Isaayaas 44

GAZBIBAfaan Oromoo28 Keeyyattoota6:27 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 6:27 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1“Yaa Yaaqoob garbicha ko, yaa saba Israa'el isa ani fo'adhee, mee dhaga'i!

2Ani Waaqayyo kanan si uume, gadameessa haadha kee keessatti kanan si tolche, kanan si gargaarus, “Yaa Yaaqoob garbicha ko, yaa Yeshuuruun isa ani fo'adhee hin sodaatin!” siin nan jedha.

3Ani lafa dheebotaa irratti bokkaa nan roobsa, lafa gogaa keessa bishaan nan lolaasa; ani sanyii kee irratti hafuura koo, ijoollota kee irrattis eebba koo nan dhangalaasa;

4isaan akka marga bishaan gidduu jiruu fi akka alaltuu bishaan yaa'u bukkee dhaabatuu in lalisu.

5Yommus namoonni tokko tokkoon yaa'anii dhufanii, inni tokko,“Ani kan Waaqayyoo ti” in jedha, inni kaan immoo, Yaaqoobiin of in waama; kan biraas,“Ani kan Waaqayyoo ti” jedhee harka isaa irratti in caafa, Israa'elittis in moggaafama” jedhe.

6Waaqayyo mootiin Israa'el inni Israa'elin furu, Waaqayyo gooftaan maccaa, “Ani isa jalqabaa ti, isa dhumaa tis, ana malee Waaqayyo kan biraa hin jiru;

7kan akka kooti'o eenyu” Mee achii as ba'ee of haa beeksisu, dubbatees amansiisa isaa anatti haa mul'isu! Ergan namoota warra durii uumee jalqabee, wanta ta'e, wanta dhufuuf jirus, duraan dursee haa himu!

8Hin sodaatinaa, hin na'inaas! Ani kana isinitti hin himnee ree” Duraan dursees isinitti hin mul'ifnee ree” Egaa isin anaaf dhuga-baatota; ana malee Waaqayyo kan biraa jiraa ree” Anoo kanan hin beekne hin jiru, Waaqayyo inni kattaa jabaan ana malee kan biraa jiraa ree?” jedhe.

9Warri bifa fakkeenya waaqayyolii tolfamoo hojjetan hundinuu waa'ee hin baasan; wanti isaan itti gammadan sunis gatii hin qabu; isaan yeellaasifamuuf akka jiran arguu yookiis beekuu akka hin dandeenye ofuma isaaniitti dhugaa in ba'u;

10eenyutu waaqayyolii tolfatee, bifa fakkeenyaa isa waa'ee hin baafnes baqfate”

11Kunoo! Warri isaan waaqessan hundinuu in yeellaasifamu; warri waaqayyolii kana hojjetanis namootuma; mee hundumti isaanii walitti qabamanii dhufanii fuula koo dura haa dhaabatan! Isaanumtuu na'anii yeella'uuf jiru.

12Namni sibiila tumu sibiila qabduudhaan qabee, giimii ibiddaa keessa kaa'ee buruusaan tumee bifa itti in godha; kanas immoo humna cimaadhaan waan hojjetuuf, in beela'a, in dheebotas; yeroo sanatti nyaataa fi dhugaatii yoo argachuu dhabaate immoo, in dadhaba, humnas in dhaba.

13Namni muka soofuu beeku duraan dursee mukicha safaree, bifa namaa cilaattiidhaan irratti kaase, isa kaase sana qirixiidhaan qirixee bifa erga itti baasee booddee, fakkeenya namaa isa miidhagaa mana keessa in dhaaba;

14kana hojjechuudhaaf gaattiraa yookiis hoomii yookiis qilxuu in jigsa; yookiis immoo birbirsa caakkaa keessa dhaabee hamma bokkaan guddisuufitti in eega.

15Mukkeetiin kun qoraaniifis in ta'u; gar-tokko bobeessanii in qaammatu; gara kaan bobeessanii ittiin buddeena in tolfatu; gara kaan irraa immoo waaqayyolii tolchanii itti in sagadu; bifa fakkeenyaas irraa hojjetanii in qoomma'uuf;

16qoraanicha irraa gar-tokko ibiddatti naqee in bobeessa; ibiddichaanis foon waadee hamma quufutti in nyaata; ibiddichas qaammatee,“Ishoo! Ibidda nan argadhe innis anatti in ho'a” in jedha.

17Isa hafe irraa immoo waaqayyolii tolfatee, bifa fakkeenyaas itti baafatee sagadeefii, “Ati waaqayyo koo ti'o, na fayyisi!” jedhee in kadhata.

18Namoonni akkasii waan tokko illee hin beekan, waan tokko illees hin hubatan; akka isaan hin arginetti Waaqayyo ija isaanii dununfachiiseera; akka isaan hin hubannettis sammuu isaanii duucheera;

19namni waa'ee kanaa itti yaadu hin jiru; namni tokko illee beekumsaa fi hubannaa qabaatee, “Ani muka kana gar-tokko qoraan isaa bobeesseen ittiin foon waadadhe, buddeenas ittiin tolfadhee nyaadhe, isa hafe irraa immoo waaqayyolii tolfadhee wanta muka irraa hojjetame kanatti sagaduu ree?” kan jedhu hin jiru.

20Namni wanta daaraa ta'u amanatu nama garaan isaa isa gowwoomsee karaa dhugaa irraa isa kaachisee dha; inni akkasitti jireenya isaa fayyisuu hin danda'u; inni kanuma illee hubatee, “Inni ani harkatti baadhu kun edaa waan sobaa tii?” hin jedhu.

21Waaqayyo,“Yaa Yaaqoob, kana yaadadhu, yaa Israa'el, kana hubadhu! Ati garbicha koo ti, anatu si uummatee garbicha koo si godhate; yaa Israa'el! Ani si hin irraanfadhu;

22ani irra-daddarbaa kee akka duumessaa, cubbuu kees akka qayyootaa haxaa'ee nan balleessa; ani si fureera'o, gara kootti deebi'i!

23Ani Waaqayyo kana godheeraatii isin bantiiwwan waaqaa nana gammadaa, faarfadhaas! Gad fageenyi lafaa gammadee haa weeddisu, tulloonni haa ililchan! Caakkaanii fi mukkeetiin isa keessa jiran haa gammadan; ani Waaqayyo Yaaqoobin furuudhaan, Israa'el keessatti ulfina koo mul'iseera.

24“Ani Waaqayyo isa si fure, isuma gadameessa keessatti si tolchee dha; ani Waaqayyo isa wanta hundumaa uume, bantiiwwan waaqaa kophaa diriirsee lafas dhisee dha; yommus eenyutu anaa wajjin ture”

25Milikkita warra sobduu karaatti kan hambisu, gowwoomsaa warra hoodduus bakkeetti kan mul'isu, warra ogeessota booddeetti kan hambisu, ogummaa isaaniis gowwummaatti kan deebisu ana mitii ree”

26Wanta garboonni koo dubbatan kan cimsu, isa ergamoonni koo dur himanis kan fiixaan baasu, Yerusaalemin,“Namni si keessa in jiraata” mandaroota Yihudaatiinis, “Isin in ijaaramtu, isa jijjige deebisee nan ijaara” kan jedhu ana Waaqayyoo dha;

27ani tuujjuba galaanaatiin, “Lafa gogaa ta'i! Bishaan si keessaa yaa'us nan gogsa” nan jedha.

28Ana inni Qiirosiin, “Ati tiksee saba kootii ti” jedhu; inni fedha koo hundumaa in raawwata; Yerusaalemin,“In ijaaramta, hundeen mana qulqullummaas in kaa'ama” in jedha” jedhe.

Ibsa

44:1-8

Asitti Israa'el Yeshurun jedhamee waamameera, hiikaan isaas 'inni qajeelaan' jechuu dha. Warri akkasii qofatu dhugumaan Israa'elota, warra gowwoomsaa hin qabne. Warra Waaqayyoon tajaajilan Inni kan ofii isaatii akka ta'an ni fudhata. Rakkoolee keessa darbuufii tajaajila isaanii keessattis isaan ni gargaara. Bishaan mallattoo Hafuura Qulqulluuti; akkuma bishaan nama haaromsu, qulqulleessuufi lafa oomisha qabeessa taasisu, haaluma walfakkaatuun dhiibbaan Hafuura Qulqulluu lubbuu haaromsa, qulqulleessa, guddina itti fida. Kennaan Hafuura Qulqulluu kun eebba guddaa dha, Waaqayyo baay'inaan dhangala'uu isaa guyyoota dhumaatiif eegee ture. Bakka Waaqayyo Hafuura Isaa kennutti, eebbawwan biroo hundas ni kenna. Kanaanis waldaan guddina guddaa ni argata; akkasumas bakkeewwan fagoo hundatti ni babal'ata. Dhagaa yookiin Eegduu biraa, kan isaan eegu danda'u, jira turee? Nama biraan tokkollee waan dhufu kana dursee dubbachuu hin danda'u ture, kan Waaqayyo raajota Isaa fayyadamee beeksise. Wanti hundi raajii Waaqayyoo keessattis ta'e karoora Waaqayyoo keessatti haala qindoomina qabuun kaa'amee ture. Nama biraan tokkollee akkas gochuu danda'ee jiraa? Nama Furaa Israa'elii fi Mooticha isaa wajjin wal qixxeessuu danda'u jiraa?

44:9-20

Surawwan tolchuun, gowwummaa waaqayyolii gabbartootaa mul'isuuf ibsameera. Namni muka tokkoo kutaa tokko qoraan godhee odoo itti fayyadametti, isa hafaa irraa fakkeessa tolfame dura kufee, isa akka isa oolchu kadhateera. Namni, yoo Waaqayyoon fakkeenya namaatti qabate, Waaqayyoon baay'ee salphisa. Seexanni ija warra hin amanne jaamsuudhaan, dhimmoota amantii irratti yaada gowwoomsaa akka uumamu taasisa. Namoonni gammachuu isaanii dhimmoota addunyaa keessaa yoo barbaadanis, yookiin gara amantii dhabuu, gara amantii saalfataa (superstition) yookiin gara sirna sobaa kamiyyuu yoo deeman, daaraa nyaatu.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6