Ermiyaas 21

GAZGAZAfaan Oromoo14 Keeyyattoota4:12 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 4:12 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Bara Zedeqiiyaan mootichi Phashhur ilma Malkiiyaa fi Sefaaniyaa lubicha ilma Ma'aseyaa gara Ermiyaasitti erge, dubbiin Waaqayyoo gara Ermiyaas raajichaa in dhufe;

2warri mooticha biraa ergaman, Ermiyaasiin,“Mootichi,“Nebukadnezaar mootiin Baabilon waan nutti duuleef, Waaqayyoon akka nuuf gaafattu sin kadhadha; tarii Waaqayyo akkuma bara durii dinqii godhee isa nu irraa in deebisa ta'a” jedhe” jedhan.

3Ermiyaas immoo deebisee,“Dhaqaatii Zedeqiiyaadhaan,

4“Waaqayyo inni kan Israa'el:- Kunoo! Ani mi'a waraanaa isa harka keessan keessa jiru, isa isin mootii Baabilonii fi warra Kaldootaa, warra kellaa duubaan isin marsanii jiran ittiin loluudhaaf jettan kana isinitti gara nan galcha; mandara kana keessattis walitti isaan nan qaba;

5ani ofii kootii harka koo ol fudhadhee irree jabaadhaan, dheekkamsaa fi aarii boba'aadhaan oo'a malee lola isinitti nan kaasa;

6namaa fi horii mandara kana keessa kan jiraatan hundumaa nan rukuta; dha'icha jabaadhaanis isaan nan fixa.

7Kana booddee immoo Zedeqiiyaa mootii Yihudaa, hojjetoota isaa, namoota warra mandara kana keessatti dha'icha irraa, billaa irraa, beela irraas hafan hundumaa harka Nebukadnezaar mootii Baabilonitti, harka diinota isaanii warra lubbuu isaanii balleessuu barbaadanittis dabarsee nan kenna; diinni kun utuu isaan hin baraarin, utuu isaaniif hin oo'in, utuu isaaniif hin hilinis billaadhaan isaan in rukuta” jedhaatii itti himaa!” jedhe.

8Waaqayyo ammas raajichatti dubbatee,“Saba kanaan,“Waaqayyo:- Ani karaa jireenyatti geessuu fi karaa du'atti geessu isin dura kaa'eera;

9namni mandarattii kana keessatti hafu billaadhaan, beelaan yookiis dha'ichaan in du'a; namni achi keessaa ba'ee warra Baabilon warra mandarattii marsanitti harka isaa kennu garuu lubbuu isaa in oolfata, in jiraatas.

10Ani wanta gaariidhaaf utuu hin ta'in, wanta hamaadhaaf fuula koo mandarattii kanatti nan deebisa; isheen harka mootii Baabilonitti in kennamti, inni immoo ibiddaan ishee in guba; ani Waaqayyo kana dubbadheera jedhe” jedhi!

11“Waanan sitti dubbadhu mana mootummaa Yihudaatti himiitii, “Dubbii Waaqayyoo dhaga'aa!” jedhiin!

12Isin yaa sanyii Daawit, “Waaqayyo:- Guyyaa hundumaa firdii qajeelaa kennaa, isa saamame harka warra isa cunqursanii keessaa baasaa! Kanaa achi hammina hojii keessaniif jedhee, dheekkamsi koo inni akka ibiddaa dhufee isin in guba; kan isa dhaamsuu danda'us hin jiru jedhe.

13Ati yaa mandara Yerusaalem, yaa ishee dachaa gara irraa kattaa ol ka'aa irra jirtuu! Ani siin nan morma, warri si keessa jiraatan:- Eenyutu gara keenya dhufuu danda'a” Eenyutus mana keenya keessa lixuu danda'a” in jedhu.

14Ani immoo akkuma hojii keetti sin adaba; caakkaa keetti ibidda nan naqa; innis wanta naannoo kee jiru hundumaa in fixa” jedheera” jedhe; kana Waaqayyotu dubbate.

Ibsa

21:1-10 Yeroo marfannoon eegaleetti, Zedeqiyaan Yermiyaasin ergatee dhimma sana ilaalchisee gaafate. Yeroo rakkoo fi balaa keessa jiranitti, namoonni yeroo baay'ee warra gorsanii fi isaaniif kadhatan barbaadu, warra yeroo biraatti tuffatanii fi morman ta'anillee; garuu isaan adabbii irraa furamuu qofa barbaadu. Yeroo warri amantoota jedhaman ajajamuu diduu isaanii itti fufanii carraawwan alaa irratti amananitti, Waaqayyo diinota isaa saaxilamoo…

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG ከእግዚአብሔር ዘንድ ወደ ኤርምያስ የመጣ ቃል ይህ ነው። አማርኛ ENGNIV The word came to Jeremiah from the Lord when King Zedekiah sent to him Pashhur son of Malkijah and the priest Zephaniah… English BCV ናይ ይሁዳ ንጉስ ሴዴቅያስ፥ ንጳስኮር ወዲ መልክያን ነቲ ኻህን ሶፎንያስ ካህን መኣስያን “ናቡከደነፆር ንጉስ ባቢሎን ‘ክዋግአኩም እየ’ ይብል ኣሎ እሞ፥ ምናልባሽ እግዚኣብሄር ከም ኵሉ ተኣ… ትግርኛ GAZBIB Bara Zedeqiiyaan mootichi Phashhur ilma Malkiiyaa fi Sefaaniyaa lubicha ilma Ma'aseyaa gara Ermiyaasitti erge, dubbiin … Afaan Oromoo BCV GIZ ቃለ ዘኮነ ኀበ ኤርምያስ እምኀበ እግዚአብሔር፤ giz BCV aksum ናይ ይሁዳ ንጉስ ሴዴቅያስ፥ ንጳስኮር ወዲ መልክያን ነቲ ኻህን ሶፎንያስ ካህን መኣስያን “ናቡከደነፆር ንጉስ ባቢሎን ‘ክዋግአኩም እየ’ ይብል ኣሎ እሞ፥ ምናልባሽ እግዚኣብሄር ከም ኵሉ ተኣ… ትግርኛ AMHNIV የይሁዳ ንጉሥ ሴዴቅያስ፣ የመልክያን ልጅ ጳስኮርን እንዲሁም የመዕሤያን ልጅ ካህኑን ሶፎንያስን ወደ እርሱ በላከ ጊዜ፣ ቃል ከእግዚአብሔር ወደ ኤርምያስ መጣ፤ የተላኩትም እንዲህ ብለውት ነበ… አማርኛ SWAHSUV Neno hili ndilo lililomjia Yeremia, kutoka kwa Bwana, hapo mfalme Sedekia alipompelekea Pashuri, mwana wa Malkiya, na S… Kiswahili