2ffaa Mootota 10

GAZGAZAfaan Oromoo36 Keeyyattoota10:59 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 10:59 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Ahaab mandara Samaariyaa keessaa ilmaan torbaatama qaba ture; kanaaf Yehuun caaffata caafee gara mandara Samaariyaatti, gara geggeessitoota Yizre'elitti, gara jaarsolii fi gara guddiftoota ijoollee Ahaabitti in erge; isa keessattis,

2“Ilmaan gooftaa keessanii isin bira erga jiraatanii, konkolaattotaa fi abbootii fardeenii, mandaroota naannoon isaanii dallaa dhagaatiin marfame akkasumas mi'a lolaa erga qabaatanii, akkuma caaffanni kun isin ga'een,

3ilmaan gooftaa keessanii keessaa baay'ee gaarii kan ta'e, hunduma isaanii caalaas yaada qajeelaa kan qabu fo'aatii iddoo abbaa isaatii isa moosisaa, mana gooftaa keessaniitiifis lolaa!” jedhe.

4Isaan garuu baay'ee sodaatanii,“Mootonni lamaan iyyuu (Yoraamii fi Ahaaziyaan) isa dura dhaabachuu kan hin danda'in, nuyi attamitti dandeenya?” jedhan.

5Kana irratti bulchaan mana mootummaa, bulchaan mandarichaa, jaarsoliinii fi guddiftoonni ijoollee mootichaa Yehuutti erganii,“Nuyi garboota kee ti; waan ati jettu hundumaa in hojjenna; garuu nuyi nama tokko iyyuu hin moosifnu, atumti waanuma qajeelaa sitti fakkaate hojjedhu!” jedhan.

6Yehuun immoo,“Isin gara koo gortanii anaaf in abboomamtu yoo ta'eef, mataa ilmaan gooftaa keessanii hundumaa fidaatii bor yowwana Yizre'elitti ana bira kottaa!” jedhee si'a lammaffaa isaaniif in caafe; yeroo sana ilmaan mootichaa torbaatamman, namoota gurguddoota mandarichaa warra isaan guddisan bira turan.

7Dura-buutonni Samaariyaa caaffaticha yeroo arganitti ilmaan mootichaa torbaatamman fuudhanii mataa isaanii guubootti naqanii Yizre'elitti Yehuutti in ergan.

8Namichi ergame sun dhufee jarri mataa ilmaan mootichaa akka fidan yeroo itti himetti, Yehuun immoo,“Balbala karra mandaraa dura iddoo lama tuulaa! Inni hamma ganamaatti achuma haa turu!” jedhee in abboome.

9Borumtaa ganamaan ka'ee gara karra sanaatti gad ba'ee namoota achi turan hundumaa dura dhaabatee,“Isin balleessaa hin qabdan; kunoo, gooftaa koo irratti kan korate ana, anatu isa ajjeeses! Isaan kana hundumaa garuu eenyutu ajjeese”

10Waaqayyo karaa garbicha isaa Eliyaas waan dubbate raawwateera; egaa dubbii mana Ahaab irratti inni dubbate keessaa tokko illee akka lafa hin buune amma beekaa!” jedhe.

11Yehuun yommus sanyii Ahaab keessaa hafanii Yizre'el keessa kan jiraatan hundumaa, namoota isaa warra gurguddoota firoota isaa fi luboota isaa keessaa nama tokko illee utuu hin hambisin ajjeesee in fixe.

12Yehuun ergasii Samaariyaa dhaquudhaaf ka'ee utuu adeemuu iddoo “Bet-Eqed tiksootaa” jedhamu in ga'e; [“Bet-Eqed” jechuun “Buufata” jechuu dha].

13Achitti obboloota Ahaaziyaa mootii Yihudaa argee,“Eenyu isin?” jedhee isaan gaafate; isaan immoo deebisaniifii,“Nuyi obboloota Ahaaziyaa ti, maatii mootichaa fi maatii haadha mootichaa dubbisuudhaaf dhaqaa jirra” jedhan.

14Yommus Yehuun immoo,“Fayyaatti isaan booji'aa!” jedhee namoota isaa in abboome; jarris namoota afurtamii lama fayyaatti booji'anii boolla Bet-Eqed biratti in fixan; isaan keessaa nama tokko illee hin hambifne.

15Yehuun iddoo sanaa erga adeemee Yonaadaab ilma Rekaab nama isa simachuudhaaf ba'e tokko argee, nagaa isa gaafatee,“Akkuma yaadni koo sii wajjin jiru yaadni ati anaaf qabdu qajeelaa dhaa?” jedheen; Yonaadaabis,“Eyyee qajeelaa dha” jedhee deebiseef; Yehuun immoo erga akkas ta'ee“Harka koo qabadhu!” jedhe; yommuu inni harka isaa qabatettis Yehuun isa gargaaree konkolaatichatti ol isa in baase.

16Itti dabalees,“Ana duukaa kottuutii hinaaffaa ani Waaqayyoof qabu ilaali!” jedhee, konkolaataa isaa yaabbatee akka inni isaa wajjin adeemu in godhe.

17Yehuun Samaariyaa yommuu ga'e, qomoo Ahaab keessaa kan hafan hundumaa in fixe; akka dubbii Waaqayyoo isa Eliyaasitti dubbatamettis lafa irraa isaan in balleesse.

18Yommus namoota Samaariyaa hundumaa walitti qabee,“Ahaab mootichi, Ba'aal Waaqayyo tolfamaadhaaf wanta yartuu hojjete, ani Yehuun garuu caalchisee nan hojjedhaaf.

19Amma raajota Ba'aal hundumaa, hojjetoota isaa hundumaa, luboota isaa hundumaas walitti anaaf waamaa! Aarsaa guddaa Ba'aaliif waanan dhi'eessuuf, namni tokko illee akka keessaa dhabu hin godhinaa! Namni kana irratti argamuu dhiise tokko illee hin jiraatu!” jedhee isaanitti in hime; Yehuun gowwoomsee warra Ba'aaliif hojjetan ittiin balleessuudhaaf kana hojjete.

20Yehuun kana booddee jaraan,“Ba'aaliif wal ga'ii waamaa!” jedhe; isaan yommus biyyatti in labsan.

21Yehuunis guutummaa Israa'elitti dhaamsa in dabarse; warra Ba'aaliif hojjetan keessaa tokko illee utuu hin hafin hundumti isaanii galma Ba'aalitti ol in galan; manichis kutaa gar tokkootii hamma gara kaaniitti“Cef” jedhee in guute.

22Yehuun namicha isa kutaa uffanni keessa taa'u eeguun,“Warra Ba'aaliif hojjetan hundumaaf uffata gad baasi!” jedhe; innis uffaticha gad isaaniif in baase.

23Yehuun yommus Yonaadaab ilma Rekaabii wajjin galma Ba'aalitti ol lixee, warra Ba'aaliif hojjetaniin,“Isin warra Ba'aaliif hojjettan duwwaa irraa kan hafe, warri Waaqayyoof hojjetan isin gidduutti akka hin argamnetti mee, hubadhaatii ilaalaa!” jedhe.

24Isaan ergasii aarsaa, qalma gubatus dhi'eessuudhaaf gara keessaatti ol in lixan; yeroo sanatti Yehuun namoota saddeettama ala dhaabee,“Namoota ani isinitti kennu keessaa namni tokko illee akka miliqu kan godhu, qooda namicha miliqe sanaa in ajjeefama” jedhee isaan in akeekkachiise.

25Qalma gubamu dhi'eessee yeroo raawwatetti eegdotaa fi ajajjuuwwan duulaatiin,“Ol lixaatii isaan fixaa! Namni tokko illee akka ba'u hin godhinaa!” jedhe; yommus isaan billaadhaan jara fixanii reeffa isaanii bakkeetti erga gad daddarbatanii booddee kutaa galma Ba'aal isa gara keessaatti ol darbanii,

26utuboota dhagaa warra qulqullaa'ootti ilaalaman galma Ba'aal keessaa gad baasanii in guban.

27Fakkeenya Ba'aal Waaqayyo tolfamaa in caccabsan; galma isaas hamma har'aatti iyyuu lafa namni itti saaxoo ba'u in godhatan.

28Yehuun akkasitti Ba'aal Waaqayyo tolfamaa Israa'el keessaa in balleesse.

29Haa ta'u iyyuu malee, inni ofii isaatii cubbuu isa Yerobi'aam ilmi Nebaat hojjetee Israa'eloonni jabboota warqee warra Bet'elii fi Daan keessa jiraniif sagaduudhaan cubbuu akka hojjetan godhee ture sana irraa hin deebine.

30Waaqayyo,“Ana duratti wanta qajeelaa ta'e hojjettee, waanan yaade hundumaas maatii Ahaab irratti waan raawwatteef, sanyiin kee hamma dhaloota afuraffaatti teessoo Israa'el irra taa'ee in mo'a” jedhee Yehuutti in dubbate.

31Yehuun garuu garaa isaa guutuudhaan seera Waaqayyo goofticha Israa'el itti yaadee hin eegne; akkasumas cubbuu isa Yerobi'aam hojjetee, Israa'eloonnis cubbuu akka hojjetan godhee ture sana irraa hin deebine.

32Bara sana Waaqayyo biyya Israa'el gargar cabsuu in jalqabe; yommus Hazaa'el mootiin Sooriyaa karaa daariidhaa biyya Israa'el hundumaa,

33Yordaanos irraa gara ba'a-biiftuutti guutummaa biyya Giil'aadii fi Baashaan lafa gosi Gaadi, gosi Ruubenii fi gosi Minaasee jiraatan, hamma mandara Aro'er isa laga Aarnon bukkeetti in rukute.

34Waa'een Yehuu inni hafe, wanti inni bara mootummaa isaa keessa hojjete hundinuu, jabinni isaa hundinuus macaafa seenaa mootota Israa'el keessatti caafameera mitii ree”

35Yehuun akkuma abbootaa isaatii du'ee, Samaariyaa keessatti in awwaalame; Yeho'ahaaz ilmi isaa immoo qooda isaa mootii in ta'e.

36Yehuun Samaariyaa keessa taa'ee Israa'el irratti waggaa digdamii saddeet in mo'e.

Ibsa

10:1-14

Wantoota baay'ee sodaachisoo ta'an keessatti iyyuu, yoo cubbuu namaa isa hunda caalaa jibbisiisaan kan deeggaraman ta'anillee, dhugaa fi qajeelummaan Waaqayyoo hubatamuu qabu; akkasumas Inni gonkumaa wanta qajeelaa hin taane yookaan sammuu namaatti hin buune ajaje hin beeku, ajajuus hin danda'u. Yehuun maatii Aahab irraa kan hafe hunda balleesse; warra hammina isaa keessatti hirmaataa turan hunda. Yommuu dhiphinaa fi gidiraa namaa yaadnu, yommuu du'aa ka'uu fi firdii dhumaa tilmaammannee eeggannu, akkasumas lakkoofsa hamaa baay'ee guddaa kan murtoo sodaachisaa ibidda bara baraa eeggataa jiru yommuu yaadannu; yommuu walitti qabbiin du'aa fi gidiraa hundi xinxalame, gaaffiin cimaan tokko ni ka'a: "Eenyutu kana hunda ajjeese?" Deebiin isaa, CUBBUUDHA. Kanaafuu, cubbuu garaa keenyatti qabachuu qabnaa? Akkasumas isa gidiraa hundaaf sababa ta'e irraa gammachuu barbaadnaa?

Boqonnaa 10 Boqonnaa kana keessatti, I. Jehuun hojii isaaf kenname raawwachuu isaa ilaalchisee odeeffannoo dabalataa qabna. Inni balleesse:

1. Ilmaan Ahaab hunda (lak. 1-10).

2. Firoota Ahaab hunda (lak. 11-14, 17).

3. Waaqeffannaa tolfamaa Ahaab: kana irratti hawwii guddaa qabaachuudhaan Yonaadaab akka ragaatti fudhate (lak. 15, 16), waaqeffattoota Ba’aal hunda akka walitti qabaman ajaje (lak. 18-23) fi isaan hunda ajjeese (lak. 24, 25), sana booda waaqeffannaa tolfamaa sana balleesse (lak. 26-28).

II. Bulchiinsa mootummaa isaa ilaalchisee gabaabaatti.

1. Waaqeffannaan tolfamaa Israa’el inni durii, jechuunis waaqeffannaan dibicha, itti fufe (lak. 29-31).

2. Kunis Hazaa’eliin adaba Waaqayyoo isaan irratti fide, kanas mootummaan isaa xumura argate (lak. 32-36).

Lakk. 1-14

Nu Jehuun Yizri’eel keessatti nagaan teessoo isaa irra taa’ee, Yoraamii fi Izebel irratti injifannoo argatee dhiisnee turre; amma immoo tarkaanfiiwwan isaa itti aanan hordofuu qabna. Inni maatiin Ahaab guutummaatti balleeffamuu akka qabu beeka ture, kanaafis hojii dhiigaa kana itti fufe, akkasumas gowwoomsaa yookaan walakkaa hin goone, Erm. 48:10.

I. Inni mataa ilmaan Ahaab hunda, warra Samaariyaa keessa jiran, warra isaan eegan irraa akka muramu godhe. Ahaab ilmaan (yookaan ilmaan ilmaan) torbaatamii qaba ture, lakkoofsa Gidewoon, Far. 8:30. Lakkoofsa akkasii maqaa isaa baatee maatiin isaa itti fufuu danda’a ture, garuu yeroo tokkotti guutummaatti balleeffame. Xiyyi guutuu akkasii mana isaa adaba Waaqayyoo irraa eeguu hin dandeenye. Maatiin baay’een, yoo hamoo ta’an, yeroo dheeraaf milkaa’oo ta’uu hin eegan. Ilmaan Ahaab kun yeroo sana Samaariyaa, magaalaa jabaa keessa turan, yoo xiqqaate waraana Sooriyaa wajjin tureef akka iddoo nagaatti, yookaan fincila Jehuu dhaga’anii achitti fidaman ta’a. Isaan wajjin bulchitoonni Yizri’eel, jechuunis hojjettoonni mana mootummaa gurguddoon, of eeguuf yookaan maal gochuu akka qaban mari’achuuf Samaariyaa dhaqan. Isaan keessaa warri barumsa jalatti jiran barsiisota isaanii wajjin turan, warri barumsa isaanii fi sadarkaa dhaloota isaaniif ta’uun isaan barsiisuuf itti amanaman turan, garuu, sodaatamaadha, waaqeffannaa tolfamaa mana abbaa isaanii keessatti isaan guddisanii waaqeffattoota Ba’aal isaan godhan. Jehuun humna isaa Samaariyaatti fiddee isaan balleessuun sirrii hin turre, garuu harki Waaqayyoo caalaatti akka mul’atuuf, warra isaan eegan ajjeesitoota isaanii godhe.

1. Inni michoota isaaniitti isaan cinaa akka dhaabatan qormaata erge, lak. 2, 3. “Isin warri mana Ahaabiif garaa guutuudhaan hawwii gaarii qabdan, akkasumas guutummaatti faayidaa isaa keessa jirtan, amma yeroon isiniif dhihaateera. Samaariyaan magaalaa jabaadha; isin qabattanii jirtu; humna ajajuu dandeessan qabdu; namoota maatii mootummaa keessaa nama filatamaa ta’e tokko akka isin hogganu filachuu dandeessu; inni guddaan yoo inni ilmaan gooftaa keessanii keessaa isa gaarii fi dandeettii qabu ta’e malee, isa guddaatti hidhamuu akka hin qabne beektu. Yoo hafuura qabaattan, agarsiisaa, tokko isaanii teessoo abbaa isaa irra teessisaa, jireenyaa fi qabeenya keessaniin isa cinaa dhaabadhaa.” Kunis isaan akka kana godhan barbaadee yookaan eeggatee miti, garuu kanaan sodaa isaanii fi karoora Waaqayyoo wajjin falmuuf dandeettii dhabuu isaaniitti isaan arrabse. “Yoo ija jabattan godhaa, maal akka ta’u ilaalaa.” Warri amantii isaanii dhiisan yeroo baay’ee, sana wajjin, hubannoo isaanii fi ija jabina isaanii lamaanuu dhabu, akkasumas kanaan arrabsamuu qabu.

2. Kanaan inni isaan irraa bitamuu argate. Ofii isaaniitti dammaqinaan yaadan: “Kunoo, mootonni lama isa dura hin dhaaban, garuu aarsaa dallansuu isaa ta’anii kufan; nu hoo akkamitti dhaabanna?” lak. 4. Kanaafis of kennuu isaanii isaaf ergan: “Nuti garbicha kee, saba kee, akkasumas wanta ati nu ajajju hunda, sirrii yookaan dogoggora ta’us ni goona, nama tokko illee si wajjin dorgommiitti hin kaafnu.” Isaan isa wajjin falmuun faayidaa hin qabne jedhanii argan, kanaafis isaaf bitamuun faayidaa isaanii ture. Sababa caalaatti guddaan kanaan nuti ofii keenya Waaqayyo guddaadhaaf bitamuu dandeessu. Mootonni baay’eenii fi namoonni gurguddoon hammina isaaniitiif dallansuu isaa dura kufaniiru; nu hoo akkamitti dhaabanna? Gooftaa hinaaffaa kakaasnaa? Isa caalaa jabaannaa? Lakki, nu yookaan dabruu yookaan cabuu qabna.

3. Kunis warra isaan eegan ajjeesitoota isaanii akka ta’anitti fooyya’e (lak. 6): “Yoo kan koo taatan, mataa ilmaan gooftaa keessanii bor yeroo kanatti natti fidaa.” Inni kun raawwatamuu akka qabu beekus, ofii isaa gochuuf fedhii dhabus, namni tokko isaan akka kana godhan hin eegu ture jedhamee yaadamu danda’a. Amantii akkasii gantuu ta’uu danda’uu? Ilmaan gooftaa isaaniitti gara jabeeyyii ta’uu danda’uu? Akkuma mul’atutti, aduu baatuuf sagaduudhaan gad of deebisuun isaanii baay’ee gadi bu’aa waan tureef, isaan kana godhan; mataa mootota torbaatamii sanaa muranii, guuboo keessa naqanii Jehuudhaaf kennaa godhanii ergan, lak. 7. Kana irraa baradhaa: michuu hin amanatin, akkasumas nama qalbii hin qabne hin amanamatin.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG ለአክዓብም በሰማርያ ሰባ ልጆች ነበሩት፤ ኢዩም ደብዳቤ ጻፈ፤ የአክዓብን ልጆች ለሚያሳድጉ ለሰማርያ ታላላቆችና ሽማግሌዎች፦ አማርኛ ENGNIV Now there were in Samaria seventy sons of the house of Ahab. So Jehu wrote letters and sent them to Samaria: to the off… English BCV ኣክኣብ ኣብ ሰማርያ ሰብዓ ኣወዳት ነበርዎ። ኢዩ ድማ ናብ ሰማርያ፥ ናብ ኣሕሉቕ ኢይዝራኤል፥ ናብቶም ዓበይትን ናብቶም መዕበይቲ ደቂ ኣክኣብን ከምዙይ ዝብል መልእኽቲ ፅሒፉ ሰደደ፦ ትግርኛ GAZBIB Ahaab mandara Samaariyaa keessaa ilmaan torbaatama qaba ture; kanaaf Yehuun caaffata caafee gara mandara Samaariyaatti,… Afaan Oromoo BCV GIZ ወቦቱ አካአብ ሰብዓ ደቂቀ ውስተ ሰማርያ ወጸሐፈ ኢዩ መጽሐፈ ወፈነወ ውስተ ሰማርያ ኀበ መላእክተ ሰማርያ ወኀበ ሊቃናት ወኀበ ሐፀንቶሙ ለደቂቀ አካአብ ወጸሐፈ እንዘ ይብል፦ giz BCV aksum ኣክኣብ ኣብ ሰማርያ ሰብዓ ኣወዳት ነበርዎ። ኢዩ ድማ ናብ ሰማርያ፥ ናብ ኣሕሉቕ ኢይዝራኤል፥ ናብቶም ዓበይትን ናብቶም መዕበይቲ ደቂ ኣክኣብን ከምዙይ ዝብል መልእኽቲ ፅሒፉ ሰደደ፦ ትግርኛ AMHNIV በዚህ ጊዜ አክዓብ በሰማርያ ሰባ ወንዶች ልጆች ነበሩት፤ ስለዚህ ኢዩ ደብዳቤ ጽፎ ለኢይዝራኤል ሹማምንት፣ ለሽማግሌዎችና የአክዓብን ልጆች ለሚያሳድጉ ሞግዚቶች ወደ ሰማርያ ላከ፤ መልእክቱም … አማርኛ SWAHSUV Basi Ahabu alikuwa na wana sabini katika Samaria. Yehu akaandika barua, akazipeleka Samaria kwa wakuu wa Yezreeli, yaan… Kiswahili