Maatewos 13

GAZGAZAfaan Oromoo58 Keeyyattoota10:29 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 10:29 · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Guyyaadhuma sanas Yesus manaa ba'ee ciisa bishaanii bira taa'e.

2Tuuti sonaan guddaan isa biratti walitti qabamnaan, bidiruu tokko yaabbatee barsiisuudhaaf taa'e; namoonni hundinuu immoo qarqara ciisa bishaanichaa in dhaabatu turan.

3Yesus fakkeenya garaa garaatiin waan baay'ee isaanitti himuutti ka'e, ?Kunoo, namichi tokko sanyii facaasuudhaaf ba'e.

4Inni utuu facaasuu kaan karaa bukkee bu'an, simbirroonni immoo dhufanii funaananii nyaatan.

5Kaan immoo lafa dhagaa, lafa biyyoo baay'ee hin qabne irra bu'an; lafti isaan irra bu'anis biyyoo gad fagoo waan hin qabneef dafanii biqilan.

6Yommuu aduun itti baate garuu in coollagan; hidda gad fagoo waan hin godhatiniifis in gogan.

7Kaan qoraattii keessa bu'an; qoraattonnis guddatanii isaan hudhan.

8Kaan garuu biyyoo gaarii irra bu'anii ija godhatan, iji isaaniis kaan dachaa dhibba, kaan dachaa jaatama, kaanis dachaa soddoma ta'e.

9Namni gurra qabu haa dhaggeeffatu!? jedhe.

10Ergasii bartoonni Yesusitti dhi'aatanii, ?Maaliif fakkeenyaan isaanitti dubbatta?? jedhanii isa gaafatan.

11Yesus immoo deebisee, ?Dhoksaa mootummaa waaqaa beekuun isiniif kennameera; isaaniif garuu hin kennamne.

12Isa fudhatee waa qabuuf, hamma isa irraa hafutti itti dabalamee in kennamaaf, kan hin qabne garuu, innumti inni qabu iyyuu isa duraa in fudhatama.

13Isaan utuma ilaalanii hin argan, utuma dhaggeeffatanii hin dhaga'an, hin hubatanis; kanaafan fakkeenyaan isaanitti dubbadha.

14Egaa raajiin, Isaayaas dubbate isaanitti raawwatameera; inni, ?Dhaga'uu in dhageessu garuu hin hubattan; ilaaluu in ilaaltu, garuu hin argitan.

15Yaadni garaa saba kanaa hadoodeera'o; gurra isaanii cuqaalaniiru, ija isaaniis dununfachiisaniiru. Silaa'oo, ija isaaniitiin in argu, gurra isaaniitiinis in dhaga'u turan; yaada garaa isaaniitiinis in hubatu, gara koottis in deebi'u turan, anis isaan nan fayyisan ture? jedha ture.

16?Iji keessan garuu waan arganiif gurri keessanis waan dhaga'aniif ayyaantuu dha.

17Raajonni baay'eenii fi warri jireenya qajeeltoo jiraatan isa isin argitan kana arguu akka kajeelan, akka hin argin hafanis, waan isin dhageessanis dhaga'uu akka kajeelan, akka hin dhaga'in hafanis dhuguman isinitti hima? ittiin jedhe.

18Yesus itti fufee, ?Egaa fakkeenyi namicha sanyii facaasuu maalitti akka hiikamu dhaggeeffadhaa.

19Akkuma sanyiin karaa bukkeetti facaafame ta'e, eenyu illee dubbii mootummichaa dhaga'ee yoo hubachuu dhabaate, inni hamaan dhufee dubbicha isa garaa isaa keessatti facaafame in butata.

20Akkuma sanyiin lafa dhagaa keessatti facaafame ta'e, akkasuma namni dubbicha dhaga'ee achumaan gammachuudhaan in fudhata.

21Inni yeroodhaaf malee hundee hin qabu; sababii dubbichaatiif rakkinni yookiis ari'atamuun yommuu ka'u achumaan in gufata.

22Akkuma sanyiin qoraattii keessa bu'e ta'e, akkasuma namni dubbicha in dhaga'a; kana booddees yaaddoon biyya lafaa, gowwoomsaan soorumaa dubbicha in hudha, ija utuu hin godhatinis in hafa.

23Akkuma sanyiin lafa gaariitti facaafame ta'e immoo, akkasuma namni dubbicha in dhaga'a in hubatas; ija godhates, inni tokko dhibba, inni tokko jaatama inni kaanis soddoma in baata? jedhe.

24Yesus ammoo fakkeenya biraa tokko isaanitti hime, ?Mootummaan waaqaa nama sanyii gaarii qotiisa isaatti facaafatetti in fakkeeffama.

25Yeroo namni rafuttis diinni namichaa dhufee, inkirdaada qamadii keessa facaasee sokke.

26Midhaanichi guddatee ija erga godhatee booddee, inkirdaadichis immoo mul'ate.

27Kana irratti hojjetoonni abbaa warraatti dhi'aatanii, ?Gooftaa, sanyii gaarii qotiisa keetti facaafte mitii? Inkirdaada immoo eessaa godhate ree?? jedhaniin.

28Inni immoo, ?Nama diina koo ta'etu kana godhe? jedhee isaaniif in deebise; yommus hojjetoonni, ?Nuyi dhaqnee isa akka aramnu barbaaddaa ree?? jedhaniin.

29Abbaan qotiisichaa garuu, ?Lakkii inkirdaada utuu aramtanii isaa wajjin qamadii akka hin buqqifnetti, dhiisaa!

30Hamma yeroo midhaan sassaabamutti lachuu walumaa wajjin haa guddatan. Yeroo midhaan sassaabamutti warri sassaaban, dura in kirdaadicha bubuqqisanii akka gubamuuf bissii bissiitti akka hidhaniif, qamadicha garuu gombisaa kootti akka anaaf sassaabaniif ittan himadha? jedhee isaaniif deebise? jedhe.

31Yesus itti fufee fakkeenya kan biraa tokko isaanitti hime; ?Mootummaan waaqaa ija sanaaficaa namni fuudhee qotiisa isaa keessa facaase fakkaata.

32Iji isaa sanyii hundumaa irra xinnayyoo dha, yommuu guddatu garuu biqila hundumaa irra caalee mukas ta'e, simbirroonni dhufanii damee isaa irratti mann'ee in ijaarratu? jedhe.

33Yesus ammas ?Mootummaan waaqaa raacitii dubartiin fuutee daakuu safartuu sadiin maktee, raacitichis hunduma isaa bukeessu fakkaata? jedhee fakkeenya kan biraa tokko isaanitti in dubbate.

34Yesus kana hundumaa fakkeenyaan namoota sanatti dubbate; fakkeenya malees waan tokko isaanitti hin dubbanne.

35Kanaan raajichaan inni, ?Fakkeenyaanan afaan saaqqadha, uumamuu biyya lafaatii jalqabee isa dhokatee tures nan beeksisa? jedhamee dubbatamee in raawwatame.

36Yesus kana booddee namoota sana gad dhiisee manatti ol lixe; yommus bartoonni isaa itti dhi'aatanii, ?Fakkeenya inkirdaada qotiisicha keessaa nuuf hiiki!? jedhaniin.

37Yesus immoo deebisee, ?Inni sanyii gaarii facaasu ilma namaa ti;

38qotiisichi biyya lafaa ti; sanyiin gaariin ilmaan mootummaa ti; inkirdaadis ilmaan isa hamaa ti.

39Diinichi inkirdaada facaase Seexana; yeroon itti midhaan sassaabamu dhuma biyya lafaa ti; warri midhaan sassaabanis ergamoota Waaqayyoo ti.

40Akkuma inkirdaadi walitti qabamee ibiddaan gubamu, dhuma biyya lafaattis immoo akkasuma in ta'a.

41Ilmi namaa ergamoota isaa in erga; isaanis karaa Waaqayyo irraa waan nama gufachiisu hundumaa, warra hamaa hojjetan hundumaas mootummaa isaa keessaa walitti in qabu,

42boolla ibiddaattis isaan in darbatu. Achitti boo'ichii fi ilkaan qaruun isaan irra in ga'a.

43Egaa warri qajeeltonni mootummaa abbaa isaanii keessatti akka biiftuu in ifu; namni gurra qabu haa dhaggeeffatu!? jedheen.

44Yommus Yesus, ?Mootummaan waaqaa qabeenya lafa qotiisaa keessa dhokfame fakkaata; namni tokko qabeenya kana argee deebisee erga dhoksee booddee, gammachuu irraa kan ka'e dhaqee waan qabu hundumaa gurguree lafa qotiisaa sana bitate.

45?Mootummaan waaqaa ammas naggaadee callee babba'eessa barbaadu fakkaata.

46Naggaadichi callee gati-jabeessa argannaan, dhaqee waan qabu hundumaa gurguree callee sana bitate? jedhe.

47Yesus itti fufee, ?Mootummaan waaqaa ammas kiyyoo galaanatti darbatamee akaakuu qurxummii hundumaa walitti qabe fakkaata.

48Kiyyichis guunnaan, qurxummi-qabduun gara qarqara bishaaniitti isa harkisanii, taa'anii qurxummii isa gaggaarii qodaa isaaniitti naqanii, isa gaggadhee immoo gaggatan.

49Yeroo dhuma biyya lafaattis akkasuma in ta'a; ergamoonni Waaqayyoo ba'anii warra hamoota warra qajeelotattii gargar in baasu.

50Warra hamoota boolla ibiddaatti in darbatu; achitti boo'ichii fi ilkaan qaruun isaan irra in ga'a? jedhe.

51Kana booddee Yesus, ?Kana hundumaa hubattaniittuu ree?? jedhee isaan gaafate; isaan immoo deebisanii, ?Eyyee? jedhaniin.

52Inni garuu, ?Kanaaf barsiisaan seera durii mootummaa waaqaatiif bartuu ta'e qopheeffame hundinuu, abbaa manaa isa mana mi'a isaatii keessaa waan haaraa fi waan moofaa gad baasu fakkaata? jedhe.

53Yesus fakkeenya kana hundumaa isaanitti himee erga raawwatee, iddoo sana dhiisee in adeeme.

54Gara mandara kutaa biyya itti dhalatee dhaqee, mana sagadaa isaanii keessatti isaan barsiise. Warri isa dhaga'an immoo raajeffatanii, ?Ogummaan akkasii hojiin aangoo kun hundinuus eessaa dhufeef?

55Kun ilma isa muka sooftichaa mitii? Haati isaas Maariyaam jedhamtee waamamti mitii ree? Yaaqoobii fi Yosee fi, Simoonii fi Yihudaan obbolaa isaa ti mitii?

56Obboleettonni isaas hundinuu as nu bira jiru mitii ree? Egaa wanti kun hundinuu eessaa dhufeef?? jedhan.

57Isaan kanaaf isa maman; Yesus garuu, ?Raajiin iddoo biraatti malee, biyya isaatti, mana ofii isaattis ulfina hin argatu? isaaniin jedhe.

58Sababii amanti-dhabina isaaniitiif hojii aangoo baay'isee achitti hin hojjenne.

Ibsa

13:1-23 Yesus namoonni akka isa hin cunqisneef, akkasumas akka namoonni isa gaariitti dhaga’an bidiruu tokko seene. Kanaanis, Waaqeffannaa gochuuf haala alaa jiru keessatti kan kabajamaa ta’e fedhuu mannaa, mijaa’ina hundumaa Waaqayyo dandeettii isaatiin nuu kennu caalaatti fayyadamuu akka qabnu nu barsiisa. Kiristoos fakkeenyaan barsiise. Kanaan wantoonni Waaqayyoo warra barachuu barbaadaniif ifaafi salphaa ta’an, yeroo tokko garuu warra fedhiidhaan hin beekneef ulfaataafi dukkanaa’aa ta’an. Fakkeenyi nama facaasee ifaadha. Sanyiin facaase Dubbii Waaqayyooti. Nama facaasu Gooftaa keenya Yesus Kiristoosidha, ofii isaatiinis ta’e, tajaajiltoota isaatiin. Tuuta uummataatti lallabuun qamadii facaasuudha; eessa akka bu’u hin beeknu. Lafi gosa tokko, yoo nuti itti dadhabnellee, firii fedhaaf ta’u hin buusu; yeroo lafti gaariin baay’inaan firii buusu. Akkasumas onnee namaatti, amalli isaanii adda addaa gosa lafaa arfaniin ibsame. Dhaggeeffattoonni dagattoofi tuffattoonni Diyaabiloosiif salphaatti nyaata kan ta’an, inni akka ajjeessaa lubbuu guddaatti, akkasumas akka hattuu lallabaa guddaatti, yoo nuti Dubbicha eeguuf of hin eegne, nuu hata.

Fakkeessitoonni, akka lafa dhagaa qabuu, yeroo baay’ee mul’ata amantaa isaaniitiin Kiristaanota dhugaa dursu. Baay’een lallaba gaarii dhaga’uuf ni gammadu, garuu irraa hin bu’eeffatan. Fayyina bilisaa, mirgoota amanaa, fi gammachuu waaqa irraa dhaga’u; garuu jijjiirama onnee malee, amala isaanii hammaatee jiru, Furee akka isaan barbaachisu, yookaan qulqullinni gaarii ta’uu isaa irratti amantaa cimaa malee, dafanii mirkanaa’ina dhugaatiin alaa beeksisu. Garuu yeroo qormaanni cimaan isaanitti dhufu, yookaan faayidaan cubbuu qabu argamuu danda’u, amantaa isaanii dhiisu yookaan dhoksu, yookaan gara sirna salphaa tokkootti deebi’u. Dhiphinni addunyaa sirriitti qoree wajjin wal fakkeeffama, sababiin isaa cubbuu wajjin dhufan, fi firii abaarsaa ti; iddoo isaaniitti bakka duwwaa guutuuf gaarii dha, garuu namni isaan wajjin hojii guddaa qabu of eeggannoo cimaa godhachuu qaba; isaan nama makee, nama jeeqan, nama madaalan, fi dhuma isaaniitti gubamuu dha, Ibroota 6:8. Dhiphinni addunyaa akka nuti Dubbii Waaqayyoo irraa hin bu’eeffanneef gufuu guddaa dha. Sobni qabeenyaa miidhaa geessisa; yoo nuti isaan amananne malee nu hin gowwoomsu jedhamuu hin danda'u, sana booda sanyii gaarii ni ukkamsu. Kan lafa gaarii adda baase firii buusuu dha. Kanaan Kiristaanonni dhugaa fakkeessitootaa irraa adda baafamu. Kiristoos lafti gaariin kun dhagaa yookaan qoree hin qabu hin jedhu; garuu kan firii isaa gufachiisu hin qabu. Hundumtuu wal fakkaatoo miti; nuti kan ol aanaa gaafachuu qabna, firii baay’ee buusuuf. Dandeettiin dhageettii Dubbii Waaqayyoo dhaga’uu irraa caalaatti fayyadamuu hin danda’u; akkasumas of haa ilaallu akka nuti dhaggeeffattoota akkamii akka taane beeknuuf.

13:24-30, 36-43

Fakkeenyi kun waldaa Kiristaanaa wangeelaa haala yeroo ammaa fi fuulduraa ishee, Kiristoos ishee kunuunsuu isaa, Seexanni isheef diina ta’uu isaa, addunyaa kana keessatti warra gaarii fi warra hamaa ishee keessa walitti makamanii jiraachuu isaanii, akkasumas addunyaa biraa keessatti gidduu isaanii gargar ba’iinsi jiraachuu isaa mul’isa. Namni cubbuutti kufe cubbuudhaaf baay’ee dhiitaadha, kanaaf yoo diinni qamadii keessa inbirii facaase, inni deemuu danda’a, inbiriin ni biqila, akkasumas miidhaa geessisa; haa ta’u malee, yeroo sanyiin gaariin facaafamu garuu, kunuunfamuu, bishaan obaafamuu fi eegamuu qaba.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6