Abbootii Firdii 20

GAZBIBAfaan Oromoo48 Keeyyattoota8:34 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 8:34 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Yommus sabni Israa'el hundinuu kutaa biyya Daan isa gara bitaatii hamma Bersheebaatti akkasumas biyya Giil'aad isa gara ba'a-biiftuutii ba'anii, waldaan guutuun yaada tokkichaan Miisphaatti Waaqayyo duratti walitti in qabaman.

2Gurguddoonni gosoota Israa'el hundinuus wal-ga'ii saba Waaqayyoo, lafoo kumaatama dhibba arfan billaa hidhatanii lolaaf ba'an sana gidduutti in argaman.

3Yommus warri Benyaamiin gosoonni Israa'el warri kaan Miisphaatti akka ol ba'an in dhaga'an; namoonni Israa'elis,“Wanti hamaan kun attamitti akka raawwatame nutti himaa!” waliin jedhan.

4Kana irratti namichi Lewwii, abbaan manaa dubartii ajjeefamte sanaa deebisee,“Anii fi saajjatoon koo biyya isa kan Benyaamiin keessa Giibe'aa buluudhaaf dhufne.

5Halkan sanatti namoonni Giibe'aa ana irratti ka'anii, mana ani keessa turetti marsanii na ajjeesuu barbaadan; saajjatoo kootti gar malee in taphatan, isheenis kana irratti in duute.

6Isaan koratanii wanta yeellaasisaa akkasii Israa'el keessatti waan hojjetaniif, ani reeffa saajjatoo kootii fuudhee kukkutee biyya Israa'eloonni dhaala godhatanii keessa jiraatan hundumaatti nan erge.

7Egaa yaa namoota Israa'el, hundumti keessan irratti dudubbadhaatii waan gochuun ta'u mari'adhaa!” jedhe.

8Namoonni sun hundinuu immoo yaada tokkichaan,“Nu keessaa namni tokko illee gara dunkaana isaatti yookiis gara mana isaatti hin deebi'in!

9Amma muka buufannee Giibe'aa irratti kaanee, itti in duulla.

10Gosoota Israa'el hundumaa keessaa loltootaaf galaa kan fidan namoota dhibba keessaa kudhan, kuma tokko keessaa dhibba tokko, kuma kudhan keessaa kuma tokko in qopheessina; loltoonni immoo gara Giibe'aa isa kan Benyaamiin yommuu dhaqan, wanta yeellaasisaa namoonni Giibe'aa Israa'el keessatti hojjetaniif adaba argachuun isaaniif ta'u isaan irratti haa raawwatan!” jedhan.

11Akkasitti namoonni Israa'el hundinuu yaada tokkoon mandara sana irratti ka'uudhaaf walitti in qabaman.

12Yommus gosoonni Israa'el warri kaan gosa Benyaamiin hundumaatti namoota erganii,“Wanti hamaan isin gidduutti ta'e kun maali”

13Amma namoota waan jibbisiisaa akkasii hojjetanii Giibe'aa keessa jiraatan qabaatii nutti kennaa! Nuyis isaan ajjeefnee, hojii hamaa akkasii Israa'el keessaa in balleessinaa!” jedhan; warri Benyaamiin garuu dubbii obboloota isaanii namoota Israa'el kana hin fudhanne.

14Kanaaf mandaroota isaanii hundumaa keessaa ba'anii namoota Israa'el loluudhaaf Giibe'aatti wal ga'an.

15Guyyaa sanatti warri Benyaamiin namoota dhibba torba lolaaf fo'amanii Giibe'aa keessa jiraatan malee, mandaroota isaanii keessaa loltoota billaa hidhatan kuma digdamii ja'a lolaaf in baasan.

16Jara kana hundumaa keessaa immoo namoonni fo'aman dhibbi torba bitaacha turan; isaan furrisaan dhagaa yoo darbatan qal'aa in kutu turan.

17Warri Israa'el immoo karaa isaanii loltoota billaa hidhatanii lolatti beekaman kumaatama dhibba afur lolaaf in baasan.

18Namoonni Israa'el Bet'elitti ol ba'anii,“Gosa Benyaamiinitti lola kaasuudhaaf nu keessaa gosi eenyuu dura haa ba'u?” jedhanii Waaqayyoon in gaafatan; Waaqayyo immoo,“Gosi Yihudaa dura haa ba'u!” jedhee deebiseef.

19Namoonni Israa'el borumtaa ganamaan ka'anii, fuullee mandara Giibe'aa in buufatan.

20Isaan gosa Benyaamiin loluudhaaf ba'anii, Giibe'aatti loltoota isaanii toora galfatanii fuullee isaanii in dhaabatan.

21Gaafas namoonni Benyaamiin Giibe'aadhaa ba'anii Israa'eloota kuma digdamii lama lafatti in dabalan.

22Namoonni warra Israa'el garuu ammas wal jajjabeessanii, dhaqanii iddoo isaanii isa gaafa jalqabaatti loltoota isaanii toora in galchan.

23Israa'eloonnis dhaqanii Waaqayyo duratti hamma galgalaatti boo'anii,“Ammas obboloota keenya namoota Benyaamiin loluudhaaf itti dhi'aannuu ree?” jedhanii isa in gaafatan; Waaqayyo immoo deebiseefii,“Eyyee! Ol ba'aatii isaan lolaa!” jedheen.

24Guyyaa lammaffaattis namoonni Israa'el warra Benyaamiin loluudhaaf gara isaaniitti in dhi'aatan.

25Warri Benyaamiin immoo guyyaa lammaffaa sanatti isaan rukutuudhaaf mandara Giibe'aatii ba'anii, warra Israa'el keessaa loltoota billaa hidhatan kuma kudha saddeet lafatti in dabalan.

26Gaafas namoonni Israa'el hundumti isaanii Bet'elitti ol ba'anii, achittis fuula Waaqayyoo dura taa'anii, hamma galgalaatti soomanii in boo'an, qalma gubamuu fi qalma araaraa Waaqayyoof dhi'eessan.

27Israa'eloonni Waaqayyoon in gaafatan; bara sanatti sanduuqi kakuu Waaqayyoo iddoo sana waan tureef,

28Fiinehaas ilmi Ele'azaar ilmi Aaron immoo isa dura dhaabatee in hojjeta ture; namoonni Israa'el gaaffii isaanii keessatti,“Obboloota keenya warra Benyaamiin loluudhaaf ammas baanu moo yookiis dhiifnu?” jedhan; Waaqayyo immoo deebisee,“Ani bor harka keessanitti isaan nan kennaatii dhaqaa!” jedhe.

29Yommus warri Israa'el namoota riphanii eeggatan Giibe'aatti naannessanii in kaa'an.

30Gaafa guyyaa sadaffaas namoonni Israa'el warra Benyaamiin rukutuudhaaf ol ba'anii, akkuma yeroo duraa lamaanii fuullee Giibe'aatti loltoota isaanii toora in galfatan.

31Warri Benyaamiin Israa'eloota rukutuuf mandara keessaa ba'anii hamma fagaatanitti in adeeman; akkuma yeroo duraa lamaaniis karaa gara Bet'elitti ol baasuu fi karaa gara Giibe'aatti geessu irratti rukutuu jalqabanii Israa'eloota keessaa akka namoota soddomaa bakkeetti in ajjeesan.

32Warri Benyaamiin yommus,“Israa'eloonni akkuma kanaan duraa fuula keenya duratti mo'amuu isaanii ti” jedhanii yaadan; warri Israa'el garuu,“Kottaa gara booddeetti deebinee mandara isaanii irraa fagaatanii gara karaatti akka ba'an isaan in goonaa!” jedhan.

33Yommus loltoonni Israa'el hundinuu iddoo isaaniitii ka'anii, iddoo “Ba'aal Taamaar” jedhamutti lolaaf toora in galan; warri riphanii eeggachaa turanis bakkee Gebaa lafa dhokatanii jiran sanaa in ba'an.

34Loltoonni kumni kudhan Israa'eloota hundumaa keessaa fo'amanii Giibe'aa rukutuudhaaf in dhufan; lolli sun jabaa waan tureef, warri Benyaamiin badiifni akka isaan irra ga'e hin hubanne.

35Warri Benyaamiin Israa'eloota duratti akka mo'aman Waaqayyo waan godheef, namoonni Israa'el guyyaa sanatti Benyaamiin keessaa loltoota billaa hidhatan namoota kuma digdamii shanii fi dhibba tokko in fixan.

36Warri Benyaamiin mo'amuu isaanii in hubatan; akki isaan itti mo'amanis kanatti aanee jira; warri Israa'el loltoota isaanii warra naannoo Giibe'aa riphanii jiran waan abdataniif, loltoota Benyaamiiniif lafa in hilan.

37Jarreen riphanii turan sun immoo ariitiidhaan gara Giibe'aatti fiiganii, mandaricha keessas asii fi achi adeemanii, namoota hundumaa billaadhaan in rukutan.

38Namoonni Israa'el warra riphanii wajjin milikkita tokko irratti waliif galanii turan; milikkitichis, warri riphanii turan mandaricha gubanii aara dukkanaa'aa guddaa isaa akka ol aarsaniif ture.

39Yeroo loltoonni Israa'el waraana irraa gara booddee isaanii deebi'anitti, loltoonni Benyaamiin Israa'eloota rukutuu jalqabanii, akka namoota soddomaa in ajjeesan; kana irratti,“Dhugumaan akkuma lola isa kanaan duraa keessatti ta'etti, fuula keenya duratti mo'amuu isaanii ti” jedhan.

40Haa ta'u iyyuu malee, aarri mandaricha keessaa akka utubaatti ol in ka'e; warri Benyaamiin immoo gara galanii, mandarichi guutummaatti gubatee aarri gara waaqaatti ol ka'uu isaa in argan.

41Badiifni akka isaanitti dhufe hubatanii in na'an; loltoonni Israa'el garuu isaanitti gara galan.

42Warri Benyaamiin immoo dugda isaanitti gatanii karaa lafa onaa in baqatan; haa ta'u iyyuu malee, loltoota Israa'el jalaa ba'uu hin dandeenye; warri mandaricha rukutanis gad itti ba'anii gidduutti isaan in fixan.

43Loltoonni Israa'el namoota Benyaamiin marsanii, utuu aara hin galfatin karaa gara ba'a-biiftuu hamma fuullee Giibe'aatti ari'anii isaan irra in yaa'an.

44Loltoota Benyaamiin warra jajjaboo kuma kudha saddeet in kukkufisan.

45Yommus warri hafan gara galanii gara lafa onaa gara dhagaa Rimoonitti in baqatan, loltoonni Israa'el karaatti namoota kuma shan isaan keessaa ciranii, hamma Giidomitti utuu ari'anii namoota kuma lama immoo dabalanii in rukutan.

46Guyyaa sanatti loltoonni Benyaamiin warri jajjaboonni billaa hidhatan kumni digdamii shan in dhuman.

47Namoonni dhibbi ja'a immoo of irra gara galanii gara lafa onaa gara dhagaa Rimoonitti jalaa baqatanii ji'a afuriif dhagicha keessa taa'an.

48Israa'eloonni gara namoota Benyaamiin warra kaaniitti deebi'anii namoota, horii, waan mandara keessatti argan hundumaas billaadhaan in rukutan; mandaroota itti dhufan hundumaas ibiddaan in guban.

Ibsa

Boqonnaa 20

Seenaan boqonnaa kanaa kitaaba waraana Waaqayyoo keessa galuu qaba, garuu seenaa sana keessaa waan hunda caalaa gaddisiisaa fi tasgabbii dhabeessa fakkaata; sababiin isaas, fedhii amantii Israa'el kan hammina namoota Gibaa irratti qaban malee, wanti ifaa yookiin gammachiisaa ta'e tokko illee hin jiru, kanas waraana qajeelaa fi qulqulluu isaaniif godhe; garuu haala biraatiin, jabaan Beniyaaminootaa yakka raawwattoota isaanii eeguuf qaban, kan bu'uura waraanaa ture, miidhaan guddaan Israa'el waraana sana geggeessuun isaan irra ga'e, akkasumas (sababiin qajeelaan yoo xumura irratti injifate iyyuu) waraanni sun gosa Beniyaamin guutummaatti lafa irraa dhabuutti xumuramuun isaa, jalqabaa hanga dhumaatti gaddisiisaa isa taasiseera. Haata'u malee, kun erga Israa'el lafa abdii keessa kabajaan qubattee booda dafee raawwatame, kan nama hundaaf wanti hundi akka milkaa'u fi tasgabbaa'u eegamu ture. Boqonnaa kana keessatti kan qabnu:

I. Sababii Lewwotaa walga'ii waliigalaa gosaa keessatti dhaga'amuu (lak. 1-7).

II. Namoota Gibaa irratti haaloo ba'uuf murtoo tokkummaa qabu (lak. 8-11).

III. Beniyaaminoonni yakka raawwattootaaf falmuuf mul'achuu (lak. 12-17).

IV. Israa'el waraana guyyaa jalqabaa fi lammaffaa keessatti injifatamuu (lak. 18-25).

V. Yeroo sana Waaqayyo duratti of gadi deebisuu isaanii (lak. 26-28).

VI. Waraana sadaffaa irratti tooftaa fayyadamuun Beniyaaminoota guutummaatti injifachuu isaanii, namoota 600 malee hundi isaanii akka dhumatan (lak. 29-48). Wanti hundi kun immoo salphina Lewwota hiyyeessa tokkoo fi haadha manaa isaa irratti raawwatame irraa kan dhufe; namoonni hammina raawwatan xumura isaa maal akka ta'u baay'ee xiqqoo yaadu.

Lakk. 1-11

Asitti kan jiru:

I. Walga'ii waliigalaa gumii Israa'el, dhimma jaartii Lewwotaa qorachuuf, akkasumas maal akka irratti raawwatamu mari'achuuf (lak. 1, 2). Isaan abbaa aangoo tokkoon waamamuu isaanii hin mul'atu, garuu fedhii fi waliigaltee, akka waan garaa tokkoo, fedhii qulqulluu ulfina Waaqayyoo fi Israa'eliif qabanin kaka'anii walitti qabaman.

1. Bakki walga'ii isaanii Mizpaa ture; achitti Waaqayyo duratti walitti qabaman, sababiin isaas Mizpaan Shiiloo wajjin baay'ee dhihoo waan turteef, buufanni isaanii Mizpaadhaa hanga Shiiloo ga'uu akka danda'u tilmaamuu ni danda'ama. Shiiloon magaalaa xiqqoo turte, kanaafuu, yeroo walga'iin waliigalaa ummataa Waaqayyo duratti of dhiheessuuf ture, Mizpaa, magaalaa beekamtuu dhihoo jirtu, akka teessoo isaaniitti filatan, tarii sababiin isaas walga'ii guddaan akkasii Shiiloo irratti rakkoo fiduu waan danda'uuf, Shiiloon bakka luboonni dunkaana qulqullummaa tajaajilan jiraatan waan turteef.

2. Namoonni walga'an Israa'el guutuu turan, Daan (magaalaa dhiheenya kana Hoogg. 18:29 irratti akkas jedhamtee waamamte) kaabaa hanga Beer-sheebaa kibbaatti, lafa Gili'aad (jechuunis, gosoota Yordaanos gamaa jiran) dabalatee, hundi isaanii akka nama tokkootti, faayidaa ummataaf yaaddoo tokkummaa qaban turan. Kun walga'ii saba Waaqayyoo ture, walga'ii Lewwotaa fi lubootaa miti, Lewwotaan dhimma kana keessatti nama guddaa ta'us, garuu walga'ii sabaa ture, Lewwotaan immoo "Appello populum—Ani sabaaf iyyadha" jedhee of dhiheesse. Saba Waaqayyoo namoota miilaa 400,000 seefii harkisan turan, jechuunis, hidhatanii leenji'anii, tajaajilaaf qophaa'oo turan, isaan keessaa tokko tokko immoo waraana Kana'aan beekan turan (Hoogg. 3:1). Walga'ii Israa'el guutuu kana keessatti, hogganoonni (yookiin cichoonni) sabaa (sababiin isaas bulchitoonni dhagaa bu'uuraa sabaa ti, kan hunda walitti qaban) akka bakka bu'oota warra kaaniitti of dhiheessan. Bakka isaanii isaanii eegalan, hogganaa kumaa fi dhibbaa, shantamaa fi kudhanii ta'anii, kan isaan bulchan; sababiin isaas, yoo xiqqaate, sirnaa fi bulchiinsa akkasii isaan gidduu jiraachuu ni danda'ama, yoo hogganaa waliigalaa yookiin ajajaa olaanaa hin qabaatinillee. Kanaafuu, asitti kan ture, (1.) Marii waliigalaa mootummootaa gorsaaf. Hogganoonni sabaa dhimma kana keessatti hogganuu fi qajeelchuuf of dhiheessan. (2.) Walga'ii waliigalaa waraanaa hojiif, hundi isaanii kan seefii harkisan, namoota waraanaa turan (lak. 17), mindeeffamtoota yookiin dirqamaan kan fe'aman osoo hin taane, lafa qabeeyyii gaarii, kan ofii isaaniitiin deeman. Israa'el yeroo Kana'aan seenan 600,000 ol turan, yeroo kana baay'achuu isaanii malee hir'achuu isaanii hin yaannu; garuu yeroo sana namoonni waggaa digdamaa fi jaatama gidduu jiran hundi loltoota turan, amma immoo walakkaa ol lafa qotuuf meeshaa waraanaa baachuurraa bilisa ta'uu isaanii ni tilmaamna; kanaafuu, isaan kun akka loltoota leenji'an turan. Loltoonni gosoota lamaa fi walakkaa 40,000 turan (Iya. 4:13), garuu gosoonni baay'ee caalan turan.

II. Gosa Beniyaaminiif walga'ii kanaaf beeksisni kennamuu (lak. 3): Ijoolleen Israa'el gara Mizpaa ol ba'uu isaanii dhaga'an. Tarii obboloota isaanii wajjin akka mul'atan, dhimmi kun murtoo kamiyyuu dura haala sirrii ta'een akka mari'atamuuf, waamichi seera qabeessi isaaniif ergamuu danda'a ture, akkasumas rakkoon itti aanu haala gaariin ittifamuu danda'a ture; garuu beeksisni walga'ii kanaa isaan jabeessuu fi aarsuu malee, nagaa fi ulfina isaaniif ta'an irratti akka yaadan isaan hin dammaqsine.

III. Yakka namoota Gibaa irratti himatame qorannoo cimaa. Gabaasni ergamtoota isaan walitti qabuuf ergaman irraa dhiheeffame baay'ee sodaachisaa ture, garuu dhimmi kun haala dhugaa isaa caalaa hamaa godhamee waan dhihaatuuf, sirriitti qoratamuun barbaachisaa ture; kanaafuu, koreen dhugaa baatoota qorachuuf (kakaadhaan, shakkii hin qabu) fi dhimma kana gabaasuuf ramadame. Asitti kan galmeeffame dhugaa ba'umsa Lewwotaa qofaadha, garuu tajaajilaan isaa fi jaarsi sun qoratamuun dhugaa ba'umsa isaanii kennuu isaanii ni danda'ama, sababiin isaas namoota tokkoo ol qoratamuun isaanii barreeffama jalqabaa (lak. 3) irraa ni mul'ata, kan inni jedhu, "Nuuf himaa"; seeraan immoo namni tokko, keessattuu baay'een akkasii, dhugaa ba'umsa nama tokkoo qofaan ajjeefamuu hin qabu ture.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG የእስራኤልም ልጆች ሁሉ ወጡ፥ ማኅበሩም ከዳን እስከ ቤርሳቤህ ድረስ፥ ከገለዓድም አገር ሰዎች ጋር፥ ወደ እግዚአብሔር ወደ ምጽጳ እንደ አንድ ሰው ሆነው ተሰበሰቡ። አማርኛ ENGNIV Then all the Israelites from Dan to Beersheba and from the land of Gilead came out as one man and assembled before the … English BCV ሽዑ ዅሎም ደቂ እስራኤል ወፁ። እቲ ማሕበርውን ካብ ዳን ክሳዕ ቤርሳቤህን ካብ ምድሪ ገለዓድንውን ከም ሓደ ሰብ ኮይኖም፥ ኣብ ቅድሚ እግዚኣብሄር ኣብ ምፅጳ ተኣከቡ። ትግርኛ BCV GIZ ወወፅኡ ኵሎሙ ደቂቀ እስራኤል ወአንገለጉ ተጋቢኦሙ ኵሎሙ ማኅበሮሙ ከመ አሐዱ ብእሲ እምነ ዳን እስከ ቤርሳቤሕ ወገላአድኒ ውስተ መሴፋ። giz GAZGAZ Yommus sabni Israa'el hundinuu kutaa biyya Daan isa gara bitaatii hamma Bersheebaatti akkasumas biyya Giil'aad isa gara… Afaan Oromoo BCV aksum ሽዑ ዅሎም ደቂ እስራኤል ወፁ። እቲ ማሕበርውን ካብ ዳን ክሳዕ ቤርሳቤህን ካብ ምድሪ ገለዓድንውን ከም ሓደ ሰብ ኮይኖም፥ ኣብ ቅድሚ እግዚኣብሄር ኣብ ምፅጳ ተኣከቡ። ትግርኛ AMHNIV ከዚያም ከዳን እስከ ቤርሳቤህ ያሉ እንዲሁም በገለዓድ ምድር የሚገኙ እስራኤላውያን ሁሉ እንደ አንድ ሰው ሆነው ወጡ፤ በምጽጳም በእግዚአብሔር ፊት ተሰበሰቡ። አማርኛ SWAHSUV Ndipo wana wa Israeli walipotoka; na mkutano ukakutanika kama mtu mmoja, kutoka Dani hata Beersheba, pamoja na nchi ya … Kiswahili