irra deebi’anii ilaaluu qofa isaan barbaachise, kunis isaan akka uumameen galmeessaa turan hin shakkisiisu.

Galmee asitti dhiifame keessatti, wantoota armaan gadii hubachuu dandeenya:

1. Lakkoofsonni lakkoofsaan osoo hin taane, jechootaan guutummaatti galmaa’aniiru (akka jedhamutti); gosa kudha lamaan hundumaaf, lakkaa’umsi sirna qabeessa fi ulfaataa akka ta’uuf, dhaloota isaaniitiin, maatii isaaniitiin, mana abbootii isaaniitiin, lakkoofsa maqootaa irratti hundaa’uun lakkaa’amuu isaanii irra deddeebi’ameera. Kunis gosti hunduu seera tokkoon fi mala tokkoon galmee akka fudhate fi kenne agarsiisa, yoo hojii kana keessatti harki hedduun hojjetameyyuu. Jalqaba dhaloota isaanii galmeessuun, maatiin isaanii Israa’el irraa dhalachuu isaa agarsiisuuf, sana booda maatiiwwan mataa isaanii tartiiba isaaniitiin, sana booda maatii hundumaa manaatti, yookiin maatiiwwan xixiqqoo irraa damee ba’anitti qooduun, isaan jalattis maqaa namoota dhuunfaa, seera dhalootaa (heraldry) irratti hundaa’uun galmeessaniiru. Haala kanaan, namni hunduu firoota isaa yookiin fira isaa dhihoo eenyu akka ta’e beekuu danda’a, kunis seera tokko tokko kan duraan argine irratti hundaa’a ture: kana malees, namni tokko fira keenyaaf dhihoo ta’eef, gaarummaa gochuuf caalaatti qophaa’oo ta’uu qabna.

2. Hunduu dhibbaan xumuramu, Gaad qofti shantamaan (lakk. 25); garuu lakkoofsa tokkollee tokkoo yookiin kudhanitti hin bu’u. Namoonni tokko tokko yeroo kana gosti hunduu lakkoofsa guutuu, lakkoofsa qixxee yookiin caccabaa hin qabne akka ta’u kan ajaje, raajii addaa ture jedhu, kunis daballii isaanii keessatti wanti idilee irra darbe tokko akka jiru agarsiisuuf, haalli kun waan hin baratamne waan qabuuf. Kanaa mannaa, Museen yeroo muraasa dura bulchitoota dhibbaa fi bulchitoota shantamaa waan muudeef (Ba’uu 18:25), namoota bulchitoota isaanii dhuunfaa dhuunfaatiin lakkaa’an, kunis lakkoofsa dhibba yookiin shantama guutuu taasisa ture.

3. Yihudaan hundumaa caalaa baay’ee ture, Beeniyaamii fi Minaasee dachaa lamaa ol, akkasumas gosa kamiyyuu caalaa 12,000 dhihaatuun baay’ee ture (lakk. 27). Yihudaan obboloota isaa biratti jajamuu qaba ture, sababiin isaas Kiristoos Gooftaan isaa irraa dhalachuuf ture; garuu kun wanta fagoo waan tureef, Waaqayyo yeroo sana gosa sana karaa hedduun kabajeera, keessumaa daballii guddaa isaatiin, isa yeroo guutuu keessa Yihudaa irraa dhalatuuf (Ibroota 7:14) jedhameef. Yihudaan lafa onaa keessa dura bu’aa ta’uu qaba ture, kanaafis gosa kamiyyuu caalaa humna guddaan guutameera.

4. Efraayimii fi Minaaseen, ilmaan Yoosef, gosoota adda addaa ta’uun lakkaa’amaniiru, lamaan isaanii waliin Yihudaa baay’ina isaatiin dhihaatu ta’aniiru; kunis Yaaqoob isaan fudhachuu isaa, kan isaan obboleeyyan abbaa isaanii Ruubeenii fi Simoon waliin wal qixxeesse, hordofuun ture (Seera Uumamaa 48:5). Akkasumas kun eebba Yoosef, kan damee firii qabeessa ta’uuf ture, bu’aa isaa ture (Seera Uumamaa 49:22). Efraayim inni xinnaan dura kaa’ameera, akkasumas Minaasee caalaa baay’ee ture, sababiin isaas Yaaqoob harka isaa wal jijjiiree, kuma kudhan Efraayimii fi kuma Minaasee duraan argeera.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG እግዚአብሔርም ሙሴን በሲና ምድረ በዳ በመገናኛው ድንኳን ውስጥ፥ በሁለተኛው ወር በመጀመሪያው ቀን፥ ከግብፅ ምድር ከወጡ በኋላ በሁለተኛው ዓመት እንዲህ ብሎ ተናገረው፦ አማርኛ ENGNIV The Lord spoke to Moses in the Tent of Meeting in the Desert of Sinai on the first day of the second month of the secon… English BCV ደቂ እስራኤል ካብ ግብፂ ኻብ ዝወፁ ኣብ ካልአይቲ ዓመት፥ በታ ቐዳመይቲ መዓልቲ ናይታ ኻልአይቲ ወርሒ፥ እግዚኣብሄር ኣብ ምድረ በዳ ሲና፥ ኣብ ውሽጢ እቲ መራኸቢ ድንኳን ንሙሴ ኸምዙይ ኢሉ… ትግርኛ GAZBIB Namoonni Israa'el biyya Gibxii ba'anii waggaa lammaffaatti, waggicha keessaa ji'a lammaffaatti, ji'icha keessaa guyyaa … Afaan Oromoo BCV GIZ ወነበቦ እግዚአብሔር ለሙሴ በገዳም ዘሲና በውስተ ደብተራ ዘመርጡል አመ ርእሰ ሠርቀ ካልእ ወርኅ በካልእት ዓመት ዘወፅኡ እምድረ ግብፅ ወይቤሎ፦ giz BCV aksum ደቂ እስራኤል ካብ ግብፂ ኻብ ዝወፁ ኣብ ካልአይቲ ዓመት፥ በታ ቐዳመይቲ መዓልቲ ናይታ ኻልአይቲ ወርሒ፥ እግዚኣብሄር ኣብ ምድረ በዳ ሲና፥ ኣብ ውሽጢ እቲ መራኸቢ ድንኳን ንሙሴ ኸምዙይ ኢሉ… ትግርኛ AMHNIV እስራኤላውያን ከግብፅ በወጡ በሁለተኛው ዓመት፣ በሁለተኛው ወር፣ በመጀመሪያው ቀን በሲና ምድረ በዳ ሳሉ እግዚአብሔር (ያህዌ) ሙሴን በመገናኛው ድንኳን ውስጥ ተናገረው፤ እንዲህም አለው፤ አማርኛ SWAHSUV Bwana akanena na Musa katika bara ya Sinai, hemani mwa kukutania, siku ya kwanza ya mwezi wa pili, katika mwaka wa pili… Kiswahili