Hezeqeel 45

GAZGAZAfaan Oromoo25 Keeyyattoota8:15 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 8:15 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Isin laficha muka buuftanii dhaalaaf yeroo hirtan, isa irraa kutaa tokko qooda qulqullaa'aa Waaqayyoof addaan baasaatii kennaa! Innis dheerinni isaa dhundhuma kuma digdamii shan, bal'inni isaas dhundhuma kuma digdama haa ta'u! Karaa hundumaas naanna'ee qulqullaa'aa haa ta'u!

2Kana keessaa immoo iddoon hojjaan isaa fi garaan isaa dhundhuma dhibba shan shan ta'e karaa arfanuu wal qixxeen iddoo qulqullaa'aadhaaf haa ta'u! Naannoo isaatti immoo iddoo duwwaan bal'inni isaa dhundhuma shantama ta'u haa hafu!

3Kutaa qulqullaa'aa sana irraa lafa dheerinni isaa dhundhuma kuma digdamii shanii, bal'inni isaas dhundhuma kuma kudhanii safari! Kunis iddoo qulqullaa'aa fi iddoo hundumaa irra caalaa qulqullaa'aadhaaf haa ta'u!

4Inni biyyicha keessaa kutaa isa qulqullaa'aa haa ta'u! Inni luboota warra iddoo qulqullaa'aa keessaa hojjetaniif, warra Waaqayyoof hojjechuudhaaf isatti dhi'aataniif, akkasumas manneettii isaaniitiif iddoo isa qulqullaa'aadhaafis in ta'a.

5Inni hafe immoo dheerinni isaa dhundhuma kuma digdamii shan, bal'inni isaas dhundhuma kuma kudhan; inni immoo Lewwoota warra mana qulqullummaa keessaa hojjetaniif araddaa isaan mandaroota keessatti ijaarratanii keessa taa'an in ta'a.

6Qooda qulqullaa'aa isa kennaa addaan dhi'eessitan sana bukkeetti immoo iddoo bal'inni isaa dhundhuma kuma shan, dheerinni isaa dhundhuma kuma digdamii shan ta'u qabeenya mandara sanaa godhaa kennaa; inni immoo kan guutummaa namoota Israa'el haa ta'u!

7Qooda qulqullaa'aa isa kennaa addaan dhi'eessitan sanaaf qabeenya mandarattii garasii fi garanaan immoo, inni gara lixa-biiftuu karuma lixa-biiftuutiin, inni gara ba'a-biiftuu immoo karuma ba'a-biiftuutiin guddaa biyyaatiif haa ta'u! Dheerinni isaas daarii isa gara lixa-biiftuutii kaasee hamma daarii isa gara ba'a-biiftuutti hirmaata gosa tokkoo duukaa safarama!

8Inni kun Israa'el keessatti qabeenya guddaa biyyaa sanaa haa ta'u! Gurguddoonni warri kan kootii si'achi saba koo hin cunqursin! Isaan namoota Israa'eliif akka gosa gosa isaaniitti laficha haa hiran!

9Egaa Waaqayyo gooftaan,“Yaa gurguddoota Israa'el, humnaan nama irratti ka'uu fi cunqursaa isa baay'ate sana dhiisaa! Firdii qajeelaa fi qajeelummaa godhaa! Qabeenya saba kootii irraa fudhachuu dhiisaa! Kana ana Waaqayyo gooftaatu dubbate.

10Isin madaalii qajeelaa, eefaa akkasumas baatihii qajeelaa qabaadhaa!

11Eefaan sunii fi baatihiin sun safarri isaanii tokko haa ta'u! Safarri baatihii sanaa oomer harka kurnaffaa keessaa tokko akkasumas safarri eefaa sanaa oomer harka kurnaffaa keessaa tokko haa ta'u!

12Isin biratti sheeqeliin tokko “Geraa” digdama, sheeqeliin digdamni, sheeqeliin digdamii shaniif sheeqeliin kudha shan walumatti“Miinaa” tokko haa ta'u!” jedha.

13Itti fufees,“Kennaan isin addaan kennitan akka kanatti aanee jirutti haa ta'u! Qamadii oomerii tokko keessaa eefaa harka ja'affaa akkasumas garbuu oomerii tokko keessaa eefaa harka ja'affaa,

14dhadhaan ejersaa immoo “Korii” isa akkuma oomerii tokkoo baatihii kudhan baasu keessaa baatihii harka kurnaffaa haa ta'u!

15Karra biyya Israa'el iddoo bishaan ba'eessa qabu keessaa immoo bushaayeen dhibbi lama keessatti kan argaman keessaa hoolaa tokko haa ta'u! Isaan kun namootaaf kennaa midhaanii, qalma gubamu, qalma araaraas haa ta'an! Kana ana Waaqayyo gooftaatu dubbate.

16Sabni biyya sanaa hundinuu kennaa addaa guddaa biyyaa isa Israa'el keessaaf haa kennan!

17Guyyoota ayyaanaa, mana Israa'elitti ayyaaneffaman hundumaatti, qalmi gubamu, kennaan midhaanii, kennaan dhugaatii guyyaa ayyaanaatti, guyyaa baatii ji'aatti, guyyaa Sanbataatti akka argaman gochuun guddaa biyyaa irra jira; mana Israa'eliif araarsuudhaaf inni aarsaan sababii cubbuutiif dhi'aatu, kennaan midhaanii, qalmi gubamu, qalmi araaraas akka qophaa'u haa godhu!” jedhe.

18Waaqayyo gooftaan,“Ji'a isa duraatti, ji'ichattiis guyyaa isa duraatti sa'a keessaa tuntunoo mudaa hin qabne tokko fuudhiitii aarsaa dhi'eessii, iddoo isa qulqullaa'aa sana ittiin qulleessi!

19Lubichis dhiiga aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatu sana irraa fuudhee michichila balbala mana qulqullummaatti, golee dhagaa tolfamaa iddoo aarsaa arfanuutti, michichila karra oobdii isa gara keessaattis haa dibu!

20Ji'ichattii gaafa guyyaa torbaffaa nama karaa irraa kaachuudhaan yookiis wallaalummaadhaan cubbuu hojjetuuf akkas godhaa! Manicha qulqullummaafis araarsaa!

21“Ji'a isa duraattii guyyaan kudha afuraffaan ayyaana Faasiikaa isa guyyaa torba ayyaaneffatan isiniif haa ta'u! Yeroo sanatti maxinootu nyaatama.

22Gaafas guddaan biyyaa sun aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatu ofii isaatiif, namoota biyya sanaa hundumaafis tuntunoo tokko haa qopheessu!

23Inni guyyoota ayyaanaa torban sanatti immoo, tuntunootaa fi korbeeyyii hoolaa mudaa hin qabne torba torba guyyuma guyyaan qalma gubamuuf ana Waaqayyoof haa qopheessu! Akkasumas aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatuuf guyyaa guyyaatti korbeessa reettii tokko haa qopheessu!

24Kennaa midhaaniif immoo tuntunoo tokko tokkoo wajjin daakuu eefaa tokko, korbeessa hoolaa tokko tokkoo wajjinis daakuu eefaa tokko, daakuu eefaa tokko tokkoo sanaaf immoo dhadhaa ejersaa hiin tokko tokko haa qopheessu!

25“Ayyaana isa ji'a torbaffaatti, ji'ichattiis guyyaa kudha shanaffaatti guyyaa torba ayyaaneffamu irratti, aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatuuf, qalma gubamuuf, kennaa midhaaniifis dhadhaa ejersaa akkasumas wanta barbaachisu haa qopheessu!” jedhe.

Ibsa

45:1-25

Yeroo asitti raajii dubbatame kana keessa, sagadaafi tajaajiltoonni Waaqayyoo ni jiraatu; bulchitoonni aangoo isaanii Kiristoos jala qabatanii qajeelummaadhaan ni bulchu; ummanni nagaa, tasgabbii fi Waaqayyummaa keessa jiraatu. Wantoonni kun afaan aadaa yeroo raagichi barreesse keessa jiru irraa fudhatame…

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG ርስትም አድርጋችሁ ምድርን በዕጣ በምታካፍሉበት ጊዜ ከምድር የተቀደሰውን የዕጣ ክፍል መባ አድርጋችሁ ወደ እግዚአብሔር ታቀርባላችሁ። ርዝመቱ ሀያ አምስት ሺህ ክንድ ወርዱም ሀያ ሺህ ክንድ … አማርኛ ENGNIV “ ‘When you allot the land as an inheritance, you are to present to the Lord a portion of the land as a sacred district… English BCV እምበኣርከስ ነታ ምድሪ ርስቲ ኽትኮነኩም፥ ብዕፃ ኽትማቐልዋ እንተለኹም፥ ካብታ ምድሪ እተቐደሰ ኽፍሊ፥ ንእግዚኣብሄር መባእ ክተቕርቡ ኢኹም፤ ምንዋሓ ዕስራን ሓሙሽተን ሽሕ እመት፥ ወርዳ ኸዓ… ትግርኛ GAZBIB Isin laficha muka buuftanii dhaalaaf yeroo hirtan, isa irraa kutaa tokko qooda qulqullaa'aa Waaqayyoof addaan baasaatii… Afaan Oromoo BCV GIZ ወሶቦ ትከፍሉ ምድረ በመክፈልት ታበውኡ መባአ ቅዱሰ ለእግዚአብሔር እምነ ምድር፡ ኑኁ ክልኤቱ እልፍ ወኃምሳ ምእት፡ ወርኅቡ እልፍ ቅዱስ ውእቱ በኵሉ ደወለ ዓውዱ። giz BCV aksum እምበኣርከስ ነታ ምድሪ ርስቲ ኽትኮነኩም፥ ብዕፃ ኽትማቐልዋ እንተለኹም፥ ካብታ ምድሪ እተቐደሰ ኽፍሊ፥ ንእግዚኣብሄር መባእ ክተቕርቡ ኢኹም፤ ምንዋሓ ዕስራን ሓሙሽተን ሽሕ እመት፥ ወርዳ ኸዓ… ትግርኛ AMHNIV ‘ “ምድሪቱን ርስት አድርጋችሁ በዕጣ በምትከፋፈሉበት ጊዜ፣ ርዝመቱ ሃያ አምስት ሺህ ክንድ፣ ወርዱ ሃያ ሺህ ክንድ የሆነውን አንዱን ክፍል፣ ለእግዚአብሔር የተቀደሰ ስፍራ አድርጋችሁ ስጡ፤ … አማርኛ SWAHSUV Tena, mtakapoigawanya nchi kwa kura iwe urithi, mtamtolea Bwana toleo, sehemu takatifu ya nchi, urefu wake utakuwa uref… Kiswahili