1ffaa Yohaannis 2

GAZBIBAfaan Oromoo29 Keeyyattoota6:18 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 6:18 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Yaa ijoollee ko, akka isin cubbuu hin hojjenneef kana isiniifan caafa; namni tokko illee yoo cubbuu hojjete garuu, nama nuuf dhaabatu abbaa biraa qabna, innis Yesus Kristos isa qajeelaa dha.

2Inni furee cubbuu keenyaa ti, cubbuu keenya duwwaafis miti cubbuu guutummaa biyya lafaatiifis malee.

3Abboommii isaa eeguudhaan isa beekuu keenya in hubanna.

4Namni, ?Ani isa beeka? jedhee, abboommii isaa immoo hin eegne sobduu dha, dhugaanis isa keessa hin jiru.

5Namni dubbii isaa eegu Waaqayyoon dhuguma akka jaallatu fiixaan baasee in argisiisa; kanaanis isatti jiraachuu keenya in hubanna.

6Namni, ?Isatti nan jiraadha? jedhu immoo, karaa Yesus Kristos irra adeeme irra adeemuun in ta'aaf.

7Michoota ko! Abboommii moofaa isa durii durii jalqabee isin bira ture malee, amma abboommii haaraa isiniif hin caafu; abboommiin moofaan sun immoo dubbicha isuma isin dhageessanii dha.

8Karaa tokko immoo abboommii haaraa isiniif nan caafa, kunis isa biratti isin birattis dhugaa dha; ifni dhugaa ammumaa waan ibsuuf, dukkanni darbuutti jira.

9Namni, ?Ani ifa keessan jira? jechaa obboleessa isaa immoo jibbu, amma iyyuu dukkana keessa jira.

10Namni obboleessa isaa jaallatu ifa keessa in jiraata; isa keessas wanti nama gufachiisu hin jiru.

11Namni obboleessa isaa jibbu garuu dukkana keessa jira, dukkanicha keessas in deddeebi'a; dukkanichi ija isaa waan jaamseef, gara itti adeemu hin beeku.

12Isin ijoollota nana! Maqaa isaatiin cubbuun keessan akka isiniif dhiifame isiniif caafuuttan jira.

13Isin abboota nana! Isa jalqabaa jalqabee jiru sana akka isin beektan isiniif caafuuttan jira. Isin dargaggoota nana! Isa hamaa akka mootan isiniif caafuuttan jira.

14Isin ijoollota nana! Abbaa akka isin beektan isiniif caafeera; isin abboota nana! Isa jalqabaa jalqabee jiru sana akka beektan isiniif caafeera. Isin dargaggoota nana! Isin jaboo akka taatan, dubbiin Waaqayyoos isin keessa akka jiraatu, isa hamaas akka mootan isiniif caafeera.

15Biyya lafaa yookiis waan biyya lafaa jaallachuutti hin hidhaminaa; namni tokko biyya lafaa jaallachuutti yoo hidhame, Waaqayyo abbaa jaallachuun isa keessa hin jiru.

16Wanti biyya lafaa keessa jiru hundinuu, hawwiin foonii, hawwiin ijaas, jireenyaan kooruunis biyya lafaa keessaa ba'a malee, abbaa biraa hin ba'u.

17Biyyi lafaa, hawwiin isaas hundinuu in darba, namni fedha Waaqayyoo raawwatu garuu bara baraan in jiraata.

18Ijoollee! Yeroon kun isa dhumaa ti. Kristosiin kan mormu akka dhufu kanaan dura dhageessaniittu; ammas warri Kristosiin morman baay'ataniiru. Kanaafis yerichi isa dhumaa akka ta'e nuyi in beekna.

19Isaan nu keessaa ba'an malee kan keenya miti; utuu kan keenya ta'anii, nuu wajjin itti in fufu turan. Garuu isaan hundinuu kan keenya akka hin ta'in haa mul'atuuf nu keessaa ba'an.

20Isin garuu isa qulqulluu sanaan dibamtaniittu; hundumti keessanis beektota.

21Isin dhugaa waan hin beekneefan isiniif caafe miti, waan isin isa beektaniif dhugaa keessaas sobni tokko illee waan hin baaneefan isiniif caafe malee.

22Isuma Yesus kun, Kristos yookiis Masiihicha ta'uu isaa ganu malee, sobduun eenyu ree? Mormituun Kristos, inni abbaa fi ilma ganu isa kana.

23Namni ilmicha ganu abbichaa wajjin firooma hin qabu; ilmicha amanachuu isaa kan beeksisu immoo abbichaa wajjinis firooma qaba.

24Wanti isin jalqabaa jalqabdanii dhageessan garaa keessan keessa haa jiraatu! Wanti isin jalqabaa jalqabdanii dhageessan garaa keessan keessa yoo jiraate, isinis ilmichaa fi abbicha keessa in jiraattu.

25Abdiin inni nu abdachiise isa kana; innis jireenya bara baraa ti.

26Kanas waa'ee warra karaa irraa isin kaachisuutti jiraniifan isiniif caafe.

27Dibanni isin isa biraa fudhattan garuu isin keessa in jiraata; inni waan isin barsiisuuf namni biraa isin barsiisuu hin barbaachisu. Hafuurri isaa inni dibata jedhame kun waa'ee waan hundumaa isin in barsiisa; barsiifni isaas dhugaa dha, sobnis keessa hin jiru. Egaa akkuma inni isin barsiisetti isatti jiraadhaa!

28Ammas yaa ijoollee ko! Yeroo Kristos mul'atutti ija-jabina akka qabaannu malee, guyyaa dhufa isaatti yeelloodhaan akka hin rifanneef, isumatti jiraadhaa!

29Inni qajeelaa ta'uu isaa erga beektanii, namni waan qajeelaa hojjetu hundinuu immoo mucaa Waaqayyoo ta'uu isaa hubachuu in dandeessu.

Ibsa

2:1,2 Abbaa biratti Dhimmamaa qabna; inni dhimma fudhate, akkasumas guutummaatti danda'u, namoota maqaa isaatiin dhiifamaa fi fayyinaaf kadhatan hundaaf dhimma isaanii dubbachuuf, kadhata isaa irratti hundaa'anii. Inni Yesuus Furee dha, Kiristoos Masihii, Dibamaa dha. Inni kophaa isaa Qajeelaa dha, kan uumama isaa cubbuu irraa qulqulluu ta'ee argate, akkasumas akka Warranaa keenyaa seera Waaqayyoo guutummaatti ajajame, kanaafis qajeelummaa hundumaa raawwate. Namoonni hundi, biyya hundumaa keessa jiran, akkasumas dhaloota walitti aanu keessa, karaa araara guutummaatti gahaa kanaatiin, akkasumas karaa haaraa fi jiraataa kanaaniin gara Waaqayyootti dhufuuf afeeramaniiru. Wangeelli yoo sirriitti hubatamee fudhatame, garaan cubbuu hundumaa irratti akka fincilu godha, akkasumas hojii cubbuu hayyamame dhaaba; yeroo tokkotti immoo boqonnaa eebbifamaa gara qalbii madaa'e namoota cubbuu hojjetanii kenna.2:3-11

Kiristoos guutummaa guutuutti ajajamuu keenyaaf akka inni ga'umsa olaanaa qabu kan hin argine, beekumsi Kiristoos akkamii taʼuu dandaʼa? Jireenyi hin ajajamne immoo namicha amantii labsatu sana keessa amantiis taʼe qajeelummaa akka hin jirre argisiisa. Nama ajajawwan Isaa eegu keessatti jaalalli Waaqayyoo guutummaatti raawwatama. Ayyaanani Waaqayyoo nama kana keessa jiru kaayyoo dhugaa isaa ga’a, akkasumas hanga addunyaa kana irratti dandaʼametti guutummaatti dhiibbaa isaa aboo qabeessa taʼe uuma; kunis deebiʼina dhalootaa namaati, hamma addunyaa kana irra jirutti garuu gonkumaa guutummaatti hin raawwatamu. Haa taʼu malee, ajajawwan Kiristoos kana eeguun qulqullinaa fi ulfina qaba; kan yoo guutummaa guutuutti raawwatame, lafa kana samii ofii isheetii fakkeessa. Ajajni wal jaallachuuf kenname jalqaba addunyaa irraa kaasee hojii irra tureera; garuu Kiristiyaanotaaf kennamee waan jiruuf ajaja haaraa jedhamuu ni dandaʼa. Ajajichi isaan keessatti haaraa ture, haalli isaanii sababoota, seeraawwanii fi dirqamoota isaa ilaalchisee haaraa waan tureef. Warri Kiristiyaanotaaf jibbaadhaa fi diinummaadhaan deddeebiʼan immoo haala dukkanaa keessa turu. Jaalalli Kiristiyaanummaa lubbuu obboleessa keenyaa ulfina qabeessa goonee akka ilaallu, akkasumas waan qulqullinaa fi nagaa isaa miidhu hunda akka sodaannu nu barsiisa. Dukkanni hafuuraa eessa jiraatutti, yaadni, murtiinii fi qalbiin ni dukkanoofatu, akkasumas karaa jireenya samiitti geessu ni dogoggoru. Wantoonni kun of-qoruu cimaa, akkasumas kadhannaa cimaa kan Waaqayyo nuti eenyu akka taaneef, akkasumas gara eessa akka deemnu nu argisiisuu gaafatu.

2:12-14 Akkuma Kiristaanonni haala addaa isaanii qaban, akkasumas dirqama addaa isaanii qabu; garuu ajajawwan fi abboommiiwwan hundumaaf waloo ta'an jiru, keessattuu jaalala waloo, akkasumas addunyaa tuffachuu. Barataan dhugaa isa xiqqaa ta'e illee dhiifama argata: Tokkummaan qulqullootaa dhiifama cubbuu waliin deema. Warri mana barumsaa Kiristoos keessa yeroo dheeraaf turan gorsa dabalataa fi barsiisa dabalataa barbaadu. Abbootaaf illee barreeffamuu fi lallabamuu qaba; namni kamiyyuu barachuuf dulloomee hin jiru.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG ልጆቼ ሆይ፥ ኃጢአትን እንዳታደርጉ ይህን እጽፍላችኋለሁ። ማንም ኃጢአትን ቢያደርግ ከአብ ዘንድ ጠበቃ አለን እርሱም ጻድቅ የሆነ ኢየሱስ ክርስቶስ ነው። አማርኛ ENGNIV My dear children, I write this to you so that you will not sin. But if anybody does sin, we have one who speaks to the … English BCV ኣቱም ደቀይ፥ እዝ ዝፅሕፈልኩም ዘለኹ፥ ሓጢኣት ምእንቲ ኸይትገብሩ ኢለ እየ። ሓደኳ ሓጢኣት ዝገበረ እንተ ሃልዩ፥ ኣብ ቕድሚ ኣብ፥ ጠበቓ ኣለና፤ ንሱውን፥ እቲ ፃድቕ ኢየሱስ ክርስቶስ እዩ።… ትግርኛ BCV GIZ ደቂቅየ ዘንተ እጽሕፍ ለክሙ ከመ ኢተአበሱ ወእመኒ ቦ ዘአበሰ ጰራቅሊጦስ ብነ ኀበ አብ ወኢየሱስ ክርስቶስ ጻድቅ ውእቱ። giz GAZGAZ Yaa ijoollee ko, akka isin cubbuu hin hojjenneef kana isiniifan caafa; namni tokko illee yoo cubbuu hojjete garuu, nama… Afaan Oromoo BCV aksum ኣቱም ደቀይ፥ እዝ ዝፅሕፈልኩም ዘለኹ፥ ሓጢኣት ምእንቲ ኸይትገብሩ ኢለ እየ። ሓደኳ ሓጢኣት ዝገበረ እንተ ሃልዩ፥ ኣብ ቕድሚ ኣብ፥ ጠበቓ ኣለና፤ ንሱውን፥ እቲ ፃድቕ ኢየሱስ ክርስቶስ እዩ።… ትግርኛ AMHNIV ልጆቼ ሆይ፤ ይህን የምጽፍላችሁ ኀጢአት እንዳትሠሩ ነው፤ ነገር ግን ማንም ኀጢአት ቢሠራ፣ በአብ ዘንድ ጠበቃ አለን፤ እርሱም ጻድቁ ኢየሱስ ክርስቶስ ነው። አማርኛ SWAHSUV Watoto wangu wadogo, nawaandikia haya ili kwamba msitende dhambi. Na kama mtu akitenda dhambi tunaye Mwombezi kwa Baba,… Kiswahili