Isaayaas 17

GAZBIBAfaan Oromoo14 Keeyyattoota2:58 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 2:58 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Wanti mandara Damaasqoo irratti ta'uuf jiru kanatti fufe jira; Waaqayyo,“Kunoo! “Damaasqoon diigamtee in tuulamti, mandara ta'uun ishees in hafa;

2mandaroonni Aro'er in onu, iddoo bushaayeen itti yaatus in ta'u; bushaayee warra achi cicciisan sanas namni wareersu hin jiru.

3Mandaroonni masaraa qaban Efreem keessaa, mootummaanis Damaasqoo keessaa in bada; ulfinni warra Sooriyaa keessaa hafanii immoo, akkuma ulfina Israa'elootaa in ta'a” jedhee, ani Waaqayyo gooftaan maccaa dubbadheera” jedhe.

4Waaqayyo,“Yeroo sanatti “Ulfinni Israa'el gad in deebi'a, gabbinni dhagna isaas irraa in dhuma;

5akka maasii midhaan irraa makaramuu, akka dachaa Refaa'iim isa qarmiin keessaa funaanamuus in ta'a;

6akka muka ejersaa isa yommuu iji isaa irraa ciramu, fiixee isaa irratti iji lama yookiis sadii, damee isaa irratti immoo iji afur yookiis shan hafuu in ta'a” jedhee, ani Waaqayyo gooftaan Israa'el dubbadheera” jedhe.

7Gaafas namoonni gara isa isaan uumee in ilaalu, ija isaaniis gara isa qulqulluu isa kan Israa'elitti in deebisu;

8gara iddoo aarsaa isa ofii isaaniitii hojjetanii, gara utuboota fakkeenya waaqayyittii tolfamtuutiif dhaabamanii, gara iddoo ixaanaa isa harka isaaniitiin hojjetaniis hin ilaalan.

9Akkuma mandaroonni Hiiwotaa fi Amoorotaa yommuu namoonni Israa'el biyyicha qabatan ta'an, yeroo sanatti mandaroonni isaanii warri masaraa qaban, akka ona caakkaan dhaalee in ta'u, in diigamus.

10Ati Waaqayyoon isa si fayyisu waan irraanfatteef, kattaa isa iddoo baqaa siif ta'es waan hin yaadatiniif, dhaabaa gaarii yoo dhaabbatte, biqiltuu biyya ormaas yoo dhaabbatte,

11guyyaadhuma dhaabde sanattis jala soquu yoo jalqabde, innis borumtaa isaa ganama yoo siif daraare, guyyaa dhukkubni isa hin fayyifne itti dhufutti, wanta makarattu hin qabdu.

12Saba warra kaan warra akka galaanaa huursaniif warra akka bishaan guddaa didichaniifis wayyoo!

13Sabni kun akka lolaa bishaanii yoo huursan iyyuu, yommuu Waaqayyo isaan ifatu, jalaa baqatanii in fagaatu; akka habaqii qilleensi gaara irraa fuudhee adeemuu, akka awwaara bubbeen gara gaggalchuus in ta'u.

14Galgala naasuun in ta'a, utuu lafti hin bari'in immoo in dhabamu; kunoo, warri nu saamanii nu booji'anis, akkasuma in ta'u.

Ibsa

17:1-11

Cubbuun magaalaawwan lafa onsaa. Injifattoonni guguddoon ilmaan namaaf diina ta'uu isaaniitti boonan, nama dinqa; garuu busaan achi ciisuu isaa, namoota Waaqayyoofii qulqullummaa isaa irratti ifatti fincilan baachuu irra wayya. Da'oonni jajjaboon Israa'el, jechuunis Mootummaan gosa kudhanii, ni balleeffamu. Warri cubbuutti hirmaatan, haqa qabeessummaan baditti ni hirmaatu. Sabichi cubbuudhaan ofiisaanii baditti guutummaatti qopheessanii turan; ulfinni isaaniis akka qonnaan bultuun garbuu dirree irraa hattutti, diinaadhaan dafanii ciramanii fudhataman. Araarri itti murtaa'uu keessatti hafaadhaaf eegameera. Garuu baay'ee muraasni akka fayyan mallatteeffamu. Achii asii namni tokko qofti duubatti hafe. Garuu isaan hafa qulqullaa'aa ta'u. Warri muraasni fayyan sun, gara Waaqayyootti deebi'uuf dammaqan. Isaan wantoota hunda keessatti harka Isaa beeku; maqaa Isaatiif ulfaata malu Isaa ni kennu.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6