Hojii Ergamootaa 1

GAZBIBAfaan Oromoo26 Keeyyattoota6:02 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 6:02 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Yaa ulfaataa Tewofilos! Macaafa koo isa kanaan duraa keessatti, waan Yesus hojjetee fi barsiise hundumaa caafeera.

2Kunis immoo jalqaba isaatii kaasee, hamma guyyaa inni ergamoota isaa warra fo'ate hafuura qulqulluudhaan abboomee, gara waaqaatti ol fudhatametti kan ta'ee dha.

3Yesus du'a isaa booddee immoo jiraataa akka ta'e, deddeebi'ee karaa hin mamsiifneen isaanitti of mul'ise; guyyaa afurtamaaf akka isa argan godhe, waa'ee mootummaa Waaqayyoos isaanitti in dubbate.

4Isaanii wajjin utuu jiruus, ?Abdii abbaan koo isiniif kenne, isa ani isinitti hime sana eeggadhaa malee, Yerusaalemii hin ba'inaa!? jedhee isaan abboome.

5Itti dabalees, ?Yohannis bishaaniin cuuphe, isin garuu guyyaa baay'ee utuu hin turin hafuura qulqulluudhaan in cuuphamtu? jedhe.

6Yeroo walitti qabamanitti ergamoonni, ?Yaa gooftaa, si'a kana Israa'eliif mootummaa deebiftaafii ree?? jedhanii gaafatan.

7Inni immoo, ?Yeroo yookiis bara abbaan gooftummaa isaatiin dhaabe, beekuun isiniif hin kennamne.

8Isin garuu, hafuurri qulqulluun yommuu isin irra bu'u, humna in godhattu; Yerusaalemitti, Yihudaa hundumaatti, Samaariyaatti, hamma andaara lafaattis dhuga-baatuu koo in taatu? isaaniin jedhe.

9Dubbii kana dubbatees, utuma isaan ilaalanii gara waaqaatti ol fudhatame; duumessi isa simate, ija isaanii duraas in dhokse.

10Utuma isaan karaa inni ol ba'e sanattii ija hin buqqifatin, kunoo namoonni uffata adaadii uffatan lama isaan bukkee dhaabatanii,

11?Isin namoota Galiilaa, maaliif dhaabattanii waaqa keessa ilaalaa jirtu? Yesus, inni isin biraa gara waaqaatti ol fudhatame kun, akkuma amma itti gara waaqaa dhaquu isaa argitan kanatti immoo, deebi'ee in dhufa? jedhaniin.

12Kana booddee ergamoonni gaara ejersaatii gara Yerusaalemitti deebi'an; gaarichi mandaricha irraa adeemsa guyyaa Sanbataa, kunis akka dhundhuma kuma lamaa in fagaata ture.

13Yommuu deebi'an immoo mana isa keessa turan kutaa olaanutti galan. Isaanis Phexros, Yohannis, Yaaqoob, Indriiyaas, Filiphos, Toomaas, Bartolomewos, Maatewos, Yaaqoob ilma Alfewos, Simoon isa ?Hinaafticha? jedhamee beekamee fi Yihudaa ilma Yaaqoob turan.

14Isaan kun hundinuu dubartoota tokkoo wajjin, Maariyaam haadha Yesus, obboloota isaa wajjinis yaada tokkoon kadhataaf of kennanii turan.

15Gidduu sana Phexros walga'ii, amantoota akka nama dhibbaa fi digdamaa ta'an keessa dhaabatee,

16?Obboloota nana, dubbiin macaafaa inni hafuurri qulqulluun duraan dursee afaan Daawitiin waa'ee Yihudaaf dubbate, raawwatameera; innoo warra Yesusin qabuu dhaqan dura adeemee argisiise.

17Inni nuu wajjin lakkaa'amee, hojii kanas nuyii wajjin hojjechuudhaaf fuula qabatee ture.

18Namichi kun, horii isa hojii jal'inaa hojjetee argate sanaan, lafa bitate; ofii isaa mataadhaan kufee tarsa'ee, mar'umaan isaas bakkee guute.

19Kunis warra Yerusaalem jiraatan hundumaa biratti beekame, lafichis afaan isaaniitti ?Akeldaamaa? jedhamee waamame, hiikuun isaas ?Lafa dhiigaa? jechuu dha.

20Macaafa faarfannaa keessatti, ?Qe'een isaa haa onu, isa keessa jiraachuufis tokko illee hin argamin!? Akkasumas, ?Hojii inni geggeessuuf itti waamame, namni kan biraa haa fudhatu? kan jedhu caafameera.

21?Kanaafis yeroo itti Yesus gooftaan nu gidduu deddeebi'aa ture hundumaatti, warra nuu wajjin turan keessaa nama tokko nu barbaachisa.

22Innis yeroo cuupphaa Yohannisii jalqabee, hamma guyyaa gooftaan itti nu biraa ol fudhatametti, nu gidduu kan ture, nuu wajjin dhuga-baatuu du'aa ka'uu isaa ta'uun irra jira? jedhe.

23Achumaan namoonni lama maqaan isaanii dha'ame; isaanis Yoseef isa Baarsaabaas yookiis Yosxos jedhamee waamamu, akkasumas immoo Maatiyaas isa jedhamu turan.

24Warri walitti qabaman sun, ?Gooftaa, garaa namoota hundumaa beektu, isaan kana lamaan keessaa isa fo'atte mul'isi!

25Hojiidhaaf ergaa Yihudaan irraa gara gale, gara iddoo isaaf ta'u dhaqe kana haa fudhatuuf? jedhanii kadhatan.

26Yommus isaan lamaaniif muka buufnaan, Maatiyaasiif ba'e; inni kana irratti ergamoota kudha tokkon sanatti dabalame.

Ibsa

1:1-5 Gooftaan keenya barattootasaatti hojii isaan hojjechuuf jiran isaanitti hime. Ergamoonni Yerusaalemitti walga’an; Kiristoos iddoo sanaa akka hin deemne, garuu dhangala’uu Hafuura Qulqulluu akka eeggatan isaan ajajee ture. Kun cuuphaa Hafuura Qulqulluu ta’a ture, humna dinqii hojjechuuf, akkasumas lubbuusaanii ibsuufi qulqulleessuuf isaan kenna. Kun abdii Waaqayyoo ni mirkaneessa, akkasumas Kiristoos irraa waan dhageenyeef, isa irratti akka hundaa’annu nu jajjabeessa; sababiin isaas, isatti abdiiwwan Waaqayyoo hundinuu 'eeyyee' fi 'amen' dha.

1:6-11

Isaan waayee wantoota Gooftaan isaanii gonkumaa isaan hin ajajin yookiin hin jajjabeesin gaafachuudhaan garaa guutuudhaan turan. Gooftaan keenya ol ba'uun Isaa fi barsiifni Hafuura Qulqulluu abdiilee kana yeroo dhihootti akka fixu beeka ture; kanaafis cimsee isaan gorse; garuu kun yeroo hundumaatti waldaa Isaa guutuu akka beekumsa dhorkamaa barbaaduu irraa of eeggattu akeekkachiisa dha. Duuti Isaa duraa fi du'aa ka'uu Isaa boodas, barattoota Isaatiif hojii isaanii raawwachuuf qajeelfama kenneera, beekumsi kunis Kiristaanaaf ga'aa dha.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG ቴዎፍሎስ ሆይ፥ ኢየሱስ የመረጣቸውን ሐዋርያትን በመንፈስ ቅዱስ ካዘዛቸው በኋላ እስከ ዐረገበት ቀን ድረስ፥ ያደርገውና ያስተምረው ዘንድ ስለ ጀመረው ሁሉ መጀመሪያውን ነገር ጻፍሁ፤ አማርኛ ENGNIV In my former book, Theophilus, I wrote about all that Jesus began to do and to teach English BCV ኦ ቴዎፍሎስ፥ ኣብቲ ቐዳማይ ፅሑፈይ፥ ብዛዕባ እቲ ኢየሱስ ካብ መጀመርታ ሒዙ፥ ነቶም ብመንፈስ ቅዱስ ዝሓረዮም ሃዋርያት ኣዚዙ፥ ክሳዕ እታ ንሰማይ ዝዓረገላ መዓልቲ፥ ዝገበሮን ዝመሃሮን ፅሒ… ትግርኛ BCV GIZ ቀዳሚ ጸሐፍኩ ለከ መጽሐፈ ኦ! ታኦፊላ። በኵሉ ግብር ዘአኀዘ እግዚእነ ኢየሱስ ክርስቶስ ይግበር ወይምሀር። giz GAZGAZ Yaa ulfaataa Tewofilos! Macaafa koo isa kanaan duraa keessatti, waan Yesus hojjetee fi barsiise hundumaa caafeera. Afaan Oromoo BCV aksum ኦ ቴዎፍሎስ፥ ኣብቲ ቐዳማይ ፅሑፈይ፥ ብዛዕባ እቲ ኢየሱስ ካብ መጀመርታ ሒዙ፥ ነቶም ብመንፈስ ቅዱስ ዝሓረዮም ሃዋርያት ኣዚዙ፥ ክሳዕ እታ ንሰማይ ዝዓረገላ መዓልቲ፥ ዝገበሮን ዝመሃሮን ፅሒ… ትግርኛ AMHNIV ቴዎፍሎስ ሆይ፤ ኢየሱስ ለማድረግና ለማስተማር የጀመረውን ሁሉ ቀደም ባለው መጽሐፌ ጽፌልሃለሁ፤ አማርኛ SWAHSUV Kitabu kile cha kwanza nalikiandika, Theofilo, katika habari ya mambo yote aliyoanza Yesu kufanya na kufundisha, Kiswahili