Luqaas 23

GAZBIBAfaan Oromoo56 Keeyyattoota9:28 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 9:28 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Kana booddee warri yaa'ii sana keessa jiran hundinuu ka'anii, Yesusin fuula Philaaxositti dhi'eessanii,

2?Namni kun saba keenya karaa irraa kaachisuu isaa, mootii warra Roomaatiif gibira baasuun hin ta'u jedhee ittisuu isaa, ani Kristos mootii dha ofiin jechuu isaa qorree bira geenyeerra? jedhanii isa hadheessuutti ka'an.

3Yommus Philaaxos, ?Sii mootiin Yihudootaa?? jedhee isa gaafate; inni immoo, ?Situ akkas jedhe? jedhee deebiseef.

4Yeroo sanatti Philaaxos luboota warra angafoota, yaa'ii achi jiruunis, ?Ani nama kana irraa yakka tokko illee hin arganne? jedhe.

5Isaan garuu itti jabeessanii, ?Kun barsiisa isaatiin biyya Yihudaa hundumaatti Galiilaadhaa jalqabee hamma asiitti iyyuu saba keenya raase? jedhan.

6Philaaxos kana dhageenyaan nama Galiilaa ta'uu isaa gaafate.

7Yesus biyya Herodis bulchu keessaa ta'uu isaas yommuu hubate, gara Herodisitti isa erge; Herodis immoo yeroo sanatti Yerusaalem ture.

8Inni Yesusin argee baay'ee gammade. Waa'ee Yesus waan dhaga'eef, yeroo dheeraadhaaf isa arguudhaaf in hawwa ture; dinqii Yesus hojjetu keessaas waa arguudhaaf abdate.

9Kanaaf Herodis gaaffii baay'ee Yesusitti dhi'eesse, inni garuu homaa iyyuu hin deebifneef.

10Luboonni warri angafoonni, barsiisonni seeraas achi dhaabatanii, jabeessanii isa hammeessan.

11Herodis immoo loltuu isaa wajjin erga isa salphisee itti ga'ises booddee, uffata calaqqisaa itti uffisee Philaaxositti deebisee erge.

12Herodisii fi Philaaxos duraan diina walii kan turan, gaafuma sana walitti firooman.

13Philaaxos luboota warra angafoota, warra biyya seerratan, jaras walitti waame.

14Isaaniin, ?Namni kun namoota karaa irraa kaachise jettanii, qabdanii gara kootti fidan; kunoo, isinuma durattan isa qoree, waan ittiin isa hammeessitan keessaa yakka tokko illee namicha kana irraa hin arganne.

15Herodisis akkasuma yakka waan isa irraa dhabeef deebisee nutti erge; waan firdii du'aatiin isa ga'u tokko illee akka inni hin hojjetin mul'ataa dha.

16Kanaafis adabeen gad isa dhiisa? jedhe. [

17Wagguma waggaan ayyaana Faasiikaatti warra hidhaman keessaa tokko isaaniif gad dhiisuun isa irra ture.]

18Namoonni sun hundinuu, ?Nama kana balleessiitii Barabbaa gad nuuf dhiisi!? jedhanii itti iyyan.

19Barabbaan immoo goolii mandarichatti ta'e keessaa waan qabuuf gumaadhaaf hidhame.

20Philaaxos illee Yesusin gad dhiisuu fedhee, ammoo isaanitti dubbate.

21Isaan garuu, ?Fannisi, isa fannisi!? jedhanii itti iyyan.

22Si'a sadaffaa immoo, ?Maaliif? Maal balleesse? Firdii du'aatiin kan isa ga'u yakka irraa hin arganne; kanaafis adabeen gad isa dhiisa? isaaniin jedhe.

23Isaan garuu akka inni fannifamuuf sagalee guddaadhaan jabeessanii kadhatan; iyyi jaraas harka fudhate.

24Philaaxos kanaaf jarreen kan gaafatan akka raawwatamuuf farade.

25Namicha isa goolama biyyaatii fi gumaadhaaf hidhamnaan, jarri nuuf gad dhiisi jedhanii kadhatan hiikeefii, Yesusin immoo fedha isaaniitti dabarsee kenne.

26Yesusin fannisuuf utuu geessanii, nama biyya Qareenaa isa Simi'oon jedhamu tokko diidaa utuu galuu qabatanii, muka fannichaa baatee Yesus duubaan akka adeemuuf irra kaa'an.

27Saba sana keessaa namoonni danuun isa duukaa turan; isaan keessaa dubartoonni immoo qoma isaanii rukutachaa boo'aafii turan.

28Yesus garuu gara isaaniitti gara galee, ?Yaa intaloota Yerusaalem, ofii keessanii fi ijoollee keessaniif boo'aa malee, anaaf hin boo'inaa!

29Kunoo, guyyoonni, ?Dhabduun, kan mucaa hin da'in, harmi hin hoosisinis kan ayyaanomanii dha? itti jedhan in dhufu.

30Bara sanatti tullootaan, ?Nu irratti jigaa!? gaarotaanis, ?Nu awwaalaa!? in jedhu.

31Egaa muka jiidhaa erga akkas godhanii, muka gogaa immoo attam godhinnu laata ree?? jedhe.

32Namoota hamaa godhan lamas immoo ajjeesuudhaaf isaa wajjin geessan.

33Iddoo ?Lafee mataa? jedhamee waamamu yommuu ga'an, achitti Yesusin fannisan; warra hamaa godhanis, isa tokko mirga isaatti isa kaanis bitaa isaatti fannisan.

34Yesus garuu, ?Yaa abbaa, waan godhan hin beekani'o isaaniif dhiisi!? jedhe; warri isa fannisan immoo uffata isaa buufata mukaatiin hirmaatan.

35Namoonni achi dhaabatanii in ilaalu turan; warri biyya seerratanis itti qoosanii, ?Namni kun namoota biraa oolcheera, inni Masiihii isa Waaqayyo fo'ate yoo ta'e, ofii isaa haa oolchu!? jedhan.

36Warri loltuus immoo itti ga'isaa, daadhii waynii dhangaggaa'e kennaniifii,

37?Yoo dhuguma mooticha Yihudootaa taate, ofii kee oolchi!? jedhaniin.

38Caaffanni, ?Mootichi Yihudootaa isa kana? jedhu tokko immoo mataa isaa irraan ture.

39Warra hamaa godhanii achitti fannifaman lamaan keessaa inni tokko, ?Ati Kristos isa abdachiifame miti moo? Egaa'oo of oolchi, nuunis oolchi!? jedhee isa arrabse.

40inni kaan garuu isa ifatee, ?Namana, akkuma isaa firdiidhaan dhiphachaa utuu jirtuu Waaqayyoon illee hin sodaattu moo?

41Nuyi qajeeltootti nutti faradamee hojii keenya nyaanne; inni kun garuu homaa hin yakkine!? jedheen.

42Yesusiin immoo, ?Yaa Yesus, mootummaa keetiin yommuu dhuftu na yaadadhu!? jedhe.

43Yesus immoo, ?Dhuguman sitti hima, har'a anaa wajjin jannata keessatti in argamta? jedheen.

44Guyyicha keessaa sa'aatii ja'affaa ture; garuu kunoo, biiftuun ifa ishee waan dhabdeef, hamma sa'aatii salgaffaatti dukkanni lafa hundumaa irra ture.

45Golgaan mana qulqullummaas qixxee lamaanitti tarsa'e.

46Yesus yommus sagalee guddaadhaan iyyee, ?Yaa abbaa ko, hafuura koo harka keettan kennadha!? jedhe. Utuu inni kana dubbatuus hafuurri isaa keessaa yaa'e.

47Angafni dhibbaa waan ta'e kana yommuu arge, ?Namni kun dhuguma nama Waaqayyoo ti? jedhee, Waaqayyoof hooqubaa dhi'eesse.

48Namoonni waan ta'u eeguudhaaf walitti qabamanii turan hundinuu kan raawwatame yommuu argan, qoma isaanii rukutachaa gara mana isaaniitti galan.

49Michoonni isaa fi dubartoonni Galiilaadhaa Yesusin duukaa bu'an hundinuu halaala dhaabatanii, in ilaalu turan.

50Biyya Yihudootaa mandara Armaatiyaa keessa namni gaariidhaa fi qajeelaan, Yoseef jedhamu tokko ture.

51Inni warra biyya seerratan keessaa tokko; garuu yaada isaaniitii fi hojii isaaniitti utuu walii hin galin, mootummaa Waaqayyoo eeggachaa ture.

52Namni kun Philaaxos bira dhaqee reeffa Yesus kadhate.

53Isas fannoo irraa gad buusee wayyaa quncee talbaa irraa dha'ameen kafanee, awwaala garaa dhagaa keessatti tolfamee, takkaa namni itti hin awwaalamin keessa kaa'e.

54Guyyaa sanattis Sanbanni itti lixuuf waan tureef, namoonni in qophaa'u turan.

55Dubartoonni Galiilaadhaa Yesus duukaa bu'an sun Yoseefii wajjin dhaqanii, iddoo awwaalichaa akkasumas akka itti reeffi isaa kaa'ame hubatan.

56Achumaa deebi'anii immoo waan ittiin reeffa isaa sukkuuman urgooftuudhaa fi dibata qopheessan; guyyaa Sanbataatti garuu akka seerri ajajutti in boqotan.

Ibsa

23:1-5 Pilaaxoos garaagarummaa waraana hidhatee jiru fi duuka buutota Gooftaa keenyaa gidduu jiru guutummaatti hubateera. Haa ta'u malee, Pilaaxoos cubbuu dhabdummaa Gooftaa ibsuun akka isaan garaa laafaniif osoo hin taane, akkasumas dhiiga cubbuu dhabeessaa ofitti fiduu isaanii utuu hin yaadin, Yihudoonni immoo caalaatti aaran. Gooftaan karoorawwan isaa xumura ulfaataatti fida, karaa namoota yaada garaa isaanii duukaa bu'anii illee. Kanaafuu, gareewwan hundi walitti makaman, cubbuu dhabdummaa Yesuus, inni aarsaa araaraa cubbuu keenyaaf ta'e, dhugaa ba'uuf.

23:6-12

Heroodis Yesuus waa’ee isaa Goonaanitti waan hedduu dhaga’ee ture; akkasumas fedhii beekumsaatiif isa arguuf baay’ee hawwaa ture. Kadhataan hiyyeessa hundumaa caalu inni rakkoo isaa irraa buusuuf raajii gaafate gonkumaa hin didamne ture; garuu mootiin boonaan kun, inni fedhii beekumsa isaa guutuuf qofa raajii gaafate, ni didame. Inni Goonaanitti Kiristoosii fi hojiiwwan isaa dinqisiisoo argee turuu danda’a ture, garuu hin fedhin. Kanaafuu, haqa qabeessummaan, “Amma isaan arguuf fedha, garuu hin argu,” jedhameera. Heroodis Kiristoosiin deebisee Philaaxosiitti erge: michummaan warra hamootaa yeroo baay’ee hammina keessatti tokkummaadhaan qindaawa. Waan muraasa qofaan walii galu, yoo diinummaa Waaqayyoof qabanii fi Kiristoosiin tuffachuu irratti walii galan malee.

23:13-25

Sodaan namaa namoota hedduu gufuu kana keessa buusa; rakkoo keessa bu'uu mannaa, wanta sirrii hin taane, yaada garaa isaanii irratti akka hojjetan isaan godha. Pilaaxos Yesuus cubbuu akka hin qabne beeksisuun isa gadhiisuuf yaada qaba ture; haata'u malee, saba gammachiisuuf, akka nama hammeenya hojjeteetti isa adabuuf ture. Yoo badiin isarratti hin argamne ta'e, maaliif isa adabu? Pilaaxos dhuma irratti harka laate; lolaa humna qabeessa kana dura dhaabachuuf onnachuu hin dandeenye. Yesuusin fedha isaaniitti kenne, akka fannifamuuf.

23:26-31

Asitti nuuf kan jiraatu Yesus inni eebbifamaan, Hoolaan Waaqayyoo, akka hoolaa qalamuuf geessamuutti, aarsaa ta’uudhaaf deemaa ture. Namoonni hedduun yoo isa arrabsanii fi qeeqanillee, kaan garuu isaaf gaddan. Garuu duuti Kiristoos injifannoo fi ulfina inni diinota isaa irratti argate ture: inni furamuu keenyaaf, jireenya bara baraa nuuf bitame ture. Kanaaf isaaf hin booyinaa, garuu cubbuu keenyaaf, akkasumas cubbuu ijoollee keenyaa du’a isaa fideef haa booyinu; akkasumas yoo jaalala isaa tuffannee fi ayyaana isaa dhiisne, rakkina nuti ofitti fidnuuf sodaadhaa haa booyinu. Yoo Waaqayyo isa, sababiin isaas inni cubbuudhaaf aarsaa waan ta’eef, rakkina akkasiif kenne, cubbamoota ofiisaanii muka gogaa, dhaloota manca’aa fi jal’aa, akkasumas homaatti hin fayyanne ta’an irratti hoo maal godha?! Rakkini cimaan Gooftaa keenya Yesus sodaa qajeelummaa Waaqayyoo nu keessatti uumuu qaba.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6